< Galaatiyaa 1 >

1 Phaawulos ergamticha isa utuu namoota biraa yookaan namaan hin taʼin garuu Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa isa Yesuusin warra duʼan keessaa kaaseen ergamee fi
Paulo mtume: si mtume wa wanadamu wala aliyetumwa na mwanadamu, bali na Yesu Kristo na Mungu Baba aliyemfufua Yesu kutoka kwa wafu;
2 obboloota na wajjin jiran hundumaa irraa, Gara Waldoota Kiristaanaa Galaatiyaatti:
na ndugu wote walio pamoja nami: Kwa makanisa ya Galatia:
3 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu;
Neema iwe nanyi na amani itokayo kwa Mungu Baba yetu na kwa Bwana wetu Yesu Kristo,
4 inni akka fedhii Abbaa keenyaa fi Waaqa keenyaatti bara hamaa kana jalaa nu oolchuuf jedhee cubbuu keenyaaf of kenne; (aiōn g165)
aliyejitoa kwa ajili ya dhambi zetu ili apate kutuokoa katika ulimwengu huu wa sasa ulio mbaya, sawasawa na mapenzi yake yeye aliye Mungu na Baba yetu. (aiōn g165)
5 ulfinni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
Utukufu una yeye milele na milele. Amen. (aiōn g165)
6 Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Kiristoosiin isin waame sana dhiisuudhaan wangeela biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera;
Nashangaa kwamba mnamwacha upesi hivyo yeye aliyewaita kwa neema ya Kristo na kuifuata Injili nyingine,
7 wangeelli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii wangeela Kiristoos jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru.
ambayo kwa kweli si Injili kamwe, ila kwa dhahiri kuna watu wanaowachanganya na wanaotaka kuipotosha Injili ya Kristo.
8 Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu!
Lakini hata ikiwa sisi au malaika atokaye mbinguni akihubiri Injili nyingine tofauti na ile tuliyowahubiria sisi, basi mtu huyo alaaniwe milele!
9 Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu!
Kama vile tulivyokwisha kusema kabla, sasa nasema tena, ikiwa mtu yeyote atawahubiria Injili kinyume na ile mliyoipokea na alaaniwe milele!
10 Ani amma nama biratti moo Waaqa biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Kiristoos hin taʼu ture.
Je, sasa mimi ninatafuta kukubaliwa na wanadamu au kukubaliwa na Mungu? Au nataka kuwapendeza wanadamu? Kama ningekuwa bado najaribu kuwapendeza wanadamu, nisingekuwa mtumishi wa Kristo.
11 Yaa obboloota, wangeelli ani lallabe sun nama irraa akka hin dhufin isin akka beektan nan barbaada.
Ndugu zangu, nataka mjue kwamba Injili niliyowahubiria haikutokana na wanadamu.
12 Ani wangeelicha mulʼataan Yesuus Kiristoos irraa fudhadhe malee nama tokko irraa illee hin fudhanne; yookaan namni na hin barsiifne.
Kwa maana mimi sikuipokea hiyo Injili kutoka kwa mwanadamu, wala sikufundishwa na mtu, bali niliipata kwa ufunuo kutoka kwa Yesu Kristo.
13 Akka ani yeroon amantii Yihuudootaa duukaa buʼaa turetti waldaa kiristaanaa Waaqaa akka malee ariʼachaa fi balleessuufis yaalaa ture dhageessaniirtu.
Ninyi mmekwisha kusikia juu ya maisha yangu ya zamani nilipokuwa katika dini ya Kiyahudi, jinsi nilivyolitesa kanisa la Mungu kwa nguvu na kujaribu kuliangamiza.
14 Ani amantii Yihuudootaatiin warra saba koo keessaa hiriyoota koo taʼan baayʼee nan caala ture; duudhaa abbootii kootiifis akka malee nan hinaafa ture.
Nami niliendelea sana katika dini ya Kiyahudi kuliko Wayahudi wengi wa rika yangu maana nilijitahidi sana katika desturi za baba zangu.
15 Garuu yommuu Waaqni gadameessa haadha kootii jalqabee na filatee fi ayyaana isaatiin na waame sun,
Lakini ilipompendeza Mungu, aliyenitenga tangu tumboni mwa mama yangu na kuniita kwa neema yake,
16 akka ani Namoota Ormaa gidduutti waaʼee Ilma isaa lallabuuf isa natti mulʼisuu jaallatetti ani nama tokkoon iyyuu hin mariʼanne.
alimdhihirisha Mwanawe kwangu, ili nipate kumhubiri miongoni mwa watu wa Mataifa. Mimi sikushauriana na mwanadamu yeyote,
17 Ani warra anaan dura ergamoota turan arguuf Yerusaalemitti ol hin baane; garuu yeruma sana biyya Arabaan dhaqe. Ergasiis Damaasqoottin deebiʼe.
wala sikupanda kwenda Yerusalemu kuwaona hao waliokuwa mitume kabla yangu, bali nilikwenda mara moja Arabuni na kisha nikarudi Dameski.
18 Ergasiis anis waggaa sadii booddee Keefaan wal baruuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼe; guyyaa kudha shanis isa biran ture.
Kisha baada ya miaka mitatu nilipanda kwenda Yerusalemu kuonana na Kefa na nilikaa naye siku kumi na tano.
19 Ani garuu Yaaqoob obboleessa Gooftaa malee ergamoota kaan keessaa tokko illee hin argine.
Lakini sikumwona mtume mwingine yeyote isipokuwa Yakobo, ndugu yake Bwana.
20 Wanti ani isinii barreessu akka soba hin taʼin kunoo fuula Waaqaa duratti isiniifin mirkaneessa.
Nawahakikishia mbele za Mungu kuwa ninayowaandikia si uongo.
21 Ergasiis ani gara Sooriyaa fi biyya Kiilqiyaan dhaqe.
Baadaye nilikwenda sehemu za Syria na Kilikia.
22 Waldoonni Kiristaanaa Yihuudaa kanneen Kiristoositti jiranis fuula koo arganii hin beekan.
Lakini mimi binafsi sikujulikana kwa makanisa ya huko Uyahudi yaliyo katika Kristo.
23 Isaanis oduu, “Namichi duraan nu ariʼachaa ture sun amma immoo amantiidhuma dur balleessuuf yaalaa ture sana lallabaa jira” jedhu qofa dhagaʼan.
Wao walisikia habari tu kwamba, “Mtu yule ambaye hapo kwanza alikuwa akitutesa sasa anahubiri imani ile ile aliyokuwa akijaribu kuiangamiza.”
24 Isaanis sababii kootiif Waaqaaf ulfina kennan.
Nao wakamtukuza Mungu kwa sababu yangu.

< Galaatiyaa 1 >