< Uumama 2 >

1 Uumamni samiitii fi lafaa, kan waan isaan keessa jiru hundaas haala kanaan xumurame.
Ainsi furent achevés les cieux et la terre, et tout leur ornement.
2 Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote.
Et Dieu eut accompli son œuvre le septième jour: et il se reposa le septième jour de tous les ouvrages qu’il avait faits.
3 Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse.
Et Dieu bénit le septième jour et le sanctifia, parce qu’en ce jour il s’était reposé de tout ce qu’il avait créé et fait.
4 Seenaan samiiwwaniitii fi lafaa kan yeroo isaan uumamanii, yeroo Waaqayyo Waaqni lafaa fi samiiwwan uumee kanaa dha.
Telles furent les origines du ciel et de la terre, lorsqu’ils furent créés, au jour que le Seigneur Dieu fit un ciel et une terre.
5 Sababii Waaqayyo Waaqni bokkaa hin roobsiniif, namni lafa qotus waan hin jiraatiniif margi tokko iyyuu lafa irratti hin mulʼanne; biqiltuunis lafa qotiisaa irratti hin biqille ture.
Et tous les arbustes de la campagne, avant qu’ils eussent paru sur la terre, et toutes les herbes de la campagne, avant qu’elles eussent poussé: car le Seigneur Dieu n’avait point encore fait pleuvoir sur la terre, et il n’y avait point d’homme pour cultiver la terre.
6 Garuu bishaan lafa keessaa burqee lafa hunda obaasa ture.
Mais il s’élevait de la terre une source qui arrosait toute la surface de la terre.
7 Waaqayyo Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
Le Seigneur Dieu forma donc l’homme du limon de la terre, et il souffla sur son visage un souffle de vie, et l’homme fut fait âme vivante.
8 Waaqayyo Waaqnis Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe.
Or le Seigneur Dieu avait planté, dès le commencement, un jardin de délices, dans lequel il mit l’homme qu’il avait formé.
9 Waaqayyo Waaqni mukkeen gosa hundaa lafa keessaa biqilche; inni mukkeen ija namaatti tolanii fi nyaataafis gaarii taʼan biqilche. Iddoo biqiltuu sana keessas muka jireenyaatii fi muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisutu ture.
Et le Seigneur Dieu fit sortir du sol toutes sortes d’arbres beaux à voir, et dont les fruits étaient doux à manger: et aussi l’arbre de vie au milieu du paradis, et l’arbre de la science du bien et du mal.
10 Lagni iddoo biqiltuu sana obaasu tokkos Eeden keessaa burqa ture; lagni sun Eedenii kaʼee gargar baʼee laga afur taʼe.
De ce lieu de délices sortait un fleuve pour arroser le paradis, et qui ensuite se divise en quatre canaux.
11 Maqaan laga tokkoffaa Phiishoon; innis guutummaa biyya Hawiilaa, iddoo warqeen jirutti naannaʼee yaaʼa.
Le nom de l’un est Phison; c’est celui qui coule autour de la terre de Hévilath, où vient l’or.
12 Warqeen biyya sanaa gaarii dha; hapheen urgaaʼuu fi sardooniksiin achitti argamu.
Et l’or de cette terre est excellent; c’est là aussi que se trouve le bdellium et la pierre d’onyx.
13 Maqaan isa lammaffaa Giihooni; innis guutummaa lafa Itoophiyaatti naannaʼee yaaʼa.
Le nom du second fleuve est Géhon; c’est celui qui coule tout autour de la terre d’Ethiopie.
14 Maqaan laga sadaffaa Xegroosi; innis karaa baʼa biiftuutiin Asoor cina yaaʼa. Lagni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
Le nom du troisième fleuve est le Tigre; il se répand du côté de l’Assyrie. Le quatrième fleuve, c’est l’Euphrate.
15 Waaqayyo Waaqni akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe.
Le Seigneur Dieu prit donc l’homme et le mit dans le jardin de délices, pour le cultiver et le garder:
16 Waaqayyo Waaqnis akkana jedhee nama ajaje; “Muka iddoo biqiltuu kana keessa jiru hunda irraa nyaachuu ni dandeessa;
Et il lui commanda, disant: Mange des fruits de tous les arbres du paradis:
17 garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii.”
Mais quant au fruit de l’arbre de la science du bien et du mal, n’en mange pas; car au jour où tu en mangeras, tu mourras de mort.
18 Waaqayyo Waaqni, “Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf” jedhe.
Le Seigneur Dieu dit aussi: Il n’est pas bon que l’homme soit seul; faisons-lui une aide semblable à lui.
19 Waaqayyo Waaqnis bineensaa fi simbirroota samii hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef.
Tous les animaux de la terre et tous les volatiles du ciel, ayant donc été formés de la terre, le Seigneur Dieu les fit venir devant Adam, afin qu’il vît comment il les nommerait: or le nom qu’Adam donna à toute âme vivante, est son vrai nom.
20 Namichi sunis horii qeʼee hundaaf, simbirroota samii hundaaf, bineensa hundaaf maqaa baase. Addaamiif garuu gargaartuun isatti toltu hin argamne.
Ainsi Adam, appela par leurs noms tous les animaux, tous les volatiles du ciel, et toutes les bêtes de la terre: mais pour Adam, il ne se trouvait point d’aide semblable à lui.
21 Kanaafis Waaqayyo Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche.
Le Seigneur Dieu envoya donc à Adam un profond sommeil; et lorsqu’il se fut endormi, il prit une de ses côtes, et il mit de la chair à sa place.
22 Waaqayyo Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
Puis le Seigneur Dieu forma de la côte qu’il avait tirée d’Adam, une femme, et il l’amena devant Adam.
23 Namichis akkana jedhe; “Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti; foon kunis foon foon kootii ti; isheen waan dhiira irraa argamteef ‘dubartii’ jedhamti.”
Et Adam dit: Voilà maintenant un os de mes os, et de la chair de ma chair: celle-ci s’appellera femme, parce qu’elle a été tirée d’un homme.
24 Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
C’est pourquoi un homme quittera son père et sa mère, et s’attachera à sa femme; et ils seront deux dans une seule chair.
25 Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.
Or ils étaient nus l’un et l’autre, c’est-à-dire Adam et sa femme, et ils ne rougissaient pas.

< Uumama 2 >