3Waaqni immoo halkan abjuudhaan Abiimelekitti dhufee, “Kunoo sababii dubartii sana fuudhatteef ati nama duʼee dha; isheen dhirsa qabdiitii” jedheen.
4Abiimelek garuu isheetti hin dhiʼaanne ture; kanaafuu inni akkana jedhe; “Yaa Gooftaa ati saba qajeelaa balleessitaa?
5Inni mataan isaa, ‘Isheen obboleettii koo ti’ naan hin jennee? Isheenis akkasuma, ‘Inni obboleessa koo ti’ hin jennee? Anis sammuu qulqulluu fi harka qulqulluudhaan waan kana hojjedhe.”
6Waaqni abjuu sana keessa akkana isaan jedhe; “Eeyyee! Ani akka ati sammuu qulqulluudhaan waan kana hojjette beeka; kanaafuu ani akka ati cubbuu natti hin hojjenneef si dhowween jira. Sababiin ani akka ati ishee bira geessu si hin dhiisiniifis kanuma.
7Egaa amma niitii namichaa deebisiif; inni waan raajii taʼeef, Waaqa siif kadhata; atis ni jiraatta. Garuu yoo ishee deebisuu baatte, ati akka duutu, warri kan kee taʼan hundis akka duʼan dhugumaan beeki.”
9Abiimelekis Abrahaamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maaliif akkana nu goote? Ani maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkanaa anaa fi mootummaa kootti fidde? Ati waan namni hin hojjenne anatti hojjette.”
10Abiimelekis “Ati maaliif waan kana hojjette?” jedhee Abrahaamin gaafate.
11Abrahaam immoo akkana jedhee deebise; “Ani, ‘Biyya kana keessa dhugumaan Waaqa sodaachuun hin jiru; isaan sababii niitii kootiif jedhanii na ajjeesu’ jedheen yaadee ture.