< Uumama 19 >

1 Ergamoonni Waaqayyoo sun lamaan galgala sana Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoomii dura taaʼaa ture. Innis yeroo jara argetti, isaan simachuuf kaʼee isaanitti deeme; gad jedhees adda isaatiin lafatti gombifame.
The two angels came to Sodom in the evening, while Lot was sitting at the gate of Sodom. Lot saw them, arose to meet them, and bowed down with his face to the ground.
2 Innis, “Yaa gooftota ko, maaloo mana garbicha keessaniitti goraatii miilla dhiqadhaa bulaa; barii barraaqaan kaatanii karaa keessan itti fufuu dandeessu” jedhe. Isaan immoo, “Hin taʼu; nu waltajjii karaa irra bullaa” jedhaniin.
He said, “Please my masters, I urge you to turn aside into your servant's house, stay for the night, and wash your feet. Then you can rise up early and go on your way.” They replied, “No, we will spend the night in the town square.”
3 Inni garuu akka malee isaan dirqisiise; kanaafuu goranii mana isaa seenan; innis maxinoo tolchee nyaata qopheesseef; isaanis ni nyaatan.
But he urged them strongly, so they went with him, and entered into his house. He prepared a meal and baked unleavened bread, and they ate.
4 Utuu isaan hin rafin namoonni kutaalee magaalaa Sodoom hunda keessaa dhufan hundi dargaggoonnii fi jaarsoliin mana sana marsan.
But before they lay down, the men of the city, the men of Sodom, surrounded the house, both young and old, all the men from every part of the city.
5 Isaanis Looxin waamanii, “Namoonni galgala kana gara kee dhufan eessa jiru? Akka nu isaan wajjin ciifnuuf gad nuu yaasi” jedhan.
They called to Lot, and said to him, “Where are the men that came in to you tonight? Bring them out to us, that we may sleep with them.”
6 Looxis jara sanatti gad baʼee balbala of duubaan cufe;
So Lot went out the door to them and shut the door after himself.
7 Akkanas jedhe; “Yaa obboloota ko, waan hamaa kana hin hojjetinaa!
He said, “I beg you, my brothers, do not act so wickedly.
8 Kunoo ani intallan lama kanneen takkumaa dhiira wajjin hin ciisin qaba. Lamaanuu gad isinii nan baasa; isinis waan feetan isaan gochuu dandeessu. Namoota kanneen garuu waan isaan bantii mana koo jala jiraniif homaa isaan hin godhinaa.”
Look, I have two daughters who have not slept with any man. Let me, I beg you, bring them out to you, and you do to them whatever is good in your eyes. Only do nothing to these men, because they have come under the shadow of my roof.”
9 Isaanis, “Badi asii!” jedhaniin. Ittuma fufaniis, “Namichi kun nama ormaa kan nu keessa jiraachuu dhufee dha; amma immoo abbaa murtii nutti taʼuu fedha! Nu waan hamaa jara irratti hojjennu caalaa sirratti hojjenna” jedhaniin. Isaanis Looxin humnaan dhiibanii balbala sana cabsuu gaʼan.
They said, “Stand back!” They also said, “This one came here to live as a foreigner, and now he has become our judge! Now we will deal worse with you than with them.” They pressed hard against the man, against Lot, and came near to break down the door.
10 Namoonni sunis hiixatanii Looxin harkisanii manatti ol deebisan; balbalichas ni cufan.
But the men reached out their hands and brought Lot into the house with them and shut the door.
11 Ergasii immoo namoota balbala manaa dura turan sana akka isaan balbalicha hin argineef xinnaa fi guddaa isaanii dhaʼichaan ija jaamsan.
Then Lot's visitors struck with blindness the men who were outside the door of the house, both young and old, so that they became exhausted when they were trying to find the door.
12 Namoonni lamaan sun Looxiin akkana jedhan; “Ati nama biraa tokko illee jechuunis soddoota, ilmaan yookaan intallan yookaan nama kan kee taʼe tokko illee magaalaa kana keessaa qabdaa? Asi keessa isaan baafadhu;
Then the men said to Lot, “Do you have anyone else here? Any sons-in-law, your sons and your daughters, and whoever you have in the city, get them out of here.
