< Uumama 10 >

1 Seenaan ilmaan Nohi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan.
挪亚的儿子闪、含、雅弗的后代记在下面。洪水以后,他们都生了儿子。
2 Ilmaan Yaafet: Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
雅弗的儿子是歌篾、玛各、玛代、雅完、土巴、米设、提拉。
3 Ilmaan Goomer: Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
歌篾的儿子是亚实基拿、利法、陀迦玛。
4 Ilmaan Yaawaan: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
雅完的儿子是以利沙、他施、基提、多单。
5 Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan.
这些人的后裔将各国的地土、海岛分开居住,各随各的方言、宗族立国。
6 Ilmaan Haam: Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
含的儿子是古实、麦西、弗、迦南。
7 Ilmaan Kuushi: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. Ilmaan Raʼimaa: Shebaa fi Dedaan turan.
古实的儿子是西巴、哈腓拉、撒弗他、拉玛、撒弗提迦。拉玛的儿子是示巴、底但。
8 Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
古实又生宁录,他为世上英雄之首。
9 Innis fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame.
他在耶和华面前是个英勇的猎户,所以俗语说:“像宁录在耶和华面前是个英勇的猎户。”
10 Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture.
他国的起头是巴别、以力、亚甲、甲尼,都在示拿地。
11 Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare;
他从那地出来往亚述去,建造尼尼微、利河伯、迦拉,
12 akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha.
和尼尼微、迦拉中间的利鲜,这就是那大城。
13 Misrayim immoo abbaa Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
麦西生路低人、亚拿米人、利哈比人、拿弗土希人、
14 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
帕斯鲁细人、迦斯路希人、迦斐托人;从迦斐托出来的有非利士人。
15 Kanaʼaan abbaa Siidoon ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa,
迦南生长子西顿,又生赫
16 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
和耶布斯人、亚摩利人、革迦撒人、
17 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
希未人、亚基人、西尼人、
18 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture. Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan;
亚瓦底人、洗玛利人、哈马人,后来迦南的诸族分散了。
19 daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.
迦南的境界是从西顿向基拉耳的路上,直到迦萨,又向所多玛、蛾摩拉、押玛、洗扁的路上,直到拉沙。
20 Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
这就是含的后裔,各随他们的宗族、方言,所住的地土、邦国。
21 Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture.
雅弗的哥哥闪,是希伯子孙之祖,他也生了儿子。
22 Ilmaan Seem Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.
闪的儿子是以拦、亚述、亚法撒、路德、亚兰。
23 Ilmaan Arraam Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
亚兰的儿子是乌斯、户勒、基帖、玛施。
24 Arfaakshad Sheelaa dhalche; Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
亚法撒生沙拉;沙拉生希伯。
25 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
希伯生了两个儿子,一个名叫法勒,因为那时人就分地居住;法勒的兄弟名叫约坍。
26 Yooqxaan immoo Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
约坍生亚摩答、沙列、哈萨玛非、耶拉、
27 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
哈多兰、乌萨、德拉、
28 Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
俄巴路、亚比玛利、示巴、
29 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
阿斐、哈腓拉、约巴,这都是约坍的儿子。
30 Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.
他们所住的地方是从米沙直到西发东边的山。
31 Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
这就是闪的子孙,各随他们的宗族、方言,所住的地土、邦国。
32 Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.
这些都是挪亚三个儿子的宗族,各随他们的支派立国。洪水以后,他们在地上分为邦国。

< Uumama 10 >