< Uumama 29 >

1 Yaaqoobis karaa isaa itti fufee gara warra biyya baʼaa dhufe.
雅各起行,到了东方人之地,
2 Innis ilaalee kunoo boolla bishaanii tokko dirree irratti arge; kunoo karri hoolotaa sadii sababii achii bishaan dhuganiif boolla bishaanii sana bira ciciisaa turan. Dhagaan afaan boolla bishaanii sanaa irra ture guddaa ture.
看见田间有一口井,有三群羊卧在井旁;因为人饮羊群都是用那井里的水。井口上的石头是大的。
3 Yeroo karri hoolotaa hundi achitti walitti qabamanitti tiksoonni afaan boolla bishaanii irraa dhagaa gangalchanii hoolota bishaan obaasu turan. Ergasii immoo dhagaa sana iddoo isaatti deebisanii afaan boolla bishaanii irra kaaʼu turan.
常有羊群在那里聚集,牧人把石头转离井口饮羊,随后又把石头放在井口的原处。
4 Yaaqoobis tiksoota sanaan, “Yaa obboloota ko, isin warra eessaati?” jedhee gaafate. Isaanis, “Nu warra Kaaraaniiti” jedhanii deebisan.
雅各对牧人说:“弟兄们,你们是哪里来的?”他们说:“我们是哈兰来的。”
5 Innis, “Laabaa ilma Naahoor beektuu?” jedheen. Jarris, “Eeyyee, beekna” jedhanii deebisan.
他问他们说:“拿鹤的孙子拉班,你们认识吗?”他们说:“我们认识。”
6 Yaaqoob immoo, “Inni fayyumaa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, fayyuma; kunoo intalli isaa Raahel iyyuu hoolota fiddee dhufaa jirti” jedhaniin.
雅各说:“他平安吗?”他们说:“平安。看哪,他女儿拉结领着羊来了。”
7 Innis, “Kunoo, amma lafti guyyaa dha; yeroo itti hoolonni walitti qabaman miti. Hoolota bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa” jedheen.
雅各说:“日头还高,不是羊群聚集的时候,你们不如饮羊,再去放一放。”
8 Isaanis, “Nu hamma karri hoolotaa hundinuu walitti qabamanii dhagaan sun afaan boolla bishaanii irraa gangalfamutti hin dandeenyu; ergasii hoolota bishaan obaafna” jedhanii deebisan.
他们说:“我们不能,必等羊群聚齐,人把石头转离井口才可饮羊。”
9 Utuma inni jara wajjin haasaʼaa jiruu, Raahel waan tiksee turteef hoolota abbaa ishee ooftee dhufte.
雅各正和他们说话的时候,拉结领着她父亲的羊来了,因为那些羊是她牧放的。
10 Yaaqoob yommuu Raahel, intala obboleessa haadha isaa intala Laabaatii fi hoolota Laabaa argetti dhaqee dhagaa afaan boolla bishaanii irraa gangalchee hoolota eessuma isaa bishaan obaase.
雅各看见母舅拉班的女儿拉结和母舅拉班的羊群,就上前把石头转离井口,饮他母舅拉班的羊群。
11 Yaaqoobis Raaheliin dhungate; sagalee ol fudhatees booʼe.
雅各与拉结亲嘴,就放声而哭。
12 Inni fira abbaa ishee akka taʼee fi ilma Ribqaa akka taʼe Raahelitti hime; isheenis fiigaa dhaqxee abbaa isheetti himte.
雅各告诉拉结,自己是她父亲的外甥,是利百加的儿子,拉结就跑去告诉她父亲。
13 Laabaan akkuma waaʼee ilma obboleettii isaa waaʼee Yaaqoob dhagaʼeen isa simachuuf ariifatee baʼe. Innis erga hammatee dhungatee booddee mana isaatti fudhatee gale; Yaaqoobis waan kana hunda Laabaatti hime.
拉班听见外甥雅各的信息,就跑去迎接,抱着他,与他亲嘴,领他到自己的家。雅各将一切的情由告诉拉班。
14 Laabaan immoo, “Ati dhugumaan foon kootii fi dhiiga koo ti” jedheen. Yaaqoob erga jiʼa tokko guutuu Laabaa wajjin turee booddee,
拉班对他说:“你实在是我的骨肉。”雅各就和他同住了一个月。
15 Laabaan akkana isaan jedhe; “Ati sababii fira koo taateef tola naa hojjechuu qabdaa? Mindaan kee akka hammam taʼuu qabu natti himi.”
拉班对雅各说:“你虽是我的骨肉,岂可白白地服事我?请告诉我,你要什么为工价?”
16 Laabaan intallan lama qaba ture; maqaan ishee hangafaa Liyaa ture; maqaan ishee quxisuu immoo Raahel jedhama ture.
拉班有两个女儿,大的名叫利亚,小的名叫拉结。
17 Iji Liyaa dadhabaa ture; Raahel garuu bareedduu fi simboo qabeettii turte.
利亚的眼睛没有神气,拉结却生得美貌俊秀。
18 Yaaqoob Raahelin jaallatee, “Ani waaʼee intala kee ishee quxisuu, Raaheliif jedhee waggaa torba sin tajaajila” jedheen.
