< Izraa 6 >

1 Kana irratti Daariyoos Mootichi ajaja kenne; isaanis galmeewwan mana galmee Baabilon keessatti kuufaman sana ni sakattaʼan.
Thus King Darius ordered that a search be made of the archives that were housed in the treasury of Babylon.
2 Kitaabni maramaan tokkos Ahimetaa magaalaa guddaa kutaa biyyaa Meedee keessatti argame; kitaaba sana irrattis akkana jedhamee barreeffamee ture: Yaadachiisa:
But it was actually in the fortress of Ecbatana, in the province of Media, that a scroll was found, recording the following:
3 Waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros Mootichaa keessa mootichi waaʼee mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaa akkana jedhee labsii baase: Manni qulqullummaa kun iddoo aarsaan itti dhiʼeeffamu taʼee deebifamee haa ijaaramu; hundeen isaas haa buufamu. Manni kunis ol dheerina dhundhuma jaatamaa fi balʼina dhundhuma jaatama qabaatee
In the first year of King Cyrus, he issued a decree regarding God's Temple in Jerusalem: Let the Temple be rebuilt as a place where sacrifices are offered, and make sure it has strong foundations are firm. Make it sixty cubits high and sixty cubits wide,
4 dhagaa gurguddaa toora sadii sadii fi muka toora tokko tokkoon haa ijaaramu. Baasiin hundinuus qabeenya mootummaa keessaa baafamuu qaba.
with three layers of stone blocks and one of timber. Expenses are to be paid from the royal treasury.
5 Akkasumas miʼi warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaatii Baabilonitti fide sun iddoo isaanitti jechuunis mana qulqullummaa kan Yerusaalemitti deebifamanii mana Waaqaa keessa kuufamu qabu.
In addition, the gold and silver items of God's Temple, which Nebuchadnezzar took from the Temple in Jerusalem and brought to Babylon, must also be returned to the Temple in Jerusalem and placed there.
6 Egaa ati Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi isin michoota isaanii qondaaltonni kutaa biyya sanaa achii fagaadhaa.
These are my instructions to you, Tattenai, governor of the province west of the Euphrates, Shethar-bozenai, and your fellow officials, and officials of the province: Stay far away from there!
7 Isin hojii mana qulqullummaa Waaqaa kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihuudootaa fi maanguddoonni Yihuudootaa mana Waaqaa kana iddoo isaatti deebisanii haa ijaaran.
This work on God's Temple—leave it alone! Let the governor and leaders of the Jews continue with rebuilding this Temple of God on its original site.
8 Kana irratti ani waan isin ijaarsa mana Waaqaa kana keessatti maanguddoota Yihuudootaa kanneeniif gochuu qabdan kunoo nan labsa: Akka hojiin hin dhaabanneef baasiin namoota kanaa guutumaan guutuutti qabeenya mootummaa irraa jechuunis gibira Gama Laga Efraaxiisii walitti qabamu keessaa haa baafamu.
Furthermore, this is my decree as to what you are to do for these Jewish leaders regarding the rebuilding of this Temple of God. The full expense involved is to be paid from royal income, the tribute of the province west of the Euphrates, so that the work will not be delayed.
9 Wanni barbaachisu kam iyyuu jechuunis jiboonni, korbeeyyiinii fi xobbaallaawwan hoolaa Waaqa samiitiif aarsaa gubamu taʼanii dhiʼeeffaman, akkasumas qamadiin, soogiddi, daadhiin wayinii fi zayitiin akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan barbaadanitti utuu gargar hin citin guyyaa guyyaadhaan isaaniif kennamuu qabu;
Provide whatever is needed by the priests in Jerusalem: young bulls, rams, and lambs for burnt offerings to the God of heaven, and wheat, salt, wine, and olive oil. Make sure to give them this each day without fail.
10 kunis akka isaan aarsaa Waaqa samiitti tolu dhiʼeessanii fi akka isaan jireenya mootichaa fi ilmaan isaatiif Waaqa kadhataniifii dha.
In this way they can offer sacrifices that are acceptable to the God of heaven, and pray for the lives of the king and his sons.
11 Kana caalaa iyyuu yoo namni kam iyyuu ajaja kana dide, ani akka utubaan mana isaa keessaa buqqifamee inni irratti fannifamu labsii kana labseera. Sababii yakka kanaatiif manni isaa tuulaa kosii ni taʼa.
Further I declare that if any man interferes with this decree, a beam is to be ripped from his house and set in the ground, and he is to be impaled on top of it. His own house shall be turned into a pile of rubble for disobeying this decree.
