< Uumama 37 >
1 Yaaqoob biyya abbaan isaa ture, Kanaʼaan keessa jiraate.
Jacob lived in the land where his father was staying, in the land of Canaan.
2 Seenaan maatii Yaaqoob kana. Yoosef yeroo dargaggeessa waggaa kudha torba turetti obboloota isaa, ilmaan niitota abbaa isaa jechuunis ilmaan Bilihaatii fi Zilfaa wajjin bushaayee tiksa ture; innis waaʼee obboloota isaa oduu hamaa abbaa isaatiif fide.
These were the events concerning Jacob. Joseph, who was a young man seventeen years old, was guarding the flock with his brothers. He was with the sons of Bilhah and with the sons of Zilpah, his father's wives. Joseph brought an unfavorable report about them to their father.
3 Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yoosefin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef.
Now Israel loved Joseph more than all his sons because he was the son of his old age. He made him a beautiful garment.
4 Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yoosefin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.
His brothers saw that their father loved him more than all his brothers. They hated him and would not speak kindly to him.
5 Yoosef abjuu abjootee obboloota isaatti hime; isaanis ittuma caalchisanii isa jibban.
Joseph dreamed a dream, and he told his brothers about it. They hated him even more.
6 Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee abjuu ani arge kana dhagaʼaa:
He said to them, “Please listen to this dream which I dreamed.
7 Nu lafa qotiisaa keessatti bissii midhaanii hidhaa ture; kunoo, bissiin koo ol jedhee dhaabate; bissiiwwan keessan immoo bissii kootti naannaʼanii gad jedhanii sagadaniif.”
Behold, we were tying bundles of grain in the field and behold, my bundle rose and stood upright, and behold, your bundles came around and bowed down to my bundle.”
8 Obboloonni isaas, “Ati nu irratti mootii taʼuu barbaaddaa? Dhugumaan situ nu bulchaa?” jedhaniin. Isaanis sababii abjuu isaatii fi sababii waan inni dubbateetiif ittuma caalchisanii isa jibban.
His brothers said to him, “Will you really reign over us? Will you actually rule over us?” They hated him even more for his dreams and for his words.
9 Ergasiis abjuu biraa abjootee obboloota isaatti hime. Akkanas jedheen; “Kunoo, ani abjuu biraa abjoodheera; aduu fi jiʼi, urjiiwwan kudha tokkos gad jedhanii naa sagadu.”
He dreamed another dream and told it to his brothers. He said, “Look, I have dreamed another dream: The sun and the moon and eleven stars bowed down to me.”
10 Yommuu inni waan kana abbaa isaatii fi obboloota isaatti himetti abbaan isaa, “Abjuun ati abjootte kun maali? Ani, haati keetii fi obboloonni kee dhugumaan dhufnee fuula kee duratti gad jennee siif sagadnaa?” jedhee isatti dheekkame.
He told it to his father just as to his brothers, and his father rebuked him. He said to him, “What is this dream that you have dreamed? Will your mother and I and your brothers actually come to bow down to the ground to you?”
11 Obboloonni isaa isatti hinaafan; abbaan isaa garuu waan kana garaatti qabate.
His brothers were jealous of him, but his father kept the matter in mind.
12 Gaaf tokko obboloonni isaa bushaayee abbaa isaanii Sheekem bira dheechisuu dhaqan;
His brothers went to tend their father's flock in Shechem.
13 Israaʼelis Yoosefiin, “Akkuma ati beektu obboloonni kee Sheekem bira bushaayee dheechisaa jiru. Mee kottu ani gara isaaniitti si ergaa” jedhe. Yoosefis, “Kunoo asan jira” jedheen.
Israel said to Joseph, “Are not your brothers tending the flock in Shechem? Come, and I will send you to them.” Joseph said to him, “I am ready.”
14 Israaʼel immoo, “Mee dhaqiitii akka obboloonni kee, bushaayeenis nagaa taʼanii fi akka hin taʼin ilaaliitii deebiʼii natti himi” jedheen. Innis akkasiin Sulula Kebrooniitii Sheekemitti isa erge. Yoosefis Sheekem gaʼe;
He said to him, “Go now, see whether it is well with your brothers and well with the flock, and bring me word.” So Jacob sent him out of the Valley of Hebron, and Joseph went to Shechem.
15 namichi tokko isa arge; kunoo inni dirree irra jooraa ture; namichi sunis, “Ati maal barbaadda?” jedhee isa gaafate.
A certain man found Joseph. Behold, Joseph was wandering in a field. The man asked him, “What do you seek?”
16 Yoosefis deebisee, “Ani obboloota koon barbaada. Ati iddoo isaan bushaayee isaanii dheechisan mee natti himi” jedheen.
Joseph said, “I am seeking my brothers. Tell me, please, where they are tending the flock.”
17 Namichis deebisee, “Isaan asii deemaniiru; ani ‘Gara Dootaan haa dhaqnu’ jechuu isaanii dhagaʼeera” jedhe. Yoosefis obboloota isaa duukaa buʼee Dotaayin biratti isaan argate.
The man said, “They left this place, for I heard them say, 'Let us go to Dothan.'” Joseph went after his brothers and found them at Dothan.
18 Isaan garuu fagootti isa arganii isa ajjeesuuf utuu inni isaan bira hin gaʼin mariʼatan.
They saw him from a distance, and before he came near to them, they plotted against him to kill him.
19 Isaanis akkana waliin jedhan; “Kunoo abbaan abjuu sun dhufaa jira!
His brothers said to one another, “Look, this dreamer is approaching.
