< Uumama 36 >
1 Seenaan maatii Esaawu kan Edoom jedhamu sanaa kana.
Waɗannan su ne zuriyar Isuwa (wato, Edom).
2 Esaaw niitota isaa dubartootaa Kanaʼaan keessaa fuudhe; isaanis Aadaa intala Eeloon namicha gosa Heetii fi Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibeʼoon namicha gosa Hiiwii,
Isuwa ya ɗauko matansa daga cikin matan Kan’ana, ya ɗauko Ada’yar Elon mutumin Hitti, da Oholibama’yar Ana wadda take jikanyar Zibeyon Bahiwiye
3 akkasumas Baasmati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti.
ya kuma auri Basemat’yar Ishmayel wadda take’yar’uwar Nebayiwot.
4 Aadaan Eliifaazin Esaawuuf deesse; Baasmati immoo Reʼuuʼeelin deesse.
Ada ta haifi wa Isuwa, Elifaz. Basemat kuma ta haifa masa Reyuwel.
5 Oholiibaamaanis Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse. Isaan kunneen ilmaan Esaawu kanneen Kanaʼaanitti isaaf dhalatanii dha.
Oholibama kuwa ta haifa masa Yewush, Yalam da Kora. Waɗannan su ne’ya’yan Isuwa maza, waɗanda aka haifa masa a Kan’ana.
6 Esaawu niitota isaa, ilmaan isaa, intallan isaatii fi warra mana isaa jiraatan hunda, akkasumas karra loon isaa, horii isaa kaan hundaa fi qabeenya biyya Kanaʼaanitti horate hunda fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob biraa kaʼee biyya biraa dhaqe.
Isuwa ya ɗauki matansa da’ya’yansa maza da mata da kuma dukan membobin gidansa, ya kuma ɗauki shanunsa da dukan sauran dabbobinsa, da dukan dukiyarsa da ya samu a ƙasar Kan’ana zuwa wata ƙasa nesa da ɗan’uwansa Yaƙub.
7 Waan qabeenyi isaanii akka malee baayʼateef isaan walii wajjin jiraachuu dadhaban; lafti isaan jiraachaa turanis sababii baayʼina horii isaaniitiif isaan gaʼuu hin dandeenye.
Mallakarsu ta yi yawa ƙwarai da ba za su iya zauna tare ba; gama ƙasar da suke zaune a ciki ba za tă ishe su su biyu ba saboda dabbobinsu.
8 Esaawu biyya gaara Seeʼiir keessa jiraate; Esaawu jechuun Edoomii dha.
Saboda haka Isuwa (wato, Edom) ya zauna a ƙasar tuddai na Seyir.
9 Seenaan maatii Esaawu abbaa Edoomotaa kan warra biyya gaara Seeʼiir keessa jiraatanii kana.
Wannan shi ne zuriyar Isuwa, kakan mutanen Edom, a ƙasar tuddai na Seyir.
10 Maqaan ilmaan Esaawu: Eliifaaz, ilma Aadaa niitii Esaawuutii fi Reʼuuʼeel ilma Baasmati niitii Esaawuu ti.
Waɗannan su ne sunayen’ya’yan Isuwa maza, Elifaz, ɗan Ada matar Isuwa, da Reyuwel ɗan Basemat matar Isuwa.
11 Ilmaan Eliifaaz: Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz.
’Ya’yan Elifaz maza su ne, Teman, Omar, Zefo, Gatam da Kenaz.
12 Eliifaaz ilmi Esaawus saajjatoo Tiimnaa jedhamtu qaba ture; isheenis Amaaleqin Eliifaaziif deesse. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Aadaa niitii Esaawu.
Elifaz ɗan Isuwa kuma yana da ƙwarƙwara mai suna Timna, wadda ta haifa masa Amalek. Waɗannan su ne jikokin Ada matar Isuwa.
13 Ilmaan Reʼuuʼeel: Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
’Ya’yan Reyuwel maza su ne, Nahat, Zera, Shamma da Mizza. Waɗannan su ne jikokin Basemat matar Isuwa.
14 Oholiibaamaan niitiin Esaawu intalli Aannaa ilma Zibeʼoon Esaawuuf: Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse.
’Ya’yan Oholibama maza’yar Ana wadda take jikanyar Zibeyon, matar Isuwa, waɗanda ta haifa wa Isuwa su ne, Yewush, Yalam da Kora.
15 Isaan kunneen sanyiiwwan Esaawu keessaa hangafoota turan: Ilmaan Eliifaaz ilma Esaawu isa hangafaa: Teemaan hangafticha, Oomaar hangafticha, Zefoo hangafticha, Qenaz hangafticha,
Waɗannan su ne manya a cikin zuriyar Isuwa,’Ya’ya Elifaz maza ɗan farin Isuwa, Shugabannin su ne; Teman, Omar, Zefo, Kenaz,
16 Qooraahi hangafticha, Gaataam hangaftichaa fi Amaaleq hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoom keessatti Eliifaaz irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Aadaa ti.
Kora, Gatam da kuma Amalek. Waɗannan ne manya da suka fito daga dangin Elifaz a Edom; su ne jikokin Ada.
17 Ilmaan Reʼuuʼeel ilma Esaawu: Nahaati hangafticha, Zeraa hangafticha, Shamaa hangaftichaa fi Miizaah hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoomitti Raaquʼel irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
’Ya’yan Reyuwel maza, Shugabannin su ne; Nahat, Zera, Shamma da Mizza. Waɗannan su ne manya da suka fito daga dangin Reyuwel a Edom; su ne jikokin Basemat matar Isuwa.
