< Izraa 9 >

1 Erga wanni kun hojjetamee booddee hooggantoonni gara koo dhufanii akkana jedhan; “Sabni Israaʼel lubootaa fi Lewwota illee dabalatee saboota ollaa isaanii kanneen hojii jibbisiisaa hojjetan jechuunis Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Yebuusota, Amoonota, Moʼaabota, warra Gibxii fi Amoorota irraa addaan baʼanii hin jiraanne.
پس از پایان این امور، سران قوم اسرائیل پیش من آمدند و گفتند که قوم و کاهنان و لاویان خود را از قومهای بت‌پرست ساکن این دیار جدا نکرده‌اند و از اعمال قبیح کنعانی‌ها، حیتی‌ها، فرزی‌ها، یبوسی‌ها، عمونی‌ها، موآبی‌ها، مصری‌ها و اموری‌ها پیروی می‌کنند.
2 Isaanis intallan jaraa ofii isaaniitiif fuudhanii ilmaan isaaniis fuusisanii sanyii qulqulluu sana saboota naannoo isaaniitti makan. Hooggantoonnii fi qondaaltonnis balleessaa kana hojjechuu keessatti dura aantota turan.”
مردان یهودی از دختران این قومها برای خود و پسرانشان زنان گرفته‌اند و به این وسیله قوم مقدّس را با قومهای بت‌پرست در هم آمیخته‌اند. در این فساد، سران و بزرگان قوم پیشقدم بوده‌اند.
3 Ani yeroon waan kana dhagaʼetti qomee koo fi uffata koo nan tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koo of irraa buqqisee akka malee rifadheen taaʼe.
وقتی این خبر را شنیدم، جامۀ خود را دریدم، موی سر و ریش خود را کندم و متحیر نشستم.
4 Kana irratti namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliin hollatan hundi sababii balleessaa warra boojuudhaa deebiʼan kanaaf naannoo kootti walitti qabaman. Anis akka malee rifadhee hamma aarsaa galgalaatti achuman taaʼe.
سپس گروهی از کسانی که به خاطر این گناه قوم از خدای اسرائیل می‌ترسیدند نزد من جمع شدند و من تا وقت تقدیم قربانی عصر، همان‌طور نشسته ماندم.
5 Anis yeroo aarsaa galgalaatti akkuma qomee fi uffanni koo tarsaʼee jirutti lafan gaddee taaʼaa turee kaʼee jilbeenfadhee harka koo gara Waaqayyo Waaqa kootti balʼisee
در هنگام قربانی عصر از جای خود بلند شدم و با همان جامهٔ دریده زانو زدم و دستهای خود را به حضور خداوند، خدایم بلند کرده،
6 akkana jedheen kadhadhe: “Yaa Waaqa ko, sababii cubbuun keenya mataa keenya bira ol darbee yakki keenyas samii gaʼeef, yaa Waaqa koo ani fuula koo gara keetti deebiffachuu akka malee qaanaʼeera; saalfadheeras.
گفتم: «خدایا در نزد تو شرمسارم و خجالت می‌کشم که در حضورت سر بلند کنم، چون گناهان ما از سر ما گذشته و خطاهای ما سر به فلک کشیده است.
7 Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma ammaatti balleessaan keenya guddaa dha. Sababii cubbuu keenyaaf nu, mootonni keenyaa fi luboonni keenya akkuma harʼaa kana harka mootota ormaa jalatti goraadee fi boojuutti, saamichaa fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra.
قوم ما از زمانهای گذشته تا به حال مرتکب گناهان زیادی شده‌اند؛ به همین دلیل است که ما و پادشاهان و کاهنانمان به دست پادشاهان دیگر کشته و اسیر و غارت و رسوا شده‌ایم، و این رسوایی تا امروز هم باقی است.
8 “Amma garuu Waaqayyo Waaqni keenya hambaa nuu hambisee iddoo isaa qulqulluu sana keessatti iddoo amansiisaa nuuf kennuudhaan yeroo gabaabaadhaaf garaa nuuf laafeera; akkasiinis Waaqni keenya ija keenyaaf ifa kenneera; garbummaa keenya keessattis xinnoo nu boqochiiseera.
«و حال مدتی است که لطف تو ای خداوند، خدای ما، شامل حال ما شده و تو عده‌ای از ما را از اسارت بیرون آورده در این مکان مقدّس مستقر ساخته‌ای و به ما شادی و حیات تازه بخشیده‌ای.
