< Izraa 5 >
1 Yeroo kanatti Haageen raajichii fi Zakkaariyaas ilmi Iddoo raajichi, maqaa Waaqa Israaʼel kan isaan wajjin jiraatu sanaan Yihuudoota warra Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan.
Sai annabi Haggai, da annabi Zakariya zuriyar Iddo, suka yi wa Yahudawa a Yahuda da Urushalima annabci a cikin sunan Allah na Isra’ila wanda yake da mulki a kansu.
2 Kana irratti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuun ilmi Yoosaadaaq Yerusaalem keessatti mana Waaqaa deebisanii ijaaruu jalqaban. Raajonni Waaqaas isaan gargaaruuf isaanuma wajjin turan.
Sa’an nan Zerubbabel ɗan Sheyaltiyel da Yeshuwa ɗan Yozadak suka yi shiri suka kama aikin sāke gina gidan Allah a Urushalima. Annabawan Allah kuwa suna tare da su, suna taimakonsu.
3 Yeroo sanatti Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi deeggartoonni isaanii gara isaanii dhaqanii, “Akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin dallaa dhagaa kanas akka duriitti deebiftan eenyutu isiniif eeyyame?” jedhanii gaafatan.
A wannan lokaci, Tattenai gwamnan Kewayen Kogin Yuferites, da Shetar-Bozenai da abokansu suka je wurinsu suka tambaye su cewa, “Wa ya ba ku iko ku sāke gina wannan haikali har ku gyara katangar?”
4 Akkasumas, “Maqaan warra mana kana ijaaruu eenyu faʼi?” jedhanii gaafatan.
Suka kuma tambaye su “Ina sunayen waɗanda suke wannan gini?”
5 Garuu iji Waaqa isaanii maanguddoota Yihuudaa irra turte; isaanis hamma gabaasni sun Daariyoos bira gaʼee deebiin isaa barreeffamaan dhufutti hojii hin dhaabne.
Amma Allah yana tsaron dattawan Yahudawa, saboda haka ba a hana su aikin ba har sai rahoto ya kai wurin Dariyus aka kuma sami amsarsa a rubuce tukuna.
6 Kunis garagalchaa xalayaa Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayi, deeggartoonni isaanii fi qondaaltonni Gama Laga Efraaxiis jiraatan Daariyoos Mootichatti erganii ti.
Ga wasiƙar da Tattenai, gwamnan Kewayen Kogin Yuferites, da Shetar-Bozenai da abokansu masu riƙe da muƙamai a Kewayen Kogin Yuferites suka aika wa Sarki Dariyus.
7 Gabaasni isaan erganiif sunis akkana jedha: Gara Daariyoos Mootichaa: Nagaa ulfinaan guutame siif ergina.
Ga rahoton da suka aika masa. Zuwa ga Sarki Dariyus. Gaisuwa da fatan alheri.
8 Mootichi akka nu gara aanaa Yihuudaa gara mana qulqullummaa Waaqa guddichaa dhaqnee turre haa beeku. Namoonni dhagaa gurguddaadhaan mana sana ijaaraa, laaxaas keenyan manaa keessa kaaʼaa jiru. Hojiin kunis ciminaan hojjetamaa harka isaanii jalatti guddina argisiisaa jira.
Ya kamata sarki yă sani cewa mun je yankin Yahuda, zuwa gidan Allah mai girma. Muka ga mutanen suna ginin haikalin da manyan duwatsu, suna sa katakai a bangon. Ana aikin da ƙwazo, aikin kuma yana cin gaba sosai, suna kuma lura da shi.
9 Nu maanguddoota sana dubbifnee, “Eenyutu akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin ijaarsa isaa akka duriitti deebiftan isiniif eeyyame?” jennee isaan gaafanne.
Mun tambayi dattawan muka ce musu, “Wa ya ba ku iko ku sāke gina wannan haikali, ku kuma sāke gyara katangarsa?”
10 Akkasumas akka maqaa hooggantoota isaanii barreessinee si beeksifnuuf maqaa isaanii illee gaafannee ture.
Muka kuma tambaye su sunayensu don mu rubuta mu sanar da kai waɗanda suke shugabanninsu.
11 Isaanis deebii kana nuu kennan: “Nu garboota Waaqa samii fi lafaa ti; nu mana qulqullummaa kan bara dheeraan dura ijaarame, kan mootiin Israaʼel guddichi ijaaree fixe sana deebifnee ijaaraa jirra.
Wannan ita ce amsar da suka ba mu. “Mu bayin Allah na sama da ƙasa ne, muna sāke gina haikalin da aka gina tun shekaru da yawa da suka wuce, da wani babban sarkin Isra’ila ya gina ya kuma gama.
12 Garuu sababii abbootiin keenya Waaqa samii aarsaniif inni dabarsee harka Nebukadnezar namicha biyya Kaldootaa, mootii Baabilonitti isaan kenne; innis mana qulqullummaa kana barbadeessee uummatas biyyaa baasee Baabilonitti geesse.
Amma domin kakanninmu sun ɓata wa Allah na sama rai, sai ya bari suka fāɗa cikin hannun Nebukadnezzar mutumin Kaldiya, sarkin Babilon, wanda ya rushe wannan haikali, ya kuma kwashe mutane zuwa Babilon.
13 “Taʼu illee waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros mooticha Baabilon keessa Qiiros Mootichi akka manni Waaqaa kun deebifame ijaaramuuf labsii tokko labse.
“Duk da haka, a shekara ta farko ta mulkin Sairus sarkin Babilon, Sarki Sairus ya ba da umarni cewa a sāke gina wannan gidan Allah.
14 Innis miʼa warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa guuree Baabilonitti geesse sana masaraa mootummaa Baabilon keessaa ni baase. Qiiros Mootichi namicha Sheeshbasaar jedhamu kan inni bulchaa godhee muude sanatti miʼa kana kennee
Ya kuma kwashe kwanonin zinariya da azurfa na gidan Allah daga haikalin Babilon waɗanda Nebukadnezzar ya kwasa daga haikali a Urushalima. Sa’an nan sarki Sairus ya ba wa wani mutum mai suna Sheshbazzar umarni wanda ya sa ya zama gwamna,
15 akkana jedheen; ‘Miʼa kana fuudhii dhaqiitii mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessa jiru sanatti galchi. Mana Waaqaas iddoo isaatti deebisii ijaari.’
ya ce masa, ‘Ka kwashe kayan nan ka je ka zuba su a cikin haikalin Allah a Urushalima. Ka kuma sāke gina gidan Allah a wurin da yake a dā.’
16 “Ergasiis Sheeshbasaar kun dhufee hundee mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa buuse. Yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti manni sun ijaaramaa jira; garuu amma illee hin dhumne.”
“Saboda haka Sheshbazzar ya so ya aza harsashin gina gidan Allah a Urushalima. Tun daga wancan lokaci har zuwa yau ana kan gina shi amma ba a gama ba.”
17 Egaa amma yoo fedhii mootichaa taʼe, Qiiros Mootichi dhugumaan akka manni Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee ijaaramuuf labsii baasuu fi baasuu baachuu isaa beekuuf galmeen masaraa mootummaa Baabilon haa qoratamu. Ergasiis mootichi yaada waan kana irratti qabu nuuf haa ergu.
Yanzu in sarki yana so, bari a duba cikin littattafan tarihi na sarakuna na Babilon a gani ko lalle sarki Sairus ya ba da umarni a sāke gina gidan Allah a Urushalima. Bari sarki yă aiko mana da abin da ya gani game da wannan abu.