< Uumama 35 >

1 Waaqni Yaaqoobiin, “Kaʼiitii Beetʼeelitti ol baʼii achi jiraadhu; achittis Waaqa yeroo ati obboleessa kee Esaawun baqatetti sitti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa tolchi” jedhe.
ויאמר אלהים אל יעקב קום עלה בית אל ושב שם ועשה שם מזבח--לאל הנראה אליך בברחך מפני עשו אחיך
2 Yaaqoob warra mana isaa jiranii fi warra isa wajjin turan hundaan akkana jedhe; “Waaqota ormaa kanneen isin of biraa qabdan irraa fagaadhaa; of qulqulleessaa; uffata keessanis geeddaradhaa.
ויאמר יעקב אל ביתו ואל כל אשר עמו הסרו את אלהי הנכר אשר בתככם והטהרו והחליפו שמלתיכם
3 Kottaa kaanee Beetʼeelitti ol baanaa; anis achitti Waaqa gaafa rakkina kootii deebii naa kenne isa iddoo ani dhaqe hundumatti na wajjin ture sanaaf iddoo aarsaa nan tolcha.”
ונקומה ונעלה בית אל ואעשה שם מזבח לאל הענה אתי ביום צרתי ויהי עמדי בדרך אשר הלכתי
4 Isaanis waaqota ormaa kanneen isaan of biraa qaban hundaa fi lootii gurra isaanii Yaaqoobitti kennan; Yaaqoobis fuudhee qilxuu Sheekemii jalatti awwaale.
ויתנו אל יעקב את כל אלהי הנכר אשר בידם ואת הנזמים אשר באזניהם ויטמן אתם יעקב תחת האלה אשר עם שכם
5 Isaanis kaʼanii qajeelan; akka namni tokko iyyuu isaan duukaa hin buuneef naasisuun Waaqaa magaalaawwan naannoo isaanii jiran irra buʼe.
ויסעו ויהי חתת אלהים על הערים אשר סביבותיהם ולא רדפו אחרי בני יעקב
6 Yaaqoobii fi namoonni isa wajjin turan hundi gara Luuzi kan Beetʼeel jedhamtuu ishee biyya Kanaʼaan keessatti argamtu sanaa dhufan.
ויבא יעקב לוזה אשר בארץ כנען--הוא בית אל הוא וכל העם אשר עמו
7 Innis achitti iddoo aarsaa tolchee sababii yeroo inni obboleessa isaa jalaa baqachaa turetti Waaqni achitti isatti of mulʼiseef iddoo sana El Beetʼeel jedhee waame.
ויבן שם מזבח ויקרא למקום אל בית אל כי שם נגלו אליו האלהים בברחו מפני אחיו
8 Debooraan guddiftuun Ribqaa duutee Beetʼeelii gaditti qilxuu jalatti awwaalamte. Maqaan isaas Aloonbaakut jedhame.
ותמת דברה מינקת רבקה ותקבר מתחת לבית אל תחת האלון ויקרא שמו אלון בכות
9 Erga Yaaqoob kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee Waaqni ammas isatti mulʼatee isa eebbise.
וירא אלהים אל יעקב עוד בבאו מפדן ארם ויברך אתו
10 Waaqni, “Maqaan kee Yaaqoob; siʼachi garuu ati Yaaqoob hin jedhamtu; maqaan kee Israaʼel jedhama” jedheen. Maqaan isaas Israaʼel jedhame.
ויאמר לו אלהים שמך יעקב לא יקרא שמך עוד יעקב כי אם ישראל יהיה שמך ויקרא את שמו ישראל
11 Waaqni akkana isaan jedhe; “Ani Waaqa Waan Hunda Dandaʼu dha; hori; baayʼadhus. Sabnii fi waldaan sabootaa sirraa argamu; mootonnis mudhii kee keessaa baʼu.
ויאמר לו אלהים אני אל שדי פרה ורבה--גוי וקהל גוים יהיה ממך ומלכים מחלציך יצאו
12 Ani biyya Abrahaamii fi Yisihaaqiif kenne siifis nan kenna; ani biyya kana sanyii kee warra si booddeetiifis nan kenna.”