雅各爱拉结,就说:“我愿为你小女儿拉结服事你七年。”
19 Laabaan immoo, “Nama biraaf ishee kennuu irra siif kennuu naa wayya; asuma na bira turi” jedhe.
拉班说:“我把她给你,胜似给别人,你与我同住吧!”
20 Kanaafuu Yaaqoob Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan.
雅各就为拉结服事了七年;他因为深爱拉结,就看这七年如同几天。
21 Yaaqoobis Laabaadhaan, “Waan yeroon koo xumurameef akka ani ishee bira gaʼuuf niitii koo naa kenni” jedhe.
雅各对拉班说:“日期已经满了,求你把我的妻子给我,我好与她同房。”
22 Kanaafuu Laabaan namoota iddoo sana jiran hunda walitti qabee cidha qopheesse.
拉班就摆设筵席,请齐了那地方的众人。
23 Garuu yeroo lafti galgalaaʼetti intala isaa Liyaa fidee Yaaqoobiif kenne; Yaaqoobis ishee bira gaʼe.
到晚上,拉班将女儿利亚送来给雅各,雅各就与她同房。
24 Laabaanis akka isheen hojjettuu ishee taatuuf garbittii isaa Zilfaa, intala isaa Liyaadhaaf kenne.
拉班又将婢女悉帕给女儿利亚作使女。
25 Yommuu lafti bariʼetti kunoo Liyaa taʼuun ishee beekame! Yaaqoobis Laabaadhaan, “Wanni ati na goote kun maali? Ani Raaheliif jedhee si hin tajaajillee? Yoos ati maaliif na gowwoomsite ree?” jedhe.
到了早晨,雅各一看是利亚,就对拉班说:“你向我做的是什么事呢?我服事你,不是为拉结吗?你为什么欺哄我呢?”
26 Laabaanis akkana jedhee deebise; “Biyya keenya keessatti intala hangafa dura intala quxisuu heerumsiisuun duudhaa keenya miti.
拉班说:“大女儿还没有给人,先把小女儿给人,在我们这地方没有这规矩。
27 Torban misirrummaa intala kanaa raawwadhu; ergasii yoo ati waggaa biraa torba naaf hojjette quxisuu ishees siif kennina.”
你为这个满了七日,我就把那个也给你,你再为她服事我七年。”
28 Yaaqoobis akkasuma godhe. Torban sanas Liyaa wajjin dabarse; ergasiis Laabaan intala isaa Raahelin isatti heerumsiise.
雅各就如此行。满了利亚的七日,拉班便将女儿拉结给雅各为妻。
29 Laabaan akka isheen hojjettuu ishee taatuuf xomboree isaa Bilihaa, intala isaa Raaheliif kenne.
拉班又将婢女辟拉给女儿拉结作使女。
30 Yaaqoobis Raahel bira gaʼe; innis Liyaa caalaatti Raahelin jaallate. Waggoota biraa torbas Laabaaf hojjete.
雅各也与拉结同房,并且爱拉结胜似爱利亚,于是又服事了拉班七年。
31 Waaqayyo yommuu akka Liyaan hin jaallatamin argetti gadameessa ishee baneef; Raahel garuu dhabduu turte.
耶和华见利亚失宠,就使她生育,拉结却不生育。
32 Liyaan ulfooftee ilma deesse. Isheenis waan, “Waaqayyo dhiphina koo argeeraatii dhugumaan siʼachi dhirsi koo na jaallata” jetteef maqaa isaa Ruubeen jettee moggaafte.
利亚怀孕生子,就给他起名叫吕便,因而说:“耶和华看见我的苦情,如今我的丈夫必爱我。”
33 Isheen ammas yommuu ulfooftee ilma deessetti, “Waaqayyo sababii akka ani hin jaallatamin dhagaʼeef ilma kanas naa kenne” jettee maqaa isaa Simiʼoon jettee moggaafte.
她又怀孕生子,就说:“耶和华因为听见我失宠,所以又赐给我这个儿子”,于是给他起名叫西缅。
34 Ammas ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Sababii ani ilmaan sadii isaaf daʼeef amma dhirsi koo natti maxxana” jette; kanaafuu mucaan sun Lewwii jedhamee moggaafame.
她又怀孕生子,起名叫利未,说:“我给丈夫生了三个儿子,他必与我联合。”
35 Ammas isheen ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Amma Waaqayyo nan galateeffadha” jette. Kanaafuu maqaa isaa Yihuudaa jettee moggaafte. Ergasiis daʼuu ni dhiifte.
她又怀孕生子,说:“这回我要赞美耶和华”,因此给他起名叫犹大。这才停了生育。

< Uumama 29 >