< Galaatiyaa 5 >
1 Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.
Christ set us free so we could have real freedom. So stand firm and don't get burdened down again by a yoke of slavery.
2 Kunoo, dhagna yoo qabattan Kiristoos waan tokko akka isin hin fayyadne ani Phaawulos isinitti nan hima.
Let me, Paul, tell you bluntly: if you rely on the way of circumcision, Christ will be of absolutely no benefit to you.
3 Namni dhagna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa taʼe ani amma illee nan mirkaneessaaf.
Let me repeat: every man who is circumcised has to keep the whole of the law.
4 Isin warri seeraan qajeeltota taasifamuu barbaaddan Kiristoos irraa gargar baataniirtu; ayyaana irraas kuftaniirtu.
Those of you who think you can be made right by the law are cut off from Christ—you have abandoned grace.
5 Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna.
For through the Spirit we trust and wait in hope to be made right.
6 Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.
For in Christ Jesus being circumcised or uncircumcised doesn't achieve anything; it's only trust working through love that matters.
7 Isin fiigicha gaarii fiigaa turtan. Eenyutu gufuu isinitti taʼee dhugaadhaaf ajajamuu isin dhowwe ree?
You were doing so well! Who got in the way and prevented you from being convinced by the truth?
8 Sossobbiin akkasii isa isin waame sana biraa hin dhufu.
This “persuasion” certainly isn't from the one who calls you.
9 “Raacitiin xinnoon bukoo guutuu ni bukeessa.”
You only need a little bit of yeast to raise the whole batch of dough.
10 Ani akka isin yaada biraa hin qabaanne karaa Gooftaatiin isin amanadha. Abbaa fedhe illee taanaan namni isin jeequu murtii ni argata.
I'm confident in the Lord that you won't change the way you think, and that the one who is confusing you will face the consequences, whoever he is.
11 Yaa obboloota, ani amma iyyuu yoon dhagna qabaa lallabaa jiraadhee ani amma iyyuu maaliifin ariʼatama ree? Yoo akkas taʼee immoo fannoon gufuu taʼuun isaa ni hafa ture!
As for me, brothers and sisters, if I were still advocating circumcision—why am I still persecuted? If that was true, it would remove the issue of the cross that offends people so much.
12 Warri isin jeeqan sun dhagna qabachuu qofa utuu hin taʼin utuu of irraa muranii iyyuu nan hawwa!
If only those who are causing you trouble would go even further than circumcision and castrate themselves!
13 Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
You, my brothers and sisters, were called to freedom! Just don't use your freedom as an excuse to indulge your sinful human nature—instead serve one another in love.
14 Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhuun xumurameeraatii.
For the whole law is summed up in this one command, “You shall love your neighbor as yourself.”
15 Garuu isin yoo wal ciniinuu fi wal nyaachuutti fuftan akka wal hin balleessineef of eeggadhaa.
But if you attack and tear into one other, watch out that you don't completely destroy yourselves!
16 Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha.
My advice is to walk by the Spirit. Don't satisfy the desires of your sinful human nature.
17 Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu.
For the desires of the sinful nature are opposed to the Spirit, and the desires of the Spirit are opposed to the sinful nature. They fight one another, so you don't do what you want to do.
18 Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan.
But if the Spirit leads you, you're not under the law.
19 Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii,
It's clear what the sinful human nature produces: sexual immorality, indecency, sensuality,
20 waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu,
idolatry, sorcery, hatred, rivalry, jealousy, anger, selfish ambition, dissension, heresy,
21 weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
envy, drunkenness, feasting, and similar things. As I warned you before so I warn you again: nobody who behaves like this will inherit the kingdom of God.
22 Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa,
But the Spirit produces fruit such as love, joy, peace, patience, kindness, goodness, trust,
23 garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
gentleness, self-control—and there's no law against these kinds of things!
24 Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.
Those who belong to Christ Jesus have nailed to the cross their sinful human nature, together with all their sinful passions and desires.
25 Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
If we live in the Spirit we should also walk in the Spirit.
26 Kottaa of hin tuulluu; wal hin aarsinuu; walittis hin hinaafnuu.
Let's not become boastful, or irritate and envy one another.