< Izraa 8 >

1 Warri kunneen hangafoota maatii fi warra isaan wajjin galmaaʼan kanneen bara mootummaa Arxeksis Mootichaa keessa na wajjin Baabilonii dhufanii dha:
Hawa ni viongozi wa watangulizi familia ambazo zilitoka babeli pamoja nami kipindi cha utawala wa mfalme Artashasta.
2 Sanyii Fiinehaas keessaa Geershoom; sanyii Iitaamaar keessaa Daaniʼel; sanyii Daawit keessaa Haxuush
Mwana wa Finehasi, Gershoni. Mwana wa Ithamari, Daniel. Mwana wa Daudi, Hatushi ambaye ni mwana Shekania,
3 sanyii Shekaaniyaa; sanyii Phaarosh keessaa Zakkaariyaas; warri isa wajjin galmeeffamanis namoota 150 turan;
ambaye pia ni mwana wa Paroshi na Zekaria na pamoja na yeye kulikuwa na wanaume mia moja na hamsini walitajwa kwenye idadi ya ukoo wake.
4 sanyii Fahat Moʼaab keessaa Eliihooʼeenayi ilma Zaraayaa; warri isa wajjin turanis namoota 200 turan;
Wana wa Pahath- Moabu, Eliehoenai mwana wa Zerahia na pamoja naye wanaume mia mbili. Wana wa
5 sanyii Zaatuʼi keessaa Shekaaniyaa ilma Yahiziiʼeel; warri isa wajjin turanis namoota 300 turan;
Shekaniah, Yahazieli na pamoja naye wanaume mia tatu. Wana wa
6 sanyii Aadiin keessaa Ebeed ilma Yoonaataan; warri isa wajjin turanis namoota 50 turan;
adini, Ebedi mwana wa Yonathani na pamoja naye waliorodheshwa wanaume hamsini.
7 sanyii Eelaam keessaa Yeshaayaa ilma Ataaliyaa; warri isa wajjin turanis namoota 70 turan;
Wana wa Elamu, Yeshaya mwana wa Athalia na pamoja naye waliorodheshwa wanaume sabini.
8 sanyii Shefaaxiyaa keessa Zebaadiyaa ilma Miikaaʼel; warri isa wajjin turanis namoota 80 turan;
Wana wa Shefatia, Zebadia, mwana wa Mikaeli na pamoja naye waliorodheshwa wanaume themanini.
9 sanyii Yooʼaab keessaa Obaadiyaa ilma Yehiiʼeel; warri isa wajjin turanis namoota 218 turan;
Wana wa Yoabu, Obadia mwana wa Yehieli pamoja na yeye waliorodheshwa wanaume mia mbili kumi na wanane. Wana wa Binui,
10 sanyii Baanii keessaa Sheloomiit ilma Yoosifiyaa; warri isa wajjin turanis namoota 160 turan;
Sheromithi, mwana wa Yosifia na pamoja na yeye waliorodheshwa wanaume mia moja na sitini.
11 sanyii Beebay keessaa Zakkaariyaas ilma Beebay; warri isa wajjin turanis namoota 28 turan;
Wana wa Bebai, zekaria mwana wa Bebai na pamoja na yeye waliorodheshwa wanaume ishirini na wanane.
12 sanyii Azgaad keessaa Yoohaanaan ilma Haqaaxaan; warri isa wajjin turanis namoota 110 turan;
Wana wa Azgadi, Yohana mwana wa Hakatani na pamoja na yeye waliorodheshwa wanaume mia moja na kumi.
13 sanyii Adooniiqaam keessaa warra gara dhumaa kanneen maqaan isaanii Eliiphelex, Yeʼiiʼeelii fi Shemaaʼiyaa jedhamuu dha; warri isaan wajjin turanis namoota 60 turan;
Wale wana wa Adonikamu wakaja baadaye. Na haya ndio majina yao: Elifereti, Yeueli na Shemaya na pamoja na wao wakaja wanaume sitini.
14 sanyii Baguwaay keessaa Uutaayii fi Zakuur; warri isaan wajjin turanis namoota 70 turan.
Wana wa Bigwai, Uthai, mwana wa zabudi na pamoja na yeye waliorodheshwa wanaume sabini
15 Anis laga gara Ahawaatti yaaʼu biratti walitti isaan nan qabe; nus guyyaa sadii achi turre. Anis yeroon uummataa fi luboota toʼadhetti Lewwota tokko illee isaan keessaa nan dhabe.
Nikawakusanya wasafiri bandari iliyokuwa inaelekea Ahava. Tukaweka kambi muda wa siku tatu, nikawachunguza watu na makuhani, lakini sikuwaona wana wa Levi miongoni.