20 Kottaa ajjeefnee boollawwan as jiran keessaa tokkotti isa gannee bineensa hamaatu isa nyaate jenna. Ergasii immoo abjuun isaa maal akka taʼu ilaalla.”
Come now, therefore, let us kill him and cast him into one of the pits. We will say, 'A wild animal has devoured him.' We will see what will become of his dreams.”
21 Ruubeen waan kana dhageenyaan isaan harkaa isa baase. Innis akkana jedhe; “Lakkii isa hin ajjeefnu;
Reuben heard it and rescued him from their hand. He said, “Let us not take his life.”
22 dhiiga hin dhangalaasinaa. Gammoojjii keessatti boolla kana keessa isa buusaa malee harka keessaniin isa hin tuqinaa.” Ruubeen isaan harkaa isa baasee gara abbaa isaatti isa deebisuuf akkana jedhe.
Reuben said to them, “Shed no blood. Throw him into this pit that is in the wilderness, but lay no hand upon him”—that he might rescue him out of their hand to bring him back to his father.
23 Yeroo Yoosef obboloota isaa bira gaʼetti isaan qoloo inni uffate, qoloo miidhagaa sana isa irraa baasanii,
It came about that when Joseph reached his brothers, they stripped him of his beautiful garment.
24 isa fuudhanii boollatti gad darbatan. Boolli sunis duwwaa ture; bishaanis hin qabu ture.
They took him and threw him into the pit. The pit was empty with no water in it.
25 Obboloonni isaa buddeena nyaachuuf tataaʼan; ol jedhaniis kunoo, daldaltoota warra Ishmaaʼeel kanneen Giliʼaadii dhufaa jiran argan. Isaanis urgooftuu, haphee dibataatii fi qumbii gaalawwan isaaniitti feʼatanii Gibxitti geessaa turan.
They sat down to eat bread. They lifted up their eyes and looked, and, behold, a caravan of Ishmaelites was coming from Gilead, with their camels bearing spices and balm and myrrh. They were traveling to carry them down to Egypt.
26 Yihuudaanis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Obboleessa keenya ajjeefnee dhiiga isaa dhoksuun buʼaa maalii nuu qaba?
Judah said to his brothers, “What profit is it if we kill our brother and cover up his blood?
27 Kottaa Ishmaaʼeelootatti isa gurgurra malee harka keenyaan isa hin tuqnuu; inni obboleessa keenyaa fi foon keenya.” Obboloonni isaas yaada kana fudhatan.
Come, and let us sell him to the Ishmaelites and not lay our hands upon him. For he is our brother, our flesh.” His brothers listened to him.
28 Yommuu daldaltoonni Midiyaan achiin darbuuf dhufanittis obboloonni Yoosef boolla keessaa harkisanii ol isa baasanii meetii saqilii digdamaatti Ishmaaʼeelootatti isa gurguratan; jarris Gibxitti isa geessan.
The Midianite merchants passed by. His brothers drew Joseph up and lifted him up out of the pit. They sold Joseph to the Ishmaelites for twenty pieces of silver. The Ishmaelites carried Joseph into Egypt.
29 Ruubeen gara boolla sanaatti deebiʼe; Yoosef boolla sana keessa hin turre; innis uffata ofii isaa tarsaase.
Reuben returned to the pit, and, behold, Joseph was not in the pit. He tore his clothes.
30 Innis gara obboloota isaa dhaqee, “Gurbichi achi hin jiru! Egaa ani eessan dhaqa?” jedheen.
He returned to his brothers and said, “The boy is not there! And I, where can I go?”
31 Isaanis qoloo Yoosef fuudhanii reʼee tokko qalanii qoloo sana dhiiga keessa cuuphan.
They slaughtered a goat and then took Joseph's garment and dipped it into the blood.
32 Qoloo miidhagaa sanas abbaa isaaniitti geessanii, “Nu qoloo kana arganneerra; mee qoloo ilma keetii taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ilaali” jedhan.
Then they brought it to their father and said, “We found this. Please see whether it is your son's clothing or not.”
33 Innis qoloo sana beekee, “Kun qoloo ilma kootii ti! Bineensa hamaatu isa nyaate. Dhugumaan Yoosef ciccirameera” jedhe.
Jacob recognized it and said, “It is my son's clothing. A wild animal has devoured him. Joseph has certainly been torn to pieces.”
34 Kana irratti Yaaqoob uffata ofii isaa tarsaase; wayyaa gaddaa mudhiitti hidhatee guyyaa baayʼee ilma isaatiif gadde.
Jacob tore his garments and put sackcloth upon his loins. He mourned for his son many days.
35 Ilmaan isaatii fi intallan isaa hundinuu isa jajjabeessuuf kaʼan; inni garuu jajjabaachuu didee, “Lakkii ani gaddaa gara ilma koo siiʼoolitti gad buʼa” jedhe. Akkasiin abbaan isaa ni booʼeef. (Sheol )
All his sons and daughters rose up to comfort him, but he refused to be comforted. He said, “Indeed I will go down to Sheol mourning for my son.” His father wept for him. (Sheol )
36 Gidduu sana warri Midiyaan sun Gibxi keessatti Phoxiifaaraa namicha qondaaltota Faraʼoon keessaa tokko ture kan ajajaa waardiyyaa taʼe tokkotti Yoosefin gurguratan.
The Midianites sold him in Egypt to Potiphar, an officer of Pharaoh, the captain of the bodyguard.