< Uumama 37 >
1 Yaaqoob biyya abbaan isaa ture, Kanaʼaan keessa jiraate.
Yakobo akaishi Kanaani katika nchi ambayo baba yake alikuwa ameishi.
2 Seenaan maatii Yaaqoob kana. Yoosef yeroo dargaggeessa waggaa kudha torba turetti obboloota isaa, ilmaan niitota abbaa isaa jechuunis ilmaan Bilihaatii fi Zilfaa wajjin bushaayee tiksa ture; innis waaʼee obboloota isaa oduu hamaa abbaa isaatiif fide.
Zifuatazo ni habari za Yakobo. Yosefu, kijana wa miaka kumi na saba, alikuwa akichunga makundi ya kondoo na mbuzi pamoja na ndugu zake wa mama wengine, yaani wana wa Bilha na wana wa Zilpa wake za baba yake, naye akawa akimletea baba yake taarifa mbaya kuhusu hao ndugu zake.
3 Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yoosefin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef.
Basi, Israeli akampenda Yosefu kuliko yeyote miongoni mwa kaka zake, kwani ni mwanawe wa uzeeni, akamshonea joho lililorembwa vizuri sana.
4 Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yoosefin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.
Ndugu zake walipoona kwamba baba yao anampenda Yosefu kuliko yeyote mwingine miongoni mwao, walimchukia na hawakusema naye neno lolote jema.
5 Yoosef abjuu abjootee obboloota isaatti hime; isaanis ittuma caalchisanii isa jibban.
Yosefu akaota ndoto, naye alipowaeleza ndugu zake, wakamchukia zaidi.
6 Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee abjuu ani arge kana dhagaʼaa:
Akawaambia, “Sikilizeni ndoto niliyoota:
7 Nu lafa qotiisaa keessatti bissii midhaanii hidhaa ture; kunoo, bissiin koo ol jedhee dhaabate; bissiiwwan keessan immoo bissii kootti naannaʼanii gad jedhanii sagadaniif.”
Tulikuwa tukifunga miganda ya nafaka shambani, ghafula mganda wangu ukasimama wima, wakati miganda yenu ikiuzunguka na kuuinamia.”
8 Obboloonni isaas, “Ati nu irratti mootii taʼuu barbaaddaa? Dhugumaan situ nu bulchaa?” jedhaniin. Isaanis sababii abjuu isaatii fi sababii waan inni dubbateetiif ittuma caalchisanii isa jibban.
Ndugu zake wakamwambia, “Wewe unakusudia kututawala? Hivi kweli wewe utatutawala sisi?” Wakaongeza kumchukia zaidi kwa sababu ya ndoto yake pamoja na yale aliyowaambia.
9 Ergasiis abjuu biraa abjootee obboloota isaatti hime. Akkanas jedheen; “Kunoo, ani abjuu biraa abjoodheera; aduu fi jiʼi, urjiiwwan kudha tokkos gad jedhanii naa sagadu.”
Kisha akaota ndoto nyingine, akawaambia ndugu zake akisema, “Sikilizeni, nimeota ndoto nyingine, wakati huu jua, mwezi na nyota kumi na moja zilikuwa zinanisujudia.”
10 Yommuu inni waan kana abbaa isaatii fi obboloota isaatti himetti abbaan isaa, “Abjuun ati abjootte kun maali? Ani, haati keetii fi obboloonni kee dhugumaan dhufnee fuula kee duratti gad jennee siif sagadnaa?” jedhee isatti dheekkame.
Alipomwambia baba yake pamoja na ndugu zake, baba yake akamkemea akisema, “Ni ndoto gani hii uliyoota? Hivi kweli mama yako na mimi na ndugu zako tutakuja kukusujudia wewe hadi nchi?”
11 Obboloonni isaa isatti hinaafan; abbaan isaa garuu waan kana garaatti qabate.
Ndugu zake wakamwonea wivu, lakini baba yake akaliweka jambo hilo moyoni.
12 Gaaf tokko obboloonni isaa bushaayee abbaa isaanii Sheekem bira dheechisuu dhaqan;
Basi, ndugu zake walikuwa wamekwenda kuchunga makundi ya baba yao karibu na Shekemu,
13 Israaʼelis Yoosefiin, “Akkuma ati beektu obboloonni kee Sheekem bira bushaayee dheechisaa jiru. Mee kottu ani gara isaaniitti si ergaa” jedhe. Yoosefis, “Kunoo asan jira” jedheen.
naye Israeli akamwambia Yosefu, “Kama ujuavyo, ndugu zako wanachunga makundi huko karibu na Shekemu. Njoo, nitakutuma kwao.” Yosefu akajibu, “Vema sana, niko tayari.”