16 Kanaafuu ani Eliiʼezer, Ariiʼeel, Shemaaʼiyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam warra hooggantoota turanii fi Yooyaariibii fi Elnaataan warra hayyoota taʼan sana nan waamsise;
Hivyo nikatuma kwa Eliezeri, arieli, Shemaya, Elnathani, Yaribu na Elnathani na Nathani, Zekaria na Meshulamu waliokuwa viongozi na kwa Yoyaribu na Elnathani ambao walikuwa ni walimu.
17 ergasiis gara Iddoo namicha Kaasiifiyaa bulchuutti isaan nan erge. Anis akka isaan namoota mana Waaqa keenyaa keessa tajaajilan nuuf fidaniif waan isaan Iddoo fi firoota isaa kanneen mana qulqullummaa Kaasifiyaa keessa tajaajilaniin jechuu qaban isaanitti nan hime.
Tena nikawatuma kwa Ido, kiongozi wa Kasifia. Nikawaaambia kile watachomweleza Ido. na jamaa zake, watumishi wa Hekalu waliishi Kasifia, kwa hiyo, kutuma kwetu watumishi kwa ajili ya nyumba ya Mungu.
18 Isaanis sababii harki Waaqaa tolaan sun nurra tureef sanyii Mahilii keessaa Sheereebiyaa ilma Lewwii, ilma Israaʼel, namicha hubataa tokko ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin walumatti nama 18 nuuf fidan;
Hivyo wakatutuma sisi kwa Mungu na mkono mzuri wa mtu aliyeitwa Ishekeli. Alikuwa mwana wa mali Mwana wa Levi mwana wa Israel. Akaja na wana kumi na wanane na ndugu,
19 akkasumas Hashabiyaa fi ilmaan Meraarii keessaa immoo Yeshaayaa, obboloota isaatii fi ilmaan obboloota isaa walumatti nama 20 nuuf fidan.
pamoja naye Hashabia, pamoja na Yeshaya wa wana wa Merari na ndugu zake na wana wake jumla watu ishirini wote. Miongoni
20 Amma illee tajaajiltoota mana qulqullummaa kanneen Daawitii fi qondaaltonni isaa akka isaan Lewwota gargaaraniif ramadan keessaa nama 220 nuuf fidan. Isaan kunneen hundi maqaa maqaadhaan ni galmeeffaman.
mwao walichaguliwa kutumika katika Hekalu, ambapo Daudi na wakuu waliwapa kuwahudumia walawi: mia mbili ishirini kila mmoja wao aliagizwa kwa majina.
21 Anis akka nu, ijoolleen keenyaa fi qabeenyi keenya hundi karaa nagaa deemnuuf akka fuula Waaqa keenyaa duratti gad of qabnee kadhannuuf achuma Laga Ahawaa biratti sooman nan labse.
Tena nikatangaza kufunga mto Ahava ili kujinyenyekeza mbele za Mungu, kutafuta njia iliyoonyoka kutoka kwake kwa ajili yetu, watoto wetu na mali zetu,
22 Ani sababii nu, “Harki Waaqa keenyaa inni tolaan nama isa abdatu hunda irra jira; warra isa dhiisu hunda irra garuu dheekkamsi isaa ni buʼa” jennee mootichatti himnee turreef akka isaan karaa keenya irratti diinota nurraa dhowwaniif loltootaa fi abbootii fardaa mooticha kadhachuu nan qaanaʼe.
Niliona aibu kumwomba mfalme kwa ajili ya jeshi au mpandafarasi kwa ajili ya kutulinda tunapokuwa njiani, tangu tumemwambia mfalme “mkono wa Mungu uko pamoja na wote wanaomtafuta kwa mazuri. lakini uweza wake na ghazabu yake ni juu ya wale wote wanaomwasi yeye.
23 Kanaafuu nu soomnee waan kana irratti Waaqa kadhanne; innis kadhaa keenyaaf deebii kenne.
Hivyo tulifunga na kumsihi Mungu kwa jambo hilo.
24 Anis luboota hangafoota keessaa kudha lama jechuunis Sheereebiyaa, Hashabiyaa fi obboloota isaanii keessaa nama kudhan kophaatti nan baase;
Tena nikachagua watu kumi na wawili kutoka kwa kuhani: Sherebia na Hashabia na ndugu zao wengine kumi.
25 anis kennaa meetii, warqee fi miʼaa kan mootichi, gorsitoonni isaa, qondaaltonni isaa fi Israaʼeloonni achi turan hundi mana Waaqa keenyaatiif kennan irraa madaalee isaaniif nan qoode.
Nikapima kwa ajili yao fedha, dhahabu na vyombo na sadaka kwa ajili ya nyumba ya Mungu kwa wafalme, washauri, na wakuu na Israel wote walitoa kwa hiari.
26 Ani meetii taalaantii 650, miʼa meetii kana taalaantii 100 ulfaatu, warqee taalaantii 100,
Hivyo nikawapimia kwenye mikono yao talanta za fedha mia sita na hamsini, talanta mia moja ya vyombo vya fedha, talanta mia moja za dhahabu.
