4“Ani gidduu keessanitti ormaa fi keessummaa dha. Akka ani duʼaa koo itti awwaalladhuuf lafa awwaalaaf taʼu natti gurguraa.”
5Heetonnis akkana jedhanii Abrahaamii fi deebii kennan;
6“Gooftaa, nu dhagaʼi. Ati nu gidduutti shuumii jabaa dha. Duʼaa kee iddoo awwaala keenyaa keessaa kan akka malee filatamaa taʼetti awwaalladhu. Nu keessaa namni iddoo awwaala isaatti duʼaa kee awwaallachuu si dhowwatu tokko iyyuu hin jiru.”
7Abrahaamis ol kaʼee fuula namoota biyya sanaa fuula Heetotaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
8Akkanas isaaniin jedhe; “Ani duʼaa koo akkan awwaalladhu fedhii yoo qabaattan na dhagaʼaatii Efroon ilma Zoohar sana naa kadhadhaa.
9Innis holqa Makfelaa jedhamu kan qarqara lafa qotiisaa isaatti argamu sana natti ni gurgura. Inni iddoo awwaalaa sana gatii guutuudhaan fuula keessan duratti akka natti gurguruuf naa gaafadhaa.”
10Efroon Heetichi saba isaa gidduu taaʼaa ture; innis utuma Heetonni gara karra magaalaa isaa dhufan sun hundi dhagaʼanuu akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne;
11“Gooftaa ko, akkana miti; mee na dhaggeeffadhu; ani lafa qotiisaa kana siif nan kenna; holqa achi jirus siif nan kenna; ani fuula saba koo duratti holqa kana siifin kenna; duʼaa kee itti awwaalladhu.”
12Abrahaam amma illee fuula saba biyya sanaa duratti gad jedhee harka fuudhee,
13utuma isaan dhagaʼanuu Efrooniin, “Yoo fedhii kee taʼe, na dhagaʼi. Ani gatii lafa qotiisaa kanaa nan kaffala. Akka ani duʼaa koo achitti awwaalladhuuf gatii kana na harkaa fudhadhu” jedhe.