< Uumama 24 >

1 Yeroo sana Abrahaam dulloomee, umuriin isaa akka malee dheeratee ture; Waaqayyos waan hundumaan isa eebbise.
And Abraham was old, and well stricken in age: and the LORD had blessed Abraham in all things.
2 Innis tajaajilaa mana isaa hangafa kan waan inni qabu hunda irratti itti gaafatamaa taʼeen akkana jedhe; “Mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼi.
And Abraham said to his oldest servant of his house, that ruled over all that he had, Put, I pray you, your hand under my thigh:
3 Ani akka ati intallan warra Kanaʼaan kanneen ani gidduu isaanii jiraadhuu keessaa ilma kootiif niitii hin fidneef Waaqayyo Waaqa samiitii fi Waaqa lafaatiin kakattu nan barbaada;
And I will make you swear by the LORD, the God of heaven, and the God of the earth, that you shall not take a wife to my son of the daughters of the Canaanites, among whom I dwell:
4 garuu gara biyya kootii fi gara firoota koo dhaqiitii ilma koo Yisihaaqiif niitii barbaadi.”
But you shall go to my country, and to my kindred, and take a wife to my son Isaac.
5 Tajaajilaan sun immoo, “Yoo dubartiin sun na wajjin gara biyya kanaa dhufuuf fedhii qabaachuu baatte hoo? Ani ilma kee gara biyya ati keessaa dhufte sanaatti deebisee geessuun qabaa?” jedhee isa gaafate.
And the servant said to him, Peradventure the woman will not be willing to follow me to this land: must I needs bring your son again to the land from where you came?
6 Abrahaamis akkana isaan jedhe; “Ati akka ilma koo deebiftee biyya sanatti hin geessine of eeggadhu.
And Abraham said to him, Beware you that you bring not my son thither again.
7 Waaqayyo Waaqni samii inni mana abbaa kootii fi biyya ani itti dhaladhe keessaa na fidee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna’ jechuudhaan natti dubbatee kakatee waadaa naa seene sun akka ati achii ilma kootiif niitii fidduuf ergamaa isaa fuula kee dura ni erga.
The LORD God of heaven, which took me from my father’s house, and from the land of my kindred, and which spoke to me, and that swore to me, saying, To your seed will I give this land; he shall send his angel before you, and you shall take a wife to my son from there.
8 Yoo dubartiin sun si wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baatte immoo ati kakuu koo kana irraa bilisa taata. Ilma koo garuu gonkumaa achi hin deebisin.”
And if the woman will not be willing to follow you, then you shall be clear from this my oath: only bring not my son thither again.
9 Kanaafuu tajaajilaan sun harka isaa gudeeda gooftaa isaa Abrahaam jala kaaʼee waaʼee waan kanaa kakateef.
And the servant put his hand under the thigh of Abraham his master, and swore to him concerning that matter.
10 Tajaajilaan sunis gaala gooftaa isaa keessaa kudhan fudhatee gooftaa isaa biraa immoo kennaawwan filatamoo gosa hundaa feʼatee qajeele; innis magaalaa Naahoor ishee kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam keessatti argamtuu dhaqe.
And the servant took ten camels of the camels of his master, and departed; for all the goods of his master were in his hand: and he arose, and went to Mesopotamia, to the city of Nahor.
11 Innis akka gaalawwan sun magaalattiin alatti boolla bishaanii cina jijilbeenfatan godhe; yeroon sun gara galgalaa yeroo itti dubartoonni bishaan waraabbachuu baʼan ture.
And he made his camels to kneel down without the city by a well of water at the time of the evening, even the time that women go out to draw water.
12 Innis akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam, harʼa na milkeessiitii gooftaa koo Abrahaamiif garaa laafi.
And he said O LORD God of my master Abraham, I pray you, send me good speed this day, and show kindness to my master Abraham.
13 Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheen jira; intallan warra magaalaa kanaas bishaan waraabbachuuf as baʼaa jiru.
