< Uumama 30 >
1 Raahel yommuu akka Yaaqoobiif ijoollee tokko iyyuu hin daʼin argitetti obboleettii isheetti hinaafte. Yaaqoobiinis, “Ijoollee naa kenni, yoo kanaa achii nan duʼa!” jette.
Raheli alipoona hamzalii Yakobo watoto, akamwonea ndugu yake wivu. Hivyo akamwambia Yakobo, “Nipe watoto, la sivyo nitakufa!”
2 Yaaqoobis isheetti aaree, “Anatu iddoo Waaqa isa ijoollee si dhowwate sanaa jira moo?” jedheen.
Yakobo akamkasirikia, akamwambia, “Je, mimi ni badala ya Mungu, ambaye amekuzuia usizae watoto?”
3 Isheenis, “Xomboreen koo Bilihaan kunoo ti; akka isheen qooda koo ijoollee naaf deessee anis karaa isheetiin ijoollee argadhuuf dhaqii ishee bira gaʼi” jette.
Ndipo Raheli akamwambia, “Hapa yupo Bilha, mtumishi wangu wa kike. Kutana naye kimwili ili aweze kunizalia watoto na kwa kupitia yeye mimi pia niweze kuwa na uzao.”
4 Isheenis xomboree ishee Bilihaa akka niitii isaa taatuuf kenniteef. Yaaqoobis ishee bira gaʼe;
Hivyo Raheli akampa Yakobo Bilha awe mke wake. Yakobo akakutana naye kimwili,
5 isheenis ulfooftee ilma isaaf deesse.
Bilha akapata mimba, naye akamzalia Yakobo mwana.
6 Kana irratti Raahel, “Waaqni naa murteesseera; kadhannaa koos dhagaʼee ilma naa kenneera” jette. Kanaafuu maqaa isaa Daan jettee moggaafte.
Ndipo Raheli akasema, “Mungu amenipa haki yangu, amesikiliza maombi yangu na kunipa mwana.” Kwa sababu hiyo akamwita Dani.
7 Xomboreen Raahel Bilihaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse.
Bilha mtumishi wa kike wa Raheli akapata mimba tena, akamzalia Yakobo mwana wa pili.
8 Raahelis, “Ani obboleettii koo walʼaansoo guddaa qabee moʼadheera” jette. Maqaa isaa Niftaalem jettee moggaafte.
Ndipo Raheli akasema, “Nilikuwa na mashindano makubwa na ndugu yangu, nami nimeshinda.” Kwa hiyo akamwita Naftali.
9 Liyaan akka ijoollee daʼuu dhiifte hubatte; xomboree ishee Zilfaa fuutee akka niitii isaa taatuuf Yaaqoobiif kennite.
Lea alipoona kuwa amekoma kuzaa watoto, alimchukua mtumishi wake wa kike Zilpa, naye akampa Yakobo awe mke wake.
10 Xomboreen Liyaa Zilfaanis Yaaqoobiif ilma deesse.
Mtumishi wa Lea yaani Zilpa, akamzalia Yakobo mwana.
11 Liyaan immoo, “Maal milkiin akkanaa!” jettee maqaa isaa Gaad jettee moggaafte.
Ndipo Lea akasema, “Hii ni bahati nzuri aje!” Kwa hiyo akamwita Gadi.
12 Xomboreen Liyaa Zilfaan Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse.
Mtumishi wa kike wa Lea akamzalia Yakobo mwana wa pili.
13 Ergasiis Liyaan, “Ani akkaman gammade! Dubartoonnis, ‘Eebbifamtuu’ naan jedhu” jette. Kanaafuu maqaa isaa Aasheer jettee moggaafte.
Ndipo Lea aliposema, “Jinsi gani nilivyo na furaha! Wanawake wataniita furaha.” Kwa hiyo akamwita Asheri.
