< Uumama 34 >

1 Diinaan intalli Liyaan Yaaqoobiif deesse sun dubartoota biyyattii ilaaluudhaaf gad baate.
Basi Dina, Binti wa Lea aliyemzalia Yakobo, akaenda kuwaona wasichana wa nchi.
2 Sheekem ilmi Hamoor namicha gosa Hiiwii kan bulchaa biyya sanaa ture ishee arge; innis qabee humnaan ishee gudeede.
Shekemu mwana wa Hamori Mhivi, mwana mfalme wa nchi, akamwona na akamkamata kwa nguvu na kulala naye.
3 Qalbiin isaas Diinaa intala Yaaqoobiin fudhatame; innis ishee jaallatee afaan tolaa itti dubbate.
Akavutiwa na Dina, binti Yakobo. Akampenda msichana na kuongea naye kwa upole.
4 Sheekemis abbaa isaa Hamooriin, “Intala kana na fuusisi” jedhe.
Shekemu akamwambia Hamori baba yeke, kusema, “Nipe msichana huyu kuwa mke wangu.”
5 Yaaqoob yommuu intalli isaa Diinaan akka gudeedamte dhagaʼetti, ilmaan isaa dirree irra horii tiksu turan; kanaafuu Yaaqoob hamma isaan galanitti ni calʼise.
Basi Yakobo akasikia kwamba alikuwa amemchafua Dina binti yake. Wanawe walikuwa pamoja na wanyama uwandani, hivyo Yakaobo akawangoja hata walipokuja.
6 Hamoor abbaan Sheekemis Yaaqoob wajjin dubbachuu dhaqe.
Hamori baba wa Shekemu akaenda kuongea na Yakobo.
7 Ilmaan Yaaqoobis akkuma waan uumame sana dhagaʼaniin dirreedhaa dhufan. Isaanis sababii Sheekem intala Yaaqoob wajjin ciisuudhaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa hojjeteef ni gaddan; akka malees aaran.
Wana wa Yakobo waliposikia neno hili wakaja kutoka uwandani. Watu hawa walichukizwa sana. Walikasirika sana kwa sababu alikuwa amemwaibisha Israeli kwa kumlazimisha binti wa Yakobo, kwa maana jambo kama hilo halikupasa kutendeka.
8 Hamoor garuu akkana isaaniin jedhe; “Qalbiin ilma koo Sheekem intala keessan irra buʼeera. Maaloo isatti ishee heerumsiisaa.
Hamori akaongea nao, akisema, “Shekemu mwanangu anampenda binti yenu. Tafadhari mpeni kuwa mke wake.
9 Fuudhaa fi heerumaan walitti firoomnaa; intallan keessan nuu kennaa; intallan keenyas fuudhaa.
Mwoane nasi, tupeni binti zenu, na mjichukulie binti zetu kwa ajili yenu wenyewe.
10 Nu wajjin jiraadhaa; biyyattiin fuula keessan dura jirti; keessa jiraadhaatii itti daldalaa; qabeenyas itti horadhaa.”
Mtaishi nasi, na nchi itakuwa wazi kwa ajili yenu kufanya biashara humo, na kupata mali.”
11 Sheekemis abbaa Diinaatii fi obboloota isheetiin akkana jedhe; “Ani fuula keessan duratti fudhatama argannaan waanuma isin naan jettan isiniif nan kenna.
Shekemu akamwambia baba yake na ndugu zake, “Na nione kibari machoni penu, na chochote mtakachoniambia nitatoa.
12 Isinis gabbara misirrittiitii fi kennaa ani fiduu qabu hamma feetan natti muraa; anis waan isin naan jettan nan baasa. Intalattii qofa natti heerumsiisaa.”
Niambieni kiasi kikubwa chochote cha mahari na zawadi kama mtakavyo, nami nitatoa chochote msemacho, lakini mnipe msichana kuwa mke wangu.”
13 Ilmaan Yaaqoob immoo waan Sheekem obboleettii isaanii Diinaa gudeedeef yeroo Sheekemii fi abbaa isaa Hamooriif deebii kennanitti haxxummaadhaan dubbatan.
Wana wa Yakobo wakamjibu Shekemu na Hamori baba yake kwa hila, kwa sababu Shekemu alikuwa amemnajisi Dina dada yao.
14 Isaanis akkana isaaniin jedhan; “Nu waan akkanaa gochuu hin dandeenyu; nu nama dhagna hin qabatiniif intala keenya kennuu hin dandeenyu. Kun nuuf salphina.
Wakawambia, “Hatuwezi kufanya jambo hili, kumpa dada yetu mtu yeyote ambaye hajatailiwa; kwani hiyo ni aibu kwetu.
15 Nu waan tokko qofaan tole isiniin jenna; kunis yoo isin dhiira keessan hunda dhagna qabdanii akkuma keenya taatanii dha.
Kwa sharti hili peke yake tutakubaliana nanyi: iwapo mtatailiwa kama sisi, ikiwa kila mtu mme miongoni mwenu atatailiwa.
16 Ergasii nu intallan keenya isinii kennina; intallan keessan immoo ni fuuna. Gidduu keessan ni jiraanna; isin wajjinis saba tokko ni taana.
Ndipo tutakapowapa binti zetu, nasi tutachukua binti zenu kwetu sisi wenyewe, na tutaishi nanyi na kuwa wamoja.
