10“Anis gaaf tokko waqtii gaana bushaayeetti abjuu keessa ol ilaalee kunoo korbeeyyiin reʼootatti hobobsan akka halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan nan arge.
11Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, ‘Yaaqoob’ naan jedhe. Ani, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise.
12Inni immoo akkana naan jedhe; ‘Akka korbeeyyiin reʼootaa kanneen bushaayeetti hobobsan hundinuu halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan ol jedhii ilaali. Ani waan Laabaan sitti hojjete hunda argeeraatii.
13Ani Waaqa Beetʼeel lafa ati itti utubaa dibdee wareega naaf wareegde sanaa ti. Amma kaʼiitii biyya kana keessaa baʼiitii gara biyya fira keetiitti deebiʼi.’”
14Kana irratti Raahelii fi Liyaan akkana jedhanii deebisan; “Qoodni yookaan dhaalli mana abbaa keenyaatti nuu hafe jiraa?
15Inni akkuma ormaatti nu ilaala mitii? Inni nu gurgurateeraatii maallaqa sababii keenyaaf kenname nyaatee fixeera.
16Qabeenyi Waaqni abbaa keenya irraa fuudhe hundi kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti. Egaa waan Waaqni sitti hime hunda godhi.”
17Yaaqoobis ijoollee isaatii fi niitota isaa gaalawwan irra kaaʼate;
18horii fi qabeenya kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti horatte hunda of dura oofee gara biyya Kanaʼaan abbaa isaa Yisihaaq bira dhaquuf kaʼe.
24Waaqnis halkan abjuudhaan gara Laabaan namicha biyya Arraam sanaa dhufee, “Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko iyyuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu” isaan jedhe.
25Yaaqoob yeroo Laabaan isa qaqqabetti, biyya gaaraa Giliʼaad keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaa fi firoonni isaas achi qubatan.
26Laabaanis Yaaqoobiin akkana jedhe; “Ati na gowwoomsitee intallan koo akka boojiʼamtoota waraanaatti fudhattee deemuun kee maal gochuu kee ti?
27Ati maaliif dhoksaan baqatte? Maaliifis na gowwoomsite? Akka ani gammachuu fi faarfannaadhaan, dibbee fi baganaadhaan si geggeessuuf maaliif natti himuu didde?
28Ati akka ani ijoollee ijoollee kootiitii fi intallan koo dhungadhee nagaatti jedhu naaf hin eeyyamne. Ati hojii gowwummaa hojjete.
32Namni ati waaqota kee isa biratti argattu jiraachuu hin qabu. Akka wanni kan kee taʼe na bira jiruu fi akka hin jirre atuu fuula firoota keenyaa duratti sakattaʼi; yoo jiraate immoo fudhadhu.” Yaaqoob Raahel waaqota sana hattuu ishee Yaaqoob hin beeku ture.
34Raahel immoo waaqota mana keessaa hatte sana kooraa gaalawwan ishee jala keessee irra taaʼaa turte. Laabaanis waan dunkaanicha keessa jiru hunda keessa barbaade; garuu homaa hin arganne.
35Raahelis abbaa isheetiin, “Yaa gooftaa ko, sababii ani kaʼee fuula kee dura dhaabachuu dadhabeef hin aarin; ani xuriin of irraa qabaa” jette. Innis ni sakattaʼe malee waaqota sana hin arganne.
36Yaaqoobis Laabaatti aaree isatti dheekkame. Innis akkana jedhee gaafate; “Yakki koo maali? Wanni ati akkana na adamsituuf ani cubbuu maalii hojjedheeti?
37Ati miʼa koo hunda sakattaateerta; egaa miʼa mana keetii keessaa maal argatte? Yoo jiraate firoota keetii fi firoota koo duratti dhiʼeessiitii isaan nu lamaan gidduutti murtii haa kennan.
38“Ani waggoota digdaman kana si wajjin jiraadheera. Hoolonnii fi reʼoonni kee tokko iyyuu hin gatanne; ani bushaayee kee keessaas korbeeyyii hin nyaanne.
39Ani horii bineensi cabse gara keetti hin fidne; horii bades anatu kaffalaa ture. Waan guyyaas taʼu halkan hatame hundaaf ati na kaffalchiifatta turte.
40Haalli ani keessa jiraadhe kana ture; guyyaa hoʼa, halkan immoo dhaamochatu na waxala ture; hirribnis ija koo irraa bade.
41Akkasiin ani waggoota digdamman kana mana kee ture. Ani waggaa kudha afur intallan kee lamaaniif jedhee, waggaa jaʼa immoo bushaayee keetiif jedhee siif hojjedheera; ati immoo yeroo kudhan mindaa koo geeddarte.
42Waaqni abbaa ko, Waaqni Abrahaam, Sodaan Yisihaaq utuu na wajjin jiraachuu baate ati silaa harka duwwaa na baasta turte. Waaqni garuu rakkina koo fi dadhabbii koo argee eda sitti dheekkame.”
48Laabaanis, “Tuullaan kun anaa fi si gidduutti ragaa dha” jedhe. Gaalaʼaad jedhamuun isaa kanumaaf.
49Akkasumas Miisphaa jedhame; Laabaan akkana jedhee tureetii; “Yeroo nu gargar baanutti Waaqayyo sii fi ana gidduutti eegduu haa taʼu.
50Yoo ati intallan koo rakkifte yookaan yoo ati intallan koo irratti niitota biraa fuute, yoo namni tokko iyyuu nu bira hin jirre kunoo Waaqni anaa fi siʼi gidduutti ragaa dha.”
51Laabaan ammas Yaaqoobiin akkana jedhe; “Tuullaa kanaa fi utubaa ani sii fi ana gidduu dhaabe kana ilaali.
52Akka ani si miidhuuf jedhee tuullaa kana darbee gara keetti hin ceene, akka atis na miidhuuf jettee tuullaa kanaa fi utubaa kana dabartee gara kootti hin ceene tuullaan kun ragaa dha; utubaan kunis ragaa dha.