< Galaatiyaa 3 >
1 Yaa warra Galaatiyaa gowwoota! Eenyutu falfala isinitti hojjete? Yesuus Kiristoos akka waan ijuma keessan duratti fannifameetti mulʼifamee hin turree?
Bhagalatia bhajinga, lihu leleku la uovu lalibhahalibu? Je Yesu Kristu alasibhu lepi katya msulubibwa palongolo pa mihu gha yhomo?
2 Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun Hafuura Qulqulluu argattan?
Nene nilonda tu kumanya ele kuhomela kwa muenga. Je mwapokili Roho kwa matendo gha Sheria au ndo mwaamini kela kamwapeliki?
3 Isin akkas gowwaadhaa? Hafuura Qulqulluudhaan jalqabdanii amma immoo fooniin fixxuu ree?
Ko, muenga ni bhajinga kiasi ekhe? ko mwayandili mu Roho ili mmalai mu mbhele?
4 Kun dhugumaan iyyuu waan hin fayyadne taanaan isin waanuma hin fayyadneef hammana dhiphattanii ree?
Ko mwatesiki kwa mambo mingi mebhwa, katya kueli ghayele gha mebhwa?
5 Wanni Waaqni Hafuura isaa isinii kennee hojii dinqii gidduu keessanitti hojjetuuf sababii isin seera eegdaniif moo sababii isin waan dhageessan amantaniif?
Ko muene yaipisya Roho kwa muenga ni kubhomba matendo gha nghofo kwa yhomo iketa kwa matendo gha sheria au kwa kup'etela pamonga ni imani?
6 Akkasumas Abrahaam, “Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”
Abraham “Amwamini K'yara ahesabibhu kujo mwenye haki”.
7 Kanaafuu warri amanan ijoollee Abrahaam akka taʼan hubadhaa.
Kwa namna yela yela muyelewahi ya ndabha, bhala bhabhiamini yakuwa ni bhana bha Abraham.
8 Katabbiin Qulqulluun akka Waaqni amantiin Namoota Ormaa qajeeltota taasisu duraan dursee argee, “Sabni hundinuu karaa keetiin eebbifama” jedhee duraan dursee Abrahaamitti wangeela lallabe.
Liyandiku latabilibhu yakuwa K'yara ngabhahesabili haki bhanu bha mataifa kwa njela ya imani. Injili yahubilibhu hosi kwa Abraham:”Kwa bhebhe mataifa ghoa ghibalikibhwa”.
9 Kanaaf warri amantii qaban, Abrahaam nama amantii sana wajjin eebbifaman.
Ili kabhele bhabhayele niimani bhabalikibhuayi pamonga ni Abraham, yaayele ni imani.
10 Warri seera eeguu isaanii abdatan hundinuu abaarsa jala jiru; “Namni waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame hundaaf itti fufee hin ajajamne kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameeraatii.
Bhala bhoa bhabhitegemela matendo gha sheria bhayele pasi mu laana. Kwa ndabha iyandikibhu, “Alanibhu kila munu yaishikamanahee ni mambo ghoa ghaghayandikibhu mukitabu ka sheria, kughabhomba ghoa.”
11 Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf” akka eenyu iyyuu fuula Waaqaa duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa.
Henu ndo bhuasi yakuwa K'yara akamwesabilahee haki hata immonga musheria, kwa ndabha, “Yaayele ni haki alaishi ki imani”
12 Seerri amantii irratti hin hundeeffamne; inni garuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedha.
Sheria yihomelahe ni imani, Badala yaki “Yaifwanyai mambo agha kup'etela sheria, alaishi kisheria”.
13 Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameef, Kiristoos nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure.
istu atukombhuili tete kuhomela mu laana ya sheria yapayafwanyikai laana kwajia yhoto. Kwa ndabha iyandikibhu, “Alanibhuayi” kila munu yaibinai munani mulibehe.”
14 Inni akka nu amantiin Hafuura Qulqulluu waadaa kenname sana argannuuf, akka eebbi Abrahaamiif kenname sun karaa Kiristoos Yesuusiin gara Namoota Ormaa dhufuuf nu fure.
Lilengo layele ya ndabha, baraka ambasyo sasa yele kwa Ibrahimu ngasaidai kwa bhanu bhamataifa kup'etela Yesu Kristu, yakuwa tubhwesyai kuyhopa ahadi ya Roho kup'etela imani.
15 Yaa obboloota, ani akka namaattin dubbadha. Kakuun namaa iyyuu erga yeroo tokko mirkaneeffamee booddee eenyu iyyuu hin tuffatu yookaan itti hin dabalu.
Ndongo, nikabhajobhela na kibinadamu. Kabhele magono ambapo agano la kibinadamu palimalikai kubhekibhwa imara, ayelepi yaibhwesyai kupuuza au kuyongesela.
