< Uumama 31 >
1 Yaaqoobis akka ilmaan Laabaa, “Yaaqoob waan abbaan keenya qabu hunda fudhateera; qabeenya kana hundas waanuma kan abbaa keenyaa ture irraa argate” jedhan dhagaʼe.
Then heard he the words of the sons of Laban, saying, Jacob hath taken away all that belonged to our father; Yea out of what belonged to our father, hath he made all this wealth.
2 Yaaqoobis fuula Laabaa ilaale; kunoo fuulli isaa akka duraatti isatti hin tolle.
And Jacob looked upon the face of Laban, —and lo! it was not with him as afore-time.
3 Waaqayyos Yaaqoobiin, “Biyya abbaa keetii fi fira keetti deebiʼi; anis si wajjin nan taʼa” jedhe.
Then said Yahweh unto Jacob, Return unto the land of thy fathers and to thy kindred, —that I may be with thee.
4 Kanaafuu Yaaqoob akka isaan bakkeetti lafa bushaayeen isaa jiranitti gad baʼaniif gara Raahelii fi Liyaatti ergaa erge.
So Jacob sent, and called for Rachel and for Leah, to the field unto his flock;
5 Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani akka abbaan keessan akka kanaan duraa sana fuula natti hin tolle hubadheera; garuu Waaqni abbaa kootii na wajjin jira.
and said to them, Beholding, am I the face of your father, that it is not towards me as aforetime, —nevertheless, the God of my father, hath been with me;
6 Akka ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif hojjedhe isinuu beektu;
and, ye, know that with all my vigour, have I served your father.
7 taʼus abbaan keessan mindaa koo yeroo kudhan geeddaruudhaan na gowwoomse. Waaqni garuu akka inni na miidhu hin eeyyamneef.
But, your father, hath deceived me, and hath changed my wages ten times, —yet God hath not suffered him to deal harmfully with me.
8 Yeroo inni, ‘Bushaayeen cocorreen mindaa kee taʼu’ jedhetti, bushaayeen hundi ilmaan cocorree dhalan; yeroo inni, ‘warri halluu qaxxaamuroo qaban mindaa kee taʼu’ jedhetti immoo bushaayeen hundi ilmaan qaxxaamuroo qaban dhalan.
If thus he saith, The speckled, shall be thy wages, then do all the flock bring forth speckled, —But if thus he saith, The ring-straked, shall be thy wages, then do all the flock bring forth ring-straked.
9 Waaqni karaa kanaan horii abbaa keessanii fuudhee naa kenne.
So hath God stripped away the herds of your father, and given them to me.
10 “Anis gaaf tokko waqtii gaana bushaayeetti abjuu keessa ol ilaalee kunoo korbeeyyiin reʼootatti hobobsan akka halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan nan arge.
And it came to pass in the season when the flock were in heat, then lifted I mine eyes and beheld in a dream, —and lo! the he-goats that were leaping upon the flock, were ring-straked speckled and dappled.
11 Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, ‘Yaaqoob’ naan jedhe. Ani, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise.
And the messenger of God said unto me in a dream, Jacob! and I said, Behold me!
12 Inni immoo akkana naan jedhe; ‘Akka korbeeyyiin reʼootaa kanneen bushaayeetti hobobsan hundinuu halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan ol jedhii ilaali. Ani waan Laabaan sitti hojjete hunda argeeraatii.
Then he said Lift, I pray thee, thine eyes and behold All, the he-goats that are leaping upon the flock are ring-straked, speckled, and dappled, —for I have seen all that Laban, has been doing to thee.
13 Ani Waaqa Beetʼeel lafa ati itti utubaa dibdee wareega naaf wareegde sanaa ti. Amma kaʼiitii biyya kana keessaa baʼiitii gara biyya fira keetiitti deebiʼi.’”
I, am the GOD of Beth-el, where thou didst anoint a pillar, where thou didst vow to me a vow, —Now, rise, go forth out of this land, and return unto the land of thy kindred.
14 Kana irratti Raahelii fi Liyaan akkana jedhanii deebisan; “Qoodni yookaan dhaalli mana abbaa keenyaatti nuu hafe jiraa?
Then responded Rachel and Leah, and said to him, —Have we any longer a portion or an inheritance in the house of our father?
15 Inni akkuma ormaatti nu ilaala mitii? Inni nu gurgurateeraatii maallaqa sababii keenyaaf kenname nyaatee fixeera.
Are we not accounted, aliens, to him seeing that having sold us, he hath then gone on devouring, our silver?
