< Uumama 27 >

1 Yisihaaq dulloomee yeroo iji isaa arguu dadhabetti ilma isaa hangafa Esaawun ofitti waamee, “Yaa ilma koo” jedheen. Innis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
Isaac was old and going blind. He called for Esau, his oldest son, and said, “My son.” “I'm here,” Esau replied.
2 Yisihaaq akkana jedhe; “Kunoo, ani dulloomeera; guyyaa duʼa koo hin beeku.
“I'm old now,” said Isaac, “I may die soon, who knows?
3 Kanaafuu maaloo miʼa adamoo keetii jechuunis korojoo xiyya keetii fi iddaa kee qabadhuutii gara dirreetti baʼiitii bineensa naa adamsi.
So please take your bow and arrows and go hunting in the countryside for some meat for me.
4 Akka ani utuun hin duʼiniin dura si eebbisuuf, nyaata miʼaawaa gosa ani jaalladhu naa qopheessiitii akka ani nyaadhuuf naa dhiʼeessi.”
Make me that tasty food that I love and bring it to me to eat, so I can bless you before I die.”
5 Yommuu Yisihaaq ilma isaa Esaawutti dubbatetti Ribqaan ni dhaggeeffatti turte. Yeroo Esaawu bineensa adamsee fiduuf gara dirreetti gad baʼetti,
Rebekah heard what Isaac told his son Esau. So when Esau left to go hunting in the countryside for wild game,
6 Ribqaan ilma ishee Yaaqoobiin akkana jette; “Kunoo, ani utuu abbaan kee obboleessa kee Esaawutti dubbatuu dhagaʼeera;
Rebekah told her son Jacob, “Listen! I heard your father tell your brother,
7 innis, ‘Akka ani utuun hin duʼin fuula Waaqayyoo duratti si eebbisuuf bineensa adamsii fidiitii akka ani nyaadhuuf nyaata miʼaawu naa qopheessi’ jedheen.
‘Get me some wild game and make me some tasty food so I can eat it and then bless you in the presence of the Lord before I die.’
8 Egaa yaa ilma ko, akkuma ani si ajajutti dubbii koo dhagaʼi.
Now then, my son, listen to me and do exactly what I tell you.
9 Ani akkan abbaa keetiif akkuma inni jaallatutti nyaata miʼaawaa qopheessuuf gara bushaayee dhaqiitii ilmoolee reʼee filatamoo lama naa fidi.
Go to the flock and bring me two nice young goats. I'll cook them and make the tasty food your father loves.
10 Akka inni nyaatee utuu hin duʼin si eebbisuuf abbaa keetiif nyaata dhiʼeessi.”
Then you take it to your father to eat, so he can bless you in the presence of the Lord before he dies.”
11 Yaaqoobis haadha isaa Ribqaadhaan akkana jedhe; “Kunoo, obboleessi koo Esaawu dabbasaaʼaa dha; ani garuu rifeensa hin qabu.
“But listen,” Jacob replied to his mother Rebekah, “my brother Esau is a hairy man, and I'm a smooth man.
12 Yoo abbaan koo na qaqqabatee waan ani isa gowwoomse seʼe, ani qooda eebbaa abaarsa ofitti nan fida.”
Maybe my father will notice when he touches me. Then it will look like I'm deceiving him and I'll bring a curse down on myself instead of a blessing.”
13 Haati isaa immoo, “Yaa ilma ko, abaarsi sun naaf haa taʼu; ati waanuma ani siin jedhe godhi; dhaqiitii reʼoota sana naa fidi” jetteen.
“Let the curse fall on me, my son,” his mother replied. “Just do what I tell you. Go and get the young goats for me.”
14 Innis dhaqee ilmoolee reʼootaa sana qabee haadha isaatiif fide; isheen immoo akkuma abbaan isaa jaallatutti nyaata miʼaawu qopheessiteef.
So Jacob went and got them and took them to his mother, and she made some tasty food, the way his father loved.
15 Ergasiis Ribqaan uffata Esaaw ilma ishee hangaftichaa kan ishee bira ture keessaa kan hunda irra bareedu fuutee Yaaqoob ilma ishee isa quxisuu sanatti uffifte.
Then Rebekah went and got her older son Esau's best clothes that she had at home and put them on Jacob her younger son.
16 Harka isaatii fi morma isaa iddoo rifeensa hin qabnetti gogaa reʼootaa uffifte.
She put the goatskins on his hands and on the smooth part of his neck.
17 Ergasiis nyaata miʼaawaa fi buddeena qopheessitee turte sana ilma ishee Yaaqoobitti kennite.
Then she handed her son Jacob the tasty food and the bread she'd made.
18 Innis gara abbaa isaa dhaqee, “Yaa abbaa koo” jedhe. Innis, “Yaa ilma ko, kunoo asan jira; ati eenyu?” jedhee deebise.