14 Yeroo haamaa qamadiitti Ruubeen gara bakkeetti baʼee ija hudhaa argatee haadha isaa Liyaadhaaf fide. Raahelis Liyaadhaan, “Maaloo ija hudhaa ilma keetii irraa waa naa kenni” jette.
Wakati wa kuvuna ngano, Reubeni akaenda shambani akakuta tunguja, ambazo alizileta kwa Lea mama yake. Raheli akamwambia Lea, “Tafadhali nakuomba unipe baadhi ya tunguja za mwanao.”
15 Liyaan immoo, “Dhirsa koo narraa fudhachuun kee sitti xinnaatee? Hudhaa ilma koos ni fudhattaa?” jetteen. Raahelis, “Qooda hudhaa ilma keetii inni edana si wajjin haa bulu” jetteen.
Lakini Lea akamwambia, “Haikukutosha kumtwaa mume wangu? Je, utachukua na tunguja za mwanangu pia?” Raheli akasema, “Vema sana! Yakobo atakutana nawe kimwili leo usiku, kwa malipo ya tunguja za mwanao.”
16 Gaafa sana galgala yeroo Yaaqoob lafa qotiisaatii galetti Liyaan isa simachuuf gad baatee, “Waan ani hudhaa ilma kootiin si kireeffadheef ati harʼa na wajjin bulu qabda” jetteen. Yaaqoobis halkan sana ishee wajjin bule.
Kwa hiyo Yakobo alipokuja kutoka shambani jioni ile, Lea akaenda kumlaki, akamwambia, “Lazima ukutane nami kimwili. Nimekukodisha kwa tunguja za mwanangu.” Kwa hiyo akakutana naye kimwili usiku ule.
17 Waaqnis Liyaa dhagaʼe; isheenis ulfooftee Yaaqoobiif ilma shanaffaa deesse.
Mungu akamsikiliza Lea, naye akapata mimba akamzalia Yakobo mwana wa tano.
18 Liyaanis, “Waan ani xomboree koo dhirsa kootiif kenneef Waaqni gatii koo naa baaseera” jette. Kanaafuu Yisaakor jettee isa moggaafte.
Ndipo Lea akasema, “Mungu amenizawadia kwa kumpa mume wangu mtumishi wangu wa kike.” Kwa hiyo akamwita Isakari.
19 Liyaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma jaʼaffaa deesse.
Lea akapata mimba tena akamzalia Yakobo mwana wa sita.
20 Liyaanis, “Waaqni kennaa gaarii naaf kenneera; sababii ani ilmaan jaʼa isaaf daʼeef dhirsi koo siʼachi ulfina naa kenna” jette. Kanaafuu maqaa isaa Zebuuloon jettee moggaafte.
Ndipo Lea aliposema, “Mungu amenizawadia kwa zawadi ya thamani sana. Wakati huu mume wangu ataniheshimu kwa sababu nimemzalia wana sita.” Kwa hiyo akamwita Zabuloni.
21 Ergasiis intala tokko deessee Diinaa jettee moggaafte.
Baadaye akamzaa mtoto wa kike akamwita Dina.
22 Waaqnis Raahelin yaadate; kadhannaa ishees dhagaʼee gadameessa ishee baneef.
Ndipo Mungu akamkumbuka Raheli, akasikia maombi yake na akafungua tumbo lake.
23 Isheenis ulfooftee ilma deessee, “Waaqni qaanii koo narraa fuudheera” jette.
Akapata mimba na akamzaa mwana na kusema, “Mungu ameniondolea aibu yangu.”
24 Isheenis maqaa isaa Yoosef jettee moggaaftee, “Waaqayyo ilma biraa naaf haa dabalu” jette.
Akamwita Yosefu na kusema, “Bwana na anipe mwana mwingine.”
25 Erga Raahel Yoosefin deessee booddee Yaaqoob Laabaadhaan akkana jedhe; “Akka ani biyya dhalootaa kootti deebiʼuuf, gad na dhiisi.
Baada ya Raheli kumzaa Yosefu, Yakobo akamwambia Labani, “Nipe ruhusa nirudi katika nchi yangu.
