< Uumama 33 >

1 Yaaqoobis ol jedhee ilaalee kunoo Esaawu namoota dhibba afur wajjin utuu dhufaa jiruu arge; innis Liyaatti, Raahelii fi xomboreewwan lamaanitti ijoollee gargari hire.
Now Jacob looked up and saw that Esau approaching, and with him four hundred men. He divided the children between Leah, Rachel, and the two female servants.
2 Xomboreewwanii fi ijoollee isaanii dura aanse; Liyaa fi ijoollee ishee itti aansee, Raahelii fi Yoosefin immoo dugda duuba buuse.
He put the female servants and their children in front, Leah and her children after, and Rachel and Joseph last.
3 Ofii isaatii immoo isaan dura darbee hamma obboleessa isaa bira gaʼutti yeroo torba lafatti gad jedhee harka fuudhe.
He himself went on ahead of them, and bowed himself to the ground seven times, until he approached his brother.
4 Esaawu garuu Yaaqoobin simachuuf itti fiigee isa hammate; morma isaattis marmee isa dhungate. Isaan lachanuu walitti booʼan.
Esau ran to meet him, embraced him, hugged his neck, and kissed him. And they wept.
5 Esaawus ol jedhee ilaalee dubartootaa fi ijoollee argee, “Warri si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate. Yaaqoobis deebise, “Isaan ijoollee Waaqni arjummaadhaan ana garbicha keetiif kennee dha” jedhe.
And he looked up and saw the women and the children, and said, "Who are these with you?" He said, "The children whom God has graciously given your servant."
6 Xomboreewwanii fi ijoolleen isaanii dhiʼaatanii gad jedhanii harka fuudhan.
Then the female servants came forward with their children, and they bowed themselves.
7 Itti aansaniis Liyaa fi ijoolleen ishee dhufanii gad jedhanii harka fuudhan. Dhuma irratti immoo Yoosefii fi Raahel dhufanii gad jedhani harka fuudhan.
Leah also and her children came forward, and bowed themselves. After them, Joseph came forward with Rachel, and they bowed themselves.
8 Esaawu, “Bushaayee fi loon ani argu kun hundi maali?” jedhee gaafate. Yaaqoobis, “Ani fuula kee fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuuf jedhee ti” jedhe.
Esau said, "What do you mean by all this company which I met?" Jacob said, "To find favor in the sight of my lord."
9 Esaawu immoo, “Yaa obboleessa koo ani waan na gaʼu qaba. Ati waan qabdu ofuma keetii hambifadhu” jedheen.
Esau said, "I have enough, my brother; keep what you have for yourself."
10 Yaaqoobis akkana jedhe; “Maaloo akkas miti! Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, kennaa kana na harkaa fudhadhu. Egaa amma ati fuula tolaadhaan na simatteerta; fuula kee arguun anaaf akkuma fuula Waaqaa arguutii.
Jacob said, "No, please, if I have now found favor in our sight, then accept my present from my hand, because I have seen your face, which is like seeing the face of God, since you have accepted me.
11 Sababii Waaqni natti arjoomee anis waan na barbaachisu hunda qabuuf maaloo kennaa ani siif fide kana fudhadhu.” Esaawus waan Yaaqoob cimsee isa kadhateef kennaa sana ni fudhate.
Please take the gift that I brought to you, because God has been gracious to me, and because I have enough." Thus he urged him, and he took it.
12 Esaawus, “Kottu karaa keenya itti fufnee haa deemnu; ani si dura nan buʼaa” jedhe.
Esau said, "Let us take our journey, and let us go, and I will go ahead of you."
13 Yaaqoob garuu akkana isaan jedhe; “Akka ijoolleen dadhaboo taʼanii fi akka anis hoolotaa fi saawwan hoosisaniif kunuunsa gochuu qabu ati gooftaan koo ni beekta. Horiin kunneen yoo guyyuma tokkoon jarjarsuudhaan oofaman hundi isaanii ni dhumu.
Jacob said to him, "My lord knows that the children are tender, and that the sheep and cattle with me have their young, and if they overdrive them one day, the whole herd will die.
14 Gooftaan koo garbicha isaa dura darbee haa deemu; ani immoo hamman Seeʼiiritti gooftaa koo qaqqabutti akkuma humna bushaayee fuula koo dura jirutii fi akkuma humna ijoolleetti suuta jedhee nan deema.”
Please let my lord pass on ahead of his servant, and I will move along slowly, at the pace of the herds that are before me and at the pace of the children, until I come to my lord at Seir."
15 Esaawus, “Yoos namoota koo keessaa muraasa si biratti nan dhiisa” jedhe. Yaaqoob immoo, “Kun maaliif barbaachisaa? Fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuun qofti na gaʼa” jedhe.
Esau said, "Let me now leave with you some of my people who are with me." But he said, "What need is there? Please indulge me, my lord."
16 Esaawus guyyuma sana karaa isaa irra Seeʼiiritti deebiʼe.
So Esau returned that day on the road to Seir.
17 Yaaqoob garuu Sukooti dhaqee achitti ofii isaatiif mana ijaarrate; horii isaatiif immoo daasii ijaare. Kanaafuu iddoon sun Suukooti jedhame.
But Jacob traveled to Succoth, and he built himself a house, and made shelters for his livestock. Therefore the name of the place is called Succoth.
18 Yaaqoob erga kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee nagaan magaalaa Sheekem ishee biyya Kanaʼaan keessaa sana gaʼee fuula magaalattii dura qubate.
After Jacob came from Paddan Aram, he arrived safely at the city of Shechem, which is in the land of Canaan, and camped near the city.
19 Innis lafa dunkaana isaa irra dhaabate sana ilmaan Hamoor irraa meetii dhibbaan bitate; Hamoor immoo abbaa Sheekem.
He purchased the parcel of land where he had pitched his tent, from the sons of Hamor, Shechem's father, for a hundred kesitahs.
20 Yaaqoobis achitti iddoo aarsaa ijaaree El Elohee Israaʼel jedhee moggaase.
He erected an altar there and called it El Elohe Israel.

< Uumama 33 >