< Izraa 5 >

1 Yeroo kanatti Haageen raajichii fi Zakkaariyaas ilmi Iddoo raajichi, maqaa Waaqa Israaʼel kan isaan wajjin jiraatu sanaan Yihuudoota warra Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan.
Later, the prophets Haggai and Zechariah son of Iddo prophesied to the Jews in Judah and Jerusalem in the name of the God of Israel, who was over them.
2 Kana irratti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuun ilmi Yoosaadaaq Yerusaalem keessatti mana Waaqaa deebisanii ijaaruu jalqaban. Raajonni Waaqaas isaan gargaaruuf isaanuma wajjin turan.
Then Zerubbabel son of Shealtiel and Jeshua son of Jozadak rose up and began to rebuild the house of God in Jerusalem. And the prophets of God were with them, helping them.
3 Yeroo sanatti Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi deeggartoonni isaanii gara isaanii dhaqanii, “Akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin dallaa dhagaa kanas akka duriitti deebiftan eenyutu isiniif eeyyame?” jedhanii gaafatan.
At that time Tattenai the governor of the region west of the Euphrates, Shethar-bozenai, and their associates went to the Jews and asked, “Who authorized you to rebuild this temple and restore this structure?”
4 Akkasumas, “Maqaan warra mana kana ijaaruu eenyu faʼi?” jedhanii gaafatan.
They also asked, “What are the names of the men who are constructing this building?”
5 Garuu iji Waaqa isaanii maanguddoota Yihuudaa irra turte; isaanis hamma gabaasni sun Daariyoos bira gaʼee deebiin isaa barreeffamaan dhufutti hojii hin dhaabne.
But the eye of their God was on the elders of the Jews, so that they were not stopped until a report was sent to Darius and written instructions about this matter were returned.
6 Kunis garagalchaa xalayaa Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayi, deeggartoonni isaanii fi qondaaltonni Gama Laga Efraaxiis jiraatan Daariyoos Mootichatti erganii ti.
This is the text of the letter that Tattenai the governor of the region west of the Euphrates, Shethar-bozenai, and their associates, the officials in the region, sent to King Darius.
7 Gabaasni isaan erganiif sunis akkana jedha: Gara Daariyoos Mootichaa: Nagaa ulfinaan guutame siif ergina.
The report they sent him read as follows: To King Darius: All peace.
8 Mootichi akka nu gara aanaa Yihuudaa gara mana qulqullummaa Waaqa guddichaa dhaqnee turre haa beeku. Namoonni dhagaa gurguddaadhaan mana sana ijaaraa, laaxaas keenyan manaa keessa kaaʼaa jiru. Hojiin kunis ciminaan hojjetamaa harka isaanii jalatti guddina argisiisaa jira.
Let it be known to the king that we went into the province of Judah, to the house of the great God. The people are rebuilding it with large stones, and placing timbers in the walls. This work is being carried out diligently and is prospering in their hands.
9 Nu maanguddoota sana dubbifnee, “Eenyutu akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin ijaarsa isaa akka duriitti deebiftan isiniif eeyyame?” jennee isaan gaafanne.
So we questioned the elders and asked, “Who authorized you to rebuild this temple and restore this structure?”
10 Akkasumas akka maqaa hooggantoota isaanii barreessinee si beeksifnuuf maqaa isaanii illee gaafannee ture.
We also asked for their names, so that we could write down the names of their leaders for your information.
11 Isaanis deebii kana nuu kennan: “Nu garboota Waaqa samii fi lafaa ti; nu mana qulqullummaa kan bara dheeraan dura ijaarame, kan mootiin Israaʼel guddichi ijaaree fixe sana deebifnee ijaaraa jirra.
And this is the answer they returned: “We are servants of the God of heaven and earth, and we are rebuilding the temple that was built many years ago, which a great king of Israel built and completed.
12 Garuu sababii abbootiin keenya Waaqa samii aarsaniif inni dabarsee harka Nebukadnezar namicha biyya Kaldootaa, mootii Baabilonitti isaan kenne; innis mana qulqullummaa kana barbadeessee uummatas biyyaa baasee Baabilonitti geesse.
But since our fathers angered the God of heaven, He delivered them into the hand of Nebuchadnezzar king of Babylon, the Chaldean who destroyed this temple and carried away the people to Babylon.
13 “Taʼu illee waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros mooticha Baabilon keessa Qiiros Mootichi akka manni Waaqaa kun deebifame ijaaramuuf labsii tokko labse.
In his first year, however, Cyrus king of Babylon issued a decree to rebuild this house of God.
14 Innis miʼa warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa guuree Baabilonitti geesse sana masaraa mootummaa Baabilon keessaa ni baase. Qiiros Mootichi namicha Sheeshbasaar jedhamu kan inni bulchaa godhee muude sanatti miʼa kana kennee
He also removed from the temple of Babylon the gold and silver articles belonging to the house of God, which Nebuchadnezzar had taken and carried there from the temple in Jerusalem. King Cyrus gave these articles to a man named Sheshbazzar, whom he appointed governor
15 akkana jedheen; ‘Miʼa kana fuudhii dhaqiitii mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessa jiru sanatti galchi. Mana Waaqaas iddoo isaatti deebisii ijaari.’
and instructed, ‘Take these articles, put them in the temple in Jerusalem, and let the house of God be rebuilt on its original site.’
16 “Ergasiis Sheeshbasaar kun dhufee hundee mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa buuse. Yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti manni sun ijaaramaa jira; garuu amma illee hin dhumne.”
So this Sheshbazzar came and laid the foundation of the house of God in Jerusalem, and from that time until now it has been under construction, but it has not yet been completed.”
17 Egaa amma yoo fedhii mootichaa taʼe, Qiiros Mootichi dhugumaan akka manni Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee ijaaramuuf labsii baasuu fi baasuu baachuu isaa beekuuf galmeen masaraa mootummaa Baabilon haa qoratamu. Ergasiis mootichi yaada waan kana irratti qabu nuuf haa ergu.
Now, therefore, if it pleases the king, let a search be made of the royal archives in Babylon to see if King Cyrus did indeed issue a decree to rebuild the house of God in Jerusalem. Then let the king send us his decision in this matter.

< Izraa 5 >