< Uumama 38 >
1 Yeroo kanatti Yihuudaan obboloota isaa biraa deemee namicha Adulaam kan Hiiraam jedhamu tokko bira jiraachuuf gad buʼe.
Pa nthawi imeneyi, Yuda anasiyana ndi abale ake napita kukakhala ndi munthu wina wa ku Adulamu wotchedwa Hira.
2 Achittis Yihuudaan intala namicha Kanaʼaan kan Shuuwaan jedhamu tokkoo arge; innis ishee fuudhee ishee bira gaʼe;
Kumeneko, Yuda anaona mwana wamkazi wa munthu wina wa Chikanaani wotchedwa Suwa. Anamukwatira nagona naye malo amodzi.
3 isheenis ulfooftee ilma deesse; maqaan isaas Eer jedhame.
Iye anatenga pathupi, nabala mwana wamwamuna amene anamutcha Eri.
4 Ammas ulfooftee ilma deesse; maqaa isaas Oonaan jettee moggaafte.
Anatenganso pathupi nabala mwana wa mwamuna ndipo anamutcha Onani.
5 Ammas ittuma dabaltee ulfooftee ilma biraa deessee maqaa isaa Sheelaa jettee moggaafte. Isheenis Kiziibitti isa deesse.
Anaberekanso mwana wina wamwamuna ndipo anamutcha Sela. Ameneyu anabadwa Yuda ali ku Kezibi.
6 Yihuudaanis Eer ilma isaa hangafticha niitii fuusise; maqaan ishee Taamaar jedhama ture.
Yuda anamupezera mkazi mwana wake woyamba uja Eri, ndipo dzina la mkaziyo linali Tamara.
7 Garuu Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isa ajjeese.
Koma ntchito zoyipa za Eri, mwana wachisamba wa Yuda zinayipira Yehova. Choncho Mulungu anamulanga ndi imfa.
8 Yihuudaanis Oonaaniin, “Obboleessa keetiif sanyii dhaabuuf jedhiitii niitii obboleessa keetii bira gaʼiitii dirqama waarsummaa keetii isheef guuti” jedhe.
Pamenepo Yuda anati kwa Onani, “Kwatira mkazi wamasiye wa mʼbale wako. Ulowe chokolo kuti mʼbale wako akhale ndi mwana.”
9 Oonaan garuu akka ijoolleen dhalattu sun kan isaa hin taane beeke; kanaafuu akka obboleessa isaatiif sanyii hin dhaabneef jedhee yeroo niitii obboleessa isaa bira gaʼu hunda afeetaa lafatti dhangalaasa ture.
Koma Onani anadziwa kuti mwanayo sadzakhala wake. Choncho nthawi zonse pamene amagona naye mkaziyo, ankatayira umuna pansi kuti asamuberekere mwana mʼbale wake.
10 Wanni inni hojjete sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isas ni ajjeese.
Zimene ankachitazi zinayipira Yehova. Choncho anamulanganso ndi imfa.
11 Ergasii Yihuudaan niitii ilma isaa Taamaariin, “Hamma ilmi koo Sheelaa guddatutti haadha hiyyeessaa taʼiitii mana abbaa keetii jiraadhu” jedhe. Inni, “Mucaan kunis akkuma obboloota isaa duʼaa laata” jedhee yaadee tureetii. Kanaafuu Taamaar mana abbaa ishee jiraachuu dhaqxe.
Kenaka Yuda anati kwa mpongozi wake Tamara, “Bwererani ku nyumba ya abambo anu ndi kukhala kumeneko ngati wamasiye mpaka mwana wanga Sela atakula.” Ananena izi chifukwa ankaopa kuti Sela angafenso ngati abale ake aja. Choncho Tamara anapita kukakhala ku nyumba ya abambo ake.
12 Bara dheeraa booddees intalli Shuuwaa niitiin Yihuudaa duute. Yihuudaanis gadda isaa irraa bayyanannaan gara Tiimnaahitti lafa warra hoolota isaa irraa rifeensa murmuraniitti ol baʼe; michuun isaa Hiiraam namichi Adulaam isa wajjin deeme.