17 Garuu yoo isin dhagna qabachuu diddan nu obboleettii keenya fudhannee deemna.”
Lakini kama hamtusikilizi na kutailiwa, ndipo tutakapomchukua dada yetu na kuondoka.
18 Dubbiin isaanii Hamoorii fi Sheekem ilma Hamoor ni gammachiise.
Maneno yao yakawafurahisha Hamori na Shekemu mwanaye.
19 Sheekem namoota mana abbaa isaa jiraatan hunda caalaa kabajamaa ture; inni sababii intala Yaaqoobitti gammadeef waan kana lafa irra hin harkifne;
Kijana hakukawia kufanya walichokisema, kwa maana alipendezwa na binti Yakobo, na kwa sababu alikuwa mtu aliyeheshimiwa sana katika nyumba ya babaye.
20 Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem gara karra magaalaa isaanii dhufanii namoota magaalaa isaaniitiin akkana jedhan;
Hamori na Shekemu mwanaye wakaenda katika lango la mji wao na kuongea na watu wa mji, kusema,
21 “Jarri kun nuuf warra nagaa ti; kanaafuu biyyattii keessa jiraatanii itti haa daldalatan. Biyyattiin isaaniif lafa balʼaa qabdi; nu intallan isaanii haa fuunu; isaanis intallan keenya haa fuudhan.
“Watu hawa wanaamani nasi, hivyo na waishi katika nchi na kufanya biashara humo kwa maana, kweli, nchi ni kubwa ya kuwatosha. Haya na tuwachukue binti zao kuwa wake, nasi tuwape binti zetu.
22 Garuu namoonni kunneen akka saba tokkootti nu wajjin jiraachuuf tole kan jedhan yoo dhiironni keenya akkuma isaanii dhagna qabatan qofa.
Kwa shariti hili pekee watu hawa wanakubali kuishi nasi na kuwa wamoja: ikiwa kila mwanamme miongoni mwetu atatailiwa, kama wao.
23 Loon isaanii, qabeenyi isaaniitii fi horiin isaanii kaan hundinuu kanuma keenya hin taʼanii? Kanaafuu kottaa tole isaaniin jennaa; isaanis nu wajjin ni jiraatu.”
Je wanyama wao na vitu vyao - wanyama wao wote kuwa wetu? Haya na tukubaliane nao, nao wataishi kati yetu.”
24 Namoonni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuu Hamoorii fi ilma isaa Sheekemiin walii galan; dhiironni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuus dhagna qabatan.
Watu wote wa mji wakamsikiliza Hamori na Shekemu, mwanaye. Kila mwanamme akatailiwa.
25 Guyyaa sadii booddee utuma isaan dhukkubsachaa jiranuu, ilmaan Yaaqoobii keessaa namni lama Simiʼoonii fi Lewwiin, obboloonni Diinaa, goraadee isaanii fudhatanii magaalaa homaa quba hin qabne sana dhaʼanii dhiira hunda ajjeesan.
Katika siku ya tatu, walipokuwa katika maumivu bado, wawili wa wana wa Yakobo (Simoni na Lawi, kaka zake Dina), wakachukua kila mmoja upanga wake na kuushambulia mji ambao ulikuwa na uhakika wa ulinzi wake, nao wakauwa wanamme wote.
26 Isaanis goraadeedhaan Hamoorii fi ilma isaa Sheekemin ajjeesanii Diinaa immoo mana Sheekemiitii fudhatanii qajeelan.
Wakamwua Hamori na Shekemu kwa makali ya upanga. Wakamchukua Dina kutoka nyumba ya Shekemu na kuondoka.
27 Ilmaan Yaaqoobis reeffawwan irra darbanii magaalaa obboleettiin isaanii itti gudeedamte sana saaman.
Wale wana wengine wa Yakobo wakaja kwa maiti na kuuteka nyara mji, kwa sababu watu wale walikuwa wamemnajisi dada yao.
28 Isaanis bushaayee isaanii, loon isaanii, harroota isaaniitii fi waan isaan magaalaa keessaa fi alaa qaban hunda fudhatan.
Wakachukua makundi yao ya kondoo, mbuzi, punda, na kila kitu ndani ya mji na viunga vyake
29 Qabeenya isaanii hunda, dubartootaa fi ijoollee isaanii hunda fudhatanii deeman; waan mana keessa jiru hundas ni boojiʼan.
utajiri wote. Watoto na wake zao wote, wakawachukua. Hata wakachukua kila kitu kilichokua katika nyumba.
30 Yaaqoobis Simiʼoonii fi Lewwiidhaan akkana jedhe; “Isin akka ani Kanaʼaanotaa fi Feerzota biyya kana jiraatanitti xireeffatamu gochuudhaan rakkoo natti fiddan. Nu baayʼinaan xinnoo dha; yoo isaan humna walitti dabalatanii na lolan anii fi warri mana koo hundinuu ni dhumna.”
Yakobo akawambia Simoni na Lawi, “Mmeleta shida juu yangu, kunifanya ninuke kwa wenyeji wa nchi, Wakanaani na Waperizi. Mimi nina watu wachache. Ikiwa watajikusanya pamoja kinyume changu na kunishambulia.”
31 Isaan garuu, “Yoos inni akkuma sagaagaltuu tokkootti obboleettii keenyatti haa taphatuu ree?” jedhanii deebisan.
Lakini Simoni na Lawi wakasema, “Je Shekemu alipaswa kumtendea dada yetu kama kahaba?”

< Uumama 34 >