14Isaanis akkana isaaniin jedhan; “Nu waan akkanaa gochuu hin dandeenyu; nu nama dhagna hin qabatiniif intala keenya kennuu hin dandeenyu. Kun nuuf salphina.
22Garuu namoonni kunneen akka saba tokkootti nu wajjin jiraachuuf tole kan jedhan yoo dhiironni keenya akkuma isaanii dhagna qabatan qofa.
23Loon isaanii, qabeenyi isaaniitii fi horiin isaanii kaan hundinuu kanuma keenya hin taʼanii? Kanaafuu kottaa tole isaaniin jennaa; isaanis nu wajjin ni jiraatu.”
24Namoonni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuu Hamoorii fi ilma isaa Sheekemiin walii galan; dhiironni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuus dhagna qabatan.
25Guyyaa sadii booddee utuma isaan dhukkubsachaa jiranuu, ilmaan Yaaqoobii keessaa namni lama Simiʼoonii fi Lewwiin, obboloonni Diinaa, goraadee isaanii fudhatanii magaalaa homaa quba hin qabne sana dhaʼanii dhiira hunda ajjeesan.
26Isaanis goraadeedhaan Hamoorii fi ilma isaa Sheekemin ajjeesanii Diinaa immoo mana Sheekemiitii fudhatanii qajeelan.
28Isaanis bushaayee isaanii, loon isaanii, harroota isaaniitii fi waan isaan magaalaa keessaa fi alaa qaban hunda fudhatan.
29Qabeenya isaanii hunda, dubartootaa fi ijoollee isaanii hunda fudhatanii deeman; waan mana keessa jiru hundas ni boojiʼan.
30Yaaqoobis Simiʼoonii fi Lewwiidhaan akkana jedhe; “Isin akka ani Kanaʼaanotaa fi Feerzota biyya kana jiraatanitti xireeffatamu gochuudhaan rakkoo natti fiddan. Nu baayʼinaan xinnoo dha; yoo isaan humna walitti dabalatanii na lolan anii fi warri mana koo hundinuu ni dhumna.”