Patapita nthawi yayitali, Batishua, mkazi wa Yuda anamwalira. Yuda atatha kulira maliro a mkazi wake, anapita, iyeyu pamodzi ndi bwenzi lake Hira, Mwadulamu uja, ku Timna kumene ankameta nkhosa zawo.
13 Taamaaris, “Kunoo abbaan dhirsa keetii hoolota isaa irraa rifeensa murmuruuf jedhee Tiimnaahitti ol baʼaa jira” jedhanii yeroo itti himanitti,
Tamara atamva kuti apongozi ake akupita ku Timna kukameta nkhosa,
14 wayyaa haadha hiyyeessaa of irraa baaftee of dhoksuuf haguuggii haguuggatte; ergasiis balbala Enaayimitti ol galchu kan daandii Tiimnaahitti geessu irra jiru dura teesse. Sheelaa guddatu iyyuu isheen akka niitummaadhaan isaaf hin kennamin beektee turteetii.
iye anavula zovala zake za umasiye, nadziphimba nkhope ndi nsalu kuti asadziwike, ndipo anakhala pansi pa chipata cha ku Enaimu popita ku Timna. Tamara anachita izi chifukwa anaona kuti ngakhale Selayo anali atakula tsopano, iye sanaperekedwe kuti amulowe chokolo.
15 Yihuudaan yommuu ishee argetti sababii isheen fuula ishee haguuggattee turteef sagaagaltuu ishee seʼe.
Yuda atamuona anangomuyesa mkazi wadama chabe, chifukwa anadziphimba nkhope.
16 Innis utuu akka isheen niitii ilma isaa taate hin beekin karaa cina iddoo isheen jirtu ishee bira dhaqee, “Mee kottu si wajjin nan ciisaa” jedheen. Isheenis, “Ati na wajjin ciisuuf maal naa kennita?” jettee isa gaafatte.
Tsono anapita kwa mkaziyo pamphepete pa msewu paja nati, “Tabwera ndigone nawe.” Apa Yuda sankadziwa kuti mkazi uja anali mpongozi wake. Ndiye mkazi uja anamufunsa Yuda nati, “Mudzandipatsa chiyani kuti ndigone nanu?”
17 Inni immoo, “Ani bushaayee koo keessaa ilmoo reʼee tokko siifin erga” jedheen. Isheenis, “Hamma ilmoo sana naa ergitutti waan biraa qabsiisa naa kennitaa?” jetteen.
Iye anati, “Ndidzakutumizira kamwana kambuzi ka mʼkhola mwanga.” Mkaziyo anayankha kuti, “Chabwino, ndavomera, koma mungandipatse chikole mpaka mutanditumizira mbuziyo?”
18 Innis, “Ani qabsiisa maalin siif kenna?” jedheen. Isheenis deebiftee, “Chaappaa kee hidhaa isaa wajjin, ulee qabattee deemtus naa kenni” jetteen. Innis wantoota kanneen kenneefii ishee wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte.
Iye anati, “Ndikupatse chikole chanji?” Mkaziyo anayankha, “Mundipatse mphete yanuyo, chingwe chanucho pamodzi ndi ndodo imene ili mʼdzanja lanulo.” Choncho anazipereka kwa iye nagona naye ndipo anatenga pathupi.
19 Erga achii deemtee booddee haguuggii ishee of irraa baaftee wayyaa dhirsi ishee irraa duunaan uffattee turte sana deebiftee uffatte.
Kenaka Tamara anachoka, navula nsalu anadziphimba nayo ija, navalanso zovala zake za umasiye zija.
20 Yihuudaan waan qabsiisa kenne dubartii sana irraa deebifachuuf jedhee karaa michuu isaa namicha Adulaam sanaatiin ilmoo reʼee ergeef; namichi garuu ishee hin argine.
Tsono Yuda anatuma bwenzi lake Mwadulamu uja ndi kamwana kambuzi kaja kuti akapereke kwa mkazi wadama uja, ndi kuti akatero amubwezere chikole chake chija. Koma atafika sanamupezepo.
21 Namichis, “Sagaagaltuun Enaayim bira, daandii irra taaʼaa turte sun eessa jirti?” jedhee warra achi jiraatan gaafate. Jarri immoo deebisanii, “Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre” jedhan.
