< Uumama 26 >

1 Beela isa bara Abrahaam biyyichatti buʼe sana malee beelli biraa tokko ammas biyya sanatti buʼe; Yisihaaqis gara Geraaraa gara Abiimelek mooticha Filisxeem dhaqe.
And when a famine came in the land, after that barrenness which had happened in the days of Abraham, Isaac went to Abimelech king of the Palestines to Gerara.
2 Waaqayyos Yisihaaqitti mulʼatee akkana jedhe; “Biyya ani akka ati keessa jiraattuuf sitti himu keessa jiraadhu malee Gibxitti gad hin buʼin.
And the Lord appeared to him and said: Go not down into Egypt, but stay in the land that I shall tell thee.
3 Biyyuma kana jiraadhu; ani si wajjin nan taʼa; sin eebbisas; biyya kana hunda sii fi sanyii keetiif nan kennaatii. Ani kakuun abbaa kee Abrahaamiif kakadhe sana nan guuta.
And sojourn in it, and I will be with thee, and will bless thee: for to thee and to thy seed I will give all these countries, to fulfill the oath which I swore to Abraham thy father.
4 Ani akkuma urjiiwwan samii sanyii kee nan baayʼisa; biyya kana hundas isaaniif nan kenna; saboonni lafa irra jiran hundinuus karaa sanyii keetiitiin eebbifamu.
And I will multiply thy seed like the stars of heaven: and I will give to thy posterity all these countries: and in thy seed shall all the nations of the earth be blessed.
5 Kunis waan Abrahaam dubbii koo dhagaʼee fedhii koo, ajaja koo, labsii kootii fi seera koo eegeef.”
Because Abraham obeyed my voice, and kept my precepts and commandments, and observed my ceremonies and laws.
6 Yisihaaqis Geraaraa keessa jiraate.
So Isaac abode in Gerara.
7 Innis yommuu namoonni biyya sanaa waaʼee niitii isaa isa gaafatanitti waan Ribqaan bareedduu taateef, “Namoonni naannoo kanaa sababii isheetiif na ajjeesu taʼa” jedhee yaaduudhaan, “Isheen niitii koo ti” jechuu sodaatee, “Isheen obboleettii koo ti” jedhe.
And when he was asked by the men of that place, concerning his wife, he answered: She is my sister; for he was afraid to confess that she was his wife, thinking lest perhaps they would kill him because of her beauty.
8 Erga Yisihaaq yeroo dheeraa achi jiraatee booddee, Abiimelek mootichi Filisxeemii foddaa keessaan gad ilaale; utuu Yisihaaq niitii isaa Ribqaa hooqsuu arge.
And when very many days were passed, and he abode there, Abimelech king of the Palestines looking out through a window, saw him playing with Rebecca his wife.
9 Abiimelekis Yisihaaqin ofitti waamee, “Isheen dhugumaan niitii kee ti! Yoos ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jette ree?” jedheen. Yisihaaqis, “Waan ani sababii isheetiif lubbuu koo nan dhaba taʼa jedhee yaadeef” jedhee deebiseef.
And calling for him, he said: It is evident she is thy wife: why didst thou feign her to be thy sister? He answered: I feared lest I should die for her sake.
10 Abiimelek immoo, “Wanni ati nutti hojjette kun maali? Utuu namoota kanneen keessaa tokko niitii kee wajjin ciisee jiraatee silaa ati yakka nutti fiddee turte” jedheen.
And Abimelech said: Why hast thou deceived us? Some man of the people might have lain with thy wife, and thou hadst brought upon us a great sin. And he commanded all the people, saying:
11 Kana irratti Abiimelek, “Namni namicha kana yookaan niitii isaa tuqu kam iyyuu dhugumaan ajjeefamuu qaba” jedhee nama hundaaf ajaja kenne.
He that shall touch this man’s wife, shall surely be put to death.
12 Yisihaaqis biyya sanatti midhaan facaafatee waan Waaqayyo isa eebbiseef baruma sana keessa dachaa dhibba galfate.
And Isaac sowed in that land, and he found that same year a hundredfold: and the Lord blessed him.
13 Innis ni hore; hamma akka malee sooromuttis qabeenyi isaa ittuma fufee baayʼate.
And the man was enriched, and he went on prospering and increasing, till he became exceeding great:
14 Innis bushaayee, loowwanii fi hojjettoota hedduu qaba ture; Filisxeemonnis isatti hinaafan.
And he had possessions of sheep and of herds, and a very great family. Wherefore the Palestines envying him,
15 Kanaafuu Filisxeemonni boolla bishaanii hojjettoonni abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotan hundatti biyyoo naqanii duuchan.
Stopped up at that time all the wells, that the servants of his father Abraham had digged, filling them up with earth:
16 Abiimelekis Yisihaaqiin, “Ati baayʼee nu caalaa jabaatteertaatii nurraa deemi” jedhe.
Insomuch that Abimelech himself said to Isaac: Depart from us, for thou art become much mightier than we.
17 Yisihaaq achii kaʼee sulula Geraaraa keessa qubatee achi jiraate.
So he departed and came to the torrent of Gerara, to dwell there:
18 Yisihaaqis boollawwan bishaanii bara abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotaman kanneen Filisxeemonni erga Abrahaam duʼee booddee duuchan sana deebisee bane; innis maquma abbaan isaa kenneefii ture sanaan isaan waame.
