< Uumama 14 >

1 Bara sana keessa Amraafel mootiin Shineʼaar, Ariyook mootiin Elaasaar, Kedoorlaaʼomer mootiin Eelaamii fi Tidiʼaal mootiin Sabootaa kaʼanii,
In those days Amraphel king of Shinar, Arioch king of Ellasar, Chedorlaomer king of Elam, and Tidal king of Goiim
2 Beraa mooticha Sodoom, Birishaa mooticha Gomoraa, Shinaab mooticha Adimaa, Shemeeber mooticha Zebooʼiimii fi mooticha Belaa ishee Zoʼaar jedhamtu sanaa loluu dhaqan.
went to war against Bera king of Sodom, Birsha king of Gomorrah, Shinab king of Admah, Shemeber king of Zeboiim, and the king of Bela (that is, Zoar).
3 Mootonni shanan kunneen hundi sulula Siidiim isa Galaana Soogiddaa jedhamu keessatti wal gaʼanii humna tokkummaa uummatan.
The latter five came as allies to the Valley of Siddim (that is, the Salt Sea ).
4 Isaanis waggaa kudha shan Kedoorlaaʼomer jalatti bulan; waggaa kudha sadaffaatti garuu ni fincilan.
For twelve years they had been subject to Chedorlaomer, but in the thirteenth year they rebelled.
5 Waggaa kudha afuraffaatti Kedoorlaaʼomerii fi mootonni isa wajjin turan baʼanii warra Refaayiim Ashteroot Qaarnaayimiitti, warra Zuuziim Haamitti, warra Eemiim Shaawii Kiriyaataayimiitti,
In the fourteenth year, Chedorlaomer and the kings allied with him went out and defeated the Rephaites in Ashteroth-karnaim, the Zuzites in Ham, the Emites in Shaveh-kiriathaim,
6 warra Hoori immoo lafa gaara Seeʼiiriitii jalqabanii hamma Eel Phaaraan kan gammoojjiitti dhiʼoo jiru sanaatti moʼatan.
and the Horites in the area of Mount Seir, as far as El-paran, which is near the desert.
7 Ergasii of irra deebiʼanii Een Mishiphaati jechuunis Qaadesh dhaqanii biyya warra Amaaleq hundaa fi warra Amoor kanneen Hazezoon Taamaar keessa jiraatan humnaan qabatan.
Then they turned back to invade En-mishpat (that is, Kadesh), and they conquered the whole territory of the Amalekites, as well as the Amorites who lived in Hazazon-tamar.
8 Mootichi Sodoom, mootichi Gomoraa, mootichi Adimaa, mootichi Zebooʼiimii fi mootichi Belaa jechuunis Zoʼaar baʼanii Sulula Siidiim keessatti loluuf hiriiran.
Then the king of Sodom, the king of Gomorrah, the king of Admah, the king of Zeboiim, and the king of Bela (that is, Zoar) marched out and arrayed themselves for battle in the Valley of Siddim
9 Isaanis Kedoorlaaʼomer mootii Eelaam, Tidiʼaal mootii Sabootaa, Amraafel mootii Shineʼaariitii fi Ariyook mootii Elaasaar lolan; mootonni afran kunneen mootota shananiin morman.
against Chedorlaomer king of Elam, Tidal king of Goiim, Amraphel king of Shinar, and Arioch king of Ellasar—four kings against five.
10 Sululli Siidiim boolla leeleetiin guutamee ture; mootonni Sodoomii fi mootonni Gomoraas baqatanii namoonni tokko tokko boolla sana keessa buʼan; warri hafan immoo gara gaarraniitti baqatan.
Now the Valley of Siddim was full of tar pits, and as the kings of Sodom and Gomorrah fled, some men fell into the pits, but the survivors fled to the hill country.
11 Mootonni afran sun miʼaa fi nyaata warra Sodoomii fi Gomoraa hunda saamanii sokkan.
The four kings seized all the goods of Sodom and Gomorrah and all their food, and they went on their way.
12 Waan Loox ilmi obboleessa Abraam Sodoom keessa jiraachaa tureef mootonni sun isa illee qabeenyuma isaa wajjin boojiʼanii deeman.