14 Israaʼel immoo, “Mee dhaqiitii akka obboloonni kee, bushaayeenis nagaa taʼanii fi akka hin taʼin ilaaliitii deebiʼii natti himi” jedheen. Innis akkasiin Sulula Kebrooniitii Sheekemitti isa erge. Yoosefis Sheekem gaʼe;
Kwa hiyo akamwambia, “Nenda uone kama mambo yote ni salama kwa ndugu zako na makundi, kisha uniletee habari.” Ndipo akamtuma Yosefu kutoka Bonde la Hebroni. Yosefu alipofika Shekemu,
15 namichi tokko isa arge; kunoo inni dirree irra jooraa ture; namichi sunis, “Ati maal barbaadda?” jedhee isa gaafate.
mtu mmoja akamkuta akizungukazunguka mashambani na akamuuliza, “Unatafuta nini?”
16 Yoosefis deebisee, “Ani obboloota koon barbaada. Ati iddoo isaan bushaayee isaanii dheechisan mee natti himi” jedheen.
Akajibu, “Ninawatafuta ndugu zangu. Unaweza kuniambia wanachunga wapi makundi yao?”
17 Namichis deebisee, “Isaan asii deemaniiru; ani ‘Gara Dootaan haa dhaqnu’ jechuu isaanii dhagaʼeera” jedhe. Yoosefis obboloota isaa duukaa buʼee Dotaayin biratti isaan argate.
Yule mtu akajibu, “Wamehama hapa. Nilisikia wakisema, ‘Twende Dothani.’” Kwa hiyo Yosefu akawafuatilia ndugu zake na kuwakuta karibu na Dothani.
18 Isaan garuu fagootti isa arganii isa ajjeesuuf utuu inni isaan bira hin gaʼin mariʼatan.
Ndugu zake walipomwona akiwa mbali, kabla hajawafikia, wakapanga shauri baya la kumuua.
19 Isaanis akkana waliin jedhan; “Kunoo abbaan abjuu sun dhufaa jira!
Wakaambiana, “Yule mwota ndoto anakuja!
20 Kottaa ajjeefnee boollawwan as jiran keessaa tokkotti isa gannee bineensa hamaatu isa nyaate jenna. Ergasii immoo abjuun isaa maal akka taʼu ilaalla.”
Njooni sasa, tumuue na kumtupa katika shimo mojawapo na tuseme kwamba mnyama mkali amemrarua. Kisha tutaona matokeo ya ndoto zake.”
21 Ruubeen waan kana dhageenyaan isaan harkaa isa baase. Innis akkana jedhe; “Lakkii isa hin ajjeefnu;
Reubeni aliposikia jambo hili, akajaribu kumwokoa kutoka mikononi mwao akasema, “Tusiutoe uhai wake.
22 dhiiga hin dhangalaasinaa. Gammoojjii keessatti boolla kana keessa isa buusaa malee harka keessaniin isa hin tuqinaa.” Ruubeen isaan harkaa isa baasee gara abbaa isaatti isa deebisuuf akkana jedhe.
Tusimwage damu yoyote. Mtupeni katika shimo lililoko hapa jangwani, lakini msimguse.” Reubeni alisema hivyo ili amwokoe kutoka mikononi mwao, kisha amrudishe nyumbani kwa baba yake.
23 Yeroo Yoosef obboloota isaa bira gaʼetti isaan qoloo inni uffate, qoloo miidhagaa sana isa irraa baasanii,
Kwa hiyo Yosefu alipowafikia ndugu zake, walimvua lile joho lake, lile joho lililorembwa vizuri alilokuwa amevaa.
24 isa fuudhanii boollatti gad darbatan. Boolli sunis duwwaa ture; bishaanis hin qabu ture.
Kisha wakamchukua wakamtupa katika shimo. Wakati huo shimo lilikuwa tupu, halikuwa na maji ndani yake.
25 Obboloonni isaa buddeena nyaachuuf tataaʼan; ol jedhaniis kunoo, daldaltoota warra Ishmaaʼeel kanneen Giliʼaadii dhufaa jiran argan. Isaanis urgooftuu, haphee dibataatii fi qumbii gaalawwan isaaniitti feʼatanii Gibxitti geessaa turan.
