< Uumama 40 >

1 Kana booddee namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu gooftaa isaanii mootii Gibxi sana gaddisiisan.
It came about that after these things, the cupbearer of the king of Egypt and king's baker offended their master, the king of Egypt.
2 Faraʼoonis qondaaltota isaa lamaanitti jechuunis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa tolchaa buddeenaatti aare;
Pharaoh was angry with his two officials, the chief of the cupbearers and the chief of the bakers.
3 innis mana ajajaa waardiyyaa keessa mana hidhaa iddoo Yoosef itti hidhamee ture keessa isaan buuse.
He put them in custody in the house of the captain of the guard, in the same prison where Joseph was confined.
4 Ajajaan waardiyyaa Yoosefitti isaan kenne; Yoosefis isaan tajaajilaa ture. Jarris guyyaa baayʼee mana hidhaa turan;
The captain of the guard assigned Joseph to them, and he served them. They remained in custody for some time.
5 isaan lachanuu jechuunis namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu tokkoon tokkoon isaanii halkanuma tokko keessatti abjuu abjootan; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture.
Both of them dreamed a dream—the cupbearer and the baker of the king of Egypt who were confined in the prison—each man had his own dream in the same night, and each dream had its own interpretation.
6 Yoosef guyyaa itti aanu ganama isaan bira dhaqe; kunoo utuu gaddanii jiranuus isaan arge.
Joseph came to them in the morning and saw them. Behold, they were sad.
7 Innis, “Fuulli keessan harʼa maaliif akkana dukkanaaʼa?” jedhee qondaaltota Faraʼoon warra isa wajjin mana gooftaa isaa keessa mana hidhaa turan sana gaafate.
He asked Pharaoh's officials who were with him in custody in his master's house, saying, “Why do you look so sad today?”
8 Isaanis, “Nu lachuu abjuu abjoonnee nama nuu hiiku dhabne” jedhaniin. Kana irratti Yoosef, “Hiikkaan kan Waaqaa ti mitii? Mee abjuu keessan natti himaa” jedheen.
They said to him, “We have both dreamed a dream and no one can interpret it.” Joseph said to them, “Do not interpretations belong to God? Tell me, please.”
9 Itti gaafatamaan dhugaatii sun akkana jedhee abjuu isaa Yoosefitti himate; “Abjuu koo keessatti kunoo muka wayinii tokkotu fuula koo dura ture;
The chief of the cupbearers told his dream to Joseph. He said to him, “In my dream, behold, a vine was in front of me.
10 mukti wayinii sunis damee sadii qaba ture. Innis akkuma lateen daraare; hurbuun ija isaas ni bilchaatte.
In the vine were three branches. As it budded, its blossoms came out and the clusters of grapes ripened.
11 Xoofoon Faraʼoon na harka ture; anis ija wayinii fuudhee xoofoo Faraʼoonitti cuunfee xoofoo sana harka Faraʼoonitti kenne.”
Pharaoh's cup was in my hand. I took the grapes and squeezed them into Pharaoh's cup, and I placed the cup into Pharaoh's hand.”
12 Yoosefis akkana jedheen; “Hiikkaan isaa kana; dameewwan sadan sun guyyaa sadii.
Joseph said to him, “This is the interpretation of it. The three branches are three days.
13 Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; taayitaa keettis si deebisa; akkuma yeroo dhugaatii dhiʼeessaafii turte sana atis xoofoo Faraʼoon harka isaatti ni kennita.
Within three days Pharaoh will lift up your head and restore you to your office. You will put Pharaoh's cup into his hand, just as when you were his cupbearer.
14 Garuu yeroo sitti tolutti na yaadadhu; waan gaariis naa godhi. Waaʼee koo Faraʼoonitti himiitii mana hidhaa kanaa na baasi.
But think of me when it goes well with you, and please show kindness to me. Mention me to Pharaoh and bring me out of this prison.
15 Ana biyya Ibrootaatii hatanii na fidaniitii; biyya kana keessattis ani waan boolla kana keessa na buusisu tokko illee hin hojjenne.”
For indeed I was abducted out of the land of the Hebrews. Here also have I done nothing that they should put me in this dungeon.”
16 Itti gaafatamaan buddeenaa sunis yommuu akka Yoosef abjuu sanaaf hiikkaa gaarii kenne argetti Yoosefiin akkana jedhe; “Anis abjuu tokkon abjoodhe; kunoo gundoowwan buddeenaa sadii mataa koo irra turan.
When the chief of the bakers saw that the interpretation was favorable, he said to Joseph, “I also had a dream, and, behold, three baskets of bread were on my head.
17 Gundoo ol aanu irra buddeena gosa garaa garaa kan Faraʼooniif qopheeffametu ture; garuu simbirroonni matuma koo irratti gundoo sana keessaa nyaachaa turan.”
In the top basket there were all kinds of baked goods for Pharaoh, but the birds ate them out of the basket on my head.”
18 Yoosef immoo akkana jedhe; “Hiikkaan isaa kana; gundoowwan sadan sun guyyaa sadii.
Joseph answered and said, “This is the interpretation. The three baskets are three days.
19 Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; mukatti si rarraasa. Simbirroonnis foon kee ni nyaatu.”
Within three days Pharaoh will lift up your head from you and will hang you on a tree. The birds will eat your flesh off you.”
20 Guyyaan sadaffaan guyyaa itti Faraʼoon dhalate ture; Faraʼoonis qondaaltota isaatiif cidha qopheesse. Innis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa buddeenaa sana fuula qondaaltota isaa duratti dhiʼeesse:
It came about on the third day that it was Pharaoh's birthday. He made a feast for all his servants. He lifted up the head of the chief of the cupbearers and the head of the chief of the bakers, among his servants.
21 Itti gaafatamaa dhugaatii sana hojii isaatti deebise; namichi xoofoo sana ammas harka Faraʼoonitti kenne.
He restored the chief of the cupbearers to his responsibility, and he put the cup into Pharaoh's hand again.
22 Itti gaafatamaa buddeenaa sana garuu akkuma Yoosef abjuu isaanii hiikeefitti rarraase.
But he hanged the chief of the bakers, just as Joseph had interpreted to them.
23 Taʼus itti gaafatamaan dhugaatii sun Yoosefin ni irraanfate malee isa hin yaadanne.
Yet the chief cupbearer did not remember Joseph, but forgot about him.

< Uumama 40 >