< Uumama 18 >

1 Utuma Abrahaam guyyaa saafaadhaan qilxuu Mamree bira balbala dunkaana isaa dura taaʼee jiruu Waaqayyo isatti mulʼate.
Yahwe alimtokea Abraham katika Mialoni ya Mamre, alipokua ameketi mlangoni pa hema wakati wa jua.
2 Abrahaamis ol ilaalee namoota isa bira dhadhaabatan sadii arge. Innis akkuma isaan argeen balbala dunkaana isaa duraa kaʼee isaan simachuudhaaf itti fiige; hamma lafa gaʼuttis gad jedhee harka fuudhe.
Akatazama juu na, tazama, akaona wanaume watatu wamesimama mbele yake. Alipo waona, alikimbia kupitia mlango wa hema kuwalaki na kuinama chini hadi ardhini.
3 Innis akkana jedheen; “Gooftaa ko, yoo ani si duratti fudhatama argadhe, garbicha kee bira hin darbin.
Akasema, “Bwana, kama nimepata upendelea machoni pako, nakuomba usinipite na kuniacha mtumishi wako.
4 Bishaan xinnoo isiniif haa fidan; miilla dhiqadhaatii muka kana jala boqodhaa.
Naomba maji kidogo yaletwe, mnawe miguu yenu, na mjipumzishe chini ya mti.
5 Erga isin gara garbicha keessanii dhuftanii, ani akka isin dadhabbii baatanii karaa keessan itti fuftaniif waan isin nyaattan isiniifin kenna.” Isaanis, “Akkuma jette sana godhi” jedhanii deebisan.
Nami acha nilete chakula kidogo, ili kwamba mjiburudishe wenyewe. Ndipo baadae mwaweza kwenda zenu, kwa kuwa mmekuja kwa mtumishi wenu.” Nao wakasema, “Fanya kama ulivyo sema.”
6 Kanaafuu Abrahaam dafee Saaraatti dunkaana seenee, “Dafii daakuu bullaaʼaa safartuu sadii sukkuumiitii maxinoo tolchi” jedheen.
Kisha Abraham akaenda upesi hemani kwa Sara, na akasema, “Harakisha, chukua vipimo vitatu vya unga safi, uukande, na fanya mkate.”
7 Innis gara saawwaniitti fiigee jabbii gabbatee itti tole tokko filatee hojjetaa tokkotti kenne; hojjetaan sunis qopheessuuf ariifate.
Kisha Abraham akakimbia kundini, akachukua ndama wa ng'ombe aliye laini na mzuri, na akampatia mtumishi na kwa haraka akamwandaa.
8 Abrahaamis itittuu fi aannan, foon jabbii qopheeffame sanas geessee isaanii dhiʼeesse; yeroo isaan nyaachaa turanittis Abrahaam muka tokko jala isaan bira dhaabachaa ture.
Akatwaa siagi na maziwa na ndama aliye kwisha andaliwa, na akaweka chakula mbele yao, naye akasimama karibu nao chini ya mti wakati wanakula.
9 Isaanis, “Niitiin kee Saaraan eessa jirti?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Kuunnoo dunkaana keessa jirti” jedheen.
Wakamwambia, “Mke wako Sara yuko wapi?” akajibu. “pale hemani.”
10 Isaan keessaa tokko, “Ani dhugumaan bara dhufu keessa yeroo akkanaatti deebiʼee gara kee nan dhufa; niitiin kee Saaraanis ilma ni deessi” jedhe. Yeroo sana Saaraan balbala dunkaanaa kan isa duubaan jiru keessaan dhaggeeffachaa turte.
akasema, “Hakika nitarejea kwako majira ya machipuko, na tazama Sara mkeo atakuwa na mtoto wa kiume.” Sara alikuwa akisikiliza mlangoni pa hema iliyokuwa nyuma yake.
11 Abrahaamii fi Saaraan umuriin isaanii dheeratee dulloomanii turan; Saaraanis umurii itti mucaa daʼuu dandeessu dabartee turte.
Abraham na Sara walikuwa wazee, umri wao ulikuwa umeendelea sana, na Sara alikuwa amepita umri ambao mwanamke anaweza kuzaa watoto.
