< Uumama 20 >

1 Abrahaam achii kaʼee Negeebitti godaanee Qaadeshii fi Shuuri gidduu jiraate. Innis yeroodhaaf Geraaraa keessa ture.
De allí partió Abraham a la tierra del mediodía, y se asentó entre Cades y Shur, y peregrinó en Gerar.
2 Achittis Abrahaam, “Isheen obboleettii koo ti” jedhee waaʼee niitii isaa, waaʼee Saaraa dubbate. Abiimelek mootiin Geraaraas nama itti ergee Saaraa fudhate.
Y decía Abraham de Sara su mujer: Mi hermana es. Y Abimelec, rey de Gerar, envió y tomó a Sara.
3 Waaqni immoo halkan abjuudhaan Abiimelekitti dhufee, “Kunoo sababii dubartii sana fuudhatteef ati nama duʼee dha; isheen dhirsa qabdiitii” jedheen.
Pero Dios vino a Abimelec en sueños de noche, y le dijo: He aquí muerto eres por la mujer que has tomado, la cual es casada con marido.
4 Abiimelek garuu isheetti hin dhiʼaanne ture; kanaafuu inni akkana jedhe; “Yaa Gooftaa ati saba qajeelaa balleessitaa?
Mas Abimelec no se había llegado a ella, y dijo: Señor, ¿matarás también la gente justa?
5 Inni mataan isaa, ‘Isheen obboleettii koo ti’ naan hin jennee? Isheenis akkasuma, ‘Inni obboleessa koo ti’ hin jennee? Anis sammuu qulqulluu fi harka qulqulluudhaan waan kana hojjedhe.”
¿No me dijo él: Mi hermana es; y ella también dijo: Es mi hermano? Con sencillez de mi corazón, y con limpieza de mis manos he hecho esto.
6 Waaqni abjuu sana keessa akkana isaan jedhe; “Eeyyee! Ani akka ati sammuu qulqulluudhaan waan kana hojjette beeka; kanaafuu ani akka ati cubbuu natti hin hojjenneef si dhowween jira. Sababiin ani akka ati ishee bira geessu si hin dhiisiniifis kanuma.
Y le dijo Dios en sueños: Yo también sé que con integridad de tu corazón has hecho esto; y yo también te detuve de pecar contra mí, y así no te permití que la tocases.
7 Egaa amma niitii namichaa deebisiif; inni waan raajii taʼeef, Waaqa siif kadhata; atis ni jiraatta. Garuu yoo ishee deebisuu baatte, ati akka duutu, warri kan kee taʼan hundis akka duʼan dhugumaan beeki.”
Ahora, pues, vuelve la mujer a su marido; porque es profeta, y orará por ti, y vivirás. Y si tú no la volvieres, sabe que de cierto morirás, con todo lo que fuere tuyo.
8 Abiimelek guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee qondaaltota isaa hunda walitti waamee waan taʼe hunda isaanitti hime; isaanis akka malee sodaatan.
Entonces Abimelec se levantó de mañana, y llamó a todos sus siervos, y dijo todas estas palabras en los oídos de ellos; y temieron los hombres en gran manera.
9 Abiimelekis Abrahaamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maaliif akkana nu goote? Ani maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkanaa anaa fi mootummaa kootti fidde? Ati waan namni hin hojjenne anatti hojjette.”
Después llamó Abimelec a Abraham y le dijo: ¿Qué nos has hecho? ¿Y en qué pequé yo contra ti, que has atraído sobre mí y sobre mi reino tan gran pecado? Lo que no debiste hacer has hecho conmigo.
10 Abiimelekis “Ati maaliif waan kana hojjette?” jedhee Abrahaamin gaafate.
Y dijo más Abimelec a Abraham: ¿Qué viste para que hicieses esto?
11 Abrahaam immoo akkana jedhee deebise; “Ani, ‘Biyya kana keessa dhugumaan Waaqa sodaachuun hin jiru; isaan sababii niitii kootiif jedhanii na ajjeesu’ jedheen yaadee ture.
Y Abraham respondió: Porque dije para mí: Cierto no hay temor de Dios en este lugar, y me matarán por causa de mi mujer.
12 Taʼus isheen dhugumaan obboleettii koo ti; yoo haadha koo irraa dhalachuu baatte iyyuu isheen intaluma abbaa koo ti; isheenis niitii koo taate.
Y a la verdad también es mi hermana, hija de mi padre, mas no hija de mi madre, y la tomé por mujer.
13 Anis yeroo Waaqni mana abbaa kootii na baase sana isheedhaan, ‘Haalli ati ittiin jaalala naaf qabdu mulʼiftu kanaa dha; lafa nu dhaqnu hundumaatti, “Inni obboleessa koo ti” jedhiitii waaʼee koo dubbadhun’ jedhe.”
Y fue que, cuando Dios me hizo salir errante de la casa de mi padre, yo le dije: Esta es la merced que tú me harás, que en todos los lugares donde llegáremos, digas de mí: Mi hermano es.
14 Abiimelek ergasii hoolaa fi loon, garboota dhiiraa fi nadheenii fidee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraas ni deebiseef.
Entonces Abimelec tomó ovejas y vacas, y siervos y siervas, y se los dio a Abraham, y le devolvió a Sara su mujer.
15 Abiimelekis, “Kunoo biyyi koo fuula kee dura jira; idduma feete jiraadhu” jedheen.
Y dijo Abimelec: He aquí mi tierra está delante de ti, habita donde bien te pareciere.
16 Saaraadhaanis, “Kunoo ani meetii saqilii kuma tokko obboleessa keetiifin kenna. Kunis akka dhugaa qabaachuun kee fuula warra si wajjin jiranii duratti beekamuuf; ati guutumaan guutuutti dhugaa argatteerta” jedhe.
Y a Sara dijo: He aquí he dado mil monedas de plata a tu hermano; mira que él te es por velo de ojos para todos los que estuvieron contigo, y para con todos; así fue reprendida.
17 Abrahaamis Waaqa kadhate; Waaqni immoo Abiimelek, niitii isaatii fi garboota isaa dubartoota fayyise; isaanis ijoollee godhatan.
Entonces Abraham oró a Dios; y Dios sanó a Abimelec y a su mujer, y a sus siervas, y tuvieron hijos.
18 Waaqayyo sababii niitii Abrahaam sababii Saaraatiif jedhee gadameessa dubartoota mana Abiimelek jiraatanii hunda cufee tureetii.
Porque había del todo cerrado el SEÑOR toda matriz de la casa de Abimelec, a causa de Sara mujer de Abraham.

< Uumama 20 >