16 Qabeenyi Waaqni abbaa keenya irraa fuudhe hundi kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti. Egaa waan Waaqni sitti hime hunda godhi.”
Surely all the riches which God hath stripped off from our father, unto us, it belongeth, and unto our sons, —Now, therefore, whatsoever God hath said unto thee, do.
17 Yaaqoobis ijoollee isaatii fi niitota isaa gaalawwan irra kaaʼate;
So Jacob arose, —and mounted his sons and his wives on the camels;
18 horii fi qabeenya kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti horatte hunda of dura oofee gara biyya Kanaʼaan abbaa isaa Yisihaaq bira dhaquuf kaʼe.
and drave away all his herds and all his goods which he had gathered, the gains he had gained, which he had gathered in Padan-aram; that he might go in unto Isaac his father unto the land of Canaan.
19 Laabaan hoolota isaa irraa rifeensa murmuruu dhaqe; Raahel immoo waaqota abbaa ishee hatte.
Now, Laban, had gone, to shear his sheep, —so Rachel stole the household gods that belonged to her father,
20 Yaaqoobis akka isa dhiisee baqachuu yaade isa dhoksuudhaan Laabaan namicha Arraam sana gowwoomse.
Thus Jacob stole away unawares to Laban, the Syrian, —in that he had not told him that he was about to flee.
21 Innis waan qabu hunda fudhatee baqate; laga Efraaxiis ceʼee biyya gaara Giliʼaaditti qajeele.
So he fled, he—and all that he had, and he arose, and passed over the River, —and set his face towards the mountain of Gilead.
22 Akka Yaaqoob baqate guyyaa sadaffaatti Laabaatti himame.
And it was told Laban, on the third day, —that Jacob had fled.
23 Laabaanis firoota isaa fudhatee guyyaa torba Yaaqoob duukaa buʼee biyya gaara Giliʼaaditti isa qaqqabe.
So he took his brethren with him, and pursued after him a journey of seven days—and overtook him in the mountain of Gilead.
24 Waaqnis halkan abjuudhaan gara Laabaan namicha biyya Arraam sanaa dhufee, “Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko iyyuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu” isaan jedhe.
And God went in unto Laban the Syrian in a dream of the night, —and said to him Take heed to thyself that thou speak not with Jacob either good or bad.
25 Yaaqoob yeroo Laabaan isa qaqqabetti, biyya gaaraa Giliʼaad keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaa fi firoonni isaas achi qubatan.
So then Laban came up with Jacob, —Jacob, having pitched his tent in the mountain, Laban, also, with his brethren pitched in the mountain of Gilead.
26 Laabaanis Yaaqoobiin akkana jedhe; “Ati na gowwoomsitee intallan koo akka boojiʼamtoota waraanaatti fudhattee deemuun kee maal gochuu kee ti?
Then said Laban to Jacob, What hadst thou done, that thou shouldst steal away unawares to me, —and shouldst carry off my daughters, as captives of the sword?
27 Ati maaliif dhoksaan baqatte? Maaliifis na gowwoomsite? Akka ani gammachuu fi faarfannaadhaan, dibbee fi baganaadhaan si geggeessuuf maaliif natti himuu didde?
Wherefore didst thou secretly flee, and rob me, —and didst not tell me, that I might send thee away with rejoicing and with songs, with timbrel and with lyre;
28 Ati akka ani ijoollee ijoollee kootiitii fi intallan koo dhungadhee nagaatti jedhu naaf hin eeyyamne. Ati hojii gowwummaa hojjete.
and didst not suffer me to kiss my sons and my daughters? Now, hast thou done, foolishly.
29 Ani isin miidhuuf humna qaba; garuu eda Waaqni abbaa keessanii, ‘Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko illee Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu’ naan jedhe.
It is in the power of my hand, to deal with thee for harm, —but the God of your father, last night, spake unto me, saying, Take heed to thyself that thou speak not with Jacob, either good or bad.
30 Ati sababii mana abbaa keetiitti deebiʼuu akka malee hawwiteef deemteerta; garuu maaliif waaqota koo hatte?”
But, now, though thou, didst even take thy journey, because thou, didst sorely long, for the house of thy father, wherefore didst thou steal away my gods?
31 Yaaqoobis akkana jedhee Laabaaf deebii kenne; “Ati intallan kee humnaan narraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef nan deeme.
