< Uumama 32 >

1 Yaaqoobis karaa isaa itti fufe; ergamoonni Waaqayyoos isatti dhufan.
ויעקב הלך לדרכו ויפגעו בו מלאכי אלהים
2 Innis yommuu isaan argetti, “Kun buufata Waaqaa ti” jedhe; iddoo sanas Mahanayiim jedhee moggaase.
ויאמר יעקב כאשר ראם מחנה אלהים זה ויקרא שם המקום ההוא מחנים
3 Yaaqoobis gara obboleessa isaa Esaawu kan biyya Edoom lafa Seeʼiir jedhamu keessa jiraatuutti ergamoota of dura erge.
וישלח יעקב מלאכים לפניו אל עשו אחיו ארצה שעיר שדה אדום
4 Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin gooftaa koo Esaawuun akkana jedhaa: ‘Garbichi kee Yaaqoob akkana jedha; ani Laabaa bira jiraadhee hamma ammaattis isuma biran ture.
ויצו אתם לאמר כה תאמרון לאדני לעשו כה אמר עבדך יעקב עם לבן גרתי ואחר עד עתה
5 Ani loonii fi harroota, hoolotaa fi reʼoota, hojjettoota dhiiraatii fi dubartootas qaba. Ammas ani fuula kee duratti surraa akkan argadhuuf ergaa kana gooftaa kootti nan erga.’”
ויהי לי שור וחמור צאן ועבד ושפחה ואשלחה להגיד לאדני למצא חן בעיניך
6 Ergamoonni sunis gara Yaaqoobitti deebiʼanii, “Nu obboleessa kee Esaawu bira dhaqneerra; innis si simachuuf dhufaa jira; namoonni dhibba afur isa wajjin jiru” jedhaniin.
וישבו המלאכים אל יעקב לאמר באנו אל אחיך אל עשו וגם הלך לקראתך וארבע מאות איש עמו
7 Yaaqoobis akka malee sodaatee dhiphate; namoota isa wajjin turanis garee lamatti qoode; bushaayee, loowwanii fi gaalawwan illee akkasuma garee lamatti qoode.
ויירא יעקב מאד ויצר לו ויחץ את העם אשר אתו ואת הצאן ואת הבקר והגמלים--לשני מחנות
8 Innis, “Yoo Esaawu dhufee garee tokko dhaʼe, gareen kaan jalaa baʼa” jedhee yaade.
ויאמר אם יבוא עשו אל המחנה האחת והכהו--והיה המחנה הנשאר לפליטה
9 Yaaqoob akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqa abbaa koo Abrahaam, Waaqa abbaa koo Yisihaaq, yaa Waaqayyo, isa ‘Ati gara biyya keetii fi gara firoota keetiitti deebiʼi, ani waan gaarii siifin godhaa’ naan jette sun,
ויאמר יעקב אלהי אבי אברהם ואלהי אבי יצחק יהוה האמר אלי שוב לארצך ולמולדתך--ואיטיבה עמך
10 ani gaarummaa fi amanamummaa ati ana garbicha kee argisiifte kana hundaaf hin malu. Ani yeroo Yordaanos kana ceʼetti ulee koo qofa qaban ture; amma garuu garee lama taʼeen jira.
קטנתי מכל החסדים ומכל האמת אשר עשית את עבדך כי במקלי עברתי את הירדן הזה ועתה הייתי לשני מחנות
11 Ani akka ati harka obboleessa koo Esaawu jalaa na baastu sin kadhadha. Ani, ‘Inni dhufee na ajjeesa; haadhotas ijoollee isaanii wajjin ni ajjeesa’ jedhee sodaadheeraatii.
הצילני נא מיד אחי מיד עשו כי ירא אנכי אתו--פן יבוא והכני אם על בנים
12 Ati garuu, ‘Ani dhugumaan waan gaarii siifin godha; sanyii kees akka cirracha galaanaa kan lakkaaʼamuu hin dandeenye sanaa nan godha’ jetteerta.”
ואתה אמרת היטב איטיב עמך ושמתי את זרעך כחול הים אשר לא יספר מרב
13 Inni halkan sana achuma bule; waan of biraa qabu keessaas kennaa obboleessa isaa Esaawuuf kennu filate;
וילן שם בלילה ההוא ויקח מן הבא בידו מנחה--לעשו אחיו
14 isaanis reʼoota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii reʼee digdama, hoolota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolaa digdama,
עזים מאתים ותישים עשרים רחלים מאתים ואילים עשרים
15 gaalawwan dhalaa soddoma ilmaan isaanii wajjin, saawwan afurtama, jiboota loonii kudhan, harroota dhaltuu digdama, wadala harrootaa kudhan turan.
