< Izraa 4 >

1 Diinonni Yihuudaa fi Beniyaam yeroo akka warri boojuudhaa deebiʼan sun Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaraa jiran dhagaʼanitti,
Now when the adversaries of Judah and Benjamin heard that the people from the exile were building a temple to Jehovah, the God of Israel;
2 gara Zarubaabelii fi gara hangafoonni maatiiwwanii dhufanii akkana jedhaniin; “Sababii nus akkuma keessan Waaqa keessan barbaannee bara Eesarhadoon mooticha Asoor kan as nu fide sanaatii jalqabnee aarsaa dhiʼeessafii turreef nus isin wajjin haa ijaarru.”
then they drew near to Zerubbabel, and to the heads of ancestral houses, and said to them, "Let us build with you; for we seek your God, as you do; and we sacrifice to him since the days of Esarhaddon king of Assyria, who brought us up here."
3 Zarubaabel, Yeeshuuʼaa fi hangafoonni maatii Israaʼel kaan garuu, “Isin mana Waaqa keenyaa nu wajjin ijaaruuf qooda hin qabdan. Numa qofatu akkuma Qiiros Mootichi Faares nu ajaje sanatti Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaara” jedhanii deebisan.
But Zerubbabel, and Jeshua, and the rest of the heads of ancestral houses of Israel, said to them, "You have nothing to do with us in building a house to our God; but we ourselves together will build to Jehovah, the God of Israel, as king Koresh the king of Persia has commanded us."
4 Namoonni naannoo isaanii akka isaan itti fufanii ijaaruu sodaataniif namoota Yihuudaa abdii kutachiisuuf kaʼan.
Then the people of the land weakened the hands of the people of Judah, and troubled them in building,
5 Isaanis bara Qiiros mooticha Faaresiitii jalqabee hamma bara Daariyoos mooticha Faaresitti jiru hunda kaayyoo isaanii gufachiisuudhaaf qondaaltota isaaniin morman itti bitan.
and hired counselors against them, to frustrate their purpose, all the days of Koresh king of Persia, even until the reign of Daryavesh king of Persia.
6 Isaanis jalqaba bara mootummaa Ahashweroositti saba Yihuudaa fi kan Yerusaalem himatan.
In the reign of Achashyerosh, in the beginning of his reign, they wrote an accusation against the inhabitants of Judah and Jerusalem.
7 Bara Arxeksis mooticha Faares keessa Biishlaam, Mitredaat, Xaabiʼeelii fi michoota isaa biraa xalayaa tokko Arxeksisitti barreessan. Xalayaan sunis qubee Araamaayikii fi afaan Araamaayikiin barreeffame.
In the days of Artachshasta wrote Bishlam, Mithredath, Tabeel, and the rest of his companions, to Artachshasta king of Persia; and the writing of the letter was written in Aramaic, and set forth in the Aramaic language.
8 Rehuum ajajaan qondaaltichii fi Shiimshaayi barreessaan sun Yerusaalemiin mormuudhaan akkana jedhanii xalayaa tokko Arxeksis mootichatti barreessan:
Rehum the chancellor and Shimshai the scribe wrote a letter against Jerusalem to Artachshasta the king as follows:
9 Rehuum ajajaan qondaaltichi, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kaan wajjin jechuunis abbootii murtii fi qondaaltota namoota Tiripooliis, Faaresi, Arkii fi Baabilon dhufan, akkasumas warra Elaamota Suusaa dhufan bulchanii fi
[From] Rehum the commander, and Shimshai the scribe, and the rest of their companions, the Dinaites, and the Apharsathchites, the Tarpelites, the Apharsites, the Archevites, the Babylonians, the Shushanchites, the Dehaites, the Elamites,
10 namoota Osnaapher guddichii fi kabajamaan sun biyyaa baasee magaalaa Samaariyaa keessaa fi Laga Efraaxiis gama qubachiise kaan wajjin barreessan.
and the rest of the nations whom the great and noble Asnappar brought over, and set in the cities of Samaria, and in the rest of the country beyond the River.
11 Kun garagalcha xalayaa jarri isaaf erganii ti. Gara Arxeksis Mootichaa, tajaajiltoota kee warra Laga Efraaxiisiin Gamaa irraa:
This is the copy of the letter that they sent to Artachshasta the king: Your servants the men beyond the River. And now,
12 Mootichi akka Yihuudoonni si biraa gara keenya dhufan sun Yerusaalem dhaqanii magaalaa finciltuu fi hamtuu sana deebisanii ijaaraa jiran beekuu qaba. Isaan dallaa dhagaa deebisanii ijaaruudhaan hundeewwan ishee jajjabeessaa jiru.
be it known to the king, that the Jews who came up from you have come to us to Jerusalem; they are building the rebellious and wicked city, and have finished the walls, and repaired the foundations.
