< Uumama 16 >
1 Saaraan niitiin Abraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Aggaar jedhamtu tokko qabdi turte; Aggaaris nama biyya Gibxi turte;
Tsono Sarai, mkazi wa Abramu anali asanamuberekere ana Abramuyo. Koma anali ndi wantchito wamkazi wa ku Igupto dzina lake Hagara;
2 Saaraanis Abraamiin, “Kunoo Waaqayyo ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii” jette. Abraamis waan Sooraan jette fudhate.
ndipo Sarai anati kwa Abramu, “Yehova sanalole kuti ine ndikhale ndi ana. Bwanji mulowe mwa wantchito wanga wamkaziyu kuti mwina ndingaone ana kudzera mwa iyeyu.” Abramu anamvera Sarai.
3 Erga Abraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Aggaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite.
Tsono Sarai anatenga Hagara wantchito wake wamkazi wa ku Igupto uja namupereka kwa Abramu mwamuna wake kuti akhale mkazi wake. Izi zinachitika Abramu atakhala ku Kanaani zaka khumi.
4 Abraamis Aggaar wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte. Yommuu akka ulfoofte of irratti beektetti giiftii ishee tuffachuu jalqabde.
Abramu atalowana ndi Hagara, Hagara uja anatenga mimba. Pamene Hagara anadziwa kuti anali woyembekezera anayamba kunyoza mbuye wake Sarai.
5 Saaraan immoo Abraamiin, “Miidhaa na mudate kanatti situ gaafatama. Garbittii koo anattu bobaa kee jala siif galche; amma garuu isheen akka ulfoofte of irratti beeknaan na tuffatte. Egaa Waaqayyo sii fi ana gidduutti murtii haa kennu” jette.
Pamenepo Sarai anati kwa Abramu, “Inu ndinu amene mwandiputira nkhanza zikundichitikirazi. Ndinakupatsani wantchito wanga wamkazi kuti akhale mkazi wanu, ndiye tsopano wayamba kundinyoza ine chifukwa wadziwa kuti ndi woyembekezera. Yehova ndiye amene aweruze pakati pa inu ndi ine.”
6 Abraamis, “Garbittiin kee keessa harkuma kee jirti; waanuma feete ishee godhi” jedheen. Saaraanis akka malee ishee cunqursite; kanaafuu Aggaar fuula ishee duraa sokkite.
Abramu anati, “Wantchito wakoyu ali mʼmanja mwako. Chita naye chilichonse chimene ukuganiza kuti ndi chokukomera.” Tsono Sarai anazunza Hagara mpaka anathawa.
7 Ergamaan Waaqayyoo gammoojjii keessatti, burqaa bishaanii tokko biratti Aggaarin arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuuritti geessu irra ture.
Mngelo wa Yehova anamupeza Hagara pafupi ndi chitsime mʼchipululu. Chinali chitsime chimene chili mʼmphepete mwa msewu wopita ku Suri.
8 Ergamaan sunis, “Yaa Aggaar, garbittii Saaraa, ati eessaa dhufte? Eessa dhaquutti jirta?” jedhe. Isheenis, “Giiftii koo Saaraa baqachuuttin jira” jetteen.
Ndipo mngeloyo anati, “Hagara, iwe wantchito wa Sarai, ukuchokera kuti ndipo ukupita kuti?” Iye anayankha, “Ndikuthawa mbuye wanga Sarai.”
9 Kana irratti ergamaan Waaqayyoo sun, “Gara giiftii keetiitti deebiʼi; gad of qabiitii isheef buli” jedheen.
Mngelo wa Yehova anamuwuza kuti, “Bwerera kwa mbuye wako ndipo ukamugonjere.
10 Ergamaan Waaqayyoo sunis itti dabalee, “Ani sanyii kee akka malee nan baayʼisa; sababii baayʼina isaatiifis namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandaʼu” jedhe.
Ndidzakupatsa zidzukulu zambiri zoti munthu sangaziwerenge.”
11 Ergamaan Waaqayyoo sun amma illee akkana isheen jedhe; “Kunoo ati ulfoofteerta; ilmas ni deessa. Maqaa isaas Ishmaaʼeel jedhii moggaasi; Waaqayyo dhiphachuu kee dhagaʼeeraatii.
Mngelo wa Yehova uja anamuwuzanso kuti, “Ndiwe woyembekezera ndipo udzabala mwana wamwamuna. Udzamutcha dzina lake Ismaeli, pakuti Yehova wamva kulira chifukwa cha kuzunzika kwako.
12 Inni nama akka harree diidaa taʼa; harki isaa nama hunda irratti kaʼa; harki nama hundaas isa irratti kaʼa; obboloota isaa hundaanis jibbamaa jiraata.”
Iye adzakhala munthu wa khalidwe ngati mʼmbulu wamisala; adzadana ndi aliyense ndipo anthu onse adzadana naye, adzakhala mwaudani pakati pa abale ake onse.”
13 Isheenis maqaa Waaqayyo isheetti dubbate sanaa, “Elrooʼii” jettee waamte. Isheen, “Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera” jetteertiitii.
Hagara anatcha Yehova amene anamuyankhula uja dzina loti: “Ndinu Mulungu amene mumandiona,” popeza anati, “Ndakumana ndi Yehova atatha kundikomera mtima.”
14 Sababiin boolli bishaanii sun, “Beʼeer Lahaayirooʼii” jedhameefis kanuma. Innis hamma harʼaatti illee Qaadeshii fi Bereed gidduu jira.
Nʼchifukwa chake chitsime chija chimene chili pakati pa Kadesi ndi Beredi chinatchedwa Beeri-lahai-roi.
15 Aggaaris Abraamiif ilma deesse; Abraamis ilma isheen deesse sana Ishmaaʼeel jedhee moggaase.
Tsono Hagara anamuberekera Abramu mwana wamwamuna ndipo Abramu anamutcha mwanayo Ismaeli.
16 Yeroo Aggaar Ishmaaʼeelin isaaf deessetti Abraam nama waggaa saddeettamii jaʼaa ture.
Pamene Hagara anamubalira Ismaeli nʼkuti Abramuyo ali ndi zaka 86.