And Jacob answered and said unto Laban, —Because I was afraid, for I said, Lest thou take by force thy daughters from me!
32 Namni ati waaqota kee isa biratti argattu jiraachuu hin qabu. Akka wanni kan kee taʼe na bira jiruu fi akka hin jirre atuu fuula firoota keenyaa duratti sakattaʼi; yoo jiraate immoo fudhadhu.” Yaaqoob Raahel waaqota sana hattuu ishee Yaaqoob hin beeku ture.
He with whom thou find thy gods, shall not live! Before our brethren, note thou for thyself what is with me and take what is thine. Neither did Jacob know that, Rachel, had stolen them.
33 Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaatii fi dunkaana xomboreewwan lamaanii seenee homaa dhabe. Erga dunkaana Liyaatii baʼee booddees dunkaana Raahel seene.
Then entered Laban into the tent of Jacob and into the tent of Leah and into the tent of the two handmaids, and found nothing, —then went he forth out of the tent of Leah, and entered into the tent of Rachel.
34 Raahel immoo waaqota mana keessaa hatte sana kooraa gaalawwan ishee jala keessee irra taaʼaa turte. Laabaanis waan dunkaanicha keessa jiru hunda keessa barbaade; garuu homaa hin arganne.
Now Rachel, had taken the household gods and put them in the basket-saddle of the camel, and taken her seat upon them. And Laban felt about throughout all the tent, and found them not.
35 Raahelis abbaa isheetiin, “Yaa gooftaa ko, sababii ani kaʼee fuula kee dura dhaabachuu dadhabeef hin aarin; ani xuriin of irraa qabaa” jette. Innis ni sakattaʼe malee waaqota sana hin arganne.
And she said unto her father, Let it not be vexing in the eyes of my lord that I cannot rise up at thy presence, for, the way of women, is upon me. So he made search, but found not the household gods,
36 Yaaqoobis Laabaatti aaree isatti dheekkame. Innis akkana jedhee gaafate; “Yakki koo maali? Wanni ati akkana na adamsituuf ani cubbuu maalii hojjedheeti?
And it was vexing to Jacob and he contended with Laban, —and Jacob responded and said to Laban, What was my trespass, what my sin, that thou shouldst have come burning after me?
37 Ati miʼa koo hunda sakattaateerta; egaa miʼa mana keetii keessaa maal argatte? Yoo jiraate firoota keetii fi firoota koo duratti dhiʼeessiitii isaan nu lamaan gidduutti murtii haa kennan.
Now that thou hast felt about among all my goods, what hast thou found of the goods of thine own house? Set it out here, right before my brethren and thy brethren, —that they may give sentence betwixt us two.
38 “Ani waggoota digdaman kana si wajjin jiraadheera. Hoolonnii fi reʼoonni kee tokko iyyuu hin gatanne; ani bushaayee kee keessaas korbeeyyii hin nyaanne.
This twenty years’ time, have, I, been with thee—Thy ewes and thy she-goats, have not cast their young, —And the rams of thy flock, have I not eaten,
39 Ani horii bineensi cabse gara keetti hin fidne; horii bades anatu kaffalaa ture. Waan guyyaas taʼu halkan hatame hundaaf ati na kaffalchiifatta turte.
The torn, have I not brought in unto thee—I bare the loss, At my hand, didst thou require it, —Stolen by day, or stolen by night.
40 Haalli ani keessa jiraadhe kana ture; guyyaa hoʼa, halkan immoo dhaamochatu na waxala ture; hirribnis ija koo irraa bade.
Thus have I been—By day, drought hath consumed me, And, frost, by, night, —So that my sleep fled away from mine eyes.
41 Akkasiin ani waggoota digdamman kana mana kee ture. Ani waggaa kudha afur intallan kee lamaaniif jedhee, waggaa jaʼa immoo bushaayee keetiif jedhee siif hojjedheera; ati immoo yeroo kudhan mindaa koo geeddarte.
This, hath been my lot twenty years in thy house, —I served thee fourteen years for thy two daughters, And six years for thy sheep—And thou didst change my wages ten times: —
42 Waaqni abbaa ko, Waaqni Abrahaam, Sodaan Yisihaaq utuu na wajjin jiraachuu baate ati silaa harka duwwaa na baasta turte. Waaqni garuu rakkina koo fi dadhabbii koo argee eda sitti dheekkame.”
But that the God of my father—The God of Abraham, and the Dread of Isaac—Proved to be mine, Surely even now, empty, hadst thou let me go? My humiliation and the wearying toil of my hands, God had seen, And therefore gave sentence last night!