Anawafunsa anthu a komweko, “Kodi mkazi wadama uja amene ankakhala pambali pa msewu wa ku Enaimu, ali kuti?” Iwo anayankha, “Sipanakhalepo mkazi wa dama aliyense pano.”
22 Innis gara Yihuudaatti deebiʼee, “Ani dubartittii arguu hin dandeenye. Akkasumas warri iddoo sana jiraatan, ‘Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre’ jedhan” jedheen.
Choncho anabwerera kwa Yuda nati, “Sindinamupeze mkazi uja. Kuwonjeza apo, anthu a kumeneko amati, ‘Sipanakhalepo mkazi wadama pano.’”
23 Yihuudaanis, “Isheen waan qabatte sana haa hambifattu; yoo kanaa achii nu waan kolfaa taanaa. Kunoo ani ilmoo reʼee kana isheef ergeera; ati garuu ishee dhabde” jedhe.
Pamenepo Yuda anati, “Mulekeni atenge zinthuzo zikhale zake, kuopa kuti anthu angatiseke. Ine sindinalakwe, ndinamutumizira kamwana kambuzika, koma simunamupeze.”
24 Gara jiʼa sadii booddee, “Taamaar niitiin ilma keetii sagaagaltuu taateerti; kanaanis isheen amma ulfoofteerti” jedhanii Yihuudaatti himan. Yihuudaan immoo, “Gadi baasaatii ibiddaan gubaa ishee ajjeesaa!” jedhe.
Patapita miyezi itatu, Yuda anawuzidwa kuti, “Mpongozi wanu Tamara anachita zadama, ndipo zotsatira zake nʼzakuti ali ndi pathupi.” Yuda anati, “Kamutulutseni ndipo mukamutenthe kuti afe!”
25 Isheenis utuma gad baafamaa jirtuu, “Ani abbaa miʼa kanaa irraa ulfaaʼeera” jettee abbaa dhirsa isheetti ergaa ergite. Akkasumas, “Chaappaa fi kirriin isaa, uleen kunis kan eenyuu akka taʼe mee ilaalii addaan baafadhu” jetteen.
Akumutulutsa, iye anatuma mawu kwa apongozi ake. Anati, “Ndili ndi pathupi pa munthu amene ndi mwini wake wa zinthu izi. Taziyangʼanitsitsani, kodi mwini wa khoza, chingwe ndi ndodo yoyenderayi ndi yani?”
26 Yihuudaanis miʼa kana beekee, “Sababii ani ilma koo Sheelaatti ishee hin heerumsiisiniif, isheen na caalaa qajeeltuu dha” jedhe. Innis deebiʼee ishee bira hin geenye.
Yuda anazizindikira zinthuzo ndipo anati, “Uyu ndi wolungama kuposa ine, chifukwa sindinamupereke kwa mwana wanga Sela.” Ndipo Yuda sanagone nayenso.
27 Yommuu yeroon daʼumsa ishee gaʼetti, kunoo, ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture.
Pamene Tamara nthawi inamukwanira yoti abeleke, mʼmimbamo munali mapasa.
28 Utuu isheen daʼumsa irra jirtuu inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee, “Isa kanatu dura lafa gaʼe” jettee kirrii diimaa harka isaatti hiite.
Pamene ankabereka, mmodzi wa iwo anatulutsa dzanja lake. Choncho mzamba anatenga kawulusi kofiira nakamangirira pa mkono pa mwanayo nati, “Uyu ndiye anayamba kubadwa.”
29 Akkuma inni harka isaa ol deebifateen kunoo obboleessi isaa dhalate; deessiftuunis, “Ati akkamiin ofuma keetiin cabsitee baate?” jette. Maqaan isaas Faares jedhame.
Koma pamene anabweza mkonowo, mʼbale wake anabadwa ndipo mzamba anati, “Wachita kudziphotcholera wekha njira chonchi!” Ndipo anamutcha Perezi.
30 Obboleessi isaa kan kirrii diimaa harka irraa qabu sunis ni dhalate; innis Zaaraa jedhamee moggaafame.
Pambuyo pake mʼbale wake amene anali ndi ulusi wofiira pa mkono wake uja anabadwa ndipo anapatsidwa dzina lakuti Zera.