< Uumama 21 >

1 Waaqayyo akkuma dubbate sana Saaraa yaadate; Waaqayyo waan waadaa galeef sana ni raawwateef.
ויהוה פקד את שרה כאשר אמר ויעש יהוה לשרה כאשר דבר
2 Saaraan ulfooftee bara dulluma isaa keessa yeruma Waaqni waadaa isaaf seene sanatti Abrahaamiif ilma deesse.
ותהר ותלד שרה לאברהם בן לזקניו למועד אשר דבר אתו אלהים
3 Abrahaamis ilma Saaraan isaaf deesse sana Yisihaaq jedhee moggaase.
ויקרא אברהם את שם בנו הנולד לו אשר ילדה לו שרה--יצחק
4 Abrahaam akkuma Waaqni isa ajaje sanatti Yisihaaq dhalatee guyyaa saddeetitti dhagna isa qabe.
וימל אברהם את יצחק בנו בן שמנת ימים כאשר צוה אתו אלהים
5 Yeroo ilmi isaa Yisihaaq dhalateefitti Abrahaam nama waggaa dhibbaa ture.
ואברהם בן מאת שנה בהולד לו את יצחק בנו
6 Saaraanis, “Waaqni kolfa naa kenneera; namni waan kana dhagaʼu hundis na wajjin kolfa” jette.
ותאמר שרה--צחק עשה לי אלהים כל השמע יצחק לי
7 Ittuma fuftees, “Silaa eenyutu Abrahaamiin, ‘Saaraan daaʼima hoosisti’ jedha ture? Garuu ani bara dulluma isaa keessa ilma nan daʼeef” jette.
ותאמר מי מלל לאברהם היניקה בנים שרה כי ילדתי בן לזקניו
8 Mucichi guddatee harma guufame; Abrahaam gaafa Yisihaaq harma guufame sana cidha guddaa qopheesse.
ויגדל הילד ויגמל ויעש אברהם משתה גדול ביום הגמל את יצחק
9 Saaraan garuu yeroo ilmi Aggaar Gibxittiin Abrahaamiif deesse sun Yisihaaqitti qoosu argite;
ותרא שרה את בן הגר המצרית אשר ילדה לאברהם--מצחק
10 isheenis Abrahaamiin, “Garbittii kanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii kanaa kun ilma koo Yisihaaq wajjin hin dhaaluutii” jette.
ותאמר לאברהם גרש האמה הזאת ואת בנה כי לא יירש בן האמה הזאת עם בני עם יצחק
11 Wanni kunis sababii ilma isaatiif Abrahaamin akka malee rakkise.
וירע הדבר מאד בעיני אברהם על אודת בנו
12 Waaqni garuu akkana jedheen; “Waaʼee garbittii keetiitii fi waaʼee mucichaa hin yaaddaʼin. Sababii sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamamuuf waan Saaraan siin jettu hunda dhagaʼi.
ויאמר אלהים אל אברהם אל ירע בעיניך על הנער ועל אמתך--כל אשר תאמר אליך שרה שמע בקלה כי ביצחק יקרא לך זרע
13 Inni sanyii kee waan taʼeef ani ilma garbittii sanaa saba nan taasisa.”
וגם את בן האמה לגוי אשימנו כי זרעך הוא
14 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee nyaata muraasaa fi bishaan qalqala tokko fuudhee Aggaariif kenne. Waan kanas gatiittii ishee irra kaaʼeefii mucaa wajjin ariʼe; isheenis achii baatee Gammoojjii Bersheebaa keessa joorte.
וישכם אברהם בבקר ויקח לחם וחמת מים ויתן אל הגר שם על שכמה ואת הילד--וישלחה ותלך ותתע במדבר באר שבע
15 Yommuu bishaan qalqala keessaa dhumetti, isheen mucaa ishee daggala tokko jala keesse.
ויכלו המים מן החמת ותשלך את הילד תחת אחד השיחם
16 Isheenis, “Mucaa kana isaa duʼu ani hin ilaalu” jettee garaa isheetti waan yaaddeef gara darba xiyyaa tokko xinnoo achi hiiqxee naannoo isaa teesse; achi teessees sagalee ishee ol fudhattee boosse.
ותלך ותשב לה מנגד הרחק כמטחוי קשת כי אמרה אל אראה במות הילד ותשב מנגד ותשא את קלה ותבך
17 Waaqni booʼicha mucichaa ni dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo samii keessaa Aggaarin waamee akkana jedheen; “Yaa Aggaar ati maal taate? Hin sodaatin; Waaqni booʼicha mucichaa iddoo inni ciisee jiruu dhagaʼeeraatii.