26 Ani nan deemaatii niitota koo fi ijoollee koo warra ani isaaniif jedhee siif tajaajile naa kenni. Akka ani hojii baayʼee siif hojjedhe ati iyyuu beekta.”
Nipe wake zangu na watoto, ambao nimetumika kuwapata, nami niende zangu. Unajua ni kazi kiasi gani ambayo nimekufanyia.”
27 Laabaan garuu akkana jedheen; “Maaloo yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe asuma turi; ani akka Waaqayyo sababii keetiin na eebbise mulʼataan beekeeraatii.”
Lakini Labani akamwambia, “Ikiwa nimepata kibali machoni pako, tafadhali ukae. Nimegundua kwa njia ya uaguzi kwamba Bwana amenibariki kwa sababu yako.”
28 Itti fufees, “Mee mindaa ani siif kaffaluu qabu natti himi; ani siifin kaffalaatii” jedhe.
Akaongeza kumwambia, “Taja ujira wako nami nitakulipa.”
29 Yaaqoobis akkana jedheen; “Akka ani hammam siif hojjedhe, horiin kees hammam akka harka kootti baayʼate atuu ni beekta.
Yakobo akamwambia, “Unajua jinsi ambavyo nimekutumikia na jinsi ambavyo wanyama wako walivyolishwa vizuri chini ya uangalizi wangu.
30 Wanni xinnaan ati utuu ani hin dhufin dura qabdu sun amma akka malee siif baayʼateera; lafa ani ture kamitti iyyuu Waaqayyo si eebbiseera. Garuu yeroon ani itti maatii kootiif yaadu yoomi ree?”
Kidogo ulichokuwa nacho kabla sijaja kimeongezeka sana, naye Bwana amekubariki popote nilipokuwa. Lakini sasa, ni lini nitashughulikia mambo ya nyumba yangu mwenyewe?”
31 Innis, “Wanni ani siif kennu maali ree?” jedhee gaafate. Yaaqoob immoo akkana jedhee deebise; “Homaa naaf hin kennin; garuu yoo ati waan kana naaf goote ani ittuma fufee bushaayee kee nan tiksa; nan eegas;
Labani akamuuliza, “Nikupe nini?” Yakobo akamjibu, “Usinipe chochote lakini kama utanifanyia jambo hili moja, nitaendelea kuchunga na kuyaangalia makundi yako.
32 ani harʼa bushaayee kee hunda keessa baʼee hoolota cocorree fi buburree hunda, hoolaa magaalaa fi reʼoota cocorree yookaan buburree hunda addaan nan baasa; isaan kunneen mindaa koo taʼu.
Niruhusu nipite katika makundi yako yote leo niondoe humo kila kondoo mwenye mabakabaka au madoadoa, kila mwana-kondoo mweusi na kila mbuzi mwenye madoadoa au mabakabaka. Hawa watakuwa ujira wangu.
33 Yeroo ati mindaa naa kennite sana toʼachuu dhuftutti, amanamummaan koo dhugaa naa baʼa. Hoolotaa fi reʼoota koo keessatti reʼeen cocorree yookaan buburree hin taʼin kam iyyuu, hoolaa keessaa immoo kan gurraacha hin taʼin kam iyyuu yoo argame akka waan hatameetti haa ilaalamu.”
Uadilifu wangu utanishuhudia siku zijazo, kila utakapochunguza ujira ambao umenilipa mimi. Mbuzi yeyote wangu ambaye hana mabakabaka wala madoadoa, au mwana-kondoo ambaye si mweusi, atahesabika ameibwa.”
34 Laabaanis, “Tole, akkuma ati jette haa taʼu” jedhe.
Labani akasema, “Ninakubali na iwe kama ulivyosema.”
35 Guyyuma sana Laabaan korbeeyyii reʼee halluu qaxxaamuroo qabanii fi buburree hunda, goromii reʼee cocorree fi buburree kanneen adaadii qaban hunda, akkasumas hoolota gugurraacha hunda fuudhee ilmaan isaatti kenne.