43 Laabaan akkana jedhee Yaaqoobiif deebise; “Dubartoonni kunneen intallan koo ti; ijoolleen kunneenis ijoolluma koo ti; bushaayeen kunneenis bushaayee koo ti. Wanni ati argitu hundi kanuma koo ti. Yoos ani waaʼee intallan koo kanneeniitii fi waaʼee ijoollee isaan daʼanii harʼa maal gochuun dandaʼa?
Then responded Laban and said unto Jacob—the daughters, are my daughters, And the sons, are my sons, And the sheep are my sheep, And, all that, thou, beholdest, To me doth it belong! But to my daughters, what can I do to these this day, Or to their sons whom they have borne?
44 Kottu mee anii fi ati amma walii kakannaa; kakuun kunis anaa fi si gidduutti ragaa haa taʼu.”
Now, therefore, come on! Let us solemnise a covenant, I and thou, —So shall it be a witness betwixt me and thee.
45 Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee akka utubaatti dhaabe.
So Jacob took a stone, —and set it up as a pillar.
46 Innis firoota isaatiin, “Dhagaa walitti qabaa” jedhe. Isaanis dhagaa walitti qabanii tuulan; jarris tuullaa sana biratti nyaata nyaatan.
Then said Jacob to his brethren—Gather stones. And they took stones and made a heap, —and they did eat there, by the heap.
47 Laabaan tuullaa sanaan “Yigaarsahaadutaa” jedhee moggaase; Yaaqoob immoo “Giliʼaad” jedheen.
And Laban called it, Jegar-sahadutha, —but, Jacob, called it, Galeed.
48 Laabaanis, “Tuullaan kun anaa fi si gidduutti ragaa dha” jedhe. Gaalaʼaad jedhamuun isaa kanumaaf.
Then said Laban: This heap, be witness betwixt me, and thee, to-day. For this cause, is the name thereof called Galeed;
49 Akkasumas Miisphaa jedhame; Laabaan akkana jedhee tureetii; “Yeroo nu gargar baanutti Waaqayyo sii fi ana gidduutti eegduu haa taʼu.
also, The Watch Tower, as to which it is said, Yahweh watch betwixt me and thee, when we are parted one from another.
50 Yoo ati intallan koo rakkifte yookaan yoo ati intallan koo irratti niitota biraa fuute, yoo namni tokko iyyuu nu bira hin jirre kunoo Waaqni anaa fi siʼi gidduutti ragaa dha.”
If thou oppress my daughters, or if thou take wives besides my daughters, —there may be no man with us—see! God, be witness betwixt me, and thee!
51 Laabaan ammas Yaaqoobiin akkana jedhe; “Tuullaa kanaa fi utubaa ani sii fi ana gidduu dhaabe kana ilaali.
And Laban said to Jacob—Behold this heap, and behold this pillar, which I have set betwixt me, and thee:
52 Akka ani si miidhuuf jedhee tuullaa kana darbee gara keetti hin ceene, akka atis na miidhuuf jettee tuullaa kanaa fi utubaa kana dabartee gara kootti hin ceene tuullaan kun ragaa dha; utubaan kunis ragaa dha.
A witness, be this heap, and, a witness, the pillar, —That, I, am not to pass, unto thee, over this heap, And, thou, art not to pass, unto me, over this heap and this pillar for harm.
53 Waaqni Abrahaam, Waaqni Naahoor, Waaqni abbootii isaanii nu gidduutti murtii haa kennu.” Yaaqoobis akkasitti maqaa Sodaa abbaa isaa Yisihaaqiin kakate.
The Gods of Abraham and the Gods of Nahor judge betwixt us—the Gods of their fathers. And Jacob sware by the Dread of his father Isaac:
54 Innis biyya gaaraa sanatti aarsaa dhiʼeessee firoota isaa nyaatatti waame. Isaanis erga nyaatanii booddee achuma bulan.
and Jacob offered sacrifice in the mountain, and called on his brethren to eat bread. So they did eat bread, and tarried the night in the mountain.
55 Laabaanis guyyaa itti aanu ganama bariidhaan kaʼee ijoollee ijoollee isaatii fi intallan isaa dhungatee isaan eebbise. Ergasiis achii kaʼee gara iddoo isaatti deebiʼe.
And Laban rose up early in the morning, and kissed his sons and his daughters, and blessed them: and Laban went his way and returned to his place.