< Uumama 22 >
1 Yeroo muraasa booddee Waaqni Abrahaamin qore. Innis, “Abrahaam!” jedhee isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
It came about after these things that God tested Abraham. He said to him, “Abraham!” Abraham said, “Here I am.”
2 Waaqnis akkana jedheen; “Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi.”
Then God said, “Take your son, your only son, whom you love, Isaac, and go to the land of Moriah. Offer him there as a burnt offering upon one of the mountains there, which I will tell you about.”
3 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Waaqni isatti hime sanaatti qajeele.
So Abraham rose early in the morning, saddled his donkey, and took two of his young men with him, along with Isaac his son. He cut the wood for the burnt offering, then set out on his journey to the place that God had told him about.
4 Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol ilaalee iddoo sana fagootti arge.
On the third day Abraham looked up and saw the place afar off.
5 Innis hojjettoota isaatiin, “Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa” jedhe.
Abraham said to his young men, “Stay here with the donkey, and I and the lad will go over there. We will worship and come again to you.”
6 Abrahaamis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu,
Then Abraham took the wood for the burnt offering and put it on Isaac his son. He took in his own hand the fire and the knife; and they went both of them together.
7 Yisihaaq, “Yaa abbaa koo” jedhee abbaa isaa Abrahaamitti dubbate. Abrahaamis, “Asan jira ilma koo” jedhee deebise. Yisihaaqis deebisee, “Ibiddii fi qoraan kunoo ti; hoolaan qalma gubamuuf taʼu immoo eessa jira?” jedhe.
Isaac spoke to Abraham his father and said, “My father,” and he said, “Here I am, my son.” He said, “See, here is the fire and the wood, but where is the lamb for the burnt offering?”
8 Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan.
Abraham said, “God himself will provide the lamb for the burnt offering, my son.” So they went on, both of them together.
9 Yeroo iddoo Waaqni isatti hime sana gaʼanitti, Abrahaam iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse.
When they came to the place that God had told him about, Abraham built an altar there and laid the wood on it. Then he bound Isaac his son, and laid him on the altar, on top of the wood.
10 Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate.
Abraham reached out with his hand and took up the knife to kill his son.
11 Ergamaan Waaqayyoo garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
Then the angel of Yahweh called to him from heaven and said, “Abraham, Abraham!” and he said, “Here I am.”
12 Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe.
He said, “Do not lay your hand upon the lad, nor do anything to harm him, for now I know that you fear God, seeing that you have not withheld your son, your only son, from me.”
13 Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse.
Abraham looked up and behold, behind him was a ram caught in the bushes by his horns. Abraham went and took the ram and offered him up as a burnt offering instead of his son.
14 Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.
So Abraham called that place, “Yahweh will provide,” and it is said to this day, “On the mountain of Yahweh it will be provided.”
15 Ergamaan Waaqayyoo sunis samii keessaa lammata Abrahaamin waamee
The angel of Yahweh called to Abraham a second time from heaven
16 akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha;
and said—this is Yahweh's declaration—by myself I have sworn that because you have done this thing, and have not withheld your son, your only son,
17 ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu.
I will surely bless you and I will greatly multiply your descendants as the stars of the heavens, and as the sand which is upon the seashore; and your descendants will possess the gate of their enemies.
18 Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama.”
Through your offspring all the nations of the earth will be blessed, because you have obeyed my voice.”
19 Ergasii Abrahaam tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis walumaan Bersheebaatti qajeelan; Abrahaamis Bersheebaa keessa jiraate.
So Abraham returned to his young men, and they departed and went together to Beersheba, and he lived at Beersheba.
20 Yeroo muraasa booddee akkana jedhamee Abrahaamitti himame; “Kunoo, Miilkaan obboleessa kee Naahooriif ilmaan deesseerti;
It came about after these things that Abraham was told, “Milkah has borne children, as well, to your brother Nahor.”
21 ilmaan isheen deesses inni hangafni Uuzi, obboleessi isaa Buuz, abbaan Arraam immoo Qamuʼeel,
They were Uz his firstborn, Buz his brother, Kemuel the father of Aram,
22 Keseedi, Hazoo, Fiildaas, Yiidlaafii fi Betuuʼeel jedhamu.”
Kesed, Hazo, Pildash, Jidlaph, and Bethuel.
23 Betuuʼeel Ribqaa dhalche. Miilkaan isaan kana saddeettan Naahoor obboleessa Abrahaamiif deesse.
Bethuel became the father of Rebekah. These were the eight children that Milkah bore to Nahor, Abraham's brother.
24 Naahor saajjatoo Reʼuumaa jedhamtu tokko qaba ture; isheen ilmaan Xebaa, Gaham, Tahaashii fi Maʼakaa jedhaman deesseef.
His concubine, whose name was Reumah, also bore Tebah, Gaham, Tahash, and Maacah.