And he digged again other wells, which the servants of his father Abraham had digged, and which, after his death, the Palestines had of old stopped up: and he called them by the same names by which his father before had called them.
19 Tajaajiltoonni Yisihaaq sulula sana keessatti lafa qotanii boolla bishaan burquu argatan.
And they digged in the torrent, and found living water.
20 Tiksoonni Geraaraa, “Bishaan kun kan keenya!” jedhanii tiksoota Yisihaaq wajjin wal lolan. Kanaafuu inni sababii wal falmaniif boolla bishaanii sana, “Eeseeq” jedhee moggaase.
But there also the herdsmen of Gerara strove against the herdsmen of Isaac, saying: It is our water. Wherefore he called the name of the well, on occasion of that which had happened, Calumny.
21 Ergasiis boolla bishaanii biraa qotan; isaan garuu boolla bishaanii sana irrattis wal lolan; kana irratti Yisihaaq boolla bishaanii sana “Sixinaa” jedhee moggaase.
And they digged also another; and for that they quarrelled likewise, and he called the name of it, Enmity.
22 Innis achii kaʼee iddoo biraa dhaqee boolla bishaanii biraa achitti qote; namni tokko iyyuu isa irratti wal hin lolle. Innis, “Waaqayyo amma iddoo balʼaa nuu kenneera; nu biyyattii keessatti ni baayʼanna” jechuudhaan Rehooboot jedheen.
Going forward from thence, he digged another well, for which they contended not: therefore he called the name thereof, Latitude, saying: Now hath the Lord given us room, and made us to increase upon the earth.
23 Innis achii kaʼee gara Bersheebaatti ol baʼe.
And he went up from that place to Bersabee,
24 Waaqayyos halkanuma sana isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa abbaa kee Abrahaam; ani waan si wajjin jiruuf hin sodaatin. Garbicha koo Abrahaamiif jedhees ani sin eebbisa; sanyii kees nan baayʼisa.”
Where the Lord appeared to him that same night, saying: I am the God of Abraham thy father; do not fear, for I am with thee: I will bless thee, and multiply thy seed for my servant Abraham’s sake.
25 Yisihaaq achitti iddoo aarsaa ijaaree maqaa Waaqayyoo waammate. Dunkaana isaas achi dhaabbate; tajaajiltoonni isaas iddoo sanatti boolla bishaanii qotatan.
And he built there an altar: and called upon the name of the Lord, and pitched his tent: and commanded his servants to dig a well.
26 Ergasiis Abiimelek gorsaa isaa Ahuzaatii fi ajajaa loltoota isaa Fiikool wajjin Geraaraadhaa kaʼee gara Yisihaaq dhufe.
To which place when Abimelech, and Ochozath his friend, and Phicol chief captain of his soldiers came from Gerara,
27 Yisihaaq immoo, “Isin erga na jibbitanii of biraa na ariitanii maaliif gara koo dhuftan?” isaaniin jedhe.
Isaac said to them: Why are ye come to me, a man whom you hate, and have thrust out from you?
28 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu akka Waaqayyo si wajjin jiru ifaan ifatti argineerra; kanaafuu nu, ‘Kakuun walii galtee gidduu keenya jechuunis nuu fi si gidduu jiraachuu qaba’ jenne; mee kottu si wajjin walii galtee godhannaa.
And they answered: We saw that the Lord is with thee, and therefore we said: Let there be an oath between us, and let us make a covenant,
29 Kunis akkuma nu utuu waan gaarii malee waan hamaa sirraan hin gaʼin nagaan of irraa si geggeessine sana akka atis nu hin miineef. Ati amma illee nama Waaqayyo eebbisee dha.”
That thou do us no harm, as we on our part have touched nothing of thine, nor have done any thing to hurt thee: but with peace have sent thee away increased with the blessing of the Lord.
30 Yisihaaqis nyaata isaaniif qopheesse; isaanis ni nyaatan; ni dhuganis.
And he made them a feast, and after they had eaten and drunk:
31 Namoonni sun guyyaa itti aanu ganama barraaqa kaʼanii walii kakatan. Yisihaaqis isaan geggeesse; jarris nagumaan isa biraa deeman.
Arising in the morning, they swore one to another: and Isaac sent them away peaceably to their own home.
32 Guyyuma sana hojjettoonni Yisihaaq dhufanii waaʼee boolla bishaanii qotan sanaa isaatti himan. Isaanis, “Nu bishaan arganneerra!” jedhan.
And behold the same day the servants of Isaac came, telling him of a well which they had digged, and saying: We have found water.
33 Innis boolla bishaanii sana, “Shibeʼaa” jedhee moggaase. Hamma harʼaatti maqaan magaalaa sanaa Bersheebaa jedhama.
Whereupon he called it Abundance: and the name of the city was called Bersabee, even to this day.
34 Esaawu yeroo umuriin isaa waggaa afurtama guuteetti Yoodiiti intala Biʼeer namicha gosa Heeti akkasumas Baasmati intala Eeloon namicha gosa Heeti fuudhe.
And Esau being forty years old, married wives, Judith the daughter of Beeri the Hethite, and Basemath the daughter of Elon of the same place.
35 Isaanis Yisihaaqii fi Ribqaa gaddisiisan.
And they both offended the mind of Isaac and Rebecca.

< Uumama 26 >