< Uumama 10 >

1 Seenaan ilmaan Nohi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan.
Hawa ndio wazao wa Noa: Shemu, Hamu na Yafethi, ambao walizaa wana baada ya gharika.
2 Ilmaan Yaafet: Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
Wana wa Yafethi walikuwa: Gomeri, Magogu, Madai, Yavani, Tubali, Mesheki na Tirasi.
3 Ilmaan Goomer: Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
Wana wa Gomeri walikuwa: Ashkenazi, Rifathi na Togarma.
4 Ilmaan Yaawaan: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
Wana wa Yavani walikuwa: Elisha, Tarshishi, Kitimu na Rodanimu.
5 Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan.
(Kutokana na hawa mataifa ya Pwani yalienea katika nchi zao, kwa koo zao katika mataifa yao, kila moja kwa lugha yake.)
6 Ilmaan Haam: Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
Wana wa Hamu walikuwa: Kushi, Misraimu, Putu na Kanaani.
7 Ilmaan Kuushi: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. Ilmaan Raʼimaa: Shebaa fi Dedaan turan.
Wana wa Kushi walikuwa: Seba, Havila, Sabta, Raama na Sabteka. Wana wa Raama walikuwa: Sheba na Dedani.
8 Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
Kushi akamzaa Nimrodi, ambaye alikua akawa mtu shujaa duniani.
9 Innis fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame.
Alikuwa mwindaji hodari mbele za Bwana. Ndiyo sababu watu husema, “Kama Nimrodi, hodari wa kuwinda mbele za Bwana.”
10 Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture.
Vituo vyake vya kwanza katika ufalme wake vilikuwa Babeli, Ereki, Akadi na Kalne katika Shinari.
11 Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare;
Kutoka nchi ile alikwenda Ashuru, ambako alijenga Ninawi, Rehoboth-iri, Kala,
12 akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha.
na Reseni, iliyo kati ya Ninawi na Kala; huo ndio mji mkubwa.
13 Misrayim immoo abbaa Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
Misraimu alikuwa baba wa: Waludi, Waanami, Walehabi, Wanaftuhi,
14 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
Wapathrusi, Wakasluhi (hao ndio asili ya Wafilisti), na Wakaftori.
15 Kanaʼaan abbaa Siidoon ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa,
Kanaani alikuwa baba wa: Sidoni mzaliwa wake wa kwanza, Hethi,
16 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
Wayebusi, Waamori, Wagirgashi,
17 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
Wahivi, Waariki, Wasini,
18 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture. Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan;
Waarvadi, Wasemari na Wahamathi. Baadaye koo za Wakanaani zilitawanyika,
19 daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.
na mipaka ya Kanaani ilienea kutoka Sidoni kuelekea Gerari hadi Gaza, kisha kuelekea Sodoma, Gomora, Adma na Seboimu, hadi kufikia Lasha.
20 Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
Hawa ni wana wa Hamu kwa koo zao na lugha zao, katika nchi zao na mataifa yao.
21 Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture.
Shemu ambaye ni ndugu mkubwa wa Yafethi, kwake kulizaliwa wana pia. Shemu alikuwa baba wa wana wote wa Eberi.
22 Ilmaan Seem Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.
Wana wa Shemu walikuwa: Elamu, Ashuru, Arfaksadi, Ludi na Aramu.
23 Ilmaan Arraam Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
Wana wa Aramu walikuwa: Usi, Huli, Getheri na Mesheki.
24 Arfaakshad Sheelaa dhalche; Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
Arfaksadi alikuwa baba wa Shela, naye Shela akamzaa Eberi.
25 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
Eberi akapata wana wawili: Mmoja wao aliitwa Pelegi, kwa kuwa wakati wake ndipo dunia iligawanyika; nduguye aliitwa Yoktani.
26 Yooqxaan immoo Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
Yoktani alikuwa baba wa: Almodadi, Shelefu, Hasarmawethi, Yera,
27 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
Hadoramu, Uzali, Dikla,
28 Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
Obali, Abimaeli, Sheba,
29 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
Ofiri, Havila na Yobabu. Hawa wote walikuwa wana wa Yoktani.
30 Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.
Nchi waliyoishi ilienea toka Mesha kuelekea Sefari kwenye nchi ya vilima iliyoko mashariki.
31 Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
Hao ndio wana wa Shemu kwa koo zao na lugha zao, katika nchi zao na mataifa yao.
32 Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.
Hizi ndizo koo za wana wa Noa, kufuatana na vizazi vyao, katika mataifa yao. Kutokana na hawa mataifa yalienea duniani kote baada ya gharika.

< Uumama 10 >