< Uumama 30 >

1 Raahel yommuu akka Yaaqoobiif ijoollee tokko iyyuu hin daʼin argitetti obboleettii isheetti hinaafte. Yaaqoobiinis, “Ijoollee naa kenni, yoo kanaa achii nan duʼa!” jette.
Now Rachel, because she had no children, was full of envy of her sister; and she said to Jacob, If you do not give me children I will not go on living.
2 Yaaqoobis isheetti aaree, “Anatu iddoo Waaqa isa ijoollee si dhowwate sanaa jira moo?” jedheen.
But Jacob was angry with Rachel, and said, Am I in the place of God, who has kept your body from having fruit?
3 Isheenis, “Xomboreen koo Bilihaan kunoo ti; akka isheen qooda koo ijoollee naaf deessee anis karaa isheetiin ijoollee argadhuuf dhaqii ishee bira gaʼi” jette.
Then she said, Here is my servant Bilhah, go in to her, so that she may have a child on my knees, and I may have a family by her.
4 Isheenis xomboree ishee Bilihaa akka niitii isaa taatuuf kenniteef. Yaaqoobis ishee bira gaʼe;
So she gave him her servant Bilhah as a wife, and Jacob went in to her.
5 isheenis ulfooftee ilma isaaf deesse.
And Bilhah became with child, and gave birth to a son.
6 Kana irratti Raahel, “Waaqni naa murteesseera; kadhannaa koos dhagaʼee ilma naa kenneera” jette. Kanaafuu maqaa isaa Daan jettee moggaafte.
Then Rachel said, God has been my judge, and has given ear to my voice, and has given me a son; so he was named Dan.
7 Xomboreen Raahel Bilihaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse.
And again Bilhah, Rachel's servant, was with child, and gave birth to a second son.
8 Raahelis, “Ani obboleettii koo walʼaansoo guddaa qabee moʼadheera” jette. Maqaa isaa Niftaalem jettee moggaafte.
And Rachel said, I have had a great fight with my sister, and I have overcome her: and she gave the child the name Naphtali.
9 Liyaan akka ijoollee daʼuu dhiifte hubatte; xomboree ishee Zilfaa fuutee akka niitii isaa taatuuf Yaaqoobiif kennite.
When it was clear to Leah that she would have no more children for a time, she gave Zilpah, her servant, to Jacob as a wife.
10 Xomboreen Liyaa Zilfaanis Yaaqoobiif ilma deesse.
And Zilpah, Leah's servant, gave birth to a son.
11 Liyaan immoo, “Maal milkiin akkanaa!” jettee maqaa isaa Gaad jettee moggaafte.
And Leah said, It has gone well for me: and she gave him the name Gad.
12 Xomboreen Liyaa Zilfaan Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse.
And Zilpah, Leah's servant, gave birth to a second son.
13 Ergasiis Liyaan, “Ani akkaman gammade! Dubartoonnis, ‘Eebbifamtuu’ naan jedhu” jette. Kanaafuu maqaa isaa Aasheer jettee moggaafte.
And Leah said, Happy am I! and all women will give witness to my joy: and she gave him the name Asher.
14 Yeroo haamaa qamadiitti Ruubeen gara bakkeetti baʼee ija hudhaa argatee haadha isaa Liyaadhaaf fide. Raahelis Liyaadhaan, “Maaloo ija hudhaa ilma keetii irraa waa naa kenni” jette.
Now at the time of the grain-cutting, Reuben saw some love-fruits in the field, and took them to his mother Leah. And Rachel said to her, Let me have some of your son's love-fruits.
15 Liyaan immoo, “Dhirsa koo narraa fudhachuun kee sitti xinnaatee? Hudhaa ilma koos ni fudhattaa?” jetteen. Raahelis, “Qooda hudhaa ilma keetii inni edana si wajjin haa bulu” jetteen.
But Leah said to her, Is it a small thing that you have taken my husband from me? and now would you take my son's love-fruits? Then Rachel said, You may have him tonight in exchange for your son's love-fruits.
16 Gaafa sana galgala yeroo Yaaqoob lafa qotiisaatii galetti Liyaan isa simachuuf gad baatee, “Waan ani hudhaa ilma kootiin si kireeffadheef ati harʼa na wajjin bulu qabda” jetteen. Yaaqoobis halkan sana ishee wajjin bule.
