< Uumama 11 >

1 Bara sana addunyaan guutuun afaan tokkoo fi haasaa tokko qaba ture.
و تمام جهان را یک زبان و یک لغت بود.۱
2 Namoonni akkuma gara baʼa biiftuutti godaananiin, Shineʼaar keessatti lafa diriiraa argatanii achi qubatan.
و واقع شد که چون از مشرق کوچ می‌کردند، همواری‌ای در زمین شنعار یافتند و درآنجا سکنی گرفتند.۲
3 Isaanis, “Kottaa mee xuubii hojjennee ibiddaan gubnaa” waliin jedhan. Isaanis qooda dhagaa, xuubiitti fayyadaman; hapheedhaaf immoo leeleetti fayyadaman.
و به یکدیگر گفتند: «بیایید، خشتها بسازیم و آنها را خوب بپزیم.» و ایشان راآجر به‌جای سنگ بود، و قیر به‌جای گچ.۳
4 Ergasii, “Kottaa mee akka ofii keenyaa maqaa argannuu fi akka addunyaa guutuu irra hin bibittinnoofneef magaalaa gamoon isaa samii qaqqabu tokko ijaarrannaa” jedhan.
وگفتند: «بیایید شهری برای خود بنا نهیم، و برجی را که سرش به آسمان برسد، تا نامی برای خویشتن پیدا کنیم، مبادا بر روی تمام زمین پراکنده شویم.»۴
5 Waaqayyo garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe.
و خداوند نزول نمود تا شهر وبرجی را که بنی آدم بنا می‌کردند، ملاحظه نماید.۵
6 Waaqayyos akkana jedhe; “Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu.
و خداوند گفت: «همانا قوم یکی است و جمیع ایشان را یک زبان و این کار را شروع کرده‌اند، والان هیچ کاری که قصد آن بکنند، از ایشان ممتنع نخواهد شد.۶
7 Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!”
اکنون نازل شویم و زبان ایشان رادر آنجا مشوش سازیم تا سخن یکدیگر رانفهمند.»۷
8 Kanaafuu Waaqayyo achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan.
پس خداوند ایشان را از آنجا بر روی تمام زمین پراکنده ساخت و از بنای شهر بازماندند.۸
9 Waan Waaqayyo achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; Waaqayyo iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.
از آن سبب آنجا را بابل نامیدند، زیرا که در آنجا خداوند لغت تمامی اهل جهان رامشوش ساخت. و خداوند ایشان را از آنجا برروی تمام زمین پراکنده نمود.۹
10 Seenaan maatii Seem kana. Bishaan badiisaa booddee waggaa lamatti Seem yeroo umuriin isaa waggaa 100 guutetti Arfaakshadin dhalche.
این است پیدایش سام. چون سام صد ساله بود، ارفکشاد را دو سال بعد از طوفان آورد.۱۰
11 Seem erga Arfaakshadin dhalchee booddee waggaa 500 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
وسام بعد از آوردن ارفکشاد، پانصد سال زندگانی کرد و پسران و دختران آورد.۱۱
12 Arfaakshad waggaa 35 jiraatee Sheelaa dhalche.
و ارفکشاد سی وپنج سال بزیست و شالح را آورد.۱۲
13 Arfaakshad erga Sheelaa dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
و ارفکشادبعد از آوردن شالح، چهار صد و سه سال زندگانی کرد و پسران و دختران آورد.۱۳
14 Sheelaan waggaa 30 jiraatee Eeberin dhalche.
و شالح سی سال بزیست، و عابر را آورد.۱۴
15 Sheelaan erga Eeberin dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
و شالح بعد از آوردن عابر، چهارصد و سه سال زندگانی کرد و پسران ودختران آورد.۱۵
16 Eeber waggaa 34 jiraatee Felegin dhalche.
و عابر سی و چهار سال بزیست و فالج را آورد.۱۶
17 Eeber erga Felegin dhalchee booddee waggaa 430 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
و عابر بعد از آوردن فالج، چهار صد و سی سال زندگانی کرد و پسران ودختران آورد.۱۷
18 Felegi waggaa 30 jiraatee Reʼuu dhalche.
و فالج سی سال بزیست، و رعورا آورد.۱۸
19 Felegi erga Reʼuu dhalchee booddee waggaa 209 jiraatee ilmaanii fi intallan biraas dhalche.
و فالج بعد از آوردن رعو، دویست ونه سال زندگانی کرد و پسران و دختران آورد.۱۹
20 Reʼuun waggaa 32 jiraatee Seruugin dhalche.
ورعو سی و دو سال بزیست، و سروج را آورد.۲۰
21 Reʼuun erga Seruugin dhalchee booddee waggaa 207 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
ورعو بعد از آوردن سروج، دویست و هفت سال زندگانی کرد و پسران و دختران آورد.۲۱
22 Seruugi waggaa 30 jiraatee Naahoorin dhalche.
وسروج سی سال بزیست، و ناحور را آورد.۲۲
23 Seruugi erga Naahoorin dhalchee booddee waggaa 200 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
وسروج بعد از آوردن ناحور، دویست سال بزیست و پسران و دختران آورد.۲۳
24 Naahoor waggaa 29 jiraatee Taaraa dhalche.
و ناحور بیست و نه سال بزیست، و تارح را آورد.۲۴
25 Naahoor erga Taaraa dhalchee booddee waggaa 119 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
و ناحور بعد ازآوردن تارح، صد و نوزده سال زندگانی کرد وپسران و دختران آورد.۲۵
26 Taaraan waggaa 70 jiraatee Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche.
و تارح هفتاد سال بزیست، و ابرام و ناحور و هاران را آورد.۲۶
27 Seenaan maatii Taaraa kana. Taaraan Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche. Haaraan immoo Looxin dhalche.
و این است پیدایش تارح که تارح، ابرام وناحور و هاران را آورد، و هاران، لوط را آورد.۲۷
28 Haaraan utuma abbaan isaa Taaraan jiruu Uuri biyya Kaldootaa keessatti lafuma itti dhalatetti duʼe.
وهاران پیش پدر خود، تارح در زادبوم خویش دراور کلدانیان بمرد.۲۸
29 Abraamii fi Naahoor niitii fuudhan. Maqaan niitii Abraam Saaraa, maqaan niitii Naahoor immoo Miilkaa ture. Miilkaan intala Haaraan. Haaraan kun immoo abbaa Miikaatii fi Yiskaa ture.
و ابرام و ناحور زنان برای خود گرفتند. زن ابرام را سارای نام بود. و زن ناحور را ملکه نام بود، دختر هاران، پدر ملکه وپدر یسکه.۲۹
30 Saaraan dhabduu turte; ijoollees hin deenye.
اما سارای نازاد مانده، ولدی نیاورد.۳۰
31 Taaraan ilma isaa Abraamin, ilma ilma isaa jechuunis Loox ilma Haaraanii fi niitii ilma isaa jechuunis Saaraa niitii Abraam fudhatee Kanaʼaan dhaquuf, Uuri biyya Kaldootaatii walii wajjin baʼan; garuu yeroo Kaaraan gaʼanitti achuma qubatan.
پس تارح پسر خود ابرام، و نواده خودلوط، پسر هاران، و عروس خود سارای، زوجه پسرش ابرام را برداشته، با ایشان از اور کلدانیان بیرون شدند تا به ارض کنعان بروند، و به حران رسیده، در آنجا توقف نمودند.۳۱
32 Taaraan waggaa 205 jiraatee Kaaraanitti duʼe.
و مدت زندگانی تارح، دویست و پنج سال بود، و تارح درحران مرد.۳۲

< Uumama 11 >