13 nu iddoo kana balleessuuf deemnaatii. Sababii iyyi saba ishee irratti iyyame fuula Waaqayyoo duratti guddaa taʼeef, Waaqni akka nu ishee balleessinuuf nu ergeera.”
For we are about to destroy this place, because the accusations against it before Yahweh have become so loud that he has sent us to destroy it.”
14 Kanaafuu Loox gad baʼee soddoota isaa warra intallan isaa fuudhuuf jiraniin, “Sababii Waaqayyo magaalaa kana balleessuuf kaʼeef, dafaatii asii baʼaa!” jedhe. Soddoonni isaa garuu waan inni qoosu seʼan.
Lot went out and spoke to his sons-in-law, the men who had promised to marry his daughters, and said, “Quick, get out of this place, for Yahweh is about to destroy the city.” But to his sons-in-law he seemed to be joking.
15 Yeroo boruun diimatetti ergamoonni Waaqayyoo sun Looxin jarjarsanii, “Niitii keetii fi intallan kee lamaan as jiran fudhadhuutii dafii baʼi! Yoo kanaa achii yeroo magaalattiin adabamtutti atis ni baddaa” jedhaniin.
When the morning dawned, the angels urged Lot, saying, “Get going, take your wife and your two daughters that are here, so you are not swept away in the punishment of the city.”
16 Inni garuu duubatti harkifate; waan Waaqayyo isaaniif garaa laafeef namoonni sun harka isaatii fi harka niitii isaa, intallan isaa lamaanis harka qabanii magaalattii keessaa isaan baasan.
But he lingered. So the men grabbed his hand, and the hand of his wife, and the hands of his two daughters, because Yahweh was merciful to him. They brought them out, and set them outside the city.
17 Akkuma gad isaan baasaniinis ergamoota sana keessaa inni tokko, “Lubbuu kee oolfachuuf baqadhu! Of duuba hin milʼatin! Dirree irra iddoo tokko illee hin dhaabatin! Tulluuwwanitti ol baqadhu; yoo kanaa achii ni baddaa!” jedhe.
When they had brought them out, one of the men said, “Run for your lives! Do not look back, or stay anywhere on the plain. Escape to the mountains so you are not swept away.”
18 Loox garuu akkana isaaniin jedhe; “Yaa gooftota ko, maaloo akkas miti!
Lot said to them, “No, please, my masters!
19 Kunoo garbichi kee fuula kee duratti fudhatama argateera; ati lubbuu koo oolchitee gara laafina guddaa na argisiifteerta. Ani garuu gara tulluutti ol baqachuu hin dandaʼu; balaan kun na argata; anis nan duʼa.
Your servant has found favor in your eyes, and you have shown me great kindness in saving my life, but I cannot escape to the mountains, because the disaster will overtake me, and I will die.
20 Kunoo, magaalaan itti baqachuun dandaʼamu tokko as dhiʼoo jirti; isheen xinnoo dha. Ani gara isheetti nan baqadha; isheen baayʼee xinnoo dha mitii? Akkasitti lubbuun koo ni baraaramti.”
Look, that city over there is near enough to flee to, and it is a little one. Please, let me escape there (is it not a little one?), and my life will be saved.”
21 Ergamaan sunis akkana jedheen; “Kunoo, ani kadhaa kana siif nan dhagaʼa; magaalaa ati waaʼee ishee dubbattu kana ani hin balleessu.
He said to him, “Alright, I am granting this request also, that I will not destroy the city which you have mentioned.
22 Garuu sababii ani hamma ati achi geessutti homaa gochuu hin dandeenyeef dafii achitti baqadhu!” Wanni magaalaan sun Zoʼaar jedhamteefis kanuma.
Hurry! Escape there, for I cannot do anything until you arrive there.” Therefore the city was called Zoar.
23 Yeroo Loox Zoʼaar gaʼetti aduun baatee turte.
The sun had risen upon the earth when Lot reached Zoar.
24 Waaqayyo samiiwwan keessaa Waaqayyo biraa, dinyii bobaʼu Sodoomii fi Gomoraa irratti roobse.
Then Yahweh rained down upon Sodom and Gomorrah sulfur and fire from Yahweh out of the sky.
