< Uumama 12 >

1 Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Biyya kee, saba keetii fi mana abbaa keetii dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi.
Now the LORD had said to Abram, Depart from thy country, and from thy kindred, and from thy father’s house, to a land that I will show thee:
2 “Ani saba guddaa sin taasisa; sin eebbisas; maqaa kee illee guddaa nan taasisa; atis eebba taataa.
And I will make of thee a great nation, and I will bless thee, and make thy name great; and thou shalt be a blessing:
3 Ani warra si eebbisan nan eebbisa; warra si abaaran nan abaara; sabni lafa irraa hundinuu karaa keetiin eebbifama.”
And I will bless them that bless thee, and curse him that curseth thee: and in thee shall all families of the earth be blessed.
4 Kanaafuu Abraam akkuma Waaqayyo isatti himetti kaʼee deeme; Looxis isa wajjin deeme. Abraam yeroo Kaaraanii baʼetti nama waggaa torbaatamii shan ture.
So Abram departed, as the LORD had spoken to him; and Lot went with him: and Abram was seventy and five years old when he departed from Haran.
5 Innis niitii isaa Saaraa, ilma obboleessa isaa Loox, qabeenya walitti kuufatan hundumaa fi namoota Kaaraanitti argatan hundumaa qabatee Kanaʼaan dhaquuf kaʼe; isaanis achi gaʼan.
And Abram took Sarai his wife, and Lot his brother’s son, and all their substance that they had gathered, and the souls that they had gotten in Haran; and they went to go forth into the land of Canaan; and into the land of Canaan they came.
6 Abraamis hamma qilxuu Mooree kan Sheekem keessatti argamuutti biyyattii keessa deeme. Yeroo sana warri Kanaʼaan biyya sana keessa turan.
And Abram passed through the land to the place of Sichem, to the plain of Moreh. And the Canaanite was then in the land.
7 Waaqayyo Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedheen. Kanaafuu inni achitti Waaqayyo isatti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaare.
And the LORD appeared to Abram, and said, To thy seed will I give this land: and there he built an altar to the LORD, who appeared to him.
8 Achii kaʼee gara gaarran Beetʼeel irraa gara baʼa biiftuutti argamanii deemee Beetʼeelin gara lixa biiftuutti, Aayin immoo gara baʼa biiftuutti hambisee dunkaana isaa dhaabbate. Achitti Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree maqaa Waaqayyoo waammate.
And he departed from there to a mountain on the east of Bethel, and pitched his tent, having Bethel on the west, and Ai on the east: and there he built an altar to the LORD, and called upon the name of the LORD.
9 Abraam ergasii kaʼee gara Negeebitti karaa isaa itti fufe.
And Abram journeyed, going on still toward the south.
10 Bara sana beelli biyya sanatti buʼee ture; beelli sun waan hammaateef Abraam achi jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe.
And there was a famine in the land: and Abram went down into Egypt to dwell there; for the famine was grievous in the land.
11 Innis yeroo Gibxi seenuu gaʼetti niitii isaa Saaraan akkana jedhe; “Ani akka ati dubartii bareedduu taate nan beeka.
And it came to pass, when he had come near to enter into Egypt, that he said to Sarai his wife, Behold now, I know that thou art a fair woman to look upon:
12 Warri Gibxi yommuu si argan, ‘Kun niitii isaa ti’ jedhanii na ajjeesu; siʼi immoo ni hambisu.
Therefore it shall come to pass, when the Egyptians shall see thee, that they shall say, This is his wife: and they will kill me, but they will save thee alive.
13 Akka isaan siif jedhanii haala tolaan na ilaalanii fi akka lubbuun koos sababii keetiin duʼa ooltuuf maaloo, ‘Ani obboleettii isaa ti’ jedhi.”
Say, I pray thee, thou art my sister: that it may be well with me for thy sake; and my soul shall live because of thee.
14 Yeroo Abraam Gibxi seenettis warri Gibxi akka Sooraan dubartii baayʼee bareedduu taate argan.
And it came to pass, that, when Abram had come into Egypt, the Egyptians beheld the woman that she was very fair.
15 Qondaaltonni Faraʼooniis yommuu ishee arganitti ishee jajanii Faraʼoonitti himan; isheenis masaraa mootummaa Faraʼooniitti geeffamte.
The princes also of Pharaoh saw her, and commended her before Pharaoh: and the woman was taken into Pharaoh’s house.
16 Faraʼoon sababii isheetiif jedhee Abraamin haala tolaadhaan ilaale; Abraamis hoolotaa fi loon, harroota korommii fi dhaltuu, tajaajiltoota dhiiraa dubartii, gaalas argate.
And he treated Abram well for her sake: and he had sheep, and oxen, and male donkeys, and male and female servants, and female donkeys, and camels.
17 Waaqayyo garuu sababii niitii Abraam, sababii Saaraatiif jedhee Faraʼoonii fi warra mana isaa jiraatan dhukkuba hamaan dhaʼe.
And the LORD afflicted Pharaoh and his house with great plagues because of Sarai Abram’s wife.
18 Kanaafuu Faraʼoon Abraamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maal natti hojjette? Akka isheen niitii kee taate maaliif natti hin himin?
And Pharaoh called Abram, and said, What is this that thou hast done to me? why didst thou not tell me that she is thy wife?
19 Ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jettee, akka ani niitummaaf ishee fudhadhu na goote? Ammas niitiin kee kunoo ti; ishee fudhadhuu deemi!”
Why saidst thou, She is my sister? so I might have taken her to me for a wife: now therefore behold thy wife, take her, and go thy way.
20 Faraʼoonis waaʼee Abraam irratti namoota isaa ajaje; isaanis Abraamii fi niitii isaa, waan inni qabu hunda wajjin geggeessan.
And Pharaoh commanded his men concerning him: and they sent him away, and his wife, and all that he had.

< Uumama 12 >