< Uumama 28 >
1 Yisihaaqis Yaaqoobin waamee eebbisee akkana jedhee isa ajaje: “Intallan warra Kanaʼaan keessaa hin fuudhin.
So Isaac called for Jacob and blessed him. “Do not take a wife from the Canaanite women,” he commanded.
2 Ammuma kaʼiitii gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam mana abbaa haadha keetii mana Betuuʼeel dhaqi. Achiis intallan obboleessa haadha keetii intallan Laabaa keessaa tokko fuudhi.
“Go at once to Paddan-aram, to the house of your mother’s father Bethuel, and take a wife from among the daughters of Laban, your mother’s brother.
3 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun si haa eebbisu; sanyii siif haa kennu; akka ati saba balʼaa taatuufis si haa baayʼisu.
May God Almighty bless you and make you fruitful and multiply you, so that you may become a company of peoples.
4 Ati biyya amma alagummaadhaan keessa jiraattu, biyya Waaqni dhaala godhee Abrahaamiif kenne sana akka dhaaltuuf inni eebba Abrahaamiif kenne sii fi sanyii keetiif haa kennu.”
And may He give the blessing of Abraham to you and your descendants, so that you may possess the land where you dwell as a foreigner, the land God gave to Abraham.”
5 Yisihaaqis akkasitti Yaaqoobin erge; Yaaqoobis gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam gara Laabaa ilma Betuuʼeel namicha Arraam sanaa dhaqe; Laabaan kun immoo obboleessa Ribqaa, haadha Yaaqoobii fi Esaawu.
So Isaac sent Jacob to Paddan-aram, to Laban son of Bethuel the Aramean, the brother of Rebekah, who was the mother of Jacob and Esau.
6 Esaawu akka Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee akka inni achii niitii fuudhuuf gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti isa ergee fi akka isa eebbisettis “Intallan warra Kanaʼaan hin fuudhin” jedhee isa ajaje yommuu beeketti;
Now Esau learned that Isaac had blessed Jacob and sent him to Paddan-aram to take a wife there, commanding him, “Do not marry a Canaanite woman,”
7 Yaaqoob abbaa fi haadha isaatiif ajajamee gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam dhaqe.
and that Jacob had obeyed his father and mother and gone to Paddan-aram.
8 Esaawus intallan warra Kanaʼaan fuula abbaa isaa Yisihaaq duratti hammam jibbamoo akka taʼan hubate.
And seeing that his father Isaac disapproved of the Canaanite women,
9 Kanaafuu Esaaw gara Ishmaaʼeel ilma Abrahaam dhaqee Maahalaati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti niitota dur qabu irratti dabalee fuudhe.
Esau went to Ishmael and married Mahalath, the sister of Nebaioth and daughter of Abraham’s son Ishmael, in addition to the wives he already had.
10 Yaaqoob Bersheebaa baʼee Kaaraan dhaqe.
Meanwhile Jacob left Beersheba and set out for Haran.
11 Innis iddoo tokko gaʼee aduun dhiinaan achi bule; dhagoota achi turan keessaas tokko fudhatee mataa jala kaaʼatee rafuuf ciise.
On reaching a certain place, he spent the night there because the sun had set. And taking one of the stones from that place, he put it under his head and lay down to sleep.
12 Innis achitti abjuu abjoote; kunoo yaabbannoo lafa dhaabatee fiixeen isaa immoo samii gaʼu tokko arge; kunoo ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo sana irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan.
And Jacob had a dream about a ladder that rested on the earth with its top reaching up to heaven, and God’s angels were going up and down the ladder.
13 Kunoo Waaqayyo yaabbannoo sana gara irraa dhaabatee akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq; ani lafa ati irra ciiftu kana siif fi sanyii keetiif nan kenna.
And there at the top the LORD was standing and saying, “I am the LORD, the God of your father Abraham and the God of Isaac. I will give you and your descendants the land on which you now lie.
14 Sanyiin kee akkuma biyyoo lafaa ni baayʼata; atis gara dhiʼaatti, gara baʼaatti, gara kaabaattii fi kibbaatti ni babalʼatta. Uummanni lafa irraa hundinuu karaa keetii fi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama.
Your descendants will be like the dust of the earth, and you will spread out to the west and east and north and south. All the families of the earth will be blessed through you and your offspring.
15 Kunoo ani si wajjinan jira; lafa ati dhaqxu hundattis sin eega; gara biyya kanaattis deebisee sin fida. Ani hamman waanan waadaa siif gale sana siif guututti si hin dhiisu.”
Look, I am with you, and I will watch over you wherever you go, and I will bring you back to this land. For I will not leave you until I have done what I have promised you.”
16 Yaaqoobis yommuu hirribaa kaʼetti, “Dhugumaan Waaqayyo iddoo kana jira; ani waan kana hin hubanne” jedhe.
When Jacob woke up, he thought, “Surely the LORD is in this place, and I was unaware of it.”
17 Innis sodaatee, “Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti” jedhe.
And he was afraid and said, “How awesome is this place! This is none other than the house of God; this is the gate of heaven!”
18 Yaaqoobis guyyaa itti aanu ganama obboroo kaʼee dhagaa mataa jala kaaʼatee ture sana fuudhee akka utubaatti ol dhaabe; fiixee isaa irrattis zayitii dhangalaase.
Early the next morning, Jacob took the stone that he had placed under his head, and he set it up as a pillar. He poured oil on top of it,
19 Innis maqaa iddoo sanaa Beetʼeel jedhee moggaase; duraan garuu magaalaan sun Luuzi jedhama ture.
and he called that place Bethel, though previously the city had been named Luz.
20 Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee wareege; “Yoo Waaqni na wajjin taʼe, yoo inni karaa ani deemu kana irratti na eege, yoo waan ani nyaadhuu fi waan ani uffadhu naa kenne,
Then Jacob made a vow, saying, “If God will be with me and watch over me on this journey, and if He will provide me with food to eat and clothes to wear,
21 yoo ani nagaan mana abbaa kootti deebiʼe, Waaqayyo Waaqa koo ni taʼa;
so that I may return safely to my father’s house, then the LORD will be my God.
22 dhagaan ani utubaa godhee ol dhaabe kunis mana Waaqaa taʼa; waan ati naa kennitu keessaas kudhan keessaa tokko siifin kenna.”
And this stone I have set up as a pillar will be God’s house, and of all that You give me I will surely give You a tenth.”