< Galaatiyaa 4 >
1 Wanni ani jedhu kana; dhaaltuun yoo qabeenyi hundi kan isaa taʼe iyyuu inni hamma daaʼima taʼee jirutti garba irraa adda miti.
Now I say, [That] the heir, as long as he is a child, differeth nothing from a servant, though he is lord of all;
2 Inni hamma guyyaan abbaan isaa murteesse sun gaʼutti warra isa eeganii fi warra isa guddisan jala jira.
But is under tutors and governors until the time appointed by the father.
3 Nus akkasuma bara daaʼimman turretti garbummaa sirna addunyaa jala turre.
Even so we, when we were children, were in bondage under the elements of the world:
4 Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge;
But when the fullness of the time was come, God sent forth his Son, born of a woman, born under the law,
5 kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf.
To redeem them that were under the law, that we might receive the adoption of sons.
6 Sababii isin ilmaan taataniifis Waaqni Hafuura Ilma isaa kan, “Aabbaa, yaa Abbaa” jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge.
And because ye are sons, God hath sent forth the Spirit of his Son into your hearts, crying, Abba, Father.
7 Kanaaf ati siʼachi ilma malee garba miti; erga ilma taatee immoo Waaqni dhaaltuu si taasiseera.
Wherefore thou art no more a servant, but a son; and if a son, then an heir of God through Christ.
8 Isin utuu Waaqa hin beekiniin dura, waaqota uumama isaaniitiin waaqota hin taʼiniif garboomtanii turtan.
However then, when ye knew not God, ye did service to them which by nature are no gods.
9 Amma garuu isin erga Waaqa beektanii, keessumattuu erga Waaqa biratti beekamtanii booddee akkamitti gara sirnoota dadhaboo fi sirnoota faayidaa hin qabneetti deebitu ree? Isin ammas isaaniif garboomuu barbaadduu?
But now, after ye have known God, or rather are known by God, how turn ye again to the weak and beggarly elements, to which ye desire again to be in bondage?
10 Isin guyyoota, jiʼoota, waqtiilee fi waggoota addaa kabajju!
Ye observe days, and months, and times, and years.
11 Ani akkasumaan isinitti dadhabe jedheen isiniif sodaadha.
I am afraid of you, lest I have bestowed upon you labor in vain.
12 Yaa obboloota, akkuma ani isin fakkaadhe, isinis akka na fakkaattan isin kadhadha. Isin balleessaa tokko illee natti hin hojjenne.
Brethren, I beseech you, be as I am; for I [am] as ye [are]: ye have not injured me at all.
13 Yeroo jalqabaatti akka ani sababii dhukkubaatiin wangeela isinitti lallabe ni beektu;
Ye know that in infirmity of the flesh I preached the gospel to you at the first.
14 yoo dhukkubni koo qoramsa isinitti taʼe iyyuu, isin akka waan ani ergamaa Waaqaa taʼeetti, akka waan ani Kiristoos Yesuus matuma isaa taʼeetti na simattan malee na hin tuffanne yookaan na hin balfine.
And my temptation which was in my flesh ye despised not, nor rejected; but received me as an angel of God, [even] as Christ Jesus.
15 Eebbi keessan sun hundi eessa jira? Utuu dandaʼamee ija keessan illee akka of keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan ture ani dhugaa baʼuu nan dandaʼa.
What then was the blessedness ye spoke of; for I bear you testimony, that, if [it had been] possible, ye would have plucked out your own eyes, and have given them to me.
16 Egaa ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan taʼee ree?
Am I therefore become your enemy because I tell you the truth?
17 Namoonni sun ofitti isin deebisuuf hinaafu; garuu waan gaariif miti. Isaan akka isin isaaniif hinaaftaniif nurraa gargar isin baasuu barbaadu.
They zealously affect you, [but] not well; for, they would exclude you, that ye may affect them.
18 Yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin yeroo hundumaa kaayyoo gaariif hinaaffaa qabaachuun gaarii dha.
But [it is] good to be zealously affected always in [a] good [thing], and not only when I am present with you.
19 Yaa ijoollee ko, ani hamma Kiristoos isin keessatti mulʼatutti ammas isiniif jedhee nan ciniinsifadha;
My little children, of whom I travail in birth again, until Christ be formed in you,
20 ani waaʼee keessaniif waan shakkii keessa jiruuf utuu isin biratti argamee sagalee koo geeddaradhee akkam hawwan ture!
I desire to be present with you now, and to change my voice; for I stand in doubt of you.
21 Warri seera jala jiraachuu barbaaddan mee natti himaa; isin waan seerri jedhu hin dhageenyee?
Tell me, ye that desire to be under the law, do ye not hear the law?
22 “Abrahaam ilmaan lama qaba ture; tokko dubartii garbittii irraa, kaan immoo dubartii birmaduu irraa dhalate” jedhamee barreeffameeraatii.
For it is written, that Abraham had two sons; the one by a bond-maid, the other by a free-woman.
23 Ilmi isaa inni dubartii garbittii irraa dhalate akka fedhii fooniitti dhalate; inni dubartii birmaduu irraa dhalate immoo akka waadaatti dhalate.
But he [who was] of the bond-woman, was born according to the flesh; but he of the free-woman [was] by promise.
24 Kunis akka fakkeenyaatti fudhatamuu dandaʼa; dubartoonni kunneen kakuuwwan lamaan argisiisu. Kakuun tokko kan Tulluu Siinaa ti; kunis garbummaaf ijoollee horti; isheenis Aggaar.
Which things are an allegory: for these are the two covenants; the one from the mount Sinai, which gendereth to bondage, which is Agar.
25 Egaa Aggaar akka Tulluu Siinaa isa biyya Arabaa keessaa ti; isheenis magaalaa Yerusaalem ishee yeroo ammaatti fakkeeffamti; magaalaan kun ijoollee ishee wajjin garbummaa keessa jirtiitii.
For this Agar is mount Sinai in Arabia, and answereth to Jerusalem which now is, and is in bondage with her children.
26 Yerusaalem isheen samii irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya.
But Jerusalem which is above is free, which is the mother of us all.
27 Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “Yaa dubartii dhabduu kan ijoollee tokko illee hin daʼin ati gammadi; atis kan ciniinsifattee hin beekne guddisiitii ililchi; ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa, ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu.”
For it is written, Rejoice, [thou] barren that bearest not; break forth and cry, thou that travailest not: for the desolate hath many more children than she who hath a husband.
28 Yaa obboloota, isinis akkuma Yisihaaq ijoollee waadaa ti.
Now we, brethren, as Isaac was, are the children of promise.
29 Yeroo sana ilmi akka fedhii fooniitti dhalate sun ilma humna Hafuuraatiin dhalate ariʼate. Amma illee akkasuma.
But as then he that was born according to the flesh persecuted him [that was born] according to the Spirit, even so [it is] now.
30 Garuu Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Garbittii sanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii sun ilma dubartittii birmaduu wajjin hin dhaaluutii” jedha.
Nevertheless, what saith the scripture? Cast out the bond-woman and her son: for the son of the bond-woman shall not be heir with the son of the free-woman.
31 Kanaafuu yaa obboloota, nu ilmaan dubartii birmaduu sanaati malee ilmaan garbittii miti.
So then, brethren, we are not children of the bond-woman, but of the free.