Behold, I stand here by the well of water; and the daughters of the men of the city come out to draw water:
14 Intalli ani, ‘Maaloo akka ani bishaan dhuguuf okkotee kee gad qabi’ jedheenii isheenis, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees siifin obaasaa’ naan jettu ishee ati garbicha kee Yisihaaqiif filatte haa taatu. Anis kanaan akka ati gooftaa kootiif garaa laafte beeka.”
And let it come to pass, that the damsel to whom I shall say, Let down your pitcher, I pray you, that I may drink; and she shall say, Drink, and I will give your camels drink also: let the same be she that you have appointed for your servant Isaac; and thereby shall I know that you have showed kindness to my master.
15 Utuu inni kadhatee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee dhufte. Isheenis intala ilma Miilkaa kan Betuuʼeel jedhamu sanaa turte; Miilkaan immoo niitii obboleessa Abrahaam kan Naahoor jedhamu sanaa ti.
And it came to pass, before he had done speaking, that, behold, Rebekah came out, who was born to Bethuel, son of Milcah, the wife of Nahor, Abraham’s brother, with her pitcher on her shoulder.
16 Intalli sunis akka malee bareedduu fi durba turte; dhiirri tokko iyyuu ishee wajjin hin ciifne. Isheenis gara burqaatti gad buutee okkotee isheetti bishaan guuttattee ol deebite.
And the damsel was very fair to look on, a virgin, neither had any man known her: and she went down to the well, and filled her pitcher, and came up.
17 Tajaajilaan sunis ishee simachuuf itti fiigee, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee naa kenni” jedheen.
And the servant ran to meet her, and said, Let me, I pray you, drink a little water of your pitcher.
18 Isheenis, “Yaa gooftaa ko, dhugi” jetteenii daftee okkotee ishee harkatti gad buufattee bishaan dhugaatii kenniteef.
And she said, Drink, my lord: and she hurried, and let down her pitcher on her hand, and gave him drink.
19 Isheenis erga bishaan isa obaaftee booddee, “Ani gaalawwan keetiifis hamma isaan dhuganii dheebuu baʼanitti nan waraaba” jette.
And when she had done giving him drink, she said, I will draw water for your camels also, until they have done drinking.
20 Daftees okkotee ishee keessaa bidiruutti garagalchitee ammas bishaan waraabuudhaaf gara boolla bishaaniitti fiigde; gaalawwan isaa hundaafis bishaan waraabde.
And she hurried, and emptied her pitcher into the trough, and ran again to the well to draw water, and drew for all his camels.
21 Namichi sunis akka Waaqayyo karaa isaaf milkeesse yookaan akka isaaf hin milkeessin baruuf jedhee calʼisee xiyyeeffatee ishee ilaalaa ture.
And the man wondering at her held his peace, to wit whether the LORD had made his journey prosperous or not.
22 Erga gaalawwan bishaan dhuganii booddee namichi amartii funyaanii kan warqee kan walakkaa saqilii ulfaatuu fi bitawoo warqee kan saqilii kudhan ulfaatu lama gad baasee,
And it came to pass, as the camels had done drinking, that the man took a golden earring of half a shekel weight, and two bracelets for her hands of ten shekels weight of gold;
23 “Ati intala eenyuu ti? Yoo mana abbaa keetii iddoon bulan jiraatte maaloo mee natti himi” jedhee gaafate.
And said, Whose daughter are you? tell me, I pray you: is there room in your father’s house for us to lodge in?
24 Isheenis, “Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha” isaan jette.
And she said to him, I am the daughter of Bethuel the son of Milcah, which she bore to Nahor.
25 Itti dabaltees, “Cidii fi okaa baayʼee qabna; kutaan isin bultanis jira” jetteen.
She said moreover to him, We have both straw and provender enough, and room to lodge in.
26 Namichis gad jedhee Waaqayyoof sagade;
And the man bowed down his head, and worshipped the LORD.
27 akkanas jedhe; “Waaqayyo Waaqni gooftaa koo Abrahaam kan arjummaa isaatii fi amanamummaa isaa gooftaa koo hin dhowwatin sun haa eebbifamu. Waaqayyo anas gara mana obboloota gooftaa kootti karaa irra na qajeelcheera.”