He went in to see his father, and called out, “My father, I'm here.” “Which son are you?” Isaac asked.
19 Yaaqoobis abbaa isaatiin akkana jedhe; “Ani Esaawu ilma kee isa hangafticha; akkuma ati natti himte sana godheera; akka na eebbiftuuf mee ol jedhiitii waan ani adamsee fide nyaadhu.”
“It's me Esau, your firstborn son,” Jacob told his father. “I did what you told me. So please sit up and eat some of my wild game meat so you can bless me.”
20 Yisihaaq ilma isaatiin, “Yaa ilma ko, akkamitti akkana daftee argatte?” jedhe. Yaaqoob immoo, “Waaqayyo Waaqa keetu na milkoomse” jedhee deebise.
“How did you find an animal so fast, my son?” Isaac asked. “Because the Lord your God sent it my way,” Jacob replied.
21 Yisihaaqis Yaaqoobiin, “Akka ani si qaqqabadhee ilma koo Esaaw taʼuu fi taʼuu baachuu kee beekuuf mee as dhiʼaadhu” jedhe.
“Come over here so I can touch you, my son,” Isaac told Jacob, “so I can tell if you're really my son Esau or not.”
22 Yaaqoobis abbaa isaa Yisihaaqitti dhiʼaate; abbaan isaas isa qaqqabatee, “Sagaleen kun sagalee Yaaqoob; harki kun garuu harka Esaawu” jedhe.
Jacob went over to his father Isaac, who touched him and said, “It's Jacob's voice but Esau's hands.”
23 Waan harki isaa akkuma harka Esaawu rifeensa qabuuf Yisihaaq gargar baasee isa beekuu hin dandeenye; kanaafuu isa eebbise.
Isaac didn't realize it was really Jacob because his hands were hairy like his brother Esau's, so Isaac got ready to bless him.
24 Innis, “Ati dhugumaan ilma koo Esaawuu?” jedhee gaafate. Inni immoo, “Eeyyee ani isuma” jedhee deebise.
“It's really you, my son Esau?” he asked again. “Yes, it's me,” Jacob replied.
25 Yisihaaqis, “Yaa ilma ko, akka ani nyaadhee si eebbisuuf mee waan adamsitee fidde sana naa kenni” jedhe. Yaaqoob ni dhiʼeesseef; innis ni nyaate; daadhii wayiniis ni fideef; innis ni dhuge.
Then he said, “My son, bring me some of your wild game to eat, so that I may give you my blessing.” Jacob brought some for him to eat, as well as some wine for him to drink.
26 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Yaa ilma koo as kottuu na dhungadhu” jedheen.
Afterwards he said to Isaac, “Come here and kiss me, my son.”
27 Innis itti dhiʼaatee isa dhungate. Yisihaaqis foolii wayyaa isaa suufee isa eebbise; akkanas jedhe; “Ilaa, fooliin ilma koo, akkuma foolii lafa qotiisaa Waaqayyo eebbisee ti.
So Jacob went over and kissed him, and Isaac could smell the clothes Jacob was wearing. So he went ahead with the blessing, saying to himself, “See—the smell of my son is like the smell of a field that the Lord has blessed.”
28 Waaqni fixeensa samii, lafa gabbataa, midhaanii fi wayinii akka malee baayʼatu siif haa kennu.
“May God use the dew of heaven and fertile land to give you rich harvests of grain and new wine!
29 Saboonni si haa tajaajilan; uummannis siif haa sagadan. Obboloota kee irratti gooftaa taʼi; ilmaan haadha keetiis siif haa sagadan. Warri si abaaran haa abaaraman; warri si eebbisan immoo haa eebbifaman.”
May the people of different nations serve you and bow down to you. May you rule over your relatives, and may they bow down to you. May everyone who curses you be cursed, and may everyone who bless you be blessed.”
30 Akkuma Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee fixee Yaaqoob immoo fuula abbaa isaa fuula Yisihaaq duraa gad baʼeen, obboleessi isaa Esaawu adamoodhaa dhufee ol gale.
After Isaac finished blessing Jacob—in fact Jacob had just left his father—Esau returned from his hunting trip.
31 Innis nyaata miʼaawaa qopheessee abbaa isaatiif fide; abbaa isaatiinis, “Yaa abbaa ko, ati akka na eebbiftuuf ol jedhiitii waan ani ilmi kee adamsee fide nyaadhu” jedhe.
He had also made some tasty food, and took it to his father. Esau said to Isaac, “Sit up, my father, and eat some of my wild game so you can bless me.”
32 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani ilma kee Esaawu hangafticha” jedhe.
“Who are you?” Isaac asked him. “I'm your son, your firstborn son, Esau,” he replied.
33 Yommus Yisihaaq akka malee hollachaa, “Yoos namni waa adamsee naa fide eenyu ree? Ani utuu ati hin dhufin hunduma isaa nyaadheen isa eebbise; inni dhugumaan ni eebbifama!” jedhe.