12 Kanaafuu Saaraan, “Ani erga jaaree bututee, gooftaan koos erga dulloomee booddee, gammachuu kana qabaachuu nan dandaʼaa?” jettee of keessatti kolfite.
Kwa hiyo Sara akajicheka mwenyewe, akijisemesha mwenyewe, “baada ya kuwa nimechakaa na bwana wangu ni mzee, je ni tapata furaha hii?”
13 Kana irratti Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe; “Saaraan maaliif, ‘Ani ergan dulloomee booddee amma dhugumaan mucaa nan daʼaa?’ jettee kolfite?
Yahwe akamwambia Abraham, “Kwa nini Sara amecheka na kusema, Je ni kweli nitazaa mtoto, nikiwa mzee'?
14 Wanni Waaqayyoof hin dandaʼamne tokko iyyuu jiraa? Ani bara dhufu keessa yeroo murteeffametti deebiʼee gara kee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi.”
Je kuna jambo lolote gumu sana kwa Yahwe? Itakuwa katika wakati nilioweka mimi majira ya machipuko, nitarejea kwako. Majira haya mwakani Sara atakuwa na mtoto wa kiume.”
15 Saaraanis waan sodaatteef sobdee, “Ani hin kolfine” jette. Inni garuu, “Lakkii kolfiteertaa” jedhe.
Kisha Sara akakataa na kusema, “sikucheka,” kwa kuwa aliogopa. Yahwe akasema, “hapana ulicheka.”
16 Namoonni sun yommuu deemuuf kaʼanitti gara Sodoom gad ilaalan; Abrahaamis isaan geggeessuuf jedhee isaan wajjin baʼe.
Kisha wale wanaume walisimama kuondoka na wakatazama chini kuelekea Sodoma. Abraham akafuatana nao kuona njia yao.
17 Ergasii Waaqayyo akkana jedhe; “Ani waanan gochuuf jiru Abrahaamin nan dhoksaa?
Lakini Yahwe akasema, Je ni mfiche Abraham kile ninacho kusudia kufanya,
18 Abrahaam dhugumaan saba guddaa fi jabaa taʼa; sabni lafa irraa hundinuu karaa isaatiin eebbifama.
Ikiwa kwa hakika Abraham atakuwa mkuu na taifa lenye nguvu, na katika yeye mataifa yote ya dunia watabarikiwa?
19 Akka inni ijoollee isaatii fi sanyii isaa warra isa duubaan dhufan, akka isaan waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuudhaan karaa Waaqayyoo eegan ajajuuf ani isa filadheeraatii; kunis akka Waaqayyo waan Abrahaamiif kakate sana isaaf guutuuf.”
Kwa kuwa nimemchagua ili awaelekeze wanawe na nyumba yake baada yake waishike njia ya Yahwe, watende utakatifu na haki, ili kwamba Yahwe ampatie Abraham yale aliyo yasema kwake.”
20 Waaqayyos akkana jedhe; “Iyyi Sodoomii fi Gomoraa irratti iyyame guddaa dha; cubbuun isaaniis waan akka malee hamaa taʼeef
Kisha Yahwe akasema, “Kwa sababu kilio cha Sodoma na Gomora ni kikuu, na kwa kuwa dhambi yao ni kubwa,
21 ani gad buʼee akka wanni isaan hojjetan akkuma iyya na qaqqabe sanaa hamaa taʼe nan ilaala. Yoo akkas taʼuu baate immoo natu beeka.”
sasa nitashuka pale na kuona kilio kilicho nifikia dhidi yake, ikiwa kweli wamefanya au hawakufanya, nitajua.”
22 Namoonni sunis garagalanii Sodoomitti qajeelan; Abrahaam garuu Waaqayyo dura dhaabatee hafe.
Kwa hiyo wale wanaume wakageuka toka pale, na kuelekea Sodoma, lakini Abraham akabaki amesimama mbele ya Yahwe.
23 Abrahaamis isatti dhiʼaatee akkana jedhe; “Ati nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin ni balleessitaa?
Kisha Abraham alikaribia na kusema, “Je utawafutilia mbali watakatifu pamoja na waovu?