25 Innis akkasiin magaalaawwan kanneenii fi dirreewwan sana guutuu, warra magaalaawwan sana keessa jiraatan hundaa fi biqiltuu biyya sanaa balleesse.
He destroyed those cities, and all the plain, and all the inhabitants of the cities, and the plants that grew on the ground.
26 Niitiin Looxi garuu of duuba ilaaltee utubaa soogiddaa taatee hafte.
But Lot's wife, who was behind him, looked back, and she became a pillar of salt.
27 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee iddoo duraan fuula Waaqayyoo dura dhaabachaa ture sanatti deebiʼe.
Abraham got up early in the morning and went to the place where he had stood before Yahweh.
28 Innis gara magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraa, gara lafa dirree sanaa hundaas ilaalee aara akka aara boolla ibiddaa keessaa baʼuu tokko isaa biyya sana keessaa ol kaʼu arge.
He looked down toward Sodom and Gomorrah and toward all the land of the plain. He looked and behold, smoke was rising from the land like the smoke of a furnace.
29 Waaqni yeroo magaalaawwan dirree sanaa balleessetti Abrahaamin yaadate; kanaafuu yommuu magaalaawwan Loox keessa jiraachaa ture balleessetti Looxin balaa sana keessaa baase.
So when God destroyed the cities of the plain, God called Abraham to mind. He sent Lot out of the midst of the destruction when he destroyed the cities in which Lot had lived.
30 Loox waan Zoʼaar keessa jiraachuu sodaateef intallan isaa lamaan wajjin Zoʼaarii baʼee gaarran irra qubate. Innis intallan isaa lamaan wajjin holqa tokko keessa jiraate.
But Lot went up from Zoar to live in the mountains with his two daughters, because he was afraid to live in Zoar. So he lived in a cave, he and his two daughters.
31 Gaaf tokko intalli isaa isheen hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Abbaan keenya dulloomeera; akka bartee lafa hunda irra jiruutti dhiirri nu wajjin ciisu tokko iyyuu naannoo kan hin jiru.
The firstborn said to the younger, “Our father is old, and there is no man anywhere to sleep with us according to the way of all the world.
32 Kottu mee abbaa keenya daadhii wayinii obaasnee isa wajjin ciifnaa; akkasiin sanyiin abbaa keenyaa lafa irratti akka hafu goona.”
Come, let us make our father drink wine, and we will sleep with him, so that we may extend our father's line.”
33 Isaanis halkan sana abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli isheen hangafti ol seentee isa wajjin ciifte. Inni yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne.
So they made their father drink wine that night. Then the firstborn went in and slept with her father; he did not know when she lay down, nor when she arose.
34 Guyyaa itti aanutti intalli hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Kunoo ani eda abbaa koo wajjin ciiseera. Kottu edanas daadhii wayinii isa obaasnaa; atis ol seenii isa wajjin ciisi; akkasitti sanyiin abbaa keenyaa akka hafu goona.”
The next day the firstborn said to the younger, “Listen, last night I slept with my father. Let us make him drink wine tonight also, and you should go in and sleep with him, so that we may extend our father's line.”
35 Isaan halkan sanas abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli quxisuun dhaqxee isa wajjin ciiste. Inni ammas yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne.
So they made their father drink wine that night also, and the younger went and slept with him. He did not know when she lay down, nor when she arose.
36 Akkasiin intallan Loox lamaanuu abbaa isaaniitiif ulfaaʼan.
So both the daughters of Lot were pregnant by their father.
37 Intalli isheen hangafti ilma deessee maqaa isaa Moʼaab jettee moggaafte. Inni abbaa Moʼaabota harʼaa ti.
The firstborn gave birth to a son, and named him Moab. He became the ancestor of the Moabites of today.
38 Intalli isheen quxisuunis ilma deessee maqaa isaa Ben-Amii jettee moggaafte; inni immoo abbaa Amoonota harʼaa ti.
As for the younger daughter, she also gave birth to a son, and named him Ben-Ammi. He became the ancestor of the people of Ammon of today.

< Uumama 19 >