< Uumama 34 >

1 Diinaan intalli Liyaan Yaaqoobiif deesse sun dubartoota biyyattii ilaaluudhaaf gad baate.
Now Dinah, the daughter Leah had borne to Jacob, went out to visit the daughters of the land.
2 Sheekem ilmi Hamoor namicha gosa Hiiwii kan bulchaa biyya sanaa ture ishee arge; innis qabee humnaan ishee gudeede.
When Shechem son of Hamor the Hivite, the prince of the region, saw her, he took her and lay with her by force.
3 Qalbiin isaas Diinaa intala Yaaqoobiin fudhatame; innis ishee jaallatee afaan tolaa itti dubbate.
And his soul was drawn to Dinah, the daughter of Jacob. He loved the young girl and spoke to her tenderly.
4 Sheekemis abbaa isaa Hamooriin, “Intala kana na fuusisi” jedhe.
So Shechem told his father Hamor, “Get me this girl as a wife.”
5 Yaaqoob yommuu intalli isaa Diinaan akka gudeedamte dhagaʼetti, ilmaan isaa dirree irra horii tiksu turan; kanaafuu Yaaqoob hamma isaan galanitti ni calʼise.
Jacob heard that Shechem had defiled his daughter Dinah, but since his sons were with his livestock in the field, he remained silent about it until they returned.
6 Hamoor abbaan Sheekemis Yaaqoob wajjin dubbachuu dhaqe.
Meanwhile, Shechem’s father Hamor came to speak with Jacob.
7 Ilmaan Yaaqoobis akkuma waan uumame sana dhagaʼaniin dirreedhaa dhufan. Isaanis sababii Sheekem intala Yaaqoob wajjin ciisuudhaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa hojjeteef ni gaddan; akka malees aaran.
When Jacob’s sons heard what had happened, they returned from the field. They were filled with grief and fury, because Shechem had committed an outrage in Israel by lying with Jacob’s daughter—a thing that should not be done.
8 Hamoor garuu akkana isaaniin jedhe; “Qalbiin ilma koo Sheekem intala keessan irra buʼeera. Maaloo isatti ishee heerumsiisaa.
But Hamor said to them, “My son Shechem longs for your daughter. Please give her to him as his wife.
9 Fuudhaa fi heerumaan walitti firoomnaa; intallan keessan nuu kennaa; intallan keenyas fuudhaa.
Intermarry with us; give us your daughters, and take our daughters for yourselves.
10 Nu wajjin jiraadhaa; biyyattiin fuula keessan dura jirti; keessa jiraadhaatii itti daldalaa; qabeenyas itti horadhaa.”
You may settle among us, and the land will be open to you. Live here, move about freely, and acquire your own property.”
11 Sheekemis abbaa Diinaatii fi obboloota isheetiin akkana jedhe; “Ani fuula keessan duratti fudhatama argannaan waanuma isin naan jettan isiniif nan kenna.
Then Shechem said to Dinah’s father and brothers, “Grant me this favor, and I will give you whatever you ask.
12 Isinis gabbara misirrittiitii fi kennaa ani fiduu qabu hamma feetan natti muraa; anis waan isin naan jettan nan baasa. Intalattii qofa natti heerumsiisaa.”
Demand a high dowry and an expensive gift, and I will give you whatever you ask. Only give me the girl as my wife!”
13 Ilmaan Yaaqoob immoo waan Sheekem obboleettii isaanii Diinaa gudeedeef yeroo Sheekemii fi abbaa isaa Hamooriif deebii kennanitti haxxummaadhaan dubbatan.
But because Shechem had defiled their sister Dinah, Jacob’s sons answered him and his father Hamor deceitfully.
14 Isaanis akkana isaaniin jedhan; “Nu waan akkanaa gochuu hin dandeenyu; nu nama dhagna hin qabatiniif intala keenya kennuu hin dandeenyu. Kun nuuf salphina.
“We cannot do such a thing,” they said. “To give our sister to an uncircumcised man would be a disgrace to us.
15 Nu waan tokko qofaan tole isiniin jenna; kunis yoo isin dhiira keessan hunda dhagna qabdanii akkuma keenya taatanii dha.
We will consent to this on one condition, that you become circumcised like us—every one of your males.
16 Ergasii nu intallan keenya isinii kennina; intallan keessan immoo ni fuuna. Gidduu keessan ni jiraanna; isin wajjinis saba tokko ni taana.
Then we will give you our daughters and take your daughters for ourselves. We will dwell among you and become one people.
