< Izraa 10 >

1 Utuma Izraan mana Waaqaa duratti lafaan of dhaʼee booʼaa, cubbuu himachaa, kadhachaa jiruu Israaʼeloonni akka malee hedduun dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen naannoo isaatti walitti ni qabaman. Isaanis hiqqifatanii booʼan.
以斯拉禱告,認罪,哭泣,俯伏在上帝殿前的時候,有以色列中的男女孩童聚集到以斯拉那裏,成了大會,眾民無不痛哭。
2 Ergasiis sanyii Eelaam keessaa Shekaaniyaan ilmi Yehiiʼeel Izraadhaan akkana jedhe; “Nu waan saboota naannoo keenya jiraatan keessaa dubartoota ormaa fuuneef Waaqa keenyaaf hin amanamne. Wanni kun taʼu illee amma iyyuu Israaʼeliif abdiin jira.
屬以攔的子孫、耶歇的兒子示迦尼對以斯拉說:「我們在此地娶了外邦女子為妻,干犯了我們的上帝,然而以色列人還有指望。
3 Kanaafuu kottaa akkuma gorsa gooftaa koo fi kan warra ajaja Waaqa keenyaa sodaatanitti dubartoota kanneenii fi ijoollee isaanii hunda of irraa geggeessuuf fuula Waaqa keenyaa duratti kakuu ni galla. Kunis akkuma Seeraatti haa raawwatamu.
現在當與我們的上帝立約,休這一切的妻,離絕她們所生的,照着我主和那因上帝命令戰兢之人所議定的,按律法而行。
4 Kaʼi; wanni kun suma harka jira. Nu si deeggarra; egaa jabaadhuu hojjedhu.”
你起來,這是你當辦的事,我們必幫助你,你當奮勉而行。」
5 Kanaafuu Izraan kaʼee akka isaan waan jedhame sana raawwataniif luboota hangafoota, Lewwotaa fi Israaʼel hunda ni kakachiise; isaanis ni kakatan.
以斯拉便起來,使祭司長和利未人,並以色列眾人起誓說,必照這話去行;他們就起了誓。
6 Ergasii Izraan fuula mana Waaqaa duraa kaʼee kutaa manaa kan Yehohaanaan ilma Eliyaashiib seene. Inni yeroo achi turetti nyaata tokko illee hin nyaanne; bishaanis hin dhugne; sababii amanamummaa dhabiisa warra boojuudhaa deebiʼaniif gaddaa tureetii.
以斯拉從上帝殿前起來,進入以利亞實的兒子約哈難的屋裏,到了那裏不吃飯,也不喝水;因為被擄歸回之人所犯的罪,心裏悲傷。
7 Ergasii akka warri boojuudhaa deebiʼan hundi Yerusaalem keessatti walitti qabamaniif Yihuudaa fi Yerusaalem guutuu keessatti labsiin ni labsame.
他們通告猶大和耶路撒冷被擄歸回的人,叫他們在耶路撒冷聚集。
8 Namni kam iyyuu bultii sadii keessatti yoo dhiʼaachuu baate akkuma murtii qondaaltotaa fi maanguddootaatti qabeenyi isaa hundi irraa ni fudhatama; inni mataan isaas waldaa warra boojuudhaa deebiʼee keessaa ni ariʼama.
凡不遵首領和長老所議定、三日之內不來的,就必抄他的家,使他離開被擄歸回之人的會。
9 Bultii sadan sana keessatti namoonni Yihuudaa fi Beniyaam hundi Yerusaalem keessatti walitti qabaman. Bultii digdammaffaa jiʼa saglaffaatti namoonni hundi sababii waan kanaa fi sababii rooba guddaatiif akka malee raafamanii oobdii mana Waaqaa dura jiru irra ni tataaʼan.
於是,猶大和便雅憫眾人,三日之內都聚集在耶路撒冷。那日正是九月二十日,眾人都坐在上帝殿前的寬闊處;因這事,又因下大雨,就都戰兢。
10 Izraan lubichi ol kaʼee akkana isaaniin jedhe; “Isin amanamoo hin turre; dubartoota ormaa fuudhuudhaanis Israaʼel irratti yakka dabaltaniirtu.
祭司以斯拉站起來,對他們說:「你們有罪了;因你們娶了外邦的女子為妻,增添以色列人的罪惡。
11 Egaa amma cubbuu keessan Waaqayyo Waaqa abbootii keessanitti himadhaatii fedhii isaa guutaa. Saboota naannoo keessan jiraatanii fi niitota warra ormaa keessaa fuutaniin gargar baʼaa.”
