< Uumama 38 >

1 Yeroo kanatti Yihuudaan obboloota isaa biraa deemee namicha Adulaam kan Hiiraam jedhamu tokko bira jiraachuuf gad buʼe.
Aconteció en aquel tiempo que Judá se apartó de sus hermanos para establecerse con un adulamita llamado Hira.
2 Achittis Yihuudaan intala namicha Kanaʼaan kan Shuuwaan jedhamu tokkoo arge; innis ishee fuudhee ishee bira gaʼe;
Judá vio allí a la hija de cierto cananeo, cuyo nombre era Súa, la tomó, y se unió con ella.
3 isheenis ulfooftee ilma deesse; maqaan isaas Eer jedhame.
Concibió y dio a luz un hijo. Y él lo llamó Er.
4 Ammas ulfooftee ilma deesse; maqaa isaas Oonaan jettee moggaafte.
Concibió otra vez y dio a luz otro hijo, y lo llamó Onán.
5 Ammas ittuma dabaltee ulfooftee ilma biraa deessee maqaa isaa Sheelaa jettee moggaafte. Isheenis Kiziibitti isa deesse.
Volvió a concebir y dio a luz otro hijo, y lo llamó Sela. Él estaba en Kezib cuando ella lo dio a luz.
6 Yihuudaanis Eer ilma isaa hangafticha niitii fuusise; maqaan ishee Taamaar jedhama ture.
Entonces Judá tomó esposa para Er su primogénito, y el nombre de ella era Tamar.
7 Garuu Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isa ajjeese.
Pero Er, el primogénito de Judá, era perverso delante de Yavé, y Yavé le quitó la vida.
8 Yihuudaanis Oonaaniin, “Obboleessa keetiif sanyii dhaabuuf jedhiitii niitii obboleessa keetii bira gaʼiitii dirqama waarsummaa keetii isheef guuti” jedhe.
Judá dijo a Onán: Únete a la esposa de tu hermano. Cásate con ella y levanta descendencia a tu hermano.
9 Oonaan garuu akka ijoolleen dhalattu sun kan isaa hin taane beeke; kanaafuu akka obboleessa isaatiif sanyii hin dhaabneef jedhee yeroo niitii obboleessa isaa bira gaʼu hunda afeetaa lafatti dhangalaasa ture.
Pero Onán sabía que la descendencia no sería suya. Sucedía que cuando se unía con la esposa de su hermano, vertía en tierra, a fin de no dar descendencia a su hermano.
10 Wanni inni hojjete sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isas ni ajjeese.
A Yavé le pareció malo lo que hacía Onán y también a él le quitó la vida.
11 Ergasii Yihuudaan niitii ilma isaa Taamaariin, “Hamma ilmi koo Sheelaa guddatutti haadha hiyyeessaa taʼiitii mana abbaa keetii jiraadhu” jedhe. Inni, “Mucaan kunis akkuma obboloota isaa duʼaa laata” jedhee yaadee tureetii. Kanaafuu Taamaar mana abbaa ishee jiraachuu dhaqxe.
Entonces dijo Judá a su nuera Tamar: Permanece viuda en casa de tu padre, hasta que crezca mi hijo Sela. Pues temía que él también muriera como sus hermanos. Así que Tamar fue y permaneció en casa de su padre.
12 Bara dheeraa booddees intalli Shuuwaa niitiin Yihuudaa duute. Yihuudaanis gadda isaa irraa bayyanannaan gara Tiimnaahitti lafa warra hoolota isaa irraa rifeensa murmuraniitti ol baʼe; michuun isaa Hiiraam namichi Adulaam isa wajjin deeme.
Pasaron muchos días, y murió la hija de Súa, esposa de Judá. Después de terminar el luto, Judá subió con su asociado Hira, el adulamita, a Timná, donde estaban los trasquiladores de sus ovejas.
13 Taamaaris, “Kunoo abbaan dhirsa keetii hoolota isaa irraa rifeensa murmuruuf jedhee Tiimnaahitti ol baʼaa jira” jedhanii yeroo itti himanitti,
Fue dado aviso a Tamar: Mira, tu suegro sube a Timná a trasquilar sus ovejas.
14 wayyaa haadha hiyyeessaa of irraa baaftee of dhoksuuf haguuggii haguuggatte; ergasiis balbala Enaayimitti ol galchu kan daandii Tiimnaahitti geessu irra jiru dura teesse. Sheelaa guddatu iyyuu isheen akka niitummaadhaan isaaf hin kennamin beektee turteetii.
Entonces ella, al ver que Sela creció y no fue entregada a él como esposa, se quitó las ropas de su viudez. Se cubrió con un velo, y disfrazada se sentó en la puerta de Enáyim, que está junto al camino de Timná.
15 Yihuudaan yommuu ishee argetti sababii isheen fuula ishee haguuggattee turteef sagaagaltuu ishee seʼe.
Cuando Judá la vio consideró que era una prostituta, pues ella tenía cubierto su rostro.
16 Innis utuu akka isheen niitii ilma isaa taate hin beekin karaa cina iddoo isheen jirtu ishee bira dhaqee, “Mee kottu si wajjin nan ciisaa” jedheen. Isheenis, “Ati na wajjin ciisuuf maal naa kennita?” jettee isa gaafatte.