And he said, Blessed be the LORD God of my master Abraham, who has not left destitute my master of his mercy and his truth: I being in the way, the LORD led me to the house of my master’s brothers.
28 Intalattiinis fiigdee dhaqxee warra mana haadha ishee jiranitti waaʼee waan kanaa himte.
And the damsel ran, and told them of her mother’s house these things.
29 Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu tokko qabdi turte; Laabaanis fiigee namicha burqaa bishaanii bira jiru sana bira dhaqe.
And Rebekah had a brother, and his name was Laban: and Laban ran out to the man, to the well.
30 Innis yommuu obboleettii isaa irratti amartii funyaanii warqeetii fi bitawoo argetti, yommuu utuu Ribqaan waan namichi sun isheedhaan jedhe dubbattuu dhagaʼetti, gara namichaatti gad baʼe; namichis burqaa bishaanii cina gaalawwan bira dhaabatee ture.
And it came to pass, when he saw the earring and bracelets on his sister’s hands, and when he heard the words of Rebekah his sister, saying, Thus spoke the man to me; that he came to the man; and, behold, he stood by the camels at the well.
31 Namicha sanaanis, “Yaa namicha Waaqayyo eebbise, kottu; ati maaliif ala dhaabatta? Ani manicha qopheesseera; gaalawwaniifis iddoo qopheesseera” jedhe.
And he said, Come in, you blessed of the LORD; why stand you without? for I have prepared the house, and room for the camels.
32 Kanaafuu namichi sun gara manaa dhaqe; Laabaanis gaalawwan irraa feʼiisa buusee cidii fi okaa kenneef; akka miilla isaanii dhiqataniif immoo namichaa fi warra isa wajjin turaniif bishaan kenne.
And the man came into the house: and he ungirded his camels, and gave straw and provender for the camels, and water to wash his feet, and the men’s feet that were with him.
33 Ergasiis nyaanni dhiʼaateef; namichi sun garuu, “Ani hamman dhimma koo himadhutti hin nyaadhu” jedhe. Laabaanis, “Himadhukaa” jedheen.
And there was set meat before him to eat: but he said, I will not eat, until I have told my errand. And he said, Speak on.
34 Innis akkana jedhe; “Ani tajaajilaa Abrahaamii ti.
And he said, I am Abraham’s servant.
35 Waaqayyo, gooftaa koo guddaa eebbiseera; innis sooromeera. Hoolotaa fi loowwan, meetii fi warqee, garboota dhiiraatii fi dubartii, gaalawwanii fi harroota isaaf kenneera.
And the LORD has blessed my master greatly; and he is become great: and he has given him flocks, and herds, and silver, and gold, and menservants, and maidservants, and camels, and asses.
36 Niitiin gooftaa kootii Saaraan bara dulluma ishee keessa ilma isaaf deesse; innis waan qabu hunda ilma isaatiif kenneera.
And Sarah my master’s wife bore a son to my master when she was old: and to him has he given all that he has.
37 Gooftaan koo akkana jedhee na kakachiise; ‘Ati intallan Kanaʼaan kanneen ani biyya isaanii keessa jiraadhu keessaa ilma koof niitii hin fidin;
And my master made me swear, saying, You shall not take a wife to my son of the daughters of the Canaanites, in whose land I dwell:
38 garuu gara mana abbaa kootii fi gara gosa koo dhaqiitii ilma kootiif niitii fidi.’
But you shall go to my father’s house, and to my kindred, and take a wife to my son.
39 “Anis, ‘Yoo dubartiin sun na wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baattee hoo?’ jedhee gooftaa koo nan gaafadhe.
And I said to my master, Peradventure the woman will not follow me.
40 “Innis akkana naan jedhe; ‘Waaqayyo inni ani fuula isaa dura jiraadhu ergamaa isaa si wajjin ergee karaa kee siif milkeessa; atis gosa koo fi mana abbaa koo keessaa ilma kootiif niitii ni fidda.