現在當向耶和華-你們列祖的上帝認罪,遵行他的旨意,離絕這些國的民和外邦的女子。」
12 Guutummaan waldaa sanaa akkana jedhee sagalee guddaadhaan deebise: “Ati sirrii dha! Nu akkuma ati jette gochuu qabna.
會眾都大聲回答說:「我們必照着你的話行,
13 Garuu nama hedduutu as jira; yeroon kunis yeroo roobaa ti; kanaafuu nu ala dhaabachuu hin dandeenyu. Sababii nu waan kana keessatti cubbuu guddaa hojjenneef wanni kun guyyaa tokkotti yookaan guyyaa lamatti fala argachuu hin dandaʼu.
只是百姓眾多,又逢大雨的時令,我們不能站在外頭,這也不是一兩天辦完的事,因我們在這事上犯了大罪;
14 Qondaaltonni keenya iddoo waldaa guutuu haa buʼan. Ergasii namni magaalaawwan keenyaa kan dubartii ormaa fuudhe kam iyyuu hamma dheekkamsi Waaqa keenyaa sodaachisaan sababii waan kanaatiif dhufe sun nurraa deebiʼutti maanguddootaa fi abbootii murtii tokkoo tokkoo magaalaa wajjin yeroo murteeffametti haa dhufu.”
不如為全會眾派首領辦理。凡我們城邑中娶外邦女子為妻的,當按所定的日期,同着本城的長老和士師而來,直到辦完這事,上帝的烈怒就轉離我們了。」
15 Yoonaataan ilma Asaaheelii fi Yahizeyaa ilma Tiqwaa qofatu waan kana morme; Meshulaamii fi Shaabetaayi Lewwichi immoo isaan deeggaran.
惟有亞撒黑的兒子約拿單,特瓦的兒子雅哈謝阻擋這事,並有米書蘭和利未人沙比太幫助他們。
16 Warri boojuudhaa deebiʼan sunis akkasuma godhan. Izraan lubichis namoota hangafoota maatii taʼan tokkoo tokkoo garee maatii keessaa nama tokko filatee hunduma isaanii maqaa maqaan ramade. Isaanis bultii tokkoffaa jiʼa kurnaffaatti dhimma sana qorachuudhaaf tataaʼanii
被擄歸回的人如此而行。祭司以斯拉和些族長按着宗族都指名見派;在十月初一日,一同在座查辦這事,
17 guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti waaʼee namoota dubartoota ormaa fuudhan hundaa qoratanii fixan.
到正月初一日,才查清娶外邦女子的人數。
18 Sanyii lubootaa keessaa namoonni dubartoonni ormaa fuudhan kanneenii dha: Sanyii Iyyaasuu ilma Yoozaadaaqii fi obboloota isaa keessaa: Maʼaseyaa, Eliiʼezer, Yaariibii fi Gedaaliyaas.
在祭司中查出娶外邦女子為妻的,就是耶書亞的子孫約薩達的兒子,和他弟兄瑪西雅、以利以謝、雅立、基大利;
19 Isaan hundinuu niitota isaanii hiikuudhaaf waadaa ni galan; tokkoon tokkoon isaanii balleessaa ofii isaaniitiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif ni dhiʼeessan.