In the evening, when Jacob came in from the field, Leah went out to him and said, Tonight you are to come to me, for I have given my son's love-fruits as a price for you. And he went in to her that night.
17 Waaqnis Liyaa dhagaʼe; isheenis ulfooftee Yaaqoobiif ilma shanaffaa deesse.
And God gave ear to her and she became with child, and gave Jacob a fifth son.
18 Liyaanis, “Waan ani xomboree koo dhirsa kootiif kenneef Waaqni gatii koo naa baaseera” jette. Kanaafuu Yisaakor jettee isa moggaafte.
Then Leah said, God has made payment to me for giving my servant-girl to my husband: so she gave her son the name Issachar.
19 Liyaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma jaʼaffaa deesse.
And again Leah became with child, and she gave Jacob a sixth son.
20 Liyaanis, “Waaqni kennaa gaarii naaf kenneera; sababii ani ilmaan jaʼa isaaf daʼeef dhirsi koo siʼachi ulfina naa kenna” jette. Kanaafuu maqaa isaa Zebuuloon jettee moggaafte.
And she said, God has given me a good bride-price; now at last will I have my husband living with me, for I have given him six sons: and she gave him the name Zebulun.
21 Ergasiis intala tokko deessee Diinaa jettee moggaafte.
After that she had a daughter, to whom she gave the name Dinah.
22 Waaqnis Raahelin yaadate; kadhannaa ishees dhagaʼee gadameessa ishee baneef.
Then God gave thought to Rachel, and hearing her prayer he made her fertile.
23 Isheenis ulfooftee ilma deessee, “Waaqni qaanii koo narraa fuudheera” jette.
And she was with child, and gave birth to a son: and she said, God has taken away my shame.
24 Isheenis maqaa isaa Yoosef jettee moggaaftee, “Waaqayyo ilma biraa naaf haa dabalu” jette.
And she gave him the name Joseph, saying, May the Lord give me another son.
25 Erga Raahel Yoosefin deessee booddee Yaaqoob Laabaadhaan akkana jedhe; “Akka ani biyya dhalootaa kootti deebiʼuuf, gad na dhiisi.
Now after the birth of Joseph, Jacob said to Laban, Let me go away to my place and my country.
26 Ani nan deemaatii niitota koo fi ijoollee koo warra ani isaaniif jedhee siif tajaajile naa kenni. Akka ani hojii baayʼee siif hojjedhe ati iyyuu beekta.”
Give me my wives and my children, for whom I have been your servant, and let me go: for you have knowledge of all the work I have done for you.
27 Laabaan garuu akkana jedheen; “Maaloo yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe asuma turi; ani akka Waaqayyo sababii keetiin na eebbise mulʼataan beekeeraatii.”
And Laban said, If you will let me say so, do not go away; for I have seen by the signs that the Lord has been good to me because of you.
28 Itti fufees, “Mee mindaa ani siif kaffaluu qabu natti himi; ani siifin kaffalaatii” jedhe.
Say then what your payment is to be and I will give it.
29 Yaaqoobis akkana jedheen; “Akka ani hammam siif hojjedhe, horiin kees hammam akka harka kootti baayʼate atuu ni beekta.
Then Jacob said, You have seen what I have done for you, and how your cattle have done well under my care.
30 Wanni xinnaan ati utuu ani hin dhufin dura qabdu sun amma akka malee siif baayʼateera; lafa ani ture kamitti iyyuu Waaqayyo si eebbiseera. Garuu yeroon ani itti maatii kootiif yaadu yoomi ree?”
For before I came you had little, and it has been greatly increased; and the Lord has given you a blessing in everything I have done; but when am I to do something for my family?
31 Innis, “Wanni ani siif kennu maali ree?” jedhee gaafate. Yaaqoob immoo akkana jedhee deebise; “Homaa naaf hin kennin; garuu yoo ati waan kana naaf goote ani ittuma fufee bushaayee kee nan tiksa; nan eegas;
And Laban said, What am I to give you? And Jacob said, Do not give me anything; but I will again take up the care of your flock if you will only do this for me:
32 ani harʼa bushaayee kee hunda keessa baʼee hoolota cocorree fi buburree hunda, hoolaa magaalaa fi reʼoota cocorree yookaan buburree hunda addaan nan baasa; isaan kunneen mindaa koo taʼu.