12 Waaqni inni akka Maqaan isaa achi jiraatu godhe sun mootii yookaan saba labsii kana geeddaruuf yookaan mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaa barbadeessuuf harka ol fudhatu kam iyyuu haa balleessu. Ani Daariyoos labsii kana labseera. Wanni kunis ariitiidhaan hojii irra haa oolu.
May God who chose the city of Jerusalem as the place where he would be honored, destroy any king or people who try to alter what I have said or who destroy this Temple. I, Darius, issue this decree. Let it be faithfully carried out.
13 Ergasii Taatenaayi bulchaan biyya Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi michoonni isaanii akkuma Daariyoos Mootichi labsetti labsii sana ariitiidhaan hojii irra ni oolchan.
Tattenai, the governor of the province west of the Euphrates, Shethar-bozenai, and their fellow officials faithfully carried out what King Darius had decreed.
14 Kanaafuu maanguddoonni Yihuudootaa lallaba Haagee raajichaatii fi Zakkaariyaas ilma Iddootiin ijaarsa itti fufan; hojiinis ni milkaaʼeef. Isaanis akkuma ajaja Waaqa Israaʼelii fi akkuma labsiiwwan Qiiros, Daariyoosii fi Arxeksis mootota Faaresitti ijaarsa mana qulqullummaa sana ni xumuran.
As a result the Jewish leaders continued building, and they were encouraged by the messages from Haggai the prophet and Zechariah, son of Iddo. They completed building the Temple following the command of the God of Israel, and the decrees of Cyrus, Darius, and Artaxerxes, kings of Persia.
15 Manni qulqullummaa sunis waggaa jaʼaffaa bara Daariyoos Mootichaa keessa, bultii sadaffaa jiʼa Adaaritti ijaaramee dhume.
The Temple was completed on the third day of the month of Adar, in the sixth year of the reign of King Darius.
16 Ergasii sabni Israaʼel jechuunis luboonni, Lewwonnii fi boojiʼamtoonni hafan ayyaana eebba mana Waaqaa gammachuudhaan ayyaaneffatan.
Then the people of Israel, the priests, the Levites, and the rest of those who had returned from exile, all joyfully celebrated the dedication of the God's Temple.
17 Eebba mana Waaqaa kanaafis jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoolaa dhibba lamaa fi xobbaallaa hoolaa dhibba afur kennan; sababii cubbuu Israaʼel hundaaf immoo korbeeyyii reʼee kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif reʼee tokko tokko dhiʼeessan.
To dedicate God's Temple they sacrificed one hundred bulls, two hundred rams, four hundred lambs, and a sin offering for the whole of Israel comprising twelve male goats, one for each Israelite tribe.
18 Ergasii immoo akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffametti tajaajila mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sanaaf luboota kutaa kutaa isaanitti, Lewwota immoo garee garee isaaniitti ramadan.
They organized the priests and Levites by their divisions to serve God in the Temple at Jerusalem, in accordance with the Book of Moses.
19 Boojiʼamtoonnis guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaa ni ayyaaneffatan.
The exiles who had returned observed the Passover on the fourteenth day of the first month.
20 Luboonnii fi Lewwonni of qulqulleessanii hundi isaanii akka seeraatti ni qulqullaaʼan. Lewwonni warra boojiʼaman hundaaf, obboloota isaanii lubootaa fi ofii isaaniif hoolaa Faasiikaa qalan.
The priests and Levites had all purified themselves so that they were clean according to the ceremonial law. So they killed the Passover lamb for all the exiles who had returned, for their fellow priests, and for themselves.
21 Kanaafuu Israaʼeloonni boojuudhaa deebiʼan namoota Waaqayyo Waaqa Israaʼel barbaaduudhaaf hojii xuraaʼummaa kan Namoota Ormaa kanneen ollaa isaanii jiraatan sanaa lagatan hunda wajjin Faasiikaa sana ni nyaatan.
The Passover was eaten by the people of Israel who had returned from exile, and by those who had joined them and had rejected the pagan practices of the peoples of the land in order to worship the Lord, the God of Israel.
22 Sababii Waaqayyo akka inni hojii ijaarsa mana Waaqayyo Waaqa Israaʼel keessatti isaan gargaaruudhaaf yaada mootii Asoor geeddaruudhaan gammachuudhaan isaan guuteef isaan bultii torba guutuu Ayyaana Maxinoo Buddeena gammachuudhaan ayyaaneffatan.
Then they observed the Festival of Unleavened Bread for seven days. Everyone throughout the land was so happy because the Lord had made the king of Assyria favorable to them, helping them to rebuild the Temple of God, the God of Israel.

< Izraa 6 >