< Uumama 4 >
1 Addaam niitii isaa Hewaan bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaayinin deesse. Isheenis, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin ilma tokko argadheera” jette.
Mwanume akalala na Hawa mke wake. Akabeba mimba na akamzaa Kaini. Akasema, “nimezaa mwanaume kwa msaada wa Yahwe.”
2 Itti aansitees obboleessa isaa Abeelin deesse. Abeel tiksee hoolotaa ture; Qaayin immoo lafa qota ture.
Kisha akazaa ndugu yake Habili. Sasa Habili akawa mchungaji, lakini Kaini alilima udongo.
3 Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa Waaqayyoof aarsaa dhiʼeesse.
Ikawa kwamba baada ya muda Kaini alileta sehemu ya mazao ya ardhi kama sadaka kwa Yahwe.
4 Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. Waaqayyo faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale.
Habili pia, alileta sehemu ya wazao wa kwanza wa wanyama wake na sehemu zilizonona. Yahwe akamkubali Habili pamoja na sadaka yake,
5 Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe.
lakini Kaini pamoja na sadaka yake Mungu hakuikubali. Kwa hiyo Kaini alikasirika sana, na uso wake ukakunjamana.
6 Waaqayyos Qaayiniin akkana jedhe; “Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe?
Yahwe akamwambia Kaini, “kwa nini umekasirika na kwa nini uso wako umekunjamana?
7 Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda.”
Kama ukifanya vema, je hutapata kibali? lakini kama hutafanya lilio jema, dhambi iko inakuotea mlangoni na inatamani kukutawala, lakini inakupasa uishinde.
8 Qaayinis ergasii obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu mee dirreetti baanaa” jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaayin obboleessa isaa Abeelitti kaʼee isa ajjeese.
Kaini akamwambia Habili ndugu yake. Hata wakati walipokuwa shambani, Kaini aliinuka dhidi ya Habili ndugu yake na akamuua. (Katika tafsiri za kale zinasema, Kaini alimwambia Habili ndugu yake, “twende mashambani.” Na wakati walipokuwa shambani, Kaini alimuinukia Habili ndugu yake na kumuua).
9 Waaqayyos, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee Qaayin gaafate. Qaayin immoo, “Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?” jedhee deebise.
Kisha Yahwe akamuuliza Kaini, “Ndugu yako Habili yuko wapi?” Akasema, “sijui. Je mimi ni mlinzi wa ndugu yangu?”
10 Waaqayyo akkana jedhe; “Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira.
Yahwe akasema, “umefanya nini? damu ya ndugu yako inaniita mimi kutokea ardhini.
11 Ati amma abaaramaa dha; lafa dhiiga obboleessa keetii si harkaa fudhachuuf afaan banatte irraas ni ariʼamta.
Na sasa umelaaniwa wewe kutoka ardhi ambayo imefungua kinywa chake kupokea damu ya ndugu yako kutoka mikononi mwako.
12 Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata.”
Utakapo ilima ardhi, kuanzia sasa na kuendelea haita kuzalia wewe nguvu yake. Utakuwa mkimbizi na mtu asiye na makao duniani.”
13 Qaayin immoo Waaqayyoon akkana jedhe; “Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol.
Kaini akamwambia Yahwe, “Adhabu yangu ni kubwa kuliko uwezo wangu wa kustahimili.
14 Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa.”
Kwa hakika umenifukuza siku hii ya leo kutoka kwenye ardhi hii, na sitaonekana mbele ya uso wako. Nitakuwa mkimbizi na mtu nisiye na makao katika dunia, na yeyote atakaye niona ataniua.”
15 Waaqayyo garuu, “Akkana miti; namni Qaayinin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama” jedheen. Waaqayyos akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaayinitti mallattoo godhe.
Yahwe akamwambia, “ikiwa mtuyeyote atamuua Kaini, kisasi kitakuwa juu yake mara saba.” Kisha Yahwe akaweka alama juu ya Kaini, ili kwamba kama mtu awayeyote akimuona, mtu huyo asimshambulie.
16 Ergasiis Qaayin fuula Waaqayyoo duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate.
Kwa hiyo Kaini akatoka mbele ya uwepo wa Yahwe na akaishi katika nchi ya Nodi, mashariki mwa Edeni.
17 Qaayin niitii isaa beeke; isheenis ulfooftee Henookin deesse. Qaayinis magaalaa tokko hundeesse; magaalaa sanas Henook jedhee maqaa ilma isaatiin waame.
Kaini akamjua mke wake na akapata mimba. Akamzaa Henoko. Akajenga mji na akauita kwa jina la mwanae Henoko.
18 Henook Iiraadin dhalche; Iiraadi Meʼeelin dhalche; Mehuuyaaʼeel Matusaaʼelin dhalche; Matusaaʼel immoo Laamehin dhalche.
Kwa Henoko akazaliwa Iradi. Iradi akamzaa Mehuyaeli. Mehuyaeli akamzaa Methushaeli. Methushaeli akamzaa Lameki.
19 Laameh dubartoota maqaan isaanii Aadaa fi Xiilaa jedhamu lamaan fuudhe.
Lameki akajitwalia wake wawili: jinala mmoja alikuwa Ada, na jina la yule mwingine alikuwa Sila.
20 Aadaan Yaabaalin deesse; Yaabaalis abbaa warra dunkaana keessa jiraatanii horii horsiisanii ture.
Ada akamzaa Yabali. Huyu ndiye alikuwa baba yao na wale walioishi hemani ambao wanafuga wanyama.
21 Maqaan obboleessa isaa Yuubaal ture; inni immoo abbaa warra kiraara rukutaniitii fi ulullee afuufanii ti.
Ndugu yake aliitwa Yubali. Huyu alikuwa baba yao na wale wapigao kinubi na filimbi.
22 Xiilaan immoo ilma Tuubaal Qaayin jedhamu kan naasii fi sibiila tumee meeshaawwan garaa garaa hojjetu deesse; obboleettiin Tuubaal Qaayinis Naʼamaa turte.
Sila naye akamzaa Tubal Kaini, mfua vyombo vya shaba na chuma. Dada yake na Tubal Kaini alikuwa Naama.
23 Laameh niitota isaatiin akkana jedhe; “Aadaa fi Xiilaan na dhagaʼaa; yaa niitota Laamehii dubbii koo dhaggeeffadhaa. Nama tokko waan inni na madeesseef, dargaggeessa tokko waan inni na miidheef ani isa ajjeeseera.
Lameki akawaambia wake zake, Ada na Sila, sikieni sauti yangu; ninyi wake wa Lameki, sikilizeni nisemacho. Kwa kuwa nimemuua mtu kwa kunijeruhi, kijana kwa kunichubua.
24 Yoo Qaayiniif dachaa torba haaloon baafame Laamehiif immoo dachaa torbaatamii torba ni baafama.”
Ikiwa Kaini atalipiwa kisasi mara saba, ndipo Lameki atalipiwa kisasi mara sabini na saba.”
25 Addaam ammas niitii isaa beeke; isheenis ilma deesse; maqaa isaas, “Erga Qaayin Abeelin ajjeesee as Waaqni iddoo Abeel daaʼima biraa naa kenneera” jettee “Seeti” jettee moggaafte.
Adam akamjua mke wake tena, na akazaa mtoto mwanaume. Akamuita jina lake Sethi na akasema, “Mungu amenipatia mtoto mwingine wa kiume kwa nafasi ya Habili, kwa kuwa Kaini alimuuwa.”
26 Seetiifis ilmi ni dhalate; innis Enoosh jedhee isa moggaase. Bara sana namoonni maqaa Waaqayyoo waammachuu jalqaban.
Mtoto wa kiume alizaliwa kwa Sethi na akamuita jina lake Enoshi. Wakati huo watu walianza kuliitia jina la Yahwe.