16 Egaa Abrahaamii fi sanyii isaatiif waadaan galameera. Katabbiin Qulqulluun, akka waan nama hedduuf dubbatameetti, “Sanyiiwwan” hin jedhu; garuu akka waan nama tokkoof dubbatameetti, “Sanyii keetiif” jedha; innis Kiristoos.
Henu ahadi sajobhibhu kwa Ibrahimu ni kizazikya muene. Yijobhahee, “Kwa vizazi,” kumaanisya bhingi, badala yaki kwa mmonga yumuene, “Kwa kizazi kyako,” ambaye ndo Kristu.
17 Wanni ani jedhus kana: Seerri waggaa 430 booddee dhufe sun kakuu Waaqni duraan dursee gale diigee akkasiin waadaa sana hin balleessu.
Henu nijobha nah, sheria ya yahidili miaka 430 badaye, yibhosya lepi agano la kunyuma lalibheki bhusima ni K'yara.
18 Dhaalli utuu karaa seeraatiin taʼee siʼachi waadaadhaan hin taʼu ture; Waaqni garuu ayyaana isaatiin waadaadhaan Abrahaamiif dhaala kenne.
Yandabha kujo ulisi ngawahidili ki njela ya sheria, ngaiyelepi kabhele kuhida kwa njela ya ahadi. Ndabha K'yara apisili mebhwa kwa Ibrahimu kwa njela ya ahadi.
19 Yoos seerri maaliif kenname ree? Seerri sababii yakka hamma Sanyiin waadaan kennameef sun dhufutti tureetiif kenname. Seerri sunis karaa ergamootaatiin harka araarsaa gidduu galeessa tokkootiin hojii irra oolfame.
Kwandayakiki henu sheria yapisibhu? Yayongisibhu ndabha ya makosa, mpaka mzao wa Ibrahimu ulota kwa bhala ambabho kwa bhene amalili kuhaidibhwa. Sheria yabhekibhu ki shinikizo kup'etela malaika kwa kibhoko Kya kupatanisya.
20 Taʼus araarsaan gidduu galeessi tokko garee tokko qofaaf hin dhaabatu; Waaqni garuu tokkichuma.
Henu mpatanishi imaanisya zaidi ya munu mmonga, ndo K'yara yumuene.
21 Kanaafuu seerri waadaa Waaqaatiin mormaa ree? Gonkumaa akkas miti! Utuu seerri jireenya kennuu dandaʼu kennamee jiraatee silaa qajeelummaan dhugumaan seeraan argama tureetii.
Kwa ele ko sheria iyele kinyume ni ahadi sa K'yara? La hasha! kwa ndabha sheria yaiyele ipisibhu iyele ni ubhueso wa kuleta usima, haki ngaipatikene kwa sheria.
22 Katabbiin Qulqulluun garuu akka wanni karaa Yesuus Kiristoositti amanuutiin waadaa galame sun warra amananiif kennamuuf waan hundumaa cubbuu akka hidhamaa godhe labsa.
Badala yaki, liyandiku lifungili mambo ghoa pasi mu thambi. K'yara aketili naa ili ya ndabha ahadi ya muene ya kutookola tete kwa imani kup'etela Yesu Kristu lbhuesyai kupatikana kwa bhala bhabhiamini.
23 Utuu amantiin hin dhufiniin dura hamma amantiin mulʼifamutti seera jalatti hidhamnee nutti cufamee turre.
Kabula ya imani ya Kristu kuhida, twayele tufungibhu ni kuya pasi pa sheria hadi pawihidai ufunuo was imani.
24 Kanaafuu akka nu amantiin qajeeltota taasifamnuuf Kiristoositti nu geessuuf seerri guddiftuu keenya ture.
Kwa ele sheria yafwanyiki kwa kiongozi wa yhoto hadi Kristu pahaaidayi, ndabha tuhesabibhuayi mu haki ni mwimani.
25 Amma garuu waan amantiin dhufeef nu siʼachi guddiftuu jala hin jiraannu.
Henu yandabha imani ihidili, tuyelepi kabhele pasi pabha angalizi.
26 Hundi keessan amantii Kiristoos Yesuusitti qabdaniin ijoollee Waaqaa ti;
Kwa ndabha muenga mwabhoa ndo bhana bha K'yara kup'etela imani ni Kristu Yesu.
27 isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.
Mwabhoa bhambatizibhu kup'etela Kristu mmjifwekili Kristu.
28 Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii.
Ayelepi Myaudi wala Myunani, n'tumwa wala huru, bhagosi wala bhadala, kwandabha muenga mwabhoa n'do bhamonga kup'etela Kristu Yesu.
29 Erga kan Kiristoos taatanii yoos isin sanyii Abrahaam; akka waadaattis dhaaltota.
Kama muenga ndo bha Kristu, basi ndo uzao wa Ibrahimu, bharithi mu jibu wa ahadi.