And he said to me, The LORD, before whom I walk, will send his angel with you, and prosper your way; and you shall take a wife for my son of my kindred, and of my father’s house:
41 Ati yommuu gara gosa koo dhaqxu kakuu koo irraa bilisa taata; yoo isaan intala sana sitti kennuu didani iyyuu ati kakuu koo irraa bilisa taata.’
Then shall you be clear from this my oath, when you come to my kindred; and if they give not you one, you shall be clear from my oath.
42 “Ani harʼa yommuun gara burqaa kanaa dhufetti akkanan jedhe; ‘Yaa Waaqayyo, Waaqa gooftaa koo Abrahaam yoo fedhii kee taʼe karaa ani deemu naa milkeessi.
And I came this day to the well, and said, O LORD God of my master Abraham, if now you do prosper my way which I go:
43 Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheera; yoo durbi tokko bishaan waraabbachuu dhuftee ani immoo, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee na obaasi” jedheenii,
Behold, I stand by the well of water; and it shall come to pass, that when the virgin comes forth to draw water, and I say to her, Give me, I pray you, a little water of your pitcher to drink;
44 isheenis, “Dhugi; ani gaalawwan keetiifis nan waraaba” naan jette, isheen kan Waaqayyo ilma gooftaa kootiif file haa taatu.’
And she say to me, Both drink you, and I will also draw for your camels: let the same be the woman whom the LORD has appointed out for my master’s son.
45 “Utuu ani garaa koo keessatti kadhadhee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee gad dhufte. Isheenis gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabbatte; anis, ‘Maaloo bishaan na obaasi’ nan jedheen.
And before I had done speaking in my heart, behold, Rebekah came forth with her pitcher on her shoulder; and she went down to the well, and drew water: and I said to her, Let me drink, I pray you.
46 “Isheenis daftee okkotee ishee gatiittii irraa gad buufattee, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees nan obaasaa’ jette. Anis nan dhuge; isheen immoo gaalawwan obaafte.
And she made haste, and let down her pitcher from her shoulder, and said, Drink, and I will give your camels drink also: so I drank, and she made the camels drink also.
47 “Anis, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishee gaafadhe. “Ishee immoo, ‘Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha’ jette. “Anis funyaan isheetti amartii, harka isheetti immoo bitawoo nan kaaʼe.
And I asked her, and said, Whose daughter are you? And she said, the daughter of Bethuel, Nahor’s son, whom Milcah bore to him: and I put the earring on her face, and the bracelets on her hands.
48 Anis gad jedhee Waaqayyoof nan sagade; Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam isa akka ani intala fira isaa ilma isaatiif geessu karaa qajeelaa irra na buuse sana nan eebbise.
And I bowed down my head, and worshipped the LORD, and blessed the LORD God of my master Abraham, which had led me in the right way to take my master’s brother’s daughter to his son.
49 Egaa isin yoo gooftaa kootti garaa laafummaa fi amanamummaa argisiiftan natti himaa; yoo taʼuu baate immoo akka ani gara bitaatti yookaan gara mirgaatti goru natti himaa.”
And now if you will deal kindly and truly with my master, tell me: and if not, tell me; that I may turn to the right hand, or to the left.
50 Laabaa fi Betuuʼeelis akkana jedhanii deebisan; “Wanni kun Waaqayyo biraa dhufe; nu waan hamaa yookaan waan tolaa sitti dubbachuu hin dandeenyu.
Then Laban and Bethuel answered and said, The thing proceeds from the LORD: we cannot speak to you bad or good.
51 Kunoo, Ribqaan fuula kee dura jirti; ishee fudhadhuu deemi; isheenis akkuma Waaqayyo dubbatetti niitii ilma gooftaa keetii haa taatu.”
Behold, Rebekah is before you, take her, and go, and let her be your master’s son’s wife, as the LORD has spoken.
52 Tajaajilaan Abrahaamis yommuu waan isaan jedhan dhagaʼetti lafatti gombifamee Waaqayyoof sagade.
And it came to pass, that, when Abraham’s servant heard their words, he worshipped the LORD, bowing himself to the earth.