17 Garuu yoo isin dhagna qabachuu diddan nu obboleettii keenya fudhannee deemna.”
But if you will not agree to be circumcised, then we will take our sister and go.”
18 Dubbiin isaanii Hamoorii fi Sheekem ilma Hamoor ni gammachiise.
Their offer seemed good to Hamor and his son Shechem.
19 Sheekem namoota mana abbaa isaa jiraatan hunda caalaa kabajamaa ture; inni sababii intala Yaaqoobitti gammadeef waan kana lafa irra hin harkifne;
The young man, who was the most respected of all his father’s household, did not hesitate to fulfill this request, because he was delighted with Jacob’s daughter.
20 Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem gara karra magaalaa isaanii dhufanii namoota magaalaa isaaniitiin akkana jedhan;
So Hamor and his son Shechem went to the gate of their city and addressed the men of their city:
21 “Jarri kun nuuf warra nagaa ti; kanaafuu biyyattii keessa jiraatanii itti haa daldalatan. Biyyattiin isaaniif lafa balʼaa qabdi; nu intallan isaanii haa fuunu; isaanis intallan keenya haa fuudhan.
“These men are at peace with us. Let them live and trade in our land; indeed, it is large enough for them. Let us take their daughters in marriage and give our daughters to them.
22 Garuu namoonni kunneen akka saba tokkootti nu wajjin jiraachuuf tole kan jedhan yoo dhiironni keenya akkuma isaanii dhagna qabatan qofa.
But only on this condition will the men agree to dwell with us and be one people: if all our men are circumcised as they are.
23 Loon isaanii, qabeenyi isaaniitii fi horiin isaanii kaan hundinuu kanuma keenya hin taʼanii? Kanaafuu kottaa tole isaaniin jennaa; isaanis nu wajjin ni jiraatu.”
Will not their livestock, their possessions, and all their animals become ours? Only let us consent to them, and they will dwell among us.”
24 Namoonni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuu Hamoorii fi ilma isaa Sheekemiin walii galan; dhiironni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuus dhagna qabatan.
All the men who went out of the city gate listened to Hamor and his son Shechem, and every male of the city was circumcised.
25 Guyyaa sadii booddee utuma isaan dhukkubsachaa jiranuu, ilmaan Yaaqoobii keessaa namni lama Simiʼoonii fi Lewwiin, obboloonni Diinaa, goraadee isaanii fudhatanii magaalaa homaa quba hin qabne sana dhaʼanii dhiira hunda ajjeesan.
Three days later, while they were still in pain, two of Jacob’s sons (Dinah’s brothers Simeon and Levi) took their swords, went into the unsuspecting city, and slaughtered every male.
26 Isaanis goraadeedhaan Hamoorii fi ilma isaa Sheekemin ajjeesanii Diinaa immoo mana Sheekemiitii fudhatanii qajeelan.
They killed Hamor and his son Shechem with their swords, took Dinah out of Shechem’s house, and went away.
27 Ilmaan Yaaqoobis reeffawwan irra darbanii magaalaa obboleettiin isaanii itti gudeedamte sana saaman.
Jacob’s other sons came upon the slaughter and looted the city, because their sister had been defiled.
28 Isaanis bushaayee isaanii, loon isaanii, harroota isaaniitii fi waan isaan magaalaa keessaa fi alaa qaban hunda fudhatan.
They took their flocks and herds and donkeys, and everything else in the city or in the field.
29 Qabeenya isaanii hunda, dubartootaa fi ijoollee isaanii hunda fudhatanii deeman; waan mana keessa jiru hundas ni boojiʼan.
They carried off all their possessions and women and children, and they plundered everything in their houses.
30 Yaaqoobis Simiʼoonii fi Lewwiidhaan akkana jedhe; “Isin akka ani Kanaʼaanotaa fi Feerzota biyya kana jiraatanitti xireeffatamu gochuudhaan rakkoo natti fiddan. Nu baayʼinaan xinnoo dha; yoo isaan humna walitti dabalatanii na lolan anii fi warri mana koo hundinuu ni dhumna.”
Then Jacob said to Simeon and Levi, “You have brought trouble upon me by making me a stench to the Canaanites and Perizzites, the people of this land. We are few in number; if they unite against me and attack me, I and my household will be destroyed.”
31 Isaan garuu, “Yoos inni akkuma sagaagaltuu tokkootti obboleettii keenyatti haa taphatuu ree?” jedhanii deebisan.
But they replied, “Should he have treated our sister like a prostitute?”

< Uumama 34 >