ואת הארץ אשר נתתי לאברהם וליצחק--לך אתננה ולזרעך אחריך אתן את הארץ
13 Waaqnis iddoo itti isa wajjin haasaʼaa ture sanatti isa dhiisee ol baʼe.
ויעל מעליו אלהים במקום אשר דבר אתו
14 Yaaqoob iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana utubaa dhagaa tokko dhaabee kennaa dhugaatii irratti dhangalaase; zayitiis irratti dhangalaase.
ויצב יעקב מצבה במקום אשר דבר אתו--מצבת אבן ויסך עליה נסך ויצק עליה שמן
15 Yaaqoobis iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana Beetʼeel jedhee moggaase.
ויקרא יעקב את שם המקום אשר דבר אתו שם אלהים--בית אל
16 Isaanis Beetʼeelii kaʼanii adeemsa isaanii itti fufan. Akkuma isaan Efraataatti dhiʼaataniinis Raahel ciniinsuun qabamtee akka malee muddamte.
ויסעו מבית אל ויהי עוד כברת הארץ לבוא אפרתה ותלד רחל ותקש בלדתה
17 Utuu isheen daʼuuf ciniinsuu jabaa keessa jirtuus deessiftuun, “Ati waan ilma biraa deessuuf hin sodaatin” jetteen.
ויהי בהקשתה בלדתה ותאמר לה המילדת אל תיראי כי גם זה לך בן
18 Raahel garuu waan duʼuu geesseef utuma lubbuun ishee baʼaa jirtuu Ben-Oonii jettee ilma ishee moggaafte. Abbaan isaa garuu Beniyaam jedhee isa moggaase.
ויהי בצאת נפשה כי מתה ותקרא שמו בן אוני ואביו קרא לו בנימין
19 Akkasiin Raahel duutee karaa Efraataatti geessu irratti awwaalamte; Efraataan kun immoo Beetlihem.
ותמת רחל ותקבר בדרך אפרתה הוא בית לחם
20 Yaaqoobis awwaala ishee irra soodduu dhaabe; soodduun sunis hamma harʼaattuu awwaala Raahel argisiisa.
ויצב יעקב מצבה על קברתה--הוא מצבת קברת רחל עד היום
21 Israaʼel ammas achii kaʼee Migdaal Eederiin gamatti dunkaana isaa dhaabbate.
ויסע ישראל ויט אהלה מהלאה למגדל עדר
22 Utuu Israaʼel biyya sana jiraatuu Ruubeen ol seenee saajjatoo abbaa isaa Bilihaa wajjin ciise; Israaʼelis waan kana dhagaʼe. Yaaqoob ilmaan kudha lama qaba ture; isaanis:
ויהי בשכן ישראל בארץ ההוא וילך ראובן וישכב את בלהה פילגש אביו וישמע ישראל ויהיו בני יעקב שנים עשר
23 Ilmaan Liyaa: Ruubeen jechuunis ilma Yaaqoob isa hangafa, Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakorii fi Zebuuloon.
בני לאה בכור יעקב ראובן ושמעון ולוי ויהודה ויששכר וזבלון
24 Ilmaan Raahel: Yoosefii fi Beniyaam.
בני רחל יוסף ובנימן
25 Ilmaan Bilihaa jechuunis xomboree Raahel: Daanii fi Niftaalem.
ובני בלהה שפחת רחל דן ונפתלי
26 Ilmaan Zilfaa jechuunis xomboree Liyaa: Gaadii fi Aasheer. Isaan kunneen ilmaan Yaaqoob kanneen kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti isaaf dhalatanii dha.
ובני זלפה שפחת לאה גד ואשר אלה בני יעקב אשר ילד לו בפדן ארם
27 Yaaqoobis gara abbaa isaa, gara Yisihaaq, gara magaalaa Mamree ishee Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtuu, iddoo Abrahaamii fi Yisihaaq alagoota taʼanii jiraachaa turan sanaa dhufe.
ויבא יעקב אל יצחק אביו ממרא קרית הארבע--הוא חברון אשר גר שם אברהם ויצחק
28 Yisihaaq waggaa dhibba tokkoo fi saddeettama jiraate.
ויהיו ימי יצחק--מאת שנה ושמנים שנה
29 Innis umurii quufee, dulloomee hafuura isaa kan dhumaa baafatee duʼe; gara saba isaattis dabalame. Ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoobis isa awwaalan.
ויגוע יצחק וימת ויאסף אל עמיו זקן ושבע ימים ויקברו אתו עשו ויעקב בניו

< Uumama 35 >