13 Kana malee iyyuu mootichi akka yoo magaalaan kun ijaaramtee dallaan ishee jajjabeeffame akka siʼachi qaraxni, gibirri yookaan ashuuraan hin argamnee fi akka galiin mootummaas gad buʼu beekuu qaba.
Be it known now to the king that if this city is built, and the walls finished, they will not pay tribute, custom, or toll, and in the end it will be hurtful to the kings.
14 Nu amma waan itti gaafatamummaa masaraa mootummaa qabnuu fi waan akka mootichi ulfina dhabu arguu hin feeneef akka mootichi beekuuf jennee ergaa kana itti ergineerra;
Now because we eat the salt of the palace, and it is not appropriate for us to see the king's dishonor, therefore have we sent and informed the king;
15 kunis akka manneen galmee abbootii keetii sakattaʼamaniif. Atis galmeewwan kana keessatti akka magaalaan kun durumaa jalqabdee magaalaa finciltuu, kan moototaa fi kutaalee biyyaa rakkiftu, iddoo finciltuu taate ni argita. Wanni magaalaan kun barbadeeffamteefis kanuma.
that search may be made in the book of the records of your fathers: so you shall find in the book of the records, and know that this city is a rebellious city, and hurtful to kings and provinces, and that they have moved sedition within the same of old time; for which cause was this city laid waste.
16 Yaa mooticha, yoo magaalaan kun ijaaramee dallaan isaas jajjabeeffame, akka ati Laga Efraaxiis Gamaa waan tokko illee hin qabaanne nu sitti himna.
We inform the king that, if this city be built, and the walls finished, by this means you shall have no portion beyond the River.
17 Mootichis akkana jedhee deebii kana erge: Gara Rehuum ajajaa qondaaltichaa, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kanneen Samaariyaa keessaa fi Efraaxiisiin gama jiraatan kaaniitti: Nagaan keenya isin haa gaʼu.
Then the king sent an answer to Rehum the chancellor, and to Shimshai the scribe, and to the rest of their companions who dwell in Samaria, and in the rest of the country beyond the River: Peace, and so forth.
18 Xalayaan isin nuuf ergitan sun dubbifamee fuuluma koo duratti hiikameera.
The letter which you sent to us has been plainly read before me.
19 Anis ajaja kennee galmeen qoratameera; magaalaan kunis akka durumaa jalqabee moototatti fincilaa turte, akka isheen holqa finciltootaa fi mormitootaa taates beekameera.
I decreed, and search has been made, and it is found that this city of old time has made insurrection against kings, and that rebellion and sedition have been made in it.
20 Yerusaalem mootota ciccimoo guutummaa Gama Laga Efraaxiis bulchan qabdi turte; qaraxni, gibirrii fi ashuuraan isaaniif kennama ture.
There have been mighty kings also over Jerusalem, who have ruled over all the country beyond the River; and tribute, custom, and toll, was paid to them.
21 Akka magaalaan kun deebifamtee hin ijaaramne hamma ani labsii baasutti akka isaan hojii dhaabaniif isin amma namoota kanneenitti ajaja dabarsaa.
Make a decree now to cause these men to cease, and that this city not be built, until a decree shall be made by me.
22 Akka waan kana hin tuffanneef of eeggadhaa. Maaliif hamma rakkoon kun guddatee fedhii mootummaatti gufuu taʼutti ittuma dhiiftuu?
Take heed that you not be slack herein: why should damage grow to the hurt of the kings?
23 Akkuma garagalchi xalayaa Arxeksis Mootichaa sun fuula Rehuum, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii duratti dubbifameen isaan yoosuma gara Yihuudoota Yerusaalem keessa jiraatanii dhaqanii humnaan hojii isaan dhaabsisan.
Then when the copy of king Artachshasta's letter was read before Rehum, and Shimshai the scribe, and their companions, they went in haste to Jerusalem to the Jews, and made them to cease by force and power.
24 Akkasiin hojiin mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sun hamma waggaa lammaffaa bara Daariyoos mooticha Faaresitti ni dhaabatte.
Then ceased the work of God's house which is at Jerusalem; and it ceased until the second year of the reign of Daryavesh king of Persia.

< Izraa 4 >