Walipokaa ili wale chakula chao, wakainua macho wakaona msafara wa Waishmaeli ukija kutoka Gileadi. Ngamia wao walikuwa wamepakizwa mizigo ya vikolezo, uvumba na manemane, nao walikuwa njiani kuvipeleka Misri.
26 Yihuudaanis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Obboleessa keenya ajjeefnee dhiiga isaa dhoksuun buʼaa maalii nuu qaba?
Yuda akawaambia ndugu zake, “Tutafaidi nini ikiwa tutamuua ndugu yetu na kuificha damu yake?
27 Kottaa Ishmaaʼeelootatti isa gurgurra malee harka keenyaan isa hin tuqnuu; inni obboleessa keenyaa fi foon keenya.” Obboloonni isaas yaada kana fudhatan.
Njooni, tumuuze kwa hawa Waishmaeli. Tusimguse, kwa kuwa hata hivyo yeye ni ndugu yetu, nyama yetu na damu yetu wenyewe.” Ndugu zake wakakubali.
28 Yommuu daldaltoonni Midiyaan achiin darbuuf dhufanittis obboloonni Yoosef boolla keessaa harkisanii ol isa baasanii meetii saqilii digdamaatti Ishmaaʼeelootatti isa gurguratan; jarris Gibxitti isa geessan.
Kwa hiyo wale wafanyabiashara Wamidiani walipofika pale, ndugu zake wakamtoa Yosefu kutoka kwenye lile shimo, na kumuuza kwa shekeli ishirini za fedha kwa wale Waishmaeli, ambao walimpeleka Misri.
29 Ruubeen gara boolla sanaatti deebiʼe; Yoosef boolla sana keessa hin turre; innis uffata ofii isaa tarsaase.
Reubeni aliporudi kutazama kwenye lile shimo na kuona kwamba Yosefu hayupo, alirarua nguo zake.
30 Innis gara obboloota isaa dhaqee, “Gurbichi achi hin jiru! Egaa ani eessan dhaqa?” jedheen.
Akawarudia ndugu zake na kusema, “Kijana hayuko mle! Nielekee wapi sasa?”
31 Isaanis qoloo Yoosef fuudhanii reʼee tokko qalanii qoloo sana dhiiga keessa cuuphan.
Kisha wakalichukua lile joho la Yosefu, wakachinja mbuzi na kulichovya katika damu.
32 Qoloo miidhagaa sanas abbaa isaaniitti geessanii, “Nu qoloo kana arganneerra; mee qoloo ilma keetii taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ilaali” jedhan.
Wakalichukua lile joho lililorembwa vizuri na kulipeleka kwa baba yao na kusema, “Tumeliokota hili joho. Uchunguze uone kama ni la mwanao.”
33 Innis qoloo sana beekee, “Kun qoloo ilma kootii ti! Bineensa hamaatu isa nyaate. Dhugumaan Yoosef ciccirameera” jedhe.
Baba yao akalitambua akasema, “Hili ni joho la mwanangu! Mnyama mkali amemrarua. Hakika Yosefu ameraruliwa vipande vipande.”
34 Kana irratti Yaaqoob uffata ofii isaa tarsaase; wayyaa gaddaa mudhiitti hidhatee guyyaa baayʼee ilma isaatiif gadde.
Kisha Yakobo akararua nguo zake, akavaa nguo ya gunia na kumwombolezea mwanawe kwa siku nyingi.
35 Ilmaan isaatii fi intallan isaa hundinuu isa jajjabeessuuf kaʼan; inni garuu jajjabaachuu didee, “Lakkii ani gaddaa gara ilma koo siiʼoolitti gad buʼa” jedhe. Akkasiin abbaan isaa ni booʼeef. (Sheol )
Wanawe wote na binti zake wakaja kumfariji, lakini hakukubali kufarijiwa. Akasema, “Hapana, nitamwombolezea mwanangu mpaka nimfikie kaburini.” Kwa hiyo baba yake akaendelea kumlilia. (Sheol )
36 Gidduu sana warri Midiyaan sun Gibxi keessatti Phoxiifaaraa namicha qondaaltota Faraʼoon keessaa tokko ture kan ajajaa waardiyyaa taʼe tokkotti Yoosefin gurguratan.
Wakati ule ule, Wamidiani wakamuuza Yosefu huko Misri kwa Potifa, mmojawapo wa maafisa wa Farao, aliyekuwa mkuu wa ulinzi.