8Esaawu, “Bushaayee fi loon ani argu kun hundi maali?” jedhee gaafate. Yaaqoobis, “Ani fuula kee fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuuf jedhee ti” jedhe.
9Esaawu immoo, “Yaa obboleessa koo ani waan na gaʼu qaba. Ati waan qabdu ofuma keetii hambifadhu” jedheen.
10Yaaqoobis akkana jedhe; “Maaloo akkas miti! Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, kennaa kana na harkaa fudhadhu. Egaa amma ati fuula tolaadhaan na simatteerta; fuula kee arguun anaaf akkuma fuula Waaqaa arguutii.
11Sababii Waaqni natti arjoomee anis waan na barbaachisu hunda qabuuf maaloo kennaa ani siif fide kana fudhadhu.” Esaawus waan Yaaqoob cimsee isa kadhateef kennaa sana ni fudhate.
12Esaawus, “Kottu karaa keenya itti fufnee haa deemnu; ani si dura nan buʼaa” jedhe.
13Yaaqoob garuu akkana isaan jedhe; “Akka ijoolleen dadhaboo taʼanii fi akka anis hoolotaa fi saawwan hoosisaniif kunuunsa gochuu qabu ati gooftaan koo ni beekta. Horiin kunneen yoo guyyuma tokkoon jarjarsuudhaan oofaman hundi isaanii ni dhumu.
14Gooftaan koo garbicha isaa dura darbee haa deemu; ani immoo hamman Seeʼiiritti gooftaa koo qaqqabutti akkuma humna bushaayee fuula koo dura jirutii fi akkuma humna ijoolleetti suuta jedhee nan deema.”
15Esaawus, “Yoos namoota koo keessaa muraasa si biratti nan dhiisa” jedhe. Yaaqoob immoo, “Kun maaliif barbaachisaa? Fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuun qofti na gaʼa” jedhe.
16Esaawus guyyuma sana karaa isaa irra Seeʼiiritti deebiʼe.
17Yaaqoob garuu Sukooti dhaqee achitti ofii isaatiif mana ijaarrate; horii isaatiif immoo daasii ijaare. Kanaafuu iddoon sun Suukooti jedhame.