24 Yoo namoonni qajeeloon shantamni magaalattii keessa jiraatan hoo? Ati dhugumaan ishee ni balleessitaa? Sababii qajeelota shantamman ishee keessa jiraatan sanaatiif jettee ishee hin oolchituu?
Huenda wakawepo wenye haki hamsini katika mji. Je utawakatilia mbali na usiuache mji kwa ajili ya hao watakatifu hamsini walioko hapo?
25 Qajeelaa fi hamaa wal qixxee ilaaluudhaan nama qajeelaa nama hamaa wajjin balleessuun sirraa haa fagaatu. Kun sirraa haa fagaatu! Abbaan murtii lafa hundaa waan qajeelaa hin hojjetuu?”
Hasha usifanye hivyo, kuwauwa watakatifu pamoja na waovu, ili kwamba watakatifu watendewe sawa na waovu. Hasha! Je muhukumu wa ulimwengu wote hatatenda haki?”
26 Waaqayyos, “Ani yoo magaalaa Sodoom keessatti qajeeltota shantama argadhe, isaaniif jedhee iddoo sana guutuu nan oolcha” jedhe.
Yahwe akasema, “Katika Sodoma nikipata watakatifu hamsini kwenye mji, nita uacha mji wote kwa ajili ya hao.”
27 Abrahaam ammas akkana jedhe; “Kunoo ani utuman awwaaraa fi daaraa taʼee jiruu Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadheera;
Abraham akajibu na kusema, “Tazama, Nimeshika kusema na Bwana wangu, hata kama mimi ni mavumbi na majivu!
28 yoo baayʼinni qajeeltotaa shantama irraa shan hirʼate hoo? Ati sababii namoota shanan sanaatiif jettee magaalaa sana guutuu ni balleessitaa?” Innis, “Ani yoo nama afurtamii shan achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhe.
Itakuwaje ikiwa kuna watano pungufu katika idadi ya hao watakatifu hamsini? Je utaangamiza mji wote kwa upungufu wa hao watano?” Akasema, “Sitaangamiza, ikiwa nitapata watu arobaini na watano pale.”
29 Abrahaam amma illee, “Yoo qajeeltonni afurtamni qofti achitti argaman hoo?” jedhee isatti dubbate. Gooftaanis, “Ani warra afurtama sanaaf jedhee nan dhiisa” jedhe.
Akaongea naye tena, na kusema, “Itakuwaje ikiwa arobaini watapatikana pale?” Akajibu, “Sitafanya kwa ajili ya hao arobaini.”
30 Abrahaamis, “Mee nan dubbadhaatii Gooftaan, hin aarin. Yoo namoonni soddomni qofti achitti argaman hoo?” jedhe. Gooftaanis, “Ani yoon nama soddoma achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhee deebise.
Akasema, Tafadhali usikasirike, Bwana, nikiongea. Pengine thelathini watapatikana pale.” Akajibu, 'Sitafanya, ikiwa nitapata thelathini pale.”
31 Abrahaamis, “Kunoo amma erga ani Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadhe, yoo namoonni digdamni qofti achitti argaman hoo?” jedhe. Gooftaanis, “Ani sababii namoota digdama sanaatiif jedhee ishee hin balleessu” jedhe.
Akasema, Tazama, Nimeshika kusema na Bwana wangu! Pengine ishirini watapatikana pale.” Akajibu, “Sitaharibu kwa ajili ya hao ishirini.”
32 Abrahaamis, “Yaa Gooftaa amma illee yeroo tokko waa sin gaafadhaatii maaloo hin aarin; yoo namni kudhan qofti achitti argame hoo?” jedhe. Gooftaan immoo, “Ani sababii namoota kurnan sanaatiif jedhee ishee hin balleessu” jedhe.
Akasema, “Tafadhali usikasirike, Bwana, na nitasema jambo hili kwa mara ya mwisho. Huenda kumi wakaonekana kule.” Na akasema, sitaangamiza kwa ajili ya hao kumi.”
33 Waaqayyos erga Abrahaam wajjin dubbatee fixee booddee achii deeme. Abrahaam immoo iddoo ofii isaatti deebiʼe.
Yahwe akaendelea na njia yake mara tu baada ya kumaliza kuongea na Abraham, na Abraham akarudi nyumbani.

< Uumama 18 >