גמלים מיניקות ובניהם שלשים פרות ארבעים ופרים עשרה אתנת עשרים ועירם עשרה
16 Innis karra karraan addaan baasee tajaajiltoota isaatti kennee, “Na dura darbaa deemaa; karrawwan horii gidduuttis lafa hambisaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
ויתן ביד עבדיו עדר עדר לבדו ויאמר אל עבדיו עברו לפני ורוח תשימו בין עדר ובין עדר
17 Namicha fuula duraan jiru sanaanis akkana jedhe: “Yoo Esaaw obboleessi koo sitti dhufe, ‘Ati kan eenyuu ti? Eessa dhaqxa? Horiin fuula kee dura jiru kun kan eenyuu ti?’ jedhee si gaafate,
ויצו את הראשון לאמר כי יפגשך עשו אחי ושאלך לאמר למי אתה ואנה תלך ולמי אלה לפניך
18 ati, ‘Kan garbicha kee Yaaqoob. Isaanis kennaa gooftaa koo Esaawuuf ergamanii dha; kunoo, Yaaqoobis nu duubaan dhufaa jira’ jechuu qabda.”
ואמרת לעבדך ליעקב--מנחה הוא שלוחה לאדני לעשו והנה גם הוא אחרינו
19 Namicha lammaffaa, sadaffaa fi warra karrawwan sana faana deeman hundas akkana jedhee ajaje; “Isinis yoo Esaawun argitan waanuma kana isatti himaa.
ויצו גם את השני גם את השלישי גם את כל ההלכים אחרי העדרים לאמר כדבר הזה תדברון אל עשו במצאכם אתו
20 Akkasumas, ‘Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duubaan dhufaa jira’ jedhaa.” Inni, “Ani kennaa of dura ergeef kanaan isa nan araarfadha; ergasii immoo ani yommuun isa argutti tarii inni na simata taʼa” jedhee yaadee tureetii.
ואמרתם--גם הנה עבדך יעקב אחרינו כי אמר אכפרה פניו במנחה ההלכת לפני ואחרי כן אראה פניו אולי ישא פני
21 Kennaan Yaaqoobiis isa dura darbe; Yaaqoob garuu halkan sana qubata sana keessa bule.
ותעבר המנחה על פניו והוא לן בלילה ההוא במחנה
22 Halkanuma sana Yaaqoob kaʼee niitota isaa lamaan, xomboreewwan isaa lamaanii fi ilmaan isaa kudha tokko fudhatee malkaa Yaaboq ceʼe.
ויקם בלילה הוא ויקח את שתי נשיו ואת שתי שפחתיו ואת אחד עשר ילדיו ויעבר את מעבר יבק
23 Innis erga laga isaan ceesisee booddee qabeenya isaa hunda erge.
ויקחם--ויעברם את הנחל ויעבר את אשר לו
24 Yaaqoob immoo kophaa isaa hafe; namichi tokkos hamma lafti bariitutti walʼaansoo isa qabe.
ויותר יעקב לבדו ויאבק איש עמו עד עלות השחר
25 Namichis yommuu akka Yaaqoobin moʼachuu hin dandeenye argetti, buusaa luqqeettuu Yaaqoob tuqe; yeroo inni namicha wajjin walʼaansoo qabettis luqqeettuun Yaaqoob ni adoode.
וירא כי לא יכל לו ויגע בכף ירכו ותקע כף ירך יעקב בהאבקו עמו
26 Namichis, “Waan bariʼuu gaʼeef gad na dhiisi” jedhe. Yaaqoob garuu, “Yoo ati na eebbifte malee ani gad si hin dhiisu” jedhee deebise.
ויאמר שלחני כי עלה השחר ויאמר לא אשלחך כי אם ברכתני
27 Namichis, “Maqaan kee eenyu” jedhee isa gaafate. Inni immoo, “Yaaqoob” jedhee deebise.
ויאמר אליו מה שמך ויאמר יעקב
28 Namichis, “Ati sababii Waaqaa fi namoota wajjin walʼaansoo qabdee moʼatteef siʼachi Israaʼel jedhamta malee Yaaqoob hin jedhamtu” jedhe.
ויאמר לא יעקב יאמר עוד שמך--כי אם ישראל כי שרית עם אלהים ועם אנשים ותוכל
29 Yaaqoobis, “Maaloo maqaa kee natti himi” jedheen. Inni garuu, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta?” jedheen. Ergasiis inni achumatti isa eebbise.
וישאל יעקב ויאמר הגידה נא שמך ויאמר למה זה תשאל לשמי ויברך אתו שם
30 Yaaqoobis, “Ani ifaan ifatti Waaqa argeeraatii; lubbuun koo garuu oolfamteerti” jedhee iddoo sana Pheniiʼeel jedhee moggaase.
ויקרא יעקב שם המקום פניאל כי ראיתי אלהים פנים אל פנים ותנצל נפשי
31 Akkuma inni Phenuuʼeelin darbeen aduun isatti baate; innis sababii luqqeettuu isaatiif okkolaa ture.
ויזרח לו השמש כאשר עבר את פנואל והוא צלע על ירכו
32 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti ribuu tafaa hin nyaatan; inni buusaa luqqeettuu Yaaqoob kan tafaan wal qabatu tuqee tureetii.
על כן לא יאכלו בני ישראל את גיד הנשה אשר על כף הירך עד היום הזה כי נגע בכף ירך יעקב בגיד הנשה

< Uumama 32 >