Let me go through all your flock today, taking out from among them all the sheep which are marked or coloured or black, and all the marked or coloured goats: these will be my payment.
33 Yeroo ati mindaa naa kennite sana toʼachuu dhuftutti, amanamummaan koo dhugaa naa baʼa. Hoolotaa fi reʼoota koo keessatti reʼeen cocorree yookaan buburree hin taʼin kam iyyuu, hoolaa keessaa immoo kan gurraacha hin taʼin kam iyyuu yoo argame akka waan hatameetti haa ilaalamu.”
And so you will be able to put my honour to the test in time to come; if you see among my flocks any goats which are not marked or coloured, or any sheep which is not black, you may take me for a thief.
34 Laabaanis, “Tole, akkuma ati jette haa taʼu” jedhe.
And Laban said, Let it be as you say.
35 Guyyuma sana Laabaan korbeeyyii reʼee halluu qaxxaamuroo qabanii fi buburree hunda, goromii reʼee cocorree fi buburree kanneen adaadii qaban hunda, akkasumas hoolota gugurraacha hunda fuudhee ilmaan isaatti kenne.
So that day he took all the he-goats which were banded or coloured, and all the she-goats which were marked or coloured or had white marks, and all the black sheep, and gave them into the care of his sons;
36 Innis ofii isaatii fi Yaaqoob gidduutti lafa adeemsa guyyaa sadii hambise; Yaaqoob immoo bushaayee Laabaa kanneen hafan tiksuu itti fufe.
And sent them three days' journey away: and Jacob took care of the rest of Laban's flock.
37 Yaaqoobis damee alaltuu, kan looziitii fi hadheessa jiidhaa isaa darbee darbee naannessee qoola isaa irraa quncisuudhaan dhagna mukichaa isa keessaa adii sana mulʼise.
Then Jacob took young branches of trees, cutting off the skin so that the white wood was seen in bands.
38 Yaaqoobis yeroo bushaayeen sun bishaan dhuguuf dhufanitti damee qolli irraa quncifame sana fuula isaanii dura bidiruu bishaan itti obaasan keessa kaaʼe. Bushaayeen yeroo sun bishaan dhuguu dhufanitti gojomaʼanii
And he put the banded sticks in the drinking-places where the flock came to get water; and they became with young when they came to the water.
39 ulee sana duratti wal hobobsu turan; isaanis ilmoolee halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree dhalan.
And because of this, the flock gave birth to young which were marked with bands of colour.
40 Yaaqoobis ilmoolee bushaayee kophaatti baase; bushaayee Laabaa kanneen hafan garuu warra halluu qaxxaamuroo qabanii fi gurraacha dura dhaabe. Akkasitti hoolota isaa addaan baase malee bushaayee Laabaatti hin makne.
These lambs Jacob kept separate; and he put his flock in a place by themselves and not with Laban's flock.
41 Yeroo dhaltuuwwan jajjaboon gojomaʼan kam iyyuu, Yaaqoob akka isaan ulee sana biratti wal hobobsaniif jedhee ulee sana fuula isaanii dura bidiruu keessa kaaʼaa ture;
And whenever the stronger ones of the flock became with young, Jacob put the sticks in front of them in the drinking-places, so that they might become with young when they saw the sticks.
42 dhaltuuwwan dadhaboo dura garuu ulee sana hin keenye. Kanaafuu warri dadhaboon kan Laabaa, warri jajjaboon immoo kan Yaaqoob taʼan.
But when the flocks were feeble, he did not put the sticks before them; so that the feebler flocks were Laban's and the stronger were Jacob's.
43 Namichi kun haala kanaan akka malee soorome; innis bushaayee baayʼee, garboota dubartootaatii fi dhiirotaa, gaalawwanii fi harroota qaba ture.
So Jacob's wealth was greatly increased; he had great flocks and women-servants and men-servants and camels and asses.

< Uumama 30 >