他們便應許必休他們的妻。他們因有罪,就獻群中的一隻公綿羊贖罪。
20 Sanyii Imeer keessaa: Hanaanii fi Zebaadiyaa.
音麥的子孫中,有哈拿尼、西巴第雅。
21 Sanyii Haariim keessaa: Maʼaseyaa, Eeliyaas, Shemaaʼiyaa, Yehiiʼeelii fi Uziyaa.
哈琳的子孫中,有瑪西雅、以利雅、示瑪雅、耶歇、烏西雅。
22 Sanyii Phaashihuur keessaa: Eliiyooʼeenayi, Maʼaseyaa, Ishmaaʼeel, Naatnaaʼel, Yoozaabaadii fi Eleʼaasaa.
巴施戶珥的子孫中,有以利約乃、瑪西雅、以實瑪利、拿坦業、約撒拔、以利亞撒。
23 Lewwota keessaa immoo: Yoozaabaad, Shimeʼii, Qeelaayaa isa Qeliixaa jedhamu sana, Phetaayaa, Yihuudaa fi Eliiʼezer.
利未人中,有約撒拔、示每、基拉雅(基拉雅就是基利他),還有毗他希雅、猶大、以利以謝。
24 Faarfattoota keessaa: Eliyaashiib. Warra karra eegan keessaa: Shaluum, Telemii fi Uuri.
歌唱的人中有以利亞實。守門的人中,有沙龍、提聯、烏利。
25 Israaʼeloota kaan keessaa: Sanyii Phaarosh keessaa: Raamiyaa, Yeziyaa, Malkiyaa, Miyaamiin, Eleʼaazaar, Malkiyaa fi Benaayaa.
以色列人巴錄的子孫中,有拉米、耶西雅、瑪基雅、米雅民、以利亞撒、瑪基雅、比拿雅。
26 Sanyii Eelaam keessaa: Mataaniyaa, Zakkaariyaas, Yehiiʼeel, Abdii, Yireemootii fi Eeliyaas.
以攔的子孫中,有瑪他尼、撒迦利亞、耶歇、押底、耶利末、以利雅。
27 Sanyii Zaatuu keessaa: Eliiyooʼeenayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yireemooti, Zaabaadii fi Aziizaa.
薩土的子孫中,有以利約乃、以利亞實、瑪他尼、耶利末、撒拔、亞西撒。
28 Sanyii Beebay keessaa: Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi.
比拜的子孫中,有約哈難、哈拿尼雅、薩拜、亞勒。
29 Sanyii Baanii keessaa: Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaasuub, Sheʼaalii fi Raamoot.
巴尼的子孫中,有米書蘭、瑪鹿、亞大雅、雅述、示押、耶利末。
30 Sanyii Fahat Moʼaab keessaa: Adinaa, Kelaal, Benaayaa, Maʼaseyaa, Mataaniyaa, Bezaliʼeel, Binuuyii fi Minaasee.
巴哈‧摩押的子孫中,有阿底拿、基拉、比拿雅、瑪西雅、瑪他尼、比撒列、賓內、瑪拿西。
31 Sanyii Haariim keessaa: Eliiʼezer, Yishiyaa, Malkiyaa, Shemaaʼiyaa, Simiʼoon,
哈琳的子孫中,有以利以謝、伊示雅、瑪基雅、示瑪雅、西緬、
32 Beniyaam, Maluukii fi Shemaariyaa.
便雅憫、瑪鹿、示瑪利雅。
33 Sanyii Haashum keessaa: Matenaayi, Matataa, Zaabaadii, Eliiphelexi, Yereemaayi, Minaasee fi Shimeʼii.
哈順的子孫中,有瑪特乃、瑪達他、撒拔、以利法列、耶利買、瑪拿西、示每。
34 Sanyii Baanii keessaa: Maʼadaay, Amraam, Uuʼeel,
巴尼的子孫中,有瑪玳、暗蘭、烏益、
35 Benaayaa, Beediyaa, Keluuhii,
比拿雅、比底雅、基祿、
36 Waaneyaa, Mereemooti, Eliyaashiib,
瓦尼雅、米利末、以利亞實、
37 Mataaniyaa, Matenaayii fi Yaʼasaawuu,
瑪他尼、瑪特乃、雅掃、
38 Baanii, Binuuyii, Shimeʼii,
巴尼、賓內、示每、
39 Shelemiyaa, Naataan, Adaayaa,
示利米雅、拿單、亞大雅、
40 Maknaadebaayi, Shaashaayi, Shaaraayi,
瑪拿底拜、沙賽、沙賴、
41 Azariʼeel, Shelemiyaa, Shemaariyaa,
亞薩利、示利米雅、示瑪利雅、
42 Shaluum, Amariyaa fi Yoosef.
沙龍、亞瑪利雅、約瑟。
43 Sanyii Neboo keessaa: Yeʼiiʼeel, Matiitiyaa, Zaabaadii, Zebiinaa, Yaadaayi, Yooʼeelii fi Benaayaa.
尼波的子孫中,有耶利、瑪他提雅、撒拔、西比拿、雅玳、約珥、比拿雅。
44 Warri kunneen hundinuu dubartoota ormaa ni fuudhan; isaan keessaas tokko tokko niitota kanneen irraa ijoollee ni dhalchan.
這些人都娶了外邦女子為妻,其中也有生了兒女的。

< Izraa 10 >