< Uumama 13 >

1 Abraam niitii isaatii fi waan qabu hunda wajjin Gibxii kaʼee Negeebitti ol baʼe; Looxis isa wajjin deeme.
Und Abram kam herauf aus Ägypten er und sein Weib und alles, das er hatte, und Lot mit ihm gen Mittag.
2 Abraamis horiin, meetii fi warqeedhaan akka malee soorome.
Und Abram war sehr reich an Viehherden, an Silber und an Gold.
3 Innis Negeebii kaʼee hamma Beetʼeel, iddoo Beetʼeelii fi Aayi gidduu, lafa dunkaanni isaa jalqabatti ture sana gaʼutti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti deemsa isaa itti fufe;
Und er ging in seinen Zügen von Mittag bis nach Bethel zu dem Orte wo sein Zelt zum Anbeginn war, zwischen Bethel und Haai.
4 iddoon sunis lafa inni yeroo jalqabaatiif iddoo aarsaa itti ijaaree dha. Abraamis achitti maqaa Waaqayyoo waammate.
An den Ort des Altars, den er am Anfang gemacht; und Abram rief dort den Namen Jehovahs an.
5 Loox namichi Abraam wajjin deemaa ture suni akkasuma bushaayee, saawwanii fi dunkaanota qaba ture.
Und auch Lot, der mit Abram zog, hatte Kleinvieh und Rinder und Zelte.
6 Yeroo isaan walii wajjin jiraatanitti lafti isaanitti dhiphatte; sababii qabeenyi isaanii akka malee guddateefis isaan wal bira jiraachuu hin dandeenye.
Aber das Land trug sie nicht, daß sie beisammen wohnten; denn ihrer Habe war viel, und sie konnten nicht beisammen wohnen.
7 Kanaafuu tiksoota Abraamii fi tiksoota Loox gidduutti lolli uumame. Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Feerzonnis biyya sana keessa jiraachaa turan.
Und es war Hader zwischen den Hirten von Abrams Viehherden und zwischen den Hirten von Lots Viehherden. Und der Kanaaniter und der Pheresiter wohnten damals im Lande.
8 Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin.
Und Abram sprach zu Lot: Laß doch nicht Hader zwischen mir und zwischen dir, und zwischen meinen Hirten, und zwischen deinen Hirten sein, denn wir sind Brüder.
9 Lafti hundi fuula kee dura jirti mitii? Kottu gargari godaannaa. Yoo ati gara bitaatti deemte, ani gara mirgaatti nan deema; yoo ati gara mirgaatti deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.”
Ist nicht das ganze Land vor dir? So trenne dich doch von mir. Wenn zur Linken, so will ich zur Rechten gehen, und wenn zur Rechten, so will ich zur Linken gehen.
10 Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu Waaqayyoo akkuma biyya Gibxi kan karaa Zoʼaar irra jiru sanaa bishaan baayʼee qabu arge. Kunis utuu Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa hin balleessiniin dura ture.
Und Lot hob seine Augen auf und sah den ganzen Umkreis, daß dieser ganz vom Jordan bewässert war. Ehe Jehovah Sodom und Gomorrah verdarb, war das Land wie ein Garten Jehovahs, wie Ägypten, wo man nach Zoar kommt.
11 Kanaafuu Loox hurufa Yordaanos guutummaatti ofii isaatii filatee gara baʼa biiftuutti godaane. Jarri lamaanis akkasitti gargari baʼan.
Und Lot erwählte den ganzen Umkreis des Jordans für sich; und Lot brach auf vom Osten und sie trennten sich der Mann von seinem Bruder.
12 Abraam biyya Kanaʼaan keessa jiraate; Loox immoo magaalaawwan dirree irra jiran gidduu jiraatee dunkaana isaa Sodoom bira dhaabbate.
Abram wohnte im Lande Kanaan, und Lot wohnte in den Städten des Umkreises und zeltete bis gen Sodom.
13 Warri Sodoom jalʼoota fuula Waaqayyoo duratti akka malee cubbuu hojjetan turan.
Und die Männer Sodoms waren sehr böse und Sünder gegen Jehovah.
14 Erga Loox isa biraa godaanee booddee Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Iddoo amma jirtu kanaa ija kee ol fudhadhuutii gara kaabaa fi kibbaa, gara baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu ilaali.
Und Jehovah sprach zu Abram, nachdem sich Lot von ihm getrennt hatte: Hebe doch deine Augen auf und siehe von dem Ort aus, wo du bist gen Mitternacht und gen Mittag und gen Osten und dem Meere zu.
15 Anis biyya ati argitu kana hunda bara baraan siʼii fi sanyii keetiif nan kenna.
Denn alles Land, das du siehst, will Ich dir und deinem Samen geben ewiglich.
16 Ani sanyii kee akkuma biyyoo lafaa nan baayʼisa; yoo namni biyyoo lafaa lakkaaʼuu dandaʼe, sanyiin kee akkasuma lakkaaʼamuu dandaʼa.
Und will deinen Samen machen wie Staub der Erde. So ein Mann den Staub der Erde zu berechnen vermag, so wird auch dein Same berechnet werden.
17 Kaʼiitii dheerinaa fi balʼina lafa kanaa keessa dedeemi; ani isa siifin kennaatii.”
Mache dich auf und ziehe durch das Land, seiner Länge nach und seiner Breite nach; denn dir will Ich es geben.
18 Kanaafuu Abraam dunkaana isaa buqqifatee qilxuuwwan Mamree kanneen Kebroonitti argaman bira jiraachuu dhaqe; achittis iddoo aarsaa Waaqayyoof tolche.
Und Abram zeltete und kam und wohnte in den Eichenhainen Mamres, die in Hebron sind, und baute daselbst dem Jehovah einen Altar.

< Uumama 13 >