27 waciitii warqee 20 kan daariikii 1,000 baasuu fi miʼa naasii cululuqaa akkuma warqee gatiin isaa guddaa taʼe lama madaaleen qoodeef.
vifaa ishirini vya dhahabu kwa pamoja vilikuwa na thamani ya elfu moja darkoni na vitu viwili vya sanamu vivyonakshiwa kama dhahabu ya kupendeza.
28 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Isinii fi miʼi kun Waaqayyoof qulqulleeffamtaniirtu. Meetii fi warqeen kun kennaa fedhiidhaan Waaqayyo Waaqa abbootii keessaniitiif kennamanii dha.
Kisha nikawaambia, mmewekwa wakfu kwa Bwana, na hivi vyombo pia na fedha na dhahabu, vimetolewa kwa hiari kwa Yahwe, Mungu wa watangulizi wenu.
29 Hamma kutaalee mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana keessatti fuula luboota hangafootaa, fuula Lewwotaa fi hangafoota maatii Israaʼel duratti madaaltanii qooddanitti miʼa kana jabeessaa eegaa.”
mviangalie na kuvitunza hadi mtakapovipima mbele ya makuhani, walawi, na viongozi wa wataangulizi wa jamii ya Israel katika Yerusalem katika nyumba ya Mungu.
30 Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni meetii, warqee fi miʼa qulqulluu madaalame sana mana Waaqa keenyaa kan Yerusaalem keessaatti geessuuf ni fuudhan.
Makuhani na walawi walikubali vipimo vya fedha na dhahabu na vyombo kwa ajili ya kuvichukua na kuvipeleka Yerusalem, kwenye nyumba ya Mungu wetu.
31 Nus bultii kudha lammaffaa jiʼa tokkoffaatti Yerusaalem dhaquudhaaf Laga Ahawaa biraa kaane. Harki Waaqa keenyaa nurra ture; innis diinotaa fi namoota riphanii karaa irratti nama eegatan jalaa nu baase.
Tukatoka kwenda mto Ahava siku ya kumi na mbili katika mwezi wa kwanza kwenda Yerusalem, Mkono wa Mungu ulikuwa pamoja nasi, ulitulinda na mikono ya adui na wale waliotaka kutufanyia fujo njiani.
32 Akkasiinis Yerusaalem geenyee bultii sadii achi boqonne.
Hivyo tukaingia Yerusalem na kukaa humo kwa siku tatu.
33 Nus bultii afuraffaatti mana Waaqa keenyaa keessatti meetii, warqee fi miʼa qulqulluu sana madaallee harka Mereemooti lubicha ilma Uuriyaa sanaatti ni kennine. Eleʼaazaar ilmi Fiinehaas akkasumas Lewwonni jechuunis Yoozaabaad ilmi Yeeshuuʼaa fi Nooʼadiyaan ilmi Binuuyii isa wajjin turan.
Tena siku ya nne fedha na dhahabu na vyombo vilipimwa ndani ya nyumba ya Mungu wetu kwa mikono ya Meremothi mwana wa Uria kuhani, na pamoja nao alikuwepo Eleazari mwana wa Finehasi, Yozabadi mwana wa Yeshua, na Noadia mwana wa Binui, Walawi.
34 Wanni hundinuus lakkaaʼamee madaalame; ulfinni waan madaalame hundaas yeruma sana ni galmeeffame.
Idadi na uzito wa kila kitu uliweza kujulikana. Uzito wote uliweza kuandikwa katika kipindi hicho
35 Ergasiis boojiʼamtoonni boojuudhaa deebiʼan sun Israaʼel hundaaf jiboota kudha lama, korbeeyyii hoolaa sagaltamii jaʼaa fi xobbaallaa torbaatamii torban aarsaa gubamu, korbeeyyii reʼee kudha lama aarsaa cubbuu godhanii Waaqa Israaʼeliif dhiʼeessan; kun hundi aarsaa gubamu kan Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha.
Na wale waliokuja kutoka matekani, watu wa uhamisho, wakatoa sadaka ya kutekezwa kwa Mungu wa Israel, kondoo tisini na sita, wana-kondoo sabini na saba na mbuzi wa kiume kumi na wawili kama sadaka ya dhambi. Zote zilikuwa sadaka za kutekezwa kwa ajili ya Yahwe.
36 Isaan ajaja mootichaa illee ajajjoota mootummaa fi bulchitoota Gama Laga Efraaxiisitti dabarsan. Jarris sabaa fi mana Waaqaa gargaaran.
Tena wakawapa amri za mfalme kwa wakuu wa wafalme na wakuu katika mji ngambo ya mto, na wakawasaidia watu na nyumba ya Mungu.

< Izraa 8 >