Siku ile ile Yakobo akawaondoa beberu wote waliokuwa na mistari au madoadoa na mbuzi wake wote waliokuwa na mistari au madoadoa (wote waliokuwa na alama nyeupe juu yao) na wana-kondoo weusi wote, akawaweka chini ya uangalizi wa wanawe.
36 Innis ofii isaatii fi Yaaqoob gidduutti lafa adeemsa guyyaa sadii hambise; Yaaqoob immoo bushaayee Laabaa kanneen hafan tiksuu itti fufe.
Kisha Labani akamwacha Yakobo kwa mwendo wa safari ya siku tatu kati yake na Yakobo, wakati Yakobo akiendelea kuchunga lile kundi la Labani lililobaki.
37 Yaaqoobis damee alaltuu, kan looziitii fi hadheessa jiidhaa isaa darbee darbee naannessee qoola isaa irraa quncisuudhaan dhagna mukichaa isa keessaa adii sana mulʼise.
Hata hivyo, Yakobo, akachukua fito mbichi zilizokatwa wakati huo huo za miti ya mlubna, mlozi na mwaramoni akazibambua ili mistari myeupe ionekane katika fito hizo.
38 Yaaqoobis yeroo bushaayeen sun bishaan dhuguuf dhufanitti damee qolli irraa quncifame sana fuula isaanii dura bidiruu bishaan itti obaasan keessa kaaʼe. Bushaayeen yeroo sun bishaan dhuguu dhufanitti gojomaʼanii
Kisha akaweka fito alizozibambua kwenye mabirika yote ya kunyweshea mifugo, ili ziwe mbele ya makundi walipokuja kunywa maji. Wanyama walipokuja kunywa maji, hali wakiwa wanahitaji mbegu,
39 ulee sana duratti wal hobobsu turan; isaanis ilmoolee halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree dhalan.
wakapandwa hizo fito zikiwa mbele yao. Wanyama waliopata mimba mbele ya hizo fito walizaa wanyama wenye mistari, madoadoa na mabakabaka.
40 Yaaqoobis ilmoolee bushaayee kophaatti baase; bushaayee Laabaa kanneen hafan garuu warra halluu qaxxaamuroo qabanii fi gurraacha dura dhaabe. Akkasitti hoolota isaa addaan baase malee bushaayee Laabaatti hin makne.
Yakobo akawatenga wadogo wa kundi peke yao, lakini akazielekeza nyuso za hao waliobaki kwenye wale wenye mistari na weusi waliokuwa mali ya Labani. Hivyo akatenga makundi yake mwenyewe, na wala hakuwachanganya na wanyama wa Labani.
41 Yeroo dhaltuuwwan jajjaboon gojomaʼan kam iyyuu, Yaaqoob akka isaan ulee sana biratti wal hobobsaniif jedhee ulee sana fuula isaanii dura bidiruu keessa kaaʼaa ture;
Kila mara wanyama wenye nguvu walipohitaji mbegu, Yakobo aliweka zile fito kwenye mabirika mbele ya hao wanyama, ili wapandwe karibu na hizo fito,
42 dhaltuuwwan dadhaboo dura garuu ulee sana hin keenye. Kanaafuu warri dadhaboon kan Laabaa, warri jajjaboon immoo kan Yaaqoob taʼan.
lakini ikiwa wanyama walikuwa wadhaifu hakuziweka hizo fito. Hivyo wanyama wadhaifu wakawa wa Labani, na wanyama wenye nguvu wakawa wa Yakobo.
43 Namichi kun haala kanaan akka malee soorome; innis bushaayee baayʼee, garboota dubartootaatii fi dhiirotaa, gaalawwanii fi harroota qaba ture.
Kwa njia hii Yakobo akastawi sana, tena akawa na makundi makubwa, watumishi wa kike na wa kiume na ngamia na punda.