53 Kana booddees tajaajilaan sun faaya meetii fi warqee, uffata adda addaas baasee Ribqaadhaaf kenne; obboleessa isheetii fi haadha isheetiifis kennaa gatii guddaa baasu kenne.
And the servant brought forth jewels of silver, and jewels of gold, and raiment, and gave them to Rebekah: he gave also to her brother and to her mother precious things.
54 Innii fi namoonni isa wajjin turanis nyaatanii dhuganii achuma bulan. Yommuu isaan guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti tajaajilaan sun, “Akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” jedhe.
And they did eat and drink, he and the men that were with him, and tarried all night; and they rose up in the morning, and he said, Send me away to my master.
55 Obboleessi isheetii fi haati ishee garuu, “Intalattiin guyyuma kudhan illee nu bira haa turtu; ergasiis isheen deemuu dandeessi” jedhan.
And her brother and her mother said, Let the damsel abide with us a few days, at the least ten; after that she shall go.
56 Inni garuu, “Erga Waaqayyo karaa koo naa milkeessee isin na hin tursinaa; akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” isaaniin jedhe.
And he said to them, Hinder me not, seeing the LORD has prospered my way; send me away that I may go to my master.
57 Isaanis, “Mee intalattii waamnee waan isheen jettu gaafanna” jedhan.
And they said, We will call the damsel, and inquire at her mouth.
58 Kana irratti isaan Ribqaa waamanii, “Namicha kana wajjin deemuu feetaa?” jedhanii ishee gaafatan. Isheenis, “Ani nan deema” jette.
And they called Rebekah, and said to her, Will you go with this man? And she said, I will go.
59 Kanaafuu isaan obboleettii isaanii Ribqaa fi guddiftuu ishee, tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin geggeessan.
And they sent away Rebekah their sister, and her nurse, and Abraham’s servant, and his men.
60 Isaanis akkana jedhanii Ribqaa eebbisan; “Yaa obboleettii keenya, kumaa kumaatama taʼi; sanyiin kee karra diinota isaa haa dhaalu.”
And they blessed Rebekah, and said to her, You are our sister, be you the mother of thousands of millions, and let your seed possess the gate of those which hate them.
61 Ribqaa fi tajaajiltuuwwan ishee qophaaʼanii gaalawwan isaanii yaabbatanii namicha faana buʼan; namichis Ribqaa fudhatee deeme.
And Rebekah arose, and her damsels, and they rode on the camels, and followed the man: and the servant took Rebekah, and went his way.
62 Yeroo sana Yisihaaq boolla bishaanii Beʼeer Lahaayirooʼiitii dhufee Negeeb keessa jiraachaa ture.
And Isaac came from the way of the well Lahairoi; for he dwelled in the south country.
63 Innis gaaf tokko gara galgalaa utuu bakkeetti baʼee waa yaadaa jiruu oli ilaalee kunoo gaalawwan dhufaa jiran arge.
And Isaac went out to meditate in the field at the eventide: and he lifted up his eyes, and saw, and, behold, the camels were coming.
64 Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaaqin argite; gaala irraas buutee
And Rebekah lifted up her eyes, and when she saw Isaac, she lighted off the camel.
65 tajaajilaa sanaan, “Namichi nu simachuuf bakkee keessa as deemaa jiru sun eenyu?” jettee gaafatte. Tajaajilaan sunis, “Inni gooftaa koo ti” jedhee deebiseef. Kanaafuu haguuggii ishee fudhattee ofitti haguugde.
For she had said to the servant, What man is this that walks in the field to meet us? And the servant had said, It is my master: therefore she took a veil, and covered herself.
66 Tajaajilaan sunis waan hojjete hunda Yisihaaqitti hime.
And the servant told Isaac all things that he had done.
67 Yisihaaqis dunkaana haadha isaa Saaraatti ol ishee galfate; Ribqaa fuudhes. Akkasiin isheen niitii isaa taate; innis ishee jaallate; Yisihaaqis duʼa haadha isaa irraa ni jajjabaate.
And Isaac brought her into his mother Sarah’s tent, and took Rebekah, and she became his wife; and he loved her: and Isaac was comforted after his mother’s death.

< Uumama 24 >