וישמע אלהים את קול הנער ויקרא מלאך אלהים אל הגר מן השמים ויאמר לה מה לך הגר אל תיראי כי שמע אלהים אל קול הנער באשר הוא שם
18 Sababii ani saba guddaa isa godhuuf kaʼiitii harka keetiin mucicha ol fuudhi; jabeessiitii isa qabi.”
קומי שאי את הנער והחזיקי את ידך בו כי לגוי גדול אשימנו
19 Waaqni ija ishee baneefii jennaan boolla bishaanii tokko argite. Kanaafuu dhaqxee qalqala sana bishaaniin guuttee, waan inni dhugu mucichaaf kennite.
ויפקח אלהים את עיניה ותרא באר מים ותלך ותמלא את החמת מים ותשק את הנער
20 Waaqnis mucicha wajjin ture; mucichis ni guddate. Innis gammoojjii keessa jiraate; xiyya darbachuudhaanis beekamaa ture.
ויהי אלהים את הנער ויגדל וישב במדבר ויהי רבה קשת
21 Innis gammoojjii Phaaraan keessa jiraate; haati isaas biyya Gibxiitii niitii argatteef.
וישב במדבר פארן ותקח לו אמו אשה מארץ מצרים
22 Yeroo sana Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa Abrahaamiin akkana jedhan; “Waan ati hojjettu hunda keessatti Waaqni si wajjin jira.
ויהי בעת ההוא ויאמר אבימלך ופיכל שר צבאו אל אברהם לאמר אלהים עמך בכל אשר אתה עשה
23 Ati akka ana yookaan ijoollee koo yookaan sanyii koo hin gowwoomsine amma as fuula Waaqaa duratti naa kakadhu. Akkuma ani garaa siif laafe sana atis anaa fi biyya amma orma taatee keessa jiraattu kanaaf garaa laafi.”
ועתה השבעה לי באלהים הנה אם תשקר לי ולניני ולנכדי כחסד אשר עשיתי עמך תעשה עמדי ועם הארץ אשר גרתה בה
24 Abrahaamis, “Ani nan kakadha” jedhe.
ויאמר אברהם אנכי אשבע
25 Ergasii Abrahaam waaʼee boolla bishaanii garboonni Abiimelek isa irraa fudhatan tokkoo Abiimelekitti himate.
והוכח אברהם את אבימלך על אדות באר המים אשר גזלו עבדי אבימלך
26 Abiimelek immoo, “Ani nama waan kana hojjete hin beeku. Atis natti hin himne; ani waaʼee isaa harʼuman dhagaʼe” jedhe.
ויאמר אבימלך--לא ידעתי מי עשה את הדבר הזה וגם אתה לא הגדת לי וגם אנכי לא שמעתי--בלתי היום
27 Kanaafuu Abrahaam hoolaa fi loon fidee Abiimelekiif kenne; jarri lamaanis walii galtee uummatan.
ויקח אברהם צאן ובקר ויתן לאבימלך ויכרתו שניהם ברית
28 Abrahaam gorommii hoolaa torba bushaayee keessaa kophaatti baase;
ויצב אברהם את שבע כבשת הצאן--לבדהן
29 Abiimelekis, “Hiikkaan gorommii hoolaa torban ati kophaa isaanii baafte kanneenii maali?” jedhee Abrahaamin gaafate.
ויאמר אבימלך אל אברהם מה הנה שבע כבשת האלה אשר הצבת לבדנה
30 Abrahaamis, “Akka ani boolla bishaanii kana qotadhe akka ragaa taʼuuf, gorommii hoolaa torban kanneen na harkaa fudhadhu” jedhee deebise.
ויאמר--כי את שבע כבשת תקח מידי בעבור תהיה לי לעדה כי חפרתי את הבאר הזאת
31 Sababii jarri lamaan sun achitti walii kakataniif iddoon sun Bersheebaa jedhamee waamame.
על כן קרא למקום ההוא--באר שבע כי שם נשבעו שניהם
32 Erga walii galteen sun Bersheebaatti taʼee booddee Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa gara biyya Filisxeemotaatti deebiʼan.
ויכרתו ברית בבאר שבע ויקם אבימלך ופיכל שר צבאו וישבו אל ארץ פלשתים
33 Abrahaamis Bersheebaa keessa muka tamirii dhaabe; innis achitti maqaa Waaqayyo Waaqa Bara Baraa waammate.
ויטע אשל בבאר שבע ויקרא שם--בשם יהוה אל עולם
34 Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa bara dheeraa jiraate.
ויגר אברהם בארץ פלשתים ימים רבים

< Uumama 21 >