Isaac started to shake all over and asked, “So who was it who went hunting game and then brought it to me? I ate it all before you came back and I blessed him. His blessing will remain.”
34 Esaawu yommuu waan abbaan isaa dubbate dhagaʼetti, abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhee sagalee ol fudhatee hiqqifatee booʼe.
When Esau heard his father's words, he cried out in great anger and bitterness, and pleaded with his father, “Please bless me too, my father!”
35 Yisihaaq garuu, “Obboleessi kee haxxummaadhaan dhufee eebba kee fudhateera” jedhe.
But Isaac replied, “You brother came and deceived me—he stole your blessing!”
36 Esaawus, “Maqaan isaa iyyuu dhugumaan Yaaqoob jedhama mitii? Inni kana wajjin yeroo lama na gowwoomsuu isaa ti; jalqabatti hangafummaa koo narraa fudhate; amma immoo eebba koo fudhateera” jedhe. Ergasiis inni, “Ati eebba tokko illee naa hin hambifnee ree?” jedhee gaafate.
“Isn't he well named—Jacob the deceiver!” said Esau. “He's deceived me twice. First he took my birthright, and now he's stolen my blessing! Haven't you kept a blessing for me?”
37 Yisihaaq immoo akkana jedhee Esaawuuf deebise; “Kunoo ani akka inni sirratti gooftaa taʼuu fi akka firoonni isaa hundi tajaajiltoota isaa taʼan godheera; akka inni midhaanii fi daadhii wayinii qabaatuufis isa eebbiseera. Egaa yaa ilma koo ani maal siif gochuun dandaʼa?”
Isaac replied to Esau. “I have made him ruler over you, and have said that all his relatives will be his servants. I have declared that he will be well supplied with grain and new wine. So what is left that I can do for you, my son?”
38 Esaawus abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, ati eebbuma tokko qofa qabdaa? Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhe. Esaawus sagalee ol fudhatee booʼe.
“Do you only have one blessing, my father?” Esau asked. “Please bless me too!” Then Esau began to cry very loudly.
39 Abbaan isaa Yisihaaqis akkana jedhee deebiseef; “Iddoon jireenya keetii lafa gabbataa irraa ni fagaata; fixeensa samii gubbaa irraas ni fagaata.
Then his father Isaac declared, “Listen! You will live far away from fertile land, far from the dew of heaven that falls from above.
40 Ati goraadeedhaan jiraatta; obboleessa kees ni tajaajilta. Yeroo isaan mormitutti garuu waanjoo isaa cabsitee morma kee irraa buufta.”
You will make a living by using your sword, and you will be your brother's servant. But when you rebel, you will throw off his yoke from your neck.”
41 Esaawu sababii abbaan isaa Yaaqoobin eebbiseef Yaaqoobitti haaloo qabate. Innis garaa isaatti, “Yeroon itti abbaa kootiif booʼan dhiʼaateera; anis yeroo sana obboleessa koo Yaaqoobin nan ajjeesa” jedhee yaade.
From then on Esau hated Jacob because of his father's blessing. Esau said to himself, “Soon the time will come when I'll mourn my father's death. Then I'll kill my brother Jacob!”
42 Yommuu wanni Esaawu ilmi ishee hangaftichi jedhe isheetti himametti Ribqaan Yaaqoob ilma ishee quxisuu waamsiftee akkana jetteen; “Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesee garaa isaa qabbaneeffachuu barbaada.
However, Rebekah found out what Esau was saying, so she sent for Jacob. “Look,” she told him, “your brother Esau is making himself feel better by making plans to kill you.
43 Kanaafuu yaa ilma koo na dhagaʼi; kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaa kan Kaaraan keessa jiraatu sanaatti baqadhu.
So, my son, listen carefully to what I tell you. Leave immediately and go to my brother Laban in Haram.
44 Hamma aariin obboleessa keetii qabbanaaʼutti yeroo gabaabaaf isa bira turi.
Stay with him for a while until your brother's anger cools down.
45 Yommuu aariin obboleessa keetii qabbanaaʼee innis waan ati isa goote sana irraanfatutti ani dhaamsa sitti ergee achii sin fichisiisa. Ani maaliifan guyyaa tokkotti isin lachuu dhaba?”
Once he's cooled down and forgets what you did to him, I'll send for you to come back. Why should I lose both of you in a single day?”
46 Ribqaanis Yisihaaqiin akkana jette; “Ani sababii dubartoota Heetotaa kanneeniif jiraachuu jibbeera. Yoo Yaaqoob dubartoota biyya kanaa jechuunis dubartoota Heetotaa kanneen keessaa niitii fuudhe, jireenyi koo maal anaaf godha ree!”
Then Rebekah went and told Isaac, “I'm so sick of these Hittite women—they're ruining my life! If Jacob also marries a Hittite woman like them, one of the local people, I'd rather die!”

< Uumama 27 >