18 Ilmaan Oholiibaamaa niitii Esaawu: Yeʼuushi hangafticha, Yaʼilaamaa hangaftichaa fi Qooraahi hangafticha. Isaan kunneen hangafoota Ahiliibaamaa niitii Esaawu intala Aannaa irraa dhalatanii dha.
’Ya’yan Oholibama maza matar Isuwa, Shugabannin su ne; Yewush, Yalam da Kora. Waɗannan su ne manya da suka fito daga dangin Oholibama’yar Ana matar Isuwa.
19 Isaan kunneen ilmaan Esaawu Edoom jedhamu sanaa turan; isaan kunneenis hangafoota isaanii turan.
Waɗannan su ne’ya’yan Isuwa maza (wato, Edom), waɗannan ne manyansu.
20 Isaan kunneen ilmaan Seeʼiir namicha gosa Hoorii kanneen biyya sana keessa jiraachaa turanii dha; isaanis: Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa,
Waɗannan su ne’ya’yan Seyir Bahore maza, waɗanda suke zaune a yankin, Lotan, Shobal, Zibeyon, Ana,
21 Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Ilmaan Seeʼiir kanneen biyya Edoom keessaa kunneen hangafoota hoorotaa turan.
Dishon, Ezer da Dishan. Waɗannan su ne manyan Horiyawa,’ya’yan Seyir, maza, a ƙasar Edom.
22 Ilmaan Looxaan: Hoorii fi Hoomaam. Tiimnaa obboleettii Looxaan.
’Ya’yan Lotan maza su ne, Hori da Homam. Timna’yar’uwar Lotan ce.
23 Ilmaan Sobaal: Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami.
’Ya’yan Shobal maza su ne, Alwan, Manahat, Ebal, Shefo da Onam.
24 Ilmaan Zibeʼoon: Ayyaa fi Aannaa. Aannaan kunis namicha utuu harroota abbaa isaa Zibeʼoon tiksuu gammoojjii keessatti burqaa bishaan danfaa argatee dha.
’Ya’yan Zibeyon maza su ne, Aiya da Ana. Wannan shi ne Ana wanda ya sami maɓulɓulan ruwan zafi a hamada yayinda yake kiwon jakuna na mahaifinsa Zibeyon.
25 Ijoollee Aannaa: Diishoonii fi Oholiibaamaa intala Aannaa.
’Ya’yan Ana su ne, Dishon da Oholibama’yar Ana.
26 Ilmaan Diishoon: Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
’Ya’yan Dishon maza su ne, Hemdan, Eshban, Itran da Keran.
27 Ilmaan Eezeri: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan.
’Ya’yan Ezer maza su ne, Bilhan, Za’aban da Akan.
28 Ilmaan Diishaan: Uuzii fi Araan.
’Ya’yan Dishan maza su ne, Uz da Aran.
29 Isaan kunneen hangafoota Hoorotaa ti: Looxaan, Sobaali, Zibeʼoon, Aannaa,
Waɗannan su ne manyan Horiyawa, Lotan, Shobal, Zibeyon, Ana,
30 Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Isaan kunneen biyya Seeʼiiri keessatti akkuma gosa gosa isaaniitti hangafootaa Hoorotaa turan.
Dishon, Ezer da Dishan. Waɗannan su ne manyan Horiyawa, bisa ga ɓangarorinsu, a ƙasar Seyir.
31 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan:
Waɗannan su ne sarakunan da suka yi mulki a Edom kafin wani sarki mutumin Isra’ila yă yi mulki,
32 Belaa ilmi Beʼoor mootii Edoom taʼe. Magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame.
Bela ɗan Beyor ya zama sarkin Edom. Sunan birninsa shi ne Dinhaba.
33 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sa’ad da Bela ya rasu, Yobab ɗan Zera daga Bozra ya gāje shi.
34 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sa’ad da Yobab ya rasu, Husham daga ƙasar Temaniyawa ya gāje shi.
35 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
Sa’ad da Husham ya rasu, Hadad ɗan Bedad, wanda ya ci Midiyan da yaƙi a ƙasar Mowab, ya gāje shi. Sunan birninsa shi ne Awit.
36 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sa’ad da Hadad ya rasu, Samla daga Masreka ya gāje shi.
37 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sa’ad da Samla ya rasu, Sha’ul daga Rehobot na ta kogi ya gāje shi.
38 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sa’ad da Sha’ul ya rasu, Ba’al-Hanan ɗan Akbor ya gāje shi.
39 Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture. Isheenis intala Maxreed intala Mee-Zaahaab turte.
Sa’ad da Ba’al-Hanan ɗan Akbor ya rasu, Hadad ya gāje shi. Sunan birninsa shi ne Fau, kuma sunan matarsa Mehetabel ce’yar Matired, jikanyar Me-Zahab.
40 Hangafoonni Esaawu irraa dhalatan akkuma gosa gosa isaaniittii fi akkuma naannoo jireenya isaaniitti maqaa maqaan kanneenii dha: Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
Waɗannan su ne manya da suka fito daga zuriyar Isuwa, bisa ga danginsu, bisa kuma ga kabilansu da yankunansu. Sunayensu su ne, Timna, Alwa, Yetet.
41 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,
Oholibama, Ela, Finon.
42 Qenaz, Teemaan, Mibzaar,
Kenaz, Teman, Mibzar.
43 Magidiiʼeelii fi Iiraam. Namoonni kunneen akkuma lafa biyya qabatanii keessa jiraataniitti hangafoota Edoom turan. Esaawuun kunis abbaa Edoomotaa ti.
Magdiyel da Iram. Waɗannan su ne manyan Edom bisa ga mazauninsu cikin ƙasar da suka zauna. Wannan shi ne zuriyar Isuwa, kakan mutanen Edom.