9 Nu garboota taanu illee Waaqni keenya garbummaa keessatti nu hin ganne. Inni fuula mootota Faares duratti jaalala isaa kan hin geeddaramne sana nu argisiiseera. Inni akka nu mana Waaqa keenyaa deebifnee ijaarruu fi akka diigamaa isaa illee iddootti deebifnuuf jireenya haaraa nuuf kenneera; Yihuudaa fi Yerusaalem keessattis dallaa daʼannoo nuu kenneera.
ما اسیر و برده بودیم، ولی تو ما را در حالت بردگی ترک نکردی، بلکه ما را مورد لطف پادشاهان پارس قرار دادی. تو به ما حیات تازه بخشیده‌ای تا بتوانیم خانهٔ تو را بازسازی کنیم و در سرزمین یهودا و شهر اورشلیم در امان باشیم.
10 “Amma garuu yaa Waaqa keenya nu kana booddee maal jechuu dandeenya? Nu ajaja
«و حال ای خدای ما، پس از این همه لطف، چه می‌توانیم بگوییم؟ در حالی که بار دیگر از دستورهای تو که توسط انبیایت به ما داده بودی، سرپیچی کرده‌ایم. آنها به ما گفته بودند که سرزمینی که به‌زودی آن را به تصرف خود در خواهیم آورد زمینی است که بر اثر اعمال قبیح ساکنان بت‌پرست آن نجس شده است و سراسر آن پر از فساد و پلیدی است.
11 ati karaa garboota kee raajotaan kennite sanaaf hin ajajamneetii; innis akkana jedha: ‘Biyyi isin dhaaluudhaaf seenuutti jirtan xuraaʼummaa saba biyya sanaan xuroofteerti. Isaan hojii jibbisiisaa isaaniitiin handaara tokkoo hamma handaara kaanitti xuraaʼummaa isaaniitiin biyyattii guutaniiru.
12 Kanaafuu intallan keessan ilmaan isaanitti hin heerumsiisinaa yookaan ilmaan keessan intallan isaanii hin fuusisinaa. Akka jabaattaniif, akka waan gaarii biyya sanaa nyaattanii biyyatti illee dhaala bara baraa gootanii ijoollee keessanitti dabarsitaniif yoom iyyuu isaan wajjin walii galtee michummaa hin barbaadinaa.’
به ما فرمودند که دختران خود را به پسران اهالی آنجا ندهیم و نگذاریم پسران ما با دختران ایشان ازدواج کنند و نیز هرگز به آن قومها کمک نکنیم تا بتوانیم از آن سرزمین حاصلخیز بهره‌مند شویم و آن را برای فرزندانمان تا ابد به ارث بگذاریم.
13 “Wanni nurra gaʼe kun gatii gochawwan hammina keenyaa fi yakka keenya guddaa sanaa ti; haa taʼuutii ati Waaqni keenya adaba cubbuu keenyaaf maluun gad nu adabdee hambaa akkanaa nuu kenniteerta.
«اما ما مرتکب اعمال زشت و گناهان بزرگی شدیم و تو ما را تنبیه کردی. ولی می‌دانیم کمتر از آنچه که سزاوار بودیم ما را تنبیه نمودی و گذاشتی از اسارت آزاد شویم.
14 Nu amma illee ajaja kee cabsinee saba hojiiwwan jibbisiisoo hojjetu kanaan wal haa fuunuu? Yoos ati akka malee nutti dheekkamtee hamma hambaan tokko iyyuu hin hafnetti nu hin balleessituu ree?
با وجود این، باز از دستورهای تو سرپیچی نموده‌ایم و با این قومهای فاسد وصلت کرده‌ایم. حال، بدون شک مورد خشم تو قرار خواهیم گرفت و حتی یک نفر از ما نیز زنده باقی نخواهد ماند.
15 Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati qajeelaa dha! Nu harʼa hambaa taanee jiraanneerra. Tokkoon keenya iyyuu sababii yakka keenyaaf fuula kee dura dhaabachuu dadhabnu illee nu kunoo yakkuma keenya wajjin fuula kee dura jirra.”
ای خداوند، خدای اسرائیل، تو خدایی عادل هستی. ما بازماندگان قوم اسرائیل در حضور تو به گناه خود اعتراف می‌کنیم، هر چند به سبب این گناه شایسته نیستیم در حضورت بایستیم.»

< Izraa 9 >