They also carried off Abram’s nephew Lot and his possessions, since Lot was living in Sodom.
13 Namichi baqatee baʼe tokko dhufee oduu kana Abraam Ibrichatti hime. Abraamis qilxuuwwan Mamree kan namicha Amoorii sana bira jiraachaa ture; Mamreen kun obboleessa Eshkoolii fi Aaneer ture; isaan Abraam wajjin kakuu galanii turan.
Then an escapee came and reported this to Abram the Hebrew. Now Abram was living near the Oaks of Mamre the Amorite, a brother of Eshcol and Aner, all of whom were bound by treaty to Abram.
14 Abraam akka firri isaa boojiʼame dhageenyaan namoota mana isaatti dhalatanii leenjifaman 318 walitti waammatee hidhachiisee hamma Daaniitti faana buʼe.
And when Abram heard that his relative had been captured, he mobilized the 318 trained men born in his household, and they set out in pursuit as far as Dan.
15 Abraamis isaan loluuf jedhee halkaniin namoota isaa gargari qoode; hamma Hoobaa ishee kaaba Damaasqootti argamtu sanaattis faana buʼee isaan dhaʼe.
During the night, Abram divided his forces and routed Chedorlaomer’s army, pursuing them as far as Hobah, north of Damascus.
16 Innis miʼa hunda deebifate; fira ofii isaa Looxii fi qabeenya isaa, dubartootaa fi namoota kaanis deebifate.
He retrieved all the goods, as well as his relative Lot and his possessions, together with the women and the rest of the people.
17 Abraam Kedoorlaaʼomeri fi mootota isa wajjin turan moʼatee deebinaan mootiin Sodoom Sulula Shaawii kan Sulula Mootii jedhamu keessatti isa simachuu baʼe.
After Abram returned from defeating Chedorlaomer and the kings allied with him, the king of Sodom went out to meet him in the Valley of Shaveh (that is, the King’s Valley).
18 Malkiiseedeq mootiin Saaleemis buddeenaa fi daadhii wayinii fideef; innis luba Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii ture;
Then Melchizedek king of Salem brought out bread and wine—since he was priest of God Most High —
19 innis akkana jedhee Abraamin eebbise; “Abraam, Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, isa samii fi lafa uume sanaan haa eebbifamu.
and he blessed Abram and said: “Blessed be Abram by God Most High, Creator of heaven and earth,
20 Waaqayyo Waaqni Waan Hundaa Olii, inni diinota kee dabarsee harka keetti kenne sun haa eebbifamu.” Ergasii Abraam waan hunda irraa kudhan keessaa tokko isaaf kenne.
and blessed be God Most High, who has delivered your enemies into your hand.” Then Abram gave Melchizedek a tenth of everything.
21 Mootiin Sodoomis Abraamiin, “Namoota naa kenniitii qabeenya immoo ofii keetii fudhadhu” jedhe.
The king of Sodom said to Abram, “Give me the people, but take the goods for yourself.”
22 Abraam garuu mootii Sodoomiitiin akkana jedhe; “Ani harka koo gara Waaqayyo, Waaqa Waan Hundaa Olii, Uumaa samiitii fi lafaatti ol fudhadhee kakadheen jira;
But Abram replied to the king of Sodom, “I have raised my hand to the LORD God Most High, Creator of heaven and earth,
23 akka ati, ‘Anatu Abraamin sooromse’ hin jenneef ani waan kan kee taʼe keessaa tokko iyyuu, foʼaa yookaan teepha ittiin kophee hidhatan iyyuu hin fudhadhu.
that I will not accept even a thread, or a strap of a sandal, or anything that belongs to you, lest you should say, ‘I have made Abram rich.’
24 Waan namoonni koo nyaatanii fi qooda namoota ana wajjin deemanii jechuunis qooda Aaneer, kan Eshkooliitii fi kan Mamree malee ani ofii koo homaa hin fudhadhu; isaan qooda isaanii haa fudhatan.”
I will accept nothing but what my men have eaten and the share for the men who went with me—Aner, Eshcol, and Mamre. They may take their portion.”

< Uumama 14 >