< Izraa 9 >

1 Erga wanni kun hojjetamee booddee hooggantoonni gara koo dhufanii akkana jedhan; “Sabni Israaʼel lubootaa fi Lewwota illee dabalatee saboota ollaa isaanii kanneen hojii jibbisiisaa hojjetan jechuunis Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Yebuusota, Amoonota, Moʼaabota, warra Gibxii fi Amoorota irraa addaan baʼanii hin jiraanne.
Kipindi mambo hayo yanatendeka, wakuu wakaja kwangu na kuniambia,”Watu wa Israel, Makuhani na walawi hawakuweza kujitenga wenyewe kutoka kwa watu wa nchi zingine na maovu yao: Wakanaani, Wahiti, Waperuzi, wayebusi, Waamoni, Wamoabu, Wamisri na Waamori.
2 Isaanis intallan jaraa ofii isaaniitiif fuudhanii ilmaan isaaniis fuusisanii sanyii qulqulluu sana saboota naannoo isaaniitti makan. Hooggantoonnii fi qondaaltonnis balleessaa kana hojjechuu keessatti dura aantota turan.”
Kwa kuwa wamewachukua baadhi ya binti na watoto wa kiume, wamejichanganya watu watakatifu na watu wa nchi nyingine na wakuu na viongozi wamekuwa wa kwanza katika imani hii potofu.
3 Ani yeroon waan kana dhagaʼetti qomee koo fi uffata koo nan tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koo of irraa buqqisee akka malee rifadheen taaʼe.
Niliposikia haya, nikachana nguo zangu na kanzu na kunyoa nywele kichwani na ndevu na nikakaa chini kutafakari.
4 Kana irratti namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliin hollatan hundi sababii balleessaa warra boojuudhaa deebiʼan kanaaf naannoo kootti walitti qabaman. Anis akka malee rifadhee hamma aarsaa galgalaatti achuman taaʼe.
Na wale wote waliotetemeka kwa neno la Mungu wa Israel kuhusu imani potofu walikusanyika kwangu wakati nimakaa chini nikiwa na aibu hadi kufikia kipindi cha sadaka za jioni.
5 Anis yeroo aarsaa galgalaatti akkuma qomee fi uffanni koo tarsaʼee jirutti lafan gaddee taaʼaa turee kaʼee jilbeenfadhee harka koo gara Waaqayyo Waaqa kootti balʼisee
Lakini katika sadaka ya jioni nikasimama kwenye nafasi yangu nikiwa mnyenyekevu na nguo ilichanika na kanzu, na nikapiga magoti na kunyoosha mikono yangu kwa Yahwe Mungu wangu. Nikasema
6 akkana jedheen kadhadhe: “Yaa Waaqa ko, sababii cubbuun keenya mataa keenya bira ol darbee yakki keenyas samii gaʼeef, yaa Waaqa koo ani fuula koo gara keetti deebiffachuu akka malee qaanaʼeera; saalfadheeras.
“Mungu wangu, nina aibu na sistahili kuinua uso wangu kwako, makosa yetu yamekuwa hadi kuvuka kichwani na maovu yetu yameongezeka kufika mbinguni.
7 Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma ammaatti balleessaan keenya guddaa dha. Sababii cubbuu keenyaaf nu, mootonni keenyaa fi luboonni keenya akkuma harʼaa kana harka mootota ormaa jalatti goraadee fi boojuutti, saamichaa fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra.
Kuanzia siku ya watangulizi wetu mpaka sasa tumekuwa katika maovu makuu. Makosa yetu, viongozi, makuhani, walikuwa katika mikono ya mfalme wa dunia hii, katika upanga, matekani na kunyanyaswa na tuna aibu ya uso hata leo.
8 “Amma garuu Waaqayyo Waaqni keenya hambaa nuu hambisee iddoo isaa qulqulluu sana keessatti iddoo amansiisaa nuuf kennuudhaan yeroo gabaabaadhaaf garaa nuuf laafeera; akkasiinis Waaqni keenya ija keenyaaf ifa kenneera; garbummaa keenya keessattis xinnoo nu boqochiiseera.
sasa kwa kipindi kifupi, neema kutoka kwa Yahwe Mungu wetu imekuja kutuacha mabaki wachache na kutupa kuhimmili sehemu takatifu. Hii ilikuwa ni kwa ajili ya Mungu wetu kututia nuru macho yetu na kutupa unafuuu sisi tulio watumwa.
9 Nu garboota taanu illee Waaqni keenya garbummaa keessatti nu hin ganne. Inni fuula mootota Faares duratti jaalala isaa kan hin geeddaramne sana nu argisiiseera. Inni akka nu mana Waaqa keenyaa deebifnee ijaarruu fi akka diigamaa isaa illee iddootti deebifnuuf jireenya haaraa nuuf kenneera; Yihuudaa fi Yerusaalem keessattis dallaa daʼannoo nuu kenneera.
Kwa kuwa sisi tu watumwa, lakini Mungu bado hajatusahau lakini ameongeza agano la uaminifu kwetu, ameyatenda haya mbele ya macho ya mfalme wa Uajemi ili kwamba haweze kutupatia nguvu mpya. Ili kwamba tuweze kujenga nyumba ya Mungu na tuweze kuondoa majuto. Alitenda hayo ili kwamba aweze kutupatia msingi wa usalama katika Yuda na Yerusalem.
10 “Amma garuu yaa Waaqa keenya nu kana booddee maal jechuu dandeenya? Nu ajaja
Lakini sasa Mungu wetu, tuseme nini baaada ya haya? Tumesahau amri zako.
11 ati karaa garboota kee raajotaan kennite sanaaf hin ajajamneetii; innis akkana jedha: ‘Biyyi isin dhaaluudhaaf seenuutti jirtan xuraaʼummaa saba biyya sanaan xuroofteerti. Isaan hojii jibbisiisaa isaaniitiin handaara tokkoo hamma handaara kaanitti xuraaʼummaa isaaniitiin biyyattii guutaniiru.
amri ambazo uliwapa manabii watumishi wako, pale uliposema, “Nchi hii mnayoingia kuimiliki ni nchi chafu. Imechanganyikana na watu wasio na utaratibu. ameenea kutoka sehemu moja hadi nyingine kwa uchafu wao.
12 Kanaafuu intallan keessan ilmaan isaanitti hin heerumsiisinaa yookaan ilmaan keessan intallan isaanii hin fuusisinaa. Akka jabaattaniif, akka waan gaarii biyya sanaa nyaattanii biyyatti illee dhaala bara baraa gootanii ijoollee keessanitti dabarsitaniif yoom iyyuu isaan wajjin walii galtee michummaa hin barbaadinaa.’
Hivyo sasa, msiwape binti zenu kwa watoto wao, msichukue binti zao kwa ajili ya watoto wenu, msitafute amani kwao na fadhili, ili kwamba muweze kuwa imara na kula vizuri vya nchi, hivyo utasababisha watoto wenu kumiliki kwa wakati wote.”
13 “Wanni nurra gaʼe kun gatii gochawwan hammina keenyaa fi yakka keenya guddaa sanaa ti; haa taʼuutii ati Waaqni keenya adaba cubbuu keenyaaf maluun gad nu adabdee hambaa akkanaa nuu kenniteerta.
Baada ya yote kutokea kwetu kwa sababu ya uovu wetu na makosa yetu makuu, tokea hapo, Mungu wetu, hukutazama makosa yetu na kutuadhibu tulivyostahili na ukatuacha kama mabaki.
14 Nu amma illee ajaja kee cabsinee saba hojiiwwan jibbisiisoo hojjetu kanaan wal haa fuunuu? Yoos ati akka malee nutti dheekkamtee hamma hambaan tokko iyyuu hin hafnetti nu hin balleessituu ree?
Tunaweza kuvunja tena amri zako na kuingiliana katika ndoa, na hawa watu wasiofuata utaratibu? Je hautachukia na kututowesha sote hakuna wa kubaki, hakuna wa kutoroka?
15 Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati qajeelaa dha! Nu harʼa hambaa taanee jiraanneerra. Tokkoon keenya iyyuu sababii yakka keenyaaf fuula kee dura dhaabachuu dadhabnu illee nu kunoo yakkuma keenya wajjin fuula kee dura jirra.”
Yahwe, Mungu wa Israel, wewe ni mwenye haki, kwa kuwa tumebaki wachache mabaki hadi siku ya leo. Tazama, tuko mbele yako na makosa yetu, kwa kuwa hakuna hata mmoja anayeweza kusimama mbele kwa sababu ya hili.

< Izraa 9 >