Se desvió del camino hacia ella y le dijo: Vamos ahora y me uniré a ti, pues no sabía que era su nuera. Y ella preguntó: ¿Qué me darás para que te unas a mí?
17 Inni immoo, “Ani bushaayee koo keessaa ilmoo reʼee tokko siifin erga” jedheen. Isheenis, “Hamma ilmoo sana naa ergitutti waan biraa qabsiisa naa kennitaa?” jetteen.
Él dijo: Yo mismo te enviaré un cabrito del rebaño. Y ella preguntó: ¿Me das alguna prenda hasta que lo envíes?
18 Innis, “Ani qabsiisa maalin siif kenna?” jedheen. Isheenis deebiftee, “Chaappaa kee hidhaa isaa wajjin, ulee qabattee deemtus naa kenni” jetteen. Innis wantoota kanneen kenneefii ishee wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte.
Él contestó: ¿Cuál prenda te daré? Y ella dijo: Tu sello, tu cordón y la vara que tienes en tu mano. Entonces él se los dio. Se unió con ella, y ella concibió de él.
19 Erga achii deemtee booddee haguuggii ishee of irraa baaftee wayyaa dhirsi ishee irraa duunaan uffattee turte sana deebiftee uffatte.
Luego se levantó y salió. Ella se quitó el velo y se vistió con las ropas de su viudez.
20 Yihuudaan waan qabsiisa kenne dubartii sana irraa deebifachuuf jedhee karaa michuu isaa namicha Adulaam sanaatiin ilmoo reʼee ergeef; namichi garuu ishee hin argine.
Judá envió el cabrito por medio de su amigo el adulamita para tomar las prendas de mano de la mujer, pero no la halló.
21 Namichis, “Sagaagaltuun Enaayim bira, daandii irra taaʼaa turte sun eessa jirti?” jedhee warra achi jiraatan gaafate. Jarri immoo deebisanii, “Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre” jedhan.
Y preguntó a los varones del lugar: ¿Dónde está la prostituta de Enáyim que estaba junto al camino? Y ellos le contestaron: Ninguna prostituta estuvo por aquí.
22 Innis gara Yihuudaatti deebiʼee, “Ani dubartittii arguu hin dandeenye. Akkasumas warri iddoo sana jiraatan, ‘Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre’ jedhan” jedheen.
Entonces regresó a Judá, y le informó: No la encontré. Además, unos varones del lugar dijeron: Ninguna prostituta estuvo por aquí.
23 Yihuudaanis, “Isheen waan qabatte sana haa hambifattu; yoo kanaa achii nu waan kolfaa taanaa. Kunoo ani ilmoo reʼee kana isheef ergeera; ati garuu ishee dhabde” jedhe.
Judá dijo: Que se quede con ellas para que no seamos menospreciados. Ya ves que envié este cabrito y tú mismo no la encontraste.
24 Gara jiʼa sadii booddee, “Taamaar niitiin ilma keetii sagaagaltuu taateerti; kanaanis isheen amma ulfoofteerti” jedhanii Yihuudaatti himan. Yihuudaan immoo, “Gadi baasaatii ibiddaan gubaa ishee ajjeesaa!” jedhe.
Como a los tres meses sucedió que se le dio aviso a Judá: Tu nuera Tamar se volvió prostituta y quedó embarazada por su prostitución. Y Judá dijo: ¡Sáquenla y que sea quemada!
25 Isheenis utuma gad baafamaa jirtuu, “Ani abbaa miʼa kanaa irraa ulfaaʼeera” jettee abbaa dhirsa isheetti ergaa ergite. Akkasumas, “Chaappaa fi kirriin isaa, uleen kunis kan eenyuu akka taʼe mee ilaalii addaan baafadhu” jetteen.
Pero mientras era sacada, envió a decir a su suegro: ¡Del varón a quien pertenecen estas cosas estoy embarazada! Y dijo: Reconozcan ahora. ¿De quién es este sello, el cordón y la vara?
26 Yihuudaanis miʼa kana beekee, “Sababii ani ilma koo Sheelaatti ishee hin heerumsiisiniif, isheen na caalaa qajeeltuu dha” jedhe. Innis deebiʼee ishee bira hin geenye.
Entonces Judá los reconoció y dijo: Es más justa que yo, porque no le di a mi hijo Sela. Pero nunca más se unió a ella.
27 Yommuu yeroon daʼumsa ishee gaʼetti, kunoo, ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture.
Sucedió que en el tiempo de dar a luz descubrió que había mellizos en su vientre.
28 Utuu isheen daʼumsa irra jirtuu inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee, “Isa kanatu dura lafa gaʼe” jettee kirrii diimaa harka isaatti hiite.
Al dar a luz salió una mano, y la partera tomó un hilo de grana y lo ató a su mano, y dijo: Éste salió primero.
29 Akkuma inni harka isaa ol deebifateen kunoo obboleessi isaa dhalate; deessiftuunis, “Ati akkamiin ofuma keetiin cabsitee baate?” jette. Maqaan isaas Faares jedhame.
Pero cuando él retiró su mano, vio que salió su hermano. Y ella dijo: ¡Qué brecha abriste! Por tanto fue llamado Fares.
30 Obboleessi isaa kan kirrii diimaa harka irraa qabu sunis ni dhalate; innis Zaaraa jedhamee moggaafame.
Después salió su hermano, el que tenía en su mano el hilo